All-in-One Cross-Chain DeFi Solution with native token $SWITCH
Partnerships: [email protected]
Last updated 3 months, 3 weeks ago
Buy ads: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii
Contact us @Burqasupport
Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii
Last updated 2 days, 22 hours ago
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
@Abdii_Sabaa
💬CONTACT US💬
@AbdiiSabaaDm
🎯BARNOOTAAF
@Abdii_Sabaa_University
🎯MARIIF
@Garee_Abdii_Sabaa
Last updated 2 weeks, 3 days ago
Namni Hundi yeroo dhalatu Muslima(Nama fedhinnaa isaa Rabbiif kennuudha)
Namni hundi gaafa dhalatu Islaamummaa irratti akka dhalatu sagantaa keenya yeroo darbee irratti kaaseen ture. Mee amma immoo ragaan walbira qabnee haa ilaallu. Islaamummaan kan namni hundi isii irratti dhalatuudha. Kana ilaalchisee Rabbiin Qur'aana keessatti akkana jedhe:
(Yaa Muhammad!) karaa haqaatti dabuun fuula kee diiniif sirreessi Uumaa Rabbii ishee inni irratti nama uumes (qabadhaa). Uumaa Rabbii jijjiiruun hin jiru Santu(kan Rabbiin irratti nama uumetu) amantii qajeelaadha. Garuu irra hedduun namootaa hin beekanu. (Qur'aana 30:30).
Keeyyata Qur'aanaa kana keessatti "Uumaa Rabbii ishee inni irratti nama uumes (qabadhaa)" jedhee itti aansee immoo "Uumaa Rabbii jijjiiruun hin jiru Santu amantii qajeelaadha"jedhe. Kana jechuun Uumaan Rabbiin irratti nu uume amantii dha. Amantiin sunillee Islaamummaadha. Kana immoo Nabi Muhammad Hadiisa keessatti akka armaan gadii kanatti ibsanii jiru.
Ergamaan Rabbii Muhammad akkana jedhan: "Dhalataan hunduu Islaamummaa irratti dhalata. Haadhaa fi abbaa isaatu isa Yahuudomsu, yookiin Kiristaanomsu, yookiin warra ibidda gabbaru (akkasumas warra uumaa biraa gabbaru)taasisu." (Bukaarii 4775).
Fakkeenya gaarii barsiisa kanaaf ta'uu kan danda'u Kiristaanonni ijoollee isaani kanuma maatii Kiristaanaa irraa dhalatan Kiristinnaa kaasu. Yoo osoo Kiristinnaa hin kaafamin du'e akka Waan Islaamummaa irratti du'eetti beekama. Yeroo tokko Haadha sababaa baasii guyyaan Imoo isii Kiristaanummaa kaastu baastu dhabeef "ilmoon koo Islaamummaa irratti hafe" jettuu gadditu argeen ture.
Cuuphaan dhimma biraatiif jedhamee dubbatamus ilmoon dhalatu Islaama ta'uun Kiristaanota baay'ee biratti beekamaadha. Inumaa akka namni wahii naaf himetti daa'imni osoo Kiristaanummaa hin kaafamin du'e/te carraa mooraa Bataskaanaa keessatti awwaalamuu hin argatu/ttu.
Kanaaf Obboleewwan Keenya amantii Kiristaanaa hordoftan, gama amantii irratti dhalattanii Islaamummaa akka dhuftan isin affeerra. Amantii Rabbiin irratti isin uume, amantii Abrahaam, amantii Yaqoob, amantii Muusee, amantii Yesuus kottaa qabadha. Islaamummaa fudhachuun Raajota hundatti amanuudha. Karaa sirrii ta'een Yesuusitti amanuudha malee Yesuus ganuu akka hin taane qalbeefadha.
