Addis Standard Afaan Oromoo

Description
Advertising
We recommend to visit

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

@Abdii_Sabaa

💬NU QUNNAMUUF💬
@AbdiiSabaaDm

🎯BARNOOTAAF
@Abdiisabaa

🎯MARIIF
@Garee_Abdii_Sabaa

Last updated 3 days, 17 hours ago

https://t.me/joinchat/AAAAAFgrZgMjBcvdBf7YWg

Last updated 1 day, 21 hours ago

بســــــــــــم الله الرحمن الرحيــــــــــــم
Ku Dhawaad 3000 Buug-Somali
Free Ah
Youtube:
https://shorturl.at/auGJZ
Diclamer:
https://telegra.ph/HA-DEG-DEGIN-AKHRI-11-15
© Somalibooks Pro Inc
- All Rights Reserved-⤵️
@Cabasho_Bot
@Tusmobook

Last updated 2 months ago

2 months, 2 weeks ago

Oduu: Hiyumaan Raaytis Waach naannoo #Amaaraatti humnoonni mootummaa 'yakka waraanaa raawwataniiru' jedhe

Dhaabbanni mirga dhala namaaf falmu Hiyumaan Raaaytis Waach (#HRW) jedhamu humnoota mootummaa yakka waraanaatiin yakke.

Hagayya 2023 kaasee naannoo Amaaraatti hojjattoonni gargarsa namoomaa sagal ajjeefamuu dhaabbatichi ifoomse.

Akkasumas, sababoota rakkoo nageenyaa, haleellaa, waraanaafi labsiin yeroo hatattamaatiin hojiin gargaarsaa damqamuu himeera.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=4222

Addis Standard

Hiyumaan Raaytis Waach naannoo Amaaraatti humnoonni mootummaa 'yakka waraanaa raawwataniiru' jedhe - Addis Standard

Finfinnee, Adoolessa 03/2024 – Dhaabbanni mirga dhala namaaf falmu Hiyumaan Raaaytis Waach jedhamu humnoota tika nageenyaa Itoophiyaa yakka waraanaatiin yakke. Akka gabaasa Hiyumaan Raayts Waachitti, humnoonni tika nageenyaa mootummaa hojjattoota fayyaa,…

**Oduu: Hiyumaan Raaytis Waach naannoo** [**#Amaaraatti**](?q=%23Amaaraatti) **humnoonni mootummaa 'yakka waraanaa raawwataniiru' jedhe**
2 months, 2 weeks ago
Addis Standard Afaan Oromoo
2 months, 2 weeks ago
Addis Standard Afaan Oromoo
2 months, 3 weeks ago
**AMMEE: Pireezidaantiin** [**#Keeniyaa**](?q=%23Keeniyaa) **wixinee daballii gibiraa …

AMMEE: Pireezidaantiin #Keeniyaa wixinee daballii gibiraa mormiin mudate "hin mallatteessu" jedhan

Keeniyaatti mormii lubbuu namootaa galaafate gaggeeffamuu hordofee Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo wixinee daballii gibiraa manni maree sagalee caalmaan dabarse hin mallatteessu jedhan.

Ruutoon ibsa har'a waaree booda laataniin, lammiileen Keeniyaa labsii kana "gonkumaa akka hin barbaanne'' ifa ta'uu dubbataniiru.

Yaada uummataa fudhachuu kan eeran pireezidaantichi, wixinee kanarratti akka hin mallatteessine dubbataniiru.

Mormii Kibxata darbe gaggeeffameen yoo xiqqaate namoonni 22 ajjeefamuu isaanii Komishiniin Mirgoota Namoomaa Biyyoolessaa Keeniyaa (KNHRC) ibseera.

Mormii kaleessa guutummaa Keeniyaatti waamameen, hiriirtonni paarlaamaa biyyattiitti abidda qabsiisuun gar tokkeen yoo gubatu meeshaaleen keessa turan caccabuun manca'eera. AS

2 months, 3 weeks ago
**Oduu: Weerara dhibee koleeraa naannoo** [**#Amaaraatti**](?q=%23Amaaraatti) …

Oduu: Weerara dhibee koleeraa naannoo #Amaaraatti mudateen lubbuun namoota shan darbe

Weerarri dhibee koleeraa marsaa lammaffaa Godina Addaa Saba #Oromoo dabalatee godinaalee naannoo Amaaraa garagaraa keessatti tamsa’een namoonni 500 ol qabamuu Inistitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa beeksise.

