YOUTH FOR CHRIST MINISTRY

Description
Engaged for Christ
Advertising
We recommend to visit

Spin, Attack, Raid friends and Build on your way to an Empire.
Collect Coins and Stars for Airdrop! @robincoin_bot

Last updated 1 month, 3 weeks ago

My official channel for any news & announcements.

*Important Note* :

AVOID THE ""EmpressEvolution"" CHANNEL, OR ANY OTHER IMITATION CHANNELS.

THEY ARE FAKE FROM SCAMMERS.

3 months, 2 weeks ago

#JIREENYA_MIXII_???
?Fak. 6:6-8?
"⁶ Ati namicha dhibaa'aa nana, mee dhaqii mixii ilaali, akka isheen itti jiraattu yaadaan qabi, ogeessas ta'i!
⁷ Isheen geggeessituu, eegduu, mootiis hin qabdu;
⁸ kana keessaa immoo waan ishee barbaachisu bona in tuullatti, nyaata ishees yeroo makarii walitti in qabatti."
#Jireenya_Mixii_Irraa_Maal_Baranna_?
MIXIIN uumama baayyee xiqqoodha. Garuu haalaa fi akkaataa jireenyaa irraa barannu qabdi.
Haalaa fi akkaataa  jireenya mixii irraa barannu  keessaa tokko isa "waan ishee barbaachisu bona in tuullatti, nyaata ishees yeroo makarii walitti in qabatti." jedhuudha.
Bonni mixiidhaaf yeroo nyaata walitti qabattuudha; yeroo kanatti waan nyaattu akka gaaritti waan argattuuf yeroon kun Mixiidhaaf yeroo quufaati, akka barbaaddutti nyaatti,  wanti ishetti hir'atu hin jiraatu, YEROON KUN ISHEEF YEROO MIJAATAADHA.
Garuu, kan nama ajaa'ibu yeroon kun naaf mijataadha jettee nyaata ishee akkuma argitetti hin qisaaseessitu. BORII ISHEEF WALITTI QABATTI.
ARGINEE! Mixiin uumama baayyee xiqqoo taatuuyyuu borii isheef maal akka walitti qabattu, akkamitti akka walitti qabattu;
•Bonni yeroo quufaa yoo isheef ta'eeyyuu quufa booda beellii(yeroon nyaanni itti hin argamne ) akka jiru waan beektuuf haala mijataa keessa jirtuun of hin dagattu, waan bor beela jalaa ittiin baraaramtu dursitee walitti qabatti.
✳️Waaqayyo hubannaa nuuf haa kennu!
#Harra_haalli_keessa_jirru_mijataadha_jechuun_boris_mijataadha_jechuu_miti.
•Haala mijataa harra keessa  jirruun borii keenya akka hin daganne!
#BORII_KEENYAAF_MAAL_WALITTI_QABACHAA_JIRRA_AKKAMITTI_IMMOO_WALITTI_QABACHAA_JIRRA_?
✳️Baayyeen keenya HAALA MIJATAA KEENYA keessa waan jirruuf har'a akka ta'utti KADHACHUUN, MACAAFA QULQULLUU DUBBISUUN, AMANTOOTA WALIIN HARIIROO GAARII GOCHUU fi DHUGAA BAHUUN homaa nutti hin fakkaatu.
✳️Garuu, yeroon KADHACHUUF, MACAAFA QULQULLUU DUBBISUUF, AMANTOOTA WALIIN HARIIROO GAARII GOCHUU fi DHUGAA BAHUUF mijataa hin taane akka dhufu haa qalbiifannuu!
•Mixiin osoo bona nyaata walitti qabachuu dhabaattee yeroo beelli dhufutti dandamachuu hin dandeessu.
✳️Kanaafuu nutis haala jirru keessatti waan gaarii borii keenyaaf nu fayyadu akka ta'utti walitti qabachaa hariiroo Waaqa waliin qabnu haa cimsannuu.
✳️HAA DAMMAQNUU!
#Waan_gaarii_harra_walitti_qabannutu_bor_hamaa_nutti_dhufu_jalaa_nu_oolcha_.
“Yeroo itti dura amanne caalaas amma guyyaan fayyinaa waan nutti dhi'aateef, yeroon kun yeroo itti hirribaa dammaquun isin irra jiru ta'uu isaa beekaa!”
  — Rom. 13:11
?EEBBIFAMAA❗️

3 months, 3 weeks ago

#Trinity  #Part_22
✍️BARUMSA WALITTI FUFAA ✍️

?Dhoksaawwan Waa'ee Sadan Waaqayyo Tokkoo!