Namoonni dhugaa amantii kanaa argaa itti amanuu diddan adabbii jabaan gosa adda addaatu isin eeggata. San keessaa tokko gaafa biyya lafaa irraa deemtan bishaan ho'aa yeroo isin dhuguuf ofitti qabdan fuula keessan akka Feestaaliitti walitti marutu isin eeggata.
Rabbiin akkas jedhe:
Dhugaan Gooftaa keessan irraayi, Namni fedhe haa amanu; namni fedhes haa kafaru Dhugumatti, Nuti miidhaa hojjattootaaf(Kaafirootaaf)ibidda dallaan ishee isaanitti marse qopheessinee jirra. Yoo birmachiifatanis bishaan akka rajaa (siicoo) danfeetti fuula quncisutu isaaniif kennama. Dhugaatichis akkaan fokkate! Al-Kahf 18:29
Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
????
@Saahibuddiin28
???? ????????????
??????????? ????? ?????????? ???????????? ??????????????? ??'?? ??????? ???????? ??????????? ???????? ??????????? ????? ?????????? ????????? ??????? ???????? ??????????? ???????? ???? ??????????? ?? ????????.
??????????: ?????????? ????? ?????? ??'?? 3? ?? ???? ?????? ??? ???????? ??'?? ???????? ????? ????? ????????? ?????? ????? ?? ????????
??????? ????? ?????? ???? 3?+
???? ????????: @Rafiiqul_Islaam2
https://t.me/+0puaGJwLzLgyY2U8
https://t.me/+zOTmz0fXj3pkMTk0
https://t.me/+HzNEski01TRkN2Jk
Kiristaanotni akkas jedhu: " Yesuus Ani Gooftaadha, Na Waaqessaa jechuu baatus Ani gooftaa mitii na Waaqessinaa hin jenne " .
Kun yaada salphaa deebii quubsaa qabuudha. Isaantu hin dubbisin malee Macaafni akka Yesuus na Waaqessinaa jedhee jiru barsiisee jira. Qabxiiwwan armaan gadii kana dubbisaa.
Yesuus jalqaba "Ani Waaqayyoo keessanii na Waaqessaa" akka hin jenne hubachuun gaariidha. Garuu faallaa kanaan ani Nabiyyiidha, nama ofiin jedhee jira. Isa kana hubachuu qabdu.
Yesuus akka nama ta'e dubbatee jira.
“Ani dhugicha isan Waaqayyo irraa dhaga'e isinitti himeera; isin garuu ana nama akkasii ajjeesuu barbaaddu; Abrahaam akka kana hin hojjenne.”
— Yoh. 8:40
Yesuus keeyyata armaan olii irratti akka nama ta'e nuuf mirkaneessee jira. Keeyyata armaan gadii kana irratti immoo nama akka Waaqaatti Waaqessuun akka hin taane ifaan ifatti dubbatee jira.
Mat. 23:
⁹ Lafa irratti nama akka abbaatti hin waammatinaa! Abbaan keessanoo tokko, innis isa waaqa irraa ti.
Yaadni Yesuus dubbate kun jecha biraan yoo ibsame akkana jechuu ta'a: Ani nama , kanan jiraadhus lafa irra. Waaqni immoo nama hin ta'u. Innis tokkicha kophaa isaa Samii irrra jiraatu. Kanaaf ana nama lafa irra jiraatu akka Waaqa samiirra jiraatuutti hin fudhatina.
Mat. 7
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
²¹ Yesus, "Jaalala abbaa koo isa waaqa irraa nama hojjetutu mootummaa waaqaatti gala malee, namni, 'Yaa gooftaa, yaa gooftaa' naan jechuu duwwaadhaan itti gala miti.
²² Guyyaa isa dhumaa sanatti namoonni baay'een, 'Yaa gooftaa, yaagooftaa, nuyi maqaa keetiin raajii dubbanneerra, maqaa keetiin hafuurota hamoota baafneerra, hojii aangoos maqaa keetiin baay'ee hojjenneerra mitii?' anaan jedhu.
