Infinite Entertainment, Zero Cost: Get Your Free Books, Music, and Videos Today!

Milkaa'ina jireenyaa✍

Description
YAALII DADHABI MALEE YAALUU HIN DADHABIN!
βœ“GORSA BAREEDDUU JIREENYA KEESSAN JIJJIIRTU GUYYAA GUYYAAN ISINIIF LAATNA! NU HORDOFAA
Channel dabalataa:πŸ‘‰ @GOLA_JAALALLEEWWANII_2nd

Facebook:
yaadaaf: @MilkiiMilkaainaa_bot
Advertising
We recommend to visit

buy ad: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii

CEO @Obsamilli


Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii

Last updated hace 1Β mes, 1Β semana

Chaanaalii kana irratti Faarsaa Kanneen Bara Durii,akkasuma Haaraa Qilleensarra kan Oolan @full Album,,, argachuu dandeessu #faarfannaa qabdan kara kana nuu ergu dandesu @Faarfannaahaaraa_bot
#group_keenya @faaruutuubee
#Channel keenya @OboroMedia
πŸ™πŸ™πŸ™

Last updated hace 1Β semana, 6Β dΓ­as

πŸ“ˆ If stock market experts were so expert, they would be buying stock, not selling advice. πŸ€”
~Norman Ralph Augustine | @Stockbot

Contact: @Executive_Robot

Last updated hace 1Β mes

1Β month, 2Β weeks ago

natti hin tolu!

namaan deemi jechaa
ofii kootii taa'uun
Koo moggatti dhiisee
mandara laakka'uun
natti hin tolu!

dureessa fakkaadhee
bullukkoo uffachuun
ofjabaa fakkeesse
nam-biraa tuffachuun
natti hin tolu!

ofumaa of-hooqee
dirra Koo madeessuun
osoma naa hin galin
naaf-gale fakkeessuun
natti hin tolu!

ofumaa of dhiitee
biyyetti of makuun
dalagaa koo dhiisee
bakka hin malle dhaquun
natti hin tolu!

kijibaan fakkeessee
nama gammachiisuun
namoota dararee
jireenya Koo kiisuun
natti hin tolu!

#isin hoo???

@milkaainajireenyaa
πŸ‘‰βœ@milkaainajireenyaa

1Β month, 2Β weeks ago

"Anatu siif gaarii" kan jedhee waakkatu
Hundumtuu naatoluuf anattin fakkaatu
An nan beeka garuu addaan baasee fira
Isan anin beeknes rabbi guddaan jira☝

Kufee ka'ee boolla qotee kan naaf sirbu
Ilkaan qaree jechaan kuulee kan na irbu
Cabakoo eeggatee yoo natti gammadu
Argeetuman dhiise animmoo xamaduu

Buqqee gannaa gaarii se'ee hin leellisu
Bagan dhiise deemee rabbi nahaa eebbisuβœ‹

@milkaainajireenyaa
@milkaainajireenyaa

1Β month, 3Β weeks ago

Madaankee maali
πŸ™Š*πŸ™Š*πŸ™ŠπŸ™ŠπŸ™ŠπŸ™ŠπŸ™Š
Madaan Madaa qaamaa qofa osoo hin taane madaan haala jireenya Keenya keessatti Akkaataa garaagaraan nu mudachuu kan danda'aniidha fakkeenyaaf madaan ilaalchaa si mudachuu ni danda'a ati ilaalcha namni akka ati ofiif qabaattu si keessatti uume ati hin dandeessu kan jedhu yoo tahe namoonni akka ati hin guddanne yookaan sirra turuu madaakeetii hawwan ilaalcha kee san sitti akka dhagahamuuf. Si tuttuqu ilaalchi ati ofiif qabdu madaan isaa babal'ataa akka dafee siif hin fayyine godhu kanaaf gosootaafi haalota madaa keetii adda baafachuun madaakeee haala siif fayyina fiduun eegumsa barbaachisaa gochaafii madaakees yoo dhoksuun barbaachise dhoksuun kunuunsa gochuufiin Egereekee boriif ofiif eegumsa gaarii siif taha 🧠🧠🧠🧠
πŸ“’JOIN & πŸ”—SHARE
╔═══════════════════╗
JOIN:πŸ“šπŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡@milkaainajireenyaa β•šβ•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•**

1Β month, 3Β weeks ago

#Dhaqaa_gala_madaali!

