Infinite Entertainment, Zero Cost: Get Your Free Books, Music, and Videos Today!

Islaamummaa 100%

Description
لَقَدْ جِئْنَاكُم بِالْحَقِّ وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَكُمْ لِلْحَقِّ كَارِهُونَ

dhugumatti, Nuti haqaan isinitti dhufnee turre, Garuu irra baay’een keessan haqa jibbitoota turtan.
Advertising
We recommend to visit

بســــــــــــم الله الرحمن الرحيــــــــــــم
Ku Dhawaad 3000 Buug-Somali
Free Ah
Youtube:
https://shorturl.at/auGJZ
Diclamer:
https://telegra.ph/HA-DEG-DEGIN-AKHRI-11-15
© Somalibooks Pro Inc
- All Rights Reserved-⤵️
@Cabasho_Bot
@Tusmobook

Last updated 4 months, 3 weeks ago

Somali National Television is the principal public service broadcaster in Somalia.

Headquartered in Mogadishu.

Last updated 2 weeks, 3 days ago

Kala soco Xikmad iyo Qormooyin Markasta Io Meelkasta.

Last updated 1 month, 1 week ago

1 month, 2 weeks ago

Ramadaana bara dabree itti fayyadamuu dhabu keetiin gaabbiite hin turre?

yoo Rabbiin Ramadaana bara dhufutti si gahe  guyyaa somaan sadqaadhaan Qur’aana qara'udhaan  halkan isaa ammoo salaataa fi du'aayidhaan dabarsuuf ofiif  waadaa seente hinturre?

Kuno! Ramadaana Ati hawwaa turteef sana kessa jirta guyyaan gaabbii dhufu isaatiin dura itti fayyadami. 

Yaada... @Qaribanbot
https://t.me/DAARU_SALAAM1

1 month, 3 weeks ago

Kasaaraa guddaa jechuun Ramaadaan waggaa irraa waggaa gesse... bal'inni jannataa haga samii fi ardii tahe  bakka siif tahu jannata kessaa dhabuu keeti.

https://t.me/DAARU_SALAAM1

1 month, 3 weeks ago

Jiinii kabajamaan  erga dhufe seene guyyaan sadii dabree afraffaa kessa jirra. Yeroon dhaabbate nun eeggatu  Ramadaanni amma kessa jirtu Ramadaan dhumaa akka tahe yaaditii  mudhii kee hidhadhu ibaadaa irratti jabaadhu!  Ramadaan dhufu gahun kee mala.

Ulaan Jannataa banameera maqaa kee warreen jannataa kessaa hojiiwwan gaggaariin galmeessiisi.
https://t.me/DAARU_SALAAM1

3 months, 2 weeks ago

#Oromummaa

Namoonni "Oromummaan Amantaa dursa" jedhan baay'achaa dhufu isaanii yammuu agartu ummanni keenya hammam tawhiidaa fi Qur’aana irraa fagaataa akka jiru hubatta.  #Oromummaan kun saboota kessa saba takka oso hin tahiin...Xaaghuta Rabbiin alatti gabbaramtu tahaa jirtii.

-Oromummaaf jedhe qabsootti ka seenetu jira...
-Oromummaaf jedhe ka jaallatu fi ka jibbuutu jira..
-Oromummaaf jedhe  ka du'utu jira..
Gabaabumatti Oromummaaf jedhe  wanta qabu hunda  lubbuu isaa dabalate ka arsaa godhutu jira.  Falaasaf oso hin tahiin waanuma ija kenyaan ammaan tana argaa jirrudha.

Jechii baramte wahis jirtii .. kan arraba isaanirraa hin dhabamne " Amantaa kee jijjiruu dandeessa.. Oromummaa kee garu jijjiiruu hindandeessu" jedhu.  Kanuma Ragaa godhatu.

Ee Dhugaadha Oromummaa kee jijjiiruu hindandeessu... garu Oromummaan kee ibidda jahannam kessaa si baraaruu hin danda'u....Muslimoonni saba biraa  oromo tahu dhabu isaanitin jannata seenu irraa hin dhorkaman.

Yaa sammuu qabdu jecha Rabbii kana xinxalii  cal jette dukaa hinbu'in..

﴿يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّاسُ إِنَّا خَلَقْنَٰكُم مِّن ذَكَرٍۢ وَأُنثَىٰ

Yaa namootaa! Nuti dhiiraafi dubartii irraa isin uumneeti,

Hundeen ilma nama oromo tahe amhaarri  Gurraachii Afrikaa tahe adiin faranjii...Rabbiin hunda isaanii  Abbaa kenya Aadam fi haadha kenya hawwaa irraa nu uume.