²³ Ani immoo yeroo sanatti, 'Matumaa ani isin hin beeku, isin yaa warra hamaa hojjettanii, ija koo duraa badaa!' jedheen mul'inatti isaanitti hima" jedhe.
Seexanni Waaqa miti ykn gooftaa miti jechuudhaaf dirqama ani waaqa miti ykn ani gooftaa miti jecha jedhu isarraa dhagahuu hin qabnu. Waaqa akka hin taane ifa waan ta'eef.
Ergamoonni macaafa keessatti dubbatan hundi nuti waaqa miti ykn nuti gooftaa miti hin janne akka waaqa hin ta'in ifa waan ta'eef.
Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
????
@Saahibuddiin28
Anbiyoonni (Raajonni) hundi Muslimoota ta'uu, Rabbii tokkicha gabbaruu fi amantiin Isaanii fi kan hordoftoota isaani Islaamummaa ta'uu akka armaan gadii kanatti ragaan mirkaneessina.
Rabbiin Nuuh Muslima (nama fedhinnaa Rabbiif kenne) ta'uu isaa ilaalchese jecha inni ummata isatiin jedhe Qur'aana keessatti yeroo nuuf himu akkas jedhe:"..Mindaan kiyya Rabbi irratti malee hin taane. Ani Muslimtoota irraa ta’uuttiin ajajame.”(Yunus 10:72)
Nabi Ibraahiim (Abraaham )Muslima ture
Rabbiin Qur'aana keessatti akkas jedha:
Ibraahiim yahuudas kiristaanas hin taane Garuu inni Muslima qajeelaa ture. Inni mushrikoota irraas hin taane.(Aal-e-Imran 3:67).
Sababni Qur'aanni kun itti bu'eef Yahuudonni Ibraahiim yahuudaadha jedhu, Kiristaanonnis Ibraahiim Kiristaana jedhu, Hundi isaaniyyuu kan ofii taasifachuu barbaadu Garuu Rabbiin waan hunda beeku akkana jechuun deebiseef "Ibraahiim Yahuudaas, Kiristaanas miti, Inni Muslima" jedhe. Akka Mushrikoonni (Waaqefattoonni)nu waliin jira hin jeenneefis dhuma keeyyatichaa irratti inni Mushrikas miti jedhe.
Kanaaf keeyyata kana irratti Ibraahiim Muslima ta'uu hubanna jechuudha.
Iimaan Ibraahiimiifi Ilmaan Ya'aquub Muslimoota turan.
Rabbiin Qur'aana keessatti akkas jedha:
"Ibraahiim ilmaan isaatiif ishee (Islaamummaa) dhaamee ture; Ya’aquubiis (sanuma dhaame); "Yaa ilmaan kiyya! Dhugumatti, Rabbiin amantii isiniif filee jiraa Muslimoota taatanii malee hin du’inaa" (jedhe).(Al-Baqarah 2:132 )
Ammas Rabbiin Qur'aana keessatti yeroo dubbatu akkas jedha:
" Ya’aquubitti duuti dhufnaan ilmaan isaatiin "ana booda maal gabbartu?" jedhe..? Isaanis ni jedhan: "Nuti Gooftaa kee, Gooftaa abboota kee Ibraahiim, Ismaa’iiliifi Isihaaq gabbaramaa tokkicha kan ta’e gabbarraNuti Isaaf ajajamtoota (Muslimoota)."(Al-Baqarah 2:133)
Kana jechuun Ibraahiim,Ya'aquubii fi ilmaan isaanii Islaamummaa irra turan.
Islaamummaa hortee isaaniitiif dhaamanii du'an jechuudha. Kanaafuu ergamtoonni booda isaa ergamanis hundinuu Islaamummaa irraa turan.
Amantiin Muusaa Islaama ture
Muusaan ummata isaatiin akkana jedhe:
Muusaanis ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Yoo kan Rabbitti amantan taatan, Isuma irratti hirkadhaa; yoo Muslimoota taatan.”(Qur'aana 10:84).