Harmee tokkotu ilmashee xiqqaa gara suuqii deemee muuzii akka bituuf ergiti. Mucaan bitee akkuma dhufeen, harkaa fuutee madaalte. Yeroo madaaltu, kan isheen ergiteen gadidha. Kiiloogiraama 2 ta'uu kan qabu, kiiloogiraama 1.5 qofa ta'e. Akkuma jirutti fuutee gara suuqii sanaa deemtee maaliif akka hir'ate gaafatte. "Ani haalumaanin madaalee itti kenne. Mucaakee yeroo ergituufi yeroo deebi'u si'a lama madaaluun sirra ture. " jedhee gaggeesse abbaan suuqii.πŸ˜…

Edaa rakkoon manuma keessa jirti!πŸ€”πŸ˜…

"Rakkoo mana keessaafi mudaa ofii arguun isa dursudha. Arganii sirreessuun immoo sanarra kan caaludha!" Ergaan dubbii olii akkana ta'innaa laata....!

#Dhaqaa_gala_madaali!

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!
Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook

1Β month, 4Β weeks ago

namatti haa hafu!

namatti boonuudhaan
yeroo ofii gubuun
tokko gammachiisuuf
kan biraammoo hubuun.
...................namatti haa hafu.

jireenya jedhanii
waa mara lallaaquun
kaayyoo ofii dhiisanii
bakkan malle dhaquun
...................namatti haa hafu.

nam gaarii fakkaataa
keessan sharrii baatuun
wanta'n dandeenye fuudhaa
amaanaa namaa nyaatuun
...................namatti haa hafu.

jaalaluma jedhaa
hundatti utaaluun
ofii ol hiixataa
wanta'n jirre yaaluun
...................namatti haa hafu.
πŸ“’JOIN & πŸ”—SHARE
╔═══════════════════╗
JOIN:πŸ“šπŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@milkaainajireenyaa
@milkaainajireenyaa
β•šβ•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•

2Β months ago

πŸ’₯ Imala jireenyaa gaafa yaabbattu galma keetti gahuuf wanti ati hin taane hin jiru.
nama si hin geenye hundaan tuffatamtee gufuun ati hin yaadin hundi karaatti siif baate si kuffisuuf yaaltullee ati nama rakkoo si qunnamtu maraaf furmaata qabu tahi.
Gaafa furmaata itti kannitee bira taruu kee beekte gaafas imala jireenya gubbaa baate jechu.
Abshiraaaa.........
@milkaainajireenyaa

2Β months ago

Yeroo sanatti uummanni magaalaa Amboo...akka malee hokkara kaasnaan, akeekkachiisaa fi of-eeggannoo jabaatiin, guyyaa digdama booda, maa'ikalaawwiitii kan nu lakkisan!

Haacaaluun goota Onnee sibilaati. Akeekkchiisni kamuu, dugda duubatti isa hin deebisu! Didee kaayyoo manaa ba'eefitti ciche.Ammuma inni jabaataa adeemu, diinni ammoo tooftaa jijjiiree hamtuu irratti yaaduu ittuma fufe! Haacaaluun ummatasaa sagalee hin qabneef, Sagalee ta'uusaa kan hubate diinni, Sirbootni isaa miidiyaa biyyittii kamirattuu akka hin darbine uggure. Kunis harka isa hin keennachiisne.

Inumaayyuu Haacaaluun daran jabaatee, biyyoota addunyaa mara irra naanna'ee sagalee sabasaa ta'uu itti fufe! Mallattoo qabsoo Oromoo, guca tulluu gubbaa, kan diinni qaqqabee hin dhaamsine ta'e! Koodee koo Hacee aartiidhaan dandeettii addaa namni hin qabne;nama qabudha. Wallee inni ummata biraan ga'e keessaa kan akka....β€žSanyii Mootii..Dhiichisi foollee-kee...Oromiyaa tiyyaa, Aggaaroo..Tulluu jala malkaa yaatuu, Diggittii-koo...Bareedduu Awaash gamaa..nama barri miitee fi Adwaa...” yeroo ani walaloo isaanii barreessuu innimmoo battalumattu walaloo irratti dalaguun, yeedaloo ani fidus bareechee hojjechuudhaan, tokkoon, tokkoon isaanii guyyaanlamatti xumuree istiidiyoo seena.

Ciminnii dandeettiin isaa kan amanuuf nama rakkisudha! Haacaaluun amanamaadha. Bultii isaatiif amanamaadha. Kaayyoo isaatiif amanamaadha. Saba isaatiif amanamaadha. Hiriyoota isaatiif amanamaadha. Haacaaluun nama guyyaa tokko oolmaa isaaf oole, hin dagatu.

Gaafa carraa biyya Ameerikaa argatee deemu akkas naan jedhee ture.