وَجَعَلْنَٰكُمْ شُعُوبًۭا وَقَبَآئِلَ لِتَعَارَفُوٓا۟ ۚ

akka wal beektaniif jecha sabootaafi gosoota isin taasifne

Atii ormoo sun Ammoo amhaar ykn Tigree tahun...akka wal beektaniif mallattoodhaaf male...sabaan wal qoodde akka bineensaa wal nyaattuf miti.

Atii oromo taateef  amhaara ol kabaja, bakkaa fi olaantummaa qabdaa miti.

Fkn,  namoonni lama maqaan isaani ka wal fakkaatutu jiru  lammaan isaanii "Ahmed" jedhamu  tokko  oromo yoo tahu kaan ammoo amhaara.

Atiin isaan lamaan kessaa tokko waamu feete... "Ahmed" jette yoo waamte lamaan " oo" jedhanii owwaachu isaaniti. 

Garu oso  "Ahmed Oromticha" jette waamte   Ahmed isa Oromtichatu qofa owwaata.  Oromummaan akkuma maqaa, መታወቂያ, fi kkf sif tajaajila male  kan itti boonte  isaaf jecha lolte isaaf jette arsaa kafaltuuf miti.

Atii oromo tahu keetin Rabbiin biratti  sadarkaa 0.00001 hin dabaltu  ykn Oromo tahu dhabu keetin sadarkaan kee 0.00001 hin hir'atu...

إِنَّ أَكْرَمَكُمْ عِندَ ٱللهِ أَتْقَىٰكُمْ ۚ إِنَّ ٱللهَ عَلِيمٌ خَبِيرٌۭ﴾
Rabbiin biratti irra kabajamaan keessan, irra Rabbiin sodaataa keessani Rabbiin beekaa keessa hubataadha.

Oromummaan gatii  tasbiiha "subhaan Allah" jettu waliin hin qixxaattu.

Abu jahl fi Abu lahab  saba arabaa qurayshi  saba rasuula kessaa tahu isaanii waliin ibidda jahannam kessa jiru.
Sila Oromummaan saba Arabaa caaltetu Islaamummaa dursiti??

Wallaahi  namtichi Muslimaa qote bulaa ka waa uffatu fi nyaatu hin qabne biyya Amhaara ykn tigree kessatti argamu.... na biratti..oromo Muslima hin tane  obboleessa tiruu koo Caalaa...muslimichi tigree ykn amharri sun kabajamaa fi jaallatamaadha.

#Oromummaan Islaamummaa kan dursiitu yoo tahe ... Ani islaam!  Oromummaan kessan zikrii "Allahu akbar" jettu waliinu hin qixxaatu.

Barreessaa
.....Al-Oromiiy
@Qaribanbot

https://t.me/DAARU_SALAAM1

3 months, 3 weeks ago

"Du'ee erga jahannam seene booda Hiriyoota isaa achiitti  hin arganneen, isaan erga inni du’e tawbaa godhanii jannata seenanii turan."

Hamma lubbuun jirtuutti balballi tawbaa banaadha harra bor oso hin jedhiin gara Rabbiitti haa deebinu...lubbuun al tokko erga baate booda...

﴿حَتَّىٰٓ إِذَا جَآءَ أَحَدَهُمُ ٱلْمَوْتُ قَالَ رَبِّ ٱرْجِعُونِ﴾
Yeroo tokkoon isaaniitti duuti dhufu ni jedha: “Gooftaa kiyya! Na deebisi.

...jechun hin fayyaddu.
https://t.me/DAARU_SALAAM1

3 months, 3 weeks ago

harka kee Rabbiitti ol fuute kan kadhattu yeroo Rakkinaa fi  dhiphinaa qofa yoo tahe    kana mushrikonni duriillee waan godhaa darbaniidha...

رَكِبُوا۟ فِى ٱلْفُلْكِ دَعَوُا۟ ٱللهَ مُخْلِصِينَ لَهُ ٱلدِّينَ فَلَمَّا نَجَّىٰهُمْ إِلَى ٱلْبَرِّ إِذَا هُمْ يُشْرِكُونَ﴾
Yeroo doonii yaabbatan, amantii Isaaf qulqulleessuun Allaah qofa kadhatu  Yeroo Inni gara dachiitti nagaan isaan baase immoo yeroma san (Rabbitti) qindeessu.

Mu'uminni yeroo hunda Rabbii isaa kadhata  yeroo nagaas tahe yeroo rakkinaa. Yoo Rabbii kee waliin yeroo nagaa wal bartee, yeroo rakkinaa si beeka.

https://t.me/DAARU_SALAAM1

3 months, 3 weeks ago

𝐖𝐚𝐥𝐢𝐢𝐧 𝐐𝐮𝐫'𝐚𝐚𝐧𝐚 𝐑𝐚𝐛𝐛𝐢𝐢 𝐡𝐚𝐚 𝐱𝐢𝐧𝐱𝐚𝐥𝐥𝐮 #5

Onneen quba Ar'rahmaan lamaan kessa jirti akka fedhe gara-gaggalchaan. Har'a Anii Muslima jette ofitti amanamummaan sitti hin dhaga’amiin   umrii kee guutu Muslima taate  jiraatte  Dhumaratti kaafira taate du'u keetu mala!   Salafoonni  lubbuu isaanitiif akkaan kufrii fi nifaaq sodaatu ture.  Ergamaan Rabbii ﷺ Du'aayii armaan gadii kana kadhachu baay’isan ture...Nabiyyi Rabbii tahu isaanii waliin..