Amantaan Suleeymaan(Salamoon) Islaama ture.
Nabi Suleeymaan Mootittii tokko kan yeroo Nabi Suleymaan Yaman bulchaa turte gara Islaamummaatti waamuuf xalayaa itti ergeen akkana jedhen:
Narratti hin booninaa; Muslimtoota ta’aatii natti kottaa [jedha].”(An-Naml 27:31)
Nabi Luux amantiin isaa Islaama
Rabbiin Qur'aana keessatti waa'ee nabi Luuxii fi ummata isaa ilaalchisee akkana jedhe: Mana Muslimtootaa irraa kan ta’e malee ishee keessatti homaa hin argine.(Adh-Dhariyat 51:36)
Kana jechuun akka keeyyata biraa keessatti ibsameetti ummanni nabi Luux ergaa isaa fudhachuu dinnaan Rabbiin tarkaanfii isaan irratti fudhateen isaan dhabamsiise. Isaan keessa worra amanan qofa oolchuun kaan balleeffaman. kan Islaamummaa Luux itti waamaa ture fudhannaan oolchame immoo mana tokko malee hin jiru. Kanaaf Mana Muslimtootaa irraa kan ta’e malee ishee (ganda)keessatti homaa hin argine"jedhe.
Harraaf asumatti dhaabna. Yeroo itti aanu nabi Iisaa(Yesuus) fi Barattoonni Isaa Muslima ta'uu kan ilaallu ta'a.
Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
????
@Saahibuddiin28
Pheenxee(Protestant):
Amantiin kun Jaarraa 16ffaa keessa nama Martiin Lurta jedhamuun hundeffamte.
Sababaan hundeeffama isii amantaa Kaatolikii keessatti waldiddaa argame irraahi. Hiikaan 'Protestant' jechuu Jeeqtota, Gooltota, Finciltoota jechuudha. Akka Webster's dictionary jedhutti jedhi "fundamentalism‟ jalqaba isaaniin jedhame. Isaan irratti hojiirra oole...
Wanti kun isaaniin jedhameefis isaantu
fincila kaasuun Kaatolikii irraa adda bahe. Akka biyya keenyaatti immoo Pheenxee jadhamuun
beekamu. Akkuma fuula duratti ilaallu worri finciltoota (Pheenxee) jedhaman kunis eega Kaatolikii irraa bahani bakka baay'eetti qoodamani jiru, Ammas qoodamaatuma jiru, Fuula durattis waan dhaabbatu hin fakkaatu...
Hubadhu! Maqaan Protestant jedhu kun Waaqa ykn nabi Iisaan/Yesuusiin hin moggaafamne. Macaafa qulqulluu irras waan jiru miti. Barattoonni Yesuusiifi namoota jaarraawwan kudha jahan jalqabaa jiraataniin waan beekamuu miti. Isuma kanatu harraa karaa jennataa jechuun nutti lallabamaa jira. Nuti gama keenyaan amantii Rabbiin nuuf jaallatu Islaamummaa qabna.(Qur'aana 5:3). Siyaasa namni boceen of hin rakkisnu.
Itti fufa...
Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
????
@Saahibuddiin28
??????? ?????? ????? ??????? ??????????!!
?????????? (??????????????) ??????? ??????? ?????? (????????) ????? ??????? ???????
All-in-One Cross-Chain DeFi Solution with native token $SWITCH
Partnerships: [email protected]
Last updated 3 months, 3 weeks ago
Buy ads: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii
Contact us @Burqasupport
Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii
Last updated 2 days, 22 hours ago
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
@Abdii_Sabaa
💬CONTACT US💬
@AbdiiSabaaDm
🎯BARNOOTAAF
@Abdii_Sabaa_University
🎯MARIIF
@Garee_Abdii_Sabaa
Last updated 2 weeks, 3 days ago