β€œSimee ani Ameerikaa deemee ati hin haftu. Afaan diinaa jalattis si gatee hin boqodhu!” jedhe. Akkuma jedhe godhes. Obboleessa kiyya Nimoonaa Tufaa waliin mar'atee, akkan carraa biyya Ameerikaa argadhu haala naaf mijeessani! Haacaaluun Ameerikaatti eegee na simate. Hiriyaa keenya jalqabaa qindeessaa muuziqaa sirboota isaas, hiriyaa isaa Tasfaayee Dhimmaa waliin mar'atee Awustiraaliyaatti erge.

β€œLubbuu biliqa baatuuf,
Maafan gola naannaa'aa,
Sabakoof falmee du'een Taaddasaa Birruu ta'aa!”

jedhee diinatti dhugaa sabasaa himee, Lubbuu tokkittii qabu, wareegamaaf kaadhime!

β€œDiinahoo fonqolchitee eenyutu si nyaate gurbaa?
Haa beekukaa inni gubbaa!
Hacee sirniif sirbi, Hacee lolliif tolli
waa hundi irraa miidhaguu,
Kichuutti nurkaa kutte, diinni eeggattee daguu!

Hacee koo maaliif dabe dhugaan kee,
Fannootti hafe gumaan kee...
Guyyaa eeggatti malee, ni mul'aatti dhugaan kee!
.
.
.
.

Guyyaa wareegamuu Hacee, waggaa tokkoffaa, kan Simeen yaadannoo isaa irratti dubbate keessaan fudhadhee katabe.

Adawaa fi Hacee gargar baasuun hin danda'amu!

(Hacee dhabnus garuu;dhugaa isaa dhabuun waan taatu miti! Justice for Hacee!”

πŸ“’JOIN & πŸ”—SHARE
╔═══════════════════╗
JOIN:πŸ“šπŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@milkaainajireenyaa
β•šβ•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•

2Β months ago

Barreessaan Sirboota Sanyii Mootii fi walaloowwan Sirbootaa Afaan Oromoo kan ta'e, Simee Tufaa Dhaabasaa, yoo gootummaa fi Sabboonummaa Aartist Hacaaluu Hundeessaa ibsu akkas jedheet dubbata!

β€œAni fi Hacaaluun jalqaba kan wal-barre bara 1994 waggoota kudha sagaliitiin dura, magaalaa Ambootti. Namni wal-nu barsiise...aartist Geetaachoo Margaa jedhama. Sababiin ittiin wal-barre cidha maatii kiyyaa keessaa tokkotti, weellisaa ta'ee kan dhiyaate, gurbaan qal'aan akka migiraa kan sagaleen kiilolee, bakakkaan wal-tajjiirraa, sirboota aartistoota Oromoo bebbeekkamoo, Kan akka Alii Birraa, Daawwit Mokonnin, Abbabee Abbishuu weellisuudhaan, galaana yeedaloo dhangalaasee, doonii wallee nu korsiisee, qaamasaa qal'aa sanaan wal-tajjii guutee, gurraa qalbii hirmaattota maraa booji'ee, anas qalbii bute. Ani akka hirmaattota kaanii, jaajee fi badhaasee irraa gargar ba'uu hin barbaanne.

Erga sagantaan sun xumuramee booda, Hacaaluu ofitti waameen, Haacaaluu, ati abdii aartii Oromoo boriiti, kennaa addaa qabda. Anillee aartii Oromoorratti hojjechaa waanan jiruuf, akka waliin hojjennuuf walitti dhaammannee gargar baane.

Yeroo sanitti hiriyaa keenya Tasfaayee Dhimmaa waliin taanee, baandii roobalee hundeessinee hojjechaa waan jirruuf, osoo xiqqoo hin turiin Hacaaluu gara finfinneetti waamne.

Konsartii kutaalee Oromiyaa keessatti qopheessinee, wal-tajjii lamaa sadan tokko irratti hirmaatee, urjii wal-tajjiiraa ta'ee nu boonse. Namni Hacaaluu guyyaa sana arge hundi, akkanni bakka guddaa ga'u, kan hin raagnee fi hin tilmaamne hin jiru.

Maarree, Jibicha boru kormaa tiksee saayyaatu beekaa, ilma boru qondaalaa lammii guddisetu beekaa, jedhama mitiiree!

