SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
@Abdii_Sabaa
💬NU QUNNAMUUF💬
@AbdiiSabaaDm
🎯BARNOOTAAF
@abdii_sabaa_university
🎯MARIIF
@Garee_Abdii_Sabaa
Last updated 6 days, 5 hours ago
asc بســــــــــــم الله الرحمن الرحيــــــــــــم
Ku Dhawaad- 3000 Buug-Somali ayaa ku jira Akhriso oo ilaali xuquuqda Qoraayada leh.
Youtube:
https://shorturl.at/auGJZ
Diclamer:
Cabasho/Buug iyo Su,aal ... La Xidhiidh
@Cabasho_Bot
@Tusmobook
Last updated 2 months ago
Somali National Television is the principal public service broadcaster in Somalia.
Headquartered in Mogadishu.
Last updated 2 weeks, 5 days ago
Seerri uumaa akka ofii keetti nama biraaf yaaduu, gaarii ofiin hawwitu nama biraafis hawwuu si gorsa. Namni garuu faallaa isaa kaaniin akka dungootti cobsee qofaa isaa ifa keessa jiraachuu barbaada. Gara seera uumaatti deebi'uun gaariidha.
Gadin jedhu, hin yaabamus tabbisaa
Yaabbannoo kajeela dhaloota rakkisa!
Olin siqu dachaan dachee hir'uudhaa
Sobaan guutee dhugaa balfe firkuudha
Gaabbiin keenya baay'eedha kanin kaasuu hin barbaanne
Waliin fiiguu haa dhiifnu waan boriif nun gargaarre!
Akkasaan wallaale
______
Nan yaada nan karoorsa
Jecha fileen sossoroorsa
Sitti himuuf- ...
Haasaankoo madaala hinkaasu
Jedheen dhiisa-
'Maal haabaasuuf dhama raasu?...'
Dhiisees garaa hin kutanne
Dubbadhees hin baafanne
Nan yaada nan karoorsa
Jechan fila nan soroorsa ... Homaa
Ijaaree, tottolchee, bareechee
Bakka daddabettis meelchee
Innin fuudhee manaa ba'e
Sibra geenyaan bishaan ta'e
Ijakee gidduu ilaaleen
Waanan yaadeyyuu wallaale.... Uggum!
Kuusaan yaadaafi qalbiikoo
Kan dur haasawaa mirgisu
Sirra ga'ee haa dadhabuu
Lafum dubbii cimmisuu?
Har'aa bor osoon jedhuu
Guyyoota lakkoofsisee
Yaadan ibsachuu fedhus
Sodaan mareen callise. ... Safuudha!
Sagal karoorsanii sagaltama seessuun
Kolfaa arreedanii hollatanii dheessuun safuudha!
“ Naannoo gaarii ta'e keessatti bu'aan nama gaarii hojjatuu dabalaa yoo deemu, naannoo gaarii hin taane keessatti immoo bu'aan nama gaarii hojjatuu gadi hir'ataa deema.
Hawaasa seera cabsuu akka seeraatti fudhatu keessatti lammiileen amanamoo ta'an cunqurfamoodha. Fudhatamallee hin qaban.” barruu jedhu dubbiseen ture.
Dhuguma naannoon jireenyaa nama miidha. Dhiibbaas namarraan ni ga'a. Akkasuma bu'aallee ni qabaata. Naannoo jireenyaa filachuu ykn uummachuun immoo jabina ✅
Anyway, let's learn to develop good manners. It is better to understand slowly and speak slowly than to rush.
Amajjii 30, bara 1882 'New York' keessaa bakka 'Hyde Park' jedhamutti dhalate. Barnoota isaa Yunivarsiitii guddicha biyya Ameerikaa Harvard mana barumsaa seeraatti barate.
Bara 1910 tti Seeneetii New York keessatti filatamuun tajaajilaa ture. Bara 1920 tti itti aanaa pirezidaantii ta'uuf kaadhimamaa paartii Dimokiraatotaa ta'e. Osoo kanaan jiruu waqtii gannaa bara 1921, yeroo umuriinsaa waggaa 39 ta'u balaan dhukkuba pooliyoo isa mudate. Dhukkuba pooliyoo kanaanis miillisaa naafate.
Miillasaa naafate kana deebisee fayyadamuuf haamilee guutuudhaan qabsaa'e. Konveekshinii Dimokiraatotaa bara 1924 gaggeeffame irratti haala ajaa'ibaatiin ulee fayyadamee hokkolaa argame.
Bara 1928 tti Bulchaa NewYork ta'uun filatamee tajaajilaa ture. Bitootessa bara 1933 tti paartii Dimokiraatotaa bakka bu'uun aangoo Pirezidaantummaa biyyattii qabate. Pirezidaantii Ameerikaa 32ffaa ta'uun hanga Eebila 1945 tti bulche. Yeroo kana akka biyyattiitti hoji dhabdoonni gara mil. 13 kan ta'an yoo ta'u, aangoo Pirezidaantummaa qabatee guyyoota dhibban isaan jalqabaa keessatti hoji dhabdoonni kun gara daldalaafi qonnaatti fuula isaanii akka naannessan yaada dhiyeessuun fudhatama argatee balaa beelaa, manaafi hojii dhabuu hambiseera.
?Kaayyoo qabatte galmaan ga'uu keessatti haamilee ittiin gufuuwwan si mudatan bira darbitee adeemtu qabaachuun milkaa'ina keetiif murteessaadha.
? Yaada gabbataafi hawwataa dhiyeessuun hojiirra oolmaa isaa xiyyeeffannoofi bilchinaan hordofuu, yeroo haasaa gabaabduufi yeroo hojii bal'aa ta'e qabaachuunis wantoota jijjiirama murteessaa fiduu danda'aniidha.
Barri haadarbuu eegnaan
Dulloomtee humna fixatta;
Gugguuftee daaraa siphatta
Aartee obsuu dadhabnaan
Dhibeen garaa gubatta;
Yaaftee aarrii filatta.
Maraaf beellaman qabiin
Yeroonis dhufee lufaa
Waan humni siif eeyyamu
Hojjatadhu itti fufaa!
© Lachiisaa
Eelaa garaa darbannee
Seenaa baraas arganne!
Qumbii baanna
Dubbii nyaanna!
Warqii garaatti baannee
Gabbinayyuu daganne.
Warqee abidda ceete
Obsi yoo arguu feete.
"Gubataa marqaa
Hubataatu argaa"
Maasaa garbuu
Barri haadarbuu!
Jabana Suufii!
Ammas arguufi! ?
Waan dhaga'uufi dubbisuu qabnu dhaga'uufi dubbisuudhaan sammuu keenya irratti jijjiirama fiduu ni dandeenya!
We can make a difference in our minds by hearing and reading what we have to hear and read.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
@Abdii_Sabaa
💬NU QUNNAMUUF💬
@AbdiiSabaaDm
🎯BARNOOTAAF
@abdii_sabaa_university
🎯MARIIF
@Garee_Abdii_Sabaa
Last updated 6 days, 5 hours ago
asc بســــــــــــم الله الرحمن الرحيــــــــــــم
Ku Dhawaad- 3000 Buug-Somali ayaa ku jira Akhriso oo ilaali xuquuqda Qoraayada leh.
Youtube:
https://shorturl.at/auGJZ
Diclamer:
Cabasho/Buug iyo Su,aal ... La Xidhiidh
@Cabasho_Bot
@Tusmobook
Last updated 2 months ago
Somali National Television is the principal public service broadcaster in Somalia.
Headquartered in Mogadishu.
Last updated 2 weeks, 5 days ago