? Egaan nuyi ilmaan abbaati jenneerra. Garuu tajaajiltoota (servants) akka taane yeroo dubbatu immoo macaafni qulqulluun tajaajiltoota yookiin garboota Kristoos akkasumas tajaajiltoota Waaqayyoos jedhee ni dubbata.
Tajaajiltoota (servants) Abbaa qofa utuu hin taane, tajaajiltoota (servants) Ilmaatis.
Fakkeenyaaf; “Ani Phaawulos amantii fi dhugaa beekuu warra Waaqayyoof fo'amanii akka namoota Waaqayyoof ta'utti dammaqsuudhaaf, hojjetaa Waaqayyoo fi ergamaa Yesus Kristos ta'ee kana caafuu koo ti;”— Tit. 1:1
Ergamaa (Servants) Yesuus Kristos
“Ani Phaawulos hojjetaan Yesus Kristos ergamaa ta'uudhaaf waamamee, wangeela Waaqayyoos lallabuudhaaf addaan kanan baafame kana caafuu koo.”— Rom. 1:1
? Hojjetaa (servant) Yesuus Kristos
“Ani amma namoota moo yookiis Waaqayyoon tole jechisiisuudhaafan dubbadha ree? Yookiis namoota gammachiisuu nan barbaadaa ree? Amma iyyuu utuun namoota gammachiisee, hojjetaa Kristos hin ta'un ture.” — Gal. 1:10
? Hojjetaa Kristos
“Ani Yaaqoob hojjetaa Waaqayyoo, hojjetaa Yesus Kristos gooftichaas ta'ee, warra gosa kudha lamaanuu keessaa biyya diidaatti tamsa'anii jiraniif kana caafuu koo ti; nagaa koo isiniif nan dhi'eessa.” — Yaq. 1:1
? Hojjetaa Waaqayyoo, hojjetaa Yesuus Kristos
Nama eenyutu tajaajilaaf waama jennee yoo ilaalles macaafni qulqulluun keenya qaama sadan tokkoo keessaa tokko qofaaf kan kenne miti.
Fakkeenyaaf;
¹⁶ Amma garuu ka'ii, miilla keetiin dhaabadhu! Anaaf hojjetaa akka taatuuf si kaasuudhaafan sitti mul'adhe; waan argitee fi, waan sitti mul'achuuf jiruuf dhuga-baatuu in taata.¹⁷ Warra ani itti si erguuf jiru hundumaattii, saba Waaqayyoo kanattii, saba warra kaanittiis sin oolcha.¹⁸ Dukkanattii gara ifaatti, aangoo Seexanaa jalaas gara Waaqayyootti haa deebi'aniif, ija isaanii in banta; anatti amanuudhaanis dhiifamuu cubbuu isaanii argatanii, warra qulqullaa'an gidduuttis dhaala isaanii haa fudhataniif sin erga' anaan jedhe".HoE 16:16-18
“Ani, Kristos Yesus gooftaa keenya isa hojii koo kanaaf humna anaaf kenne kana, "Amanamaa dha" jedhee hojii isaa irra na dhaabuu isaatiif nan galateeffadha.”— 1Xim. 1:12
“Isumatus namootaaf kennaa kenne; kennaan isaas kaan ergamoota, kaan waan Waaqayyo isaanitti mul'ise warra himan, kaan warra wangeela lallaban, kaan eegdota, kaanis barsiisota akka ta'aniif ture.”— Efe. 4:11
“Ani Phaawulos, namoota biraa yookiis karaa nama tokkoo utuu hin ta'in, Yesus Kristosiin, Waaqayyo abbaa isa Kristosin du'aa kaaseen ergamee,”— Gal. 1:1
“Ani Phaawulos, abboommii Waaqayyo fayyisaa keenyaa fi Kristos Yesus abdii keenyaan ergamaa Kristos Yesus kanan ta'e,” — 1Xim. 1:1
“Baarnaabaasii fi Saa'ol hafuura qulqulluudhaan ergamanii mandara Seluuqiyaatti gad bu'an; achiis markabaan gara Qophros, biyya bishaan keessaa dhaqan.”  — HoE. 13:4
“Isaan kun gooftaadhaaf hojjechaa, soomaas utuu jiranii, hafuurri qulqulluun, "Baarnaabaasii fi Saa'olin hojii ani itti isaan waameef, addaan anaaf baasaa" jedheen.”— HoE. 13:2              
“Of eeggadhaa, karra hoolota Waaqayyoo warra hafuurri qulqulluun akka eegdaniif isin dhaabeefis, eeggadhaa! Waldaa kristiyaanaa isa Waaqayyo dhiiga tokkicha ilma isaatiin kan isaa godhate eegaa!” — HoE. 20:28
“Yeroo ofii jaallatettis warra saba isaa hin ta'in gidduutti isuma wangeela godhee akkan lallabuuf, ilma isaa kana yommuu anatti mul'ise, ani duraan dursee mareedhaaf gara nama foon uffatee hin dhaqne;” — Gal. 1:16