Turtii guyyaa muraasaa booda, Ambootti deebi'e Haacaaluun. Deebinee wal-arguuf, waggaa shan turuun dirqama nuti taate. Sababni isaas Haacaaluun qabsoo sabasaatiif godhu, keessatti harka diinaa bu'ee, umriisaa ijoollummaa sanatti, waggaa shan mana hidhaa keessatti dabarse! Diinni Haacaaluu qaamasaa hiitus;kaayyoosaa hidhuu hin dandeenye. Haceen walleesaa albamasaa jalqabaa irratti dalage, saddeet mana hidhaa keessatti barreesse!

Gaafaa mana hidhaa irraa ba'u, kallattiidhaan gara finfinnee dhufee wal-argine. Hiriyaa keenya kan ta'e, qindeessaan muuziqaa Taammiraat Kabbadaa (Kan yeroo ammaa biyya Awustiraaliyaa) jiru waliin wal-arginee mar'anne. Maallaqa istiidiyoo seennee ittiin hojjennu waan hin qabneef, kiiboordii tokkittii kireeffannee, mana keessatti hojjechuu jalqabne. Anis wallee sadii kan akka...Sanyii mootii, Baddeessa alagaa fi dhiichisi foollee kee....hojjedhee erga itti daballee booda, ammas maalaqni ittiin istiidiyoo seennee sagalee waraabnu dhabame. Taammiraat Kabbadaa waan qabu tokko gurgurus nuf hin guunne.

Hiriyaan guyyaa rakkoo fi guyyaa bal'oo, Hacaaluu irraa hafee hin beekne, Ingiduu Cimsaa, maalaqa hafe itti guutee, aalbeema jalqabaa baafnee, mana muuziqaa Abbaa Gadaatti gurgurree, yeroo gabaabduu keessatti walleen Hacee ba'ee, Haceen ammoo weellisaa beekamaa ta'e.

Imala keenya jalqabaa injifannoon xumurrus, qormaati garuu ittuma fufe. Haacaaluun hedduu beekamaa waan dhufeef, taaksiidhaan magaalaa finfinnee keessa socho'uu dadhabe. Manatsirii (kishaafaa) fi kuffiyyaan of-dhoksee deemuu yaalus, manatsirii fi kuffiyyaan beekamtummaa Hacaaluu dhoksuu yokaan golguu hin dandeenye!

Gaafa sana Haacaaluun akkana jedhe! β€œ Maqaa saba guddaa kanaa baadhee akka hin taanee fi bakka hin taanetti hin argamu!” jedhe. Manaa ba'uu lagate..ammuma beekamtiin isaa dabalaa adeemu;qormaanni biraa dhufuu eegale. Mootummaan wayyaanee, β€œSirboota siyaasaa hojjettan!” jedhee, qarriffaa keessa nu galfate! Jalqaba anaan qabanii maa'ikalaawwiitti darbatan. Guyyaa itti aanu, abbaa mana muuziqaa Abbaa Gadaa kan sirba Haacaaluu maxxanse, Xaahir qabanii fidani. Guyyaa muraasa booda Haacaaluu qabanii nutti dabalan.

Ani Haacaaluu qabamuu isaa kanin arge, galgala na sukkuumaa bulanii, ganama na baasanii aduu keessa na kaayanii, anaa jiruu...Hacaaluu jalaa kutaa tokko bananii, qorannaaf osoo kutaa biraa geessaa jiranii, Haacaaluunis na argee akkas jedhee qoose! (Qoosaan sun Afaan amaaraati)

4Β months ago

πŸ“šπŸ‘‰**jireenyi keenya yaada nuti sammuu keenya keessatti irra deddeebinee yaadnu irraa madda waan tokko sirritti hojjachuudhaaf irra deddeebinee shaakaluu qabna.

πŸ‘‰wanta jireenya keenya keessatti nu muudatu kamiiyyuu caalaa ilaalcha nuti wantichaaf qabnutuu Milkaa'ina ykn kufaatii keenya murteessa!.**@milkaainajireenyaa@milkaainajireenyaa@milkaainajireenyaa

We recommend to visit

buy ad: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii

CEO @Obsamilli


Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii

Last updated hace 1Β mes, 1Β semana

Chaanaalii kana irratti Faarsaa Kanneen Bara Durii,akkasuma Haaraa Qilleensarra kan Oolan @full Album,,, argachuu dandeessu #faarfannaa qabdan kara kana nuu ergu dandesu @Faarfannaahaaraa_bot
#group_keenya @faaruutuubee
#Channel keenya @OboroMedia
πŸ™πŸ™πŸ™

Last updated hace 1Β semana, 6Β dΓ­as

πŸ“ˆ If stock market experts were so expert, they would be buying stock, not selling advice. πŸ€”
~Norman Ralph Augustine | @Stockbot

Contact: @Executive_Robot

Last updated hace 1Β mes