Weerarri kun Bitootessa 27, 2016 kan mudate yoo ta’u, hanga Waxabajjii 13tti namoonni 530 dhibee kolaaraan qabamanii namoonni shan lubbuun isaanii darbuu ogeettiin dhaabbatichaa Siistar Safii Darriib DhPItti himaniiru.

Weerarri kun godina #Walloo Kibbaa aanaalee 2, godina addaa saba Oromoo aanaalee 3, godina Kaaba #Gojjam aanaalee 2, magaalaa #Dassee, magaalaa #Kombolchaa fi magaalaa #Baahirdaar keessatti akka mudate ibsameera.

Naannichatti weerara dhibee koleeraa marsaa jalqabaa Adoolessa bara 2015 hanga Muddee bara 2016 ALI mudateen namoonni gara kuma shaniitti dhiyaatan qabamanii akka turan dhaabbatichi yaadachiiseera.

2 months, 3 weeks ago
Addis Standard Afaan Oromoo
3 months ago

Oduu: Daandiin gara #Tigraay geessu naannawaa #Allaamaaxaatti cufamee turuu himame

Daandiin guddicha Finfinnee irraa gara Naannoo Tigraay geessu naannawaa Raayyaa Allaamaaxaatti guyyoota sadan darban keessa cufamee sochiin konkolaataa danqamuu jiraattota fi aanga’aan Addis Standarditti himan.

Dhuma torban darbe kaasee dargaggoonni daandii guddicha gara Tigraay geessu irratti dhakaa guuruun karaa cufuuf yaalii godhanis humni Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Poolisii Federaalaa daandii cufame bansiisaa turuu jiraattoonni Addis Standard dubbise himan.

Bulchaan godina Kibba Tigraay Obbo Haabtuu Kiroos gama isaaniin, guyyoota sadan darban keessa seensa magaalaa Allaamaaxaatti yaaliin karaa cufuu godhamuu eeruun, haata’u malee daandiin kun “guutummaan guutuutti akka cufame odeeffannoo dhiyaachaa jiru sirri miti” jedhan.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=4164

Addis Standard

Daandiin gara Tigraay geessu naannawaa Allaamaaxaatti cufamee turuu himame - Addis Standard

Finfinnee, Waxabajjii 19/2024 – Daandiin guddicha Finfinnee irraa gara Naannoo Tigraay geessu naannawaa Raayyaa Allaamaaxaatti guyyoota sadan darban keessa cufamee sochiin konkolaataa danqamuu jiraattota fi aanga’aan Addis Standarditti himan.   Dhuma torban…

**Oduu: Daandiin gara** [**#Tigraay**](?q=%23Tigraay) **geessu naannawaa** [**#Allaamaaxaatti**](?q=%23Allaamaaxaatti) **cufamee turuu himame**
3 months ago

Xiinxala Oduu: Odiitarri federaalaa waajjiraalee mootummaa keessatti qisaasama faayinaansii jiraachuu saaxile

Itti gaafatamtuun Waajjira Odiitara Federaalaa Masarat Damissee kaleessa Waxabajjii 18, 2024 mana maree bakka bu’oota uummataaf gabaasa odiitii faaynaansii dhiyeessanii ture.

Odiitiin kun bara baajataa 2022/23tti galiin mootummaa osoo hi sassaabamin yeroon isaa darbe, galii gibiraa irraa hafee fi baasii seeraan alaa hin herregamin manneen hojii federaalaa 162 keessatti mudachuu mul’isee jira.

Aadde Masarat ibsa paarlaamaaf kenniniin, bulchiinsa faayinaansii fi sanadoonni baasii seeraan alaa dhaabbilee mootummaa federaalaa adda addaa keessatti mul’achuu saaxilan.

Gabaasni odiitii kun komishinii poolisii federaalaa dabalatee dhaabbilee federaalaa 11 keessatti baasiin hin herregamin waliigala birrii miiliyoona 43.5 argamuu eerteerti. Akkasumas, dhaabbilee 30 birrii miiliyoona 16.7 seeraan ala baasii taasisaniiru.