? Caqasawwan kana hundumaa keessatti waamichi tajaajiLaa Abbaanis, Ilmaanis, Hafuura Qulqulluunis kan kennamuudha.

⁴ Kennaan hafuuraa gosa garaa garaatu jira, hafuurichi garuu tokkichuma.⁵ Ergaa garaa garaatu jira, gooftaan ergamaniif garuu tokkichuma.⁶ Hojii garaa garaatu jira, Waaqayyo inni hojii hundumaa adduma addaan yaada namaa keessa kaa'u garuu tokkicha. 1Qor 12:4-6

5 months, 3 weeks ago

?? DAY 7 ??

በቀደመው ኪዳን እግዚአብሔር ሰዎች የእንስሳትን ደም በማፍሰስ ለኃጢአታቸው ምህረትን እንዲያገኙ ቢያደርግም ሰዎች ወደ ኃጢአት በመመለሳቸዉና የሚያቀርቡት መስዋዕትም ኃጢአተኝነታቸዉን ሊያርተሰርይ ብቁ ባለመሆኑ ምክንያት የእግዚአብሔርን ፍጹም ጽድቅ መልበስና ከእግዚአብሔር ፍርድ ማምለጥ አልቻሉም ይህም የሆነው እግዚአብሄር ፍጹም ጻድቅ ሰዎች ሁሉ ደግሞ ኃጢአተኞች ነበሩና ነው። እግዚአብሔር ለሰው ልጆች ካለው የጠለቀ መዉደድ የተነሳ የሰው ልጆች ከዚህ የሞት ፍርድና ኩነኔ ማምለጥ የሚችሉበትን አንድ መንገድ አዘጋጀ ይህም መንገድ እግዚአብሔር የጽድቅ ፍርዱን የገለጠበት እዉነተኛ ምሳሌ ነው።

?We proclaim God's knowledge with the idea of WHO JESUS IS THE CRUCIFIED and WHAT HE HAS DONE ON THE CROSS.!✝️

The challenges has three hash tags, lists;
#16_Days_Challenge
#THE_SERVANT_OF_THE_KINGDOM
#THE_CRUCIFIED_IS_RIGHTEOUS­_JUDGE
You Are Invited To Join The Challenge??

Hosted BY:- AAU(6K & EiABC), AASTU, ASTU, BDU, UG, AMU, HU, WCU, MWU, DU, JU, GU, MKU, DTU, DMU!!
In collaboration with EvaSUE and Great Commission Digital Strategy Team!

ተባረኩ!!

6 months ago

Channel keessaan akka gara 2k,3k,4k,5k tti akka isiniif guddaatu yoo barbaaddan
?  Na Quunnami
? @BrakeIt
? @BrakeIt

6 months, 1 week ago

CHANNALII WAA'EE FAYYAA NI ARGATTU, NAMNI TOKKO MALLATTOO DHUKKUBA ISAA IBSACHUUN MAALUMMAA ISAA BARUU NI DANDA'A. KANAAF NAMOONNI FAYYAA ISAANIIF HAA DUBBISAN.

?????

We recommend to visit

Spin, Attack, Raid friends and Build on your way to an Empire.
Collect Coins and Stars for Airdrop! @robincoin_bot

Last updated 1 month, 3 weeks ago

My official channel for any news & announcements.

*