﴿رَبَّنَا لَا تُزِغْ قُلُوبَنَا بَعْدَ إِذْ هَدَيْتَنَا وَهَبْ لَنَا مِن لَّدُنكَ رَحْمَةً ۚ إِنَّكَ أَنتَ ٱلْوَهَّابُ﴾
[Isaanis ni jedhu]: “Gooftaa keenya! Erga nu qajeelchitee booda onnee keenya [dhugaa irraa] hin jal'isin  Rahmata Si biraa ta’e nuuf kenni Dhugumatti Ati akkaan kennaadha.

Tarii atii of Muslima akka taate yaadda taha..garu Rabbiin biratti maqaan kee galmee kaafira kessatti galmeeffameera.  Nama "anii kaafira  guyyaa qiyaamaas Galumsi koo ibidda" jedhe kafaru agartanittu?    Irra baay'een kaafira ta’u isaa kan beeku  gaafa ibidda laalessaa argeedha. Kanaafidha namoonni jannataa akkaan xiqqaa kan tahan. Muslima taate jiraachuun kennaa guddaa yoo tahe  Muslima taate Rabbii keetin wal arguun (du'un) kennaa kennaa hunda caaludha.
ergamaan Rabbii yusuuf alayhii salaam   nabiiyyi Rabbii tahu isaa waliin  muslima tahe du'u Rabbiin kadhata..

تَوَفَّنِى مُسْلِمًۭا وَأَلْحِقْنِى بِٱلصَّٰلِحِينَ
Muslima taasisii na ajjeesii Warra gaggaarittis na dhaqqabsiisi.

Du'aayii kanatti gabroota dadhaboo akka kenyaa caalaa kan itti haajomu jiraa?

Gorsa Rabbii keenyaa kanas xinxalaa...
وَلَا تَمُوتُنَّ إِلَّا وَأَنتُم مُّسْلِمُونَ
Muslimoota taatan malees hin du’inaa.

-namtichi seera shari'aa Rabbiitin alatti biyya bulchuuf paarlaamaa seenu   #of_muslima akka tahe yaada..
-miseensa waraana motummaa ykn ABO tahe tahe jiru maqaan  (alii, ahmad, muhammad..) ofitti maxxanfate qofaaf muslima akka tahe yaada..
-paartii... seera xurii sammu ilma namaa kessaa walitti guurame   ህገ-mangistii jedhamuun ummata bulchuu.. filachuuf deemuus of muslima akka tahe yaada.
-du’aa qabrii kessatti awwaalame jiruuf gorra'e ..sujuuds muslima akka tahe yaada....
...
Yaa Allaah!
Yaa Allaah! Muslima godhi nu jiraachis   Muslima godhiiti nu ajjeesi.

yaa Obboloota koo  du'aa'ii walif haa gonu.
https://t.me/DAARU_SALAAM1

3 months, 4 weeks ago

Dhugaa dubbachuuf Qur’aana irraa kan fagaanne   yeroo Qur’aanaaf tahu dhabne oso hin tahin...
Qalbii Qur’aanaaf tahu dhabneeti.

https://t.me/DAARU_SALAAM1

4 months ago

"Miidhaginni dubartii haga
Abbaan manaa isii isi jaallatenitti yoo turuu...

Jaalalli Abbaan manaa Ammoo
haga isiin isa kabajdeetti tura"..

Wal kabajaa

https://t.me/DAARU_SALAAM1

5 months, 3 weeks ago

Yaa jamaa wanta kana kaasufan Abbaan barbaaddan grouppi kanatti seenaatti buufadha dubbisaa
👇👇👇
https://t.me/shari_aa
https://t.me/shari_aa

We recommend to visit

بســــــــــــم الله الرحمن الرحيــــــــــــم
Ku Dhawaad 3000 Buug-Somali
Free Ah
Youtube:
https://shorturl.at/auGJZ
Diclamer:
https://telegra.ph/HA-DEG-DEGIN-AKHRI-11-15
© Somalibooks Pro Inc
- All Rights Reserved-⤵️
@Cabasho_Bot
@Tusmobook

Last updated 4 months, 3 weeks ago

Somali National Television is the principal public service broadcaster in Somalia.

Headquartered in Mogadishu.

Last updated 2 weeks, 3 days ago

Kala soco Xikmad iyo Qormooyin Markasta Io Meelkasta.

Last updated 1 month, 1 week ago