Gabaasa guutuu https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=4154

Addis Standard

Odiitarri federaalaa waajjiraalee mootummaa keessatti qisaasama faayinaansii jiraachuu saaxile - Addis Standard

Finfinnee, Waxabajjii 19/2024 – Itti gaafatamtuun Waajjira Odiitara Federaalaa Masarat Damissee kaleessa Waxabajjii 18, 2024 mana maree bakka bu’oota uummataaf gabaasa odiitii faaynaansii dhiyeessanii ture. Odiitiin kun bara baajataa 2022/23tti galiin mootummaa…

**Xiinxala Oduu: Odiitarri federaalaa waajjiraalee mootummaa keessatti qisaasama faayinaansii jiraachuu saaxile**
3 months ago

Oduu: Haleellaan Aanaa #Noonnoo “golgaa Raayyaan Ittisa Biyyaa kenneefiin” hidhattoota Faannootin raawwatame: #ABO

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) haleellaa boombii torban darbe godina #Shawaa_Lixaa aanaa Noonnootti mana cidhaarratti raawwatame balaaleffate. Paartichi haleellaa kanaan “yakka waraanaa ulfaataafi hammaataa ummata meeshaa maleeyyii irratti raawwate” jechuun ibseera.

Ummata sirna fuudhaa fi heerumaa gaggeeffatu cidharra jiru manatti itti cufuun boombii itti darbatamee lubbuu namoota 24 akka darbu taasifamuu kan eere ABOn, “yakki namoomaa kun golgaa Raayyaan Ittisa Biyyaa kenneefiin hidhattoonni #Faannoo akka ummata keenya jumlaan fixaniif daandii saaqe,” jedhe.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=4152

Addis Standard

Haleellaan Aanaa Noonnoo “golgaa Raayyaan Ittisa Biyyaa kenneefiin” hidhattoota Faannootin raawwatame: ABO - Addis Standard

 Finfinnee, Waxabajjii 19/2024 – Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) haleellaa boombii torban darbe godina Shawaa Lixaa aanaa Noonnootti mana cidhaarratti raawwatame balaaleffate. Paartichi haleellaa kanaan “yakka waraanaa ulfaataafi hammaataa ummata meeshaa maleeyyii…

**Oduu: Haleellaan Aanaa** [**#Noonnoo**](?q=%23Noonnoo) **“golgaa Raayyaan Ittisa Biyyaa kenneefiin” hidhattoota Faannootin raawwatame:** [**#ABO**](?q=%23ABO)
4 months, 3 weeks ago

Oduu: Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii balaan lolaa rooba gannaa namoota 1,000,000 ol buqqisuu danda'a jedhe

Roobni ganna dhufu namoota 1,000,000 tokkoo ol qe’eerraa buqqisuu akka danda’u Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti qindeessaan gargaarsa namoomaa (#UNOCHA) beeksise.

Dhaabbatichi gabaasa baaseen, namoonni miliyoona 1.9 ta’an balaa lolaatiif kan saaxilaman yoo ta’uu kanneen keesaa miliyoona tokko kan ta’an qe’eerraa buqqa’uu mala jedheera.

Komishiniin bulchiinsa balaa tasaafi dhaabbileen gargaarsa namoomaa rakkoo kanaaf gargaarsa hatattamaa taasisuuf karoora baafatee qophaa’uu biirichi beeksiseera.

Naannoo #Oromiyaa'tii namoonni 104,000 ta’an qe’eerraa buqqa’uu danda’u jedheera.

Gabaasa guutuu https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=3912

Addis Standard

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii balaan lolaa rooba gannaa namoota 1,000,000 ol buqqisuu danda'a jedhe - Addis Standard

Finfinnee, Ebla 27, 2024 – Roobni gannaa dhufu namoota 1,000,000 tokkoo ol qe’eerraa buqqisuu akka danda’u Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti qindeessaan gargaarsa namoomaa (UNOCHA) beeksise. Dhaabbatichi gabaasa baaseen, namoonni miliyoona 1.9 ta’an balaa…

**Oduu: Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii balaan lolaa rooba gannaa namoota 1,000,000 ol buqqisuu danda'a jedhe**
We recommend to visit

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

@Abdii_Sabaa

💬NU QUNNAMUUF💬
@AbdiiSabaaDm

🎯BARNOOTAAF
@Abdiisabaa

🎯MARIIF
@Garee_Abdii_Sabaa

Last updated 3 days, 17 hours ago

https://t.me/joinchat/AAAAAFgrZgMjBcvdBf7YWg

Last updated 1 day, 21 hours ago

بســــــــــــم الله الرحمن الرحيــــــــــــم
Ku Dhawaad 3000 Buug-Somali
Free Ah
Youtube:
https://shorturl.at/auGJZ
Diclamer:
https://telegra.ph/HA-DEG-DEGIN-AKHRI-11-15
© Somalibooks Pro Inc
- All Rights Reserved-⤵️
@Cabasho_Bot
@Tusmobook

Last updated 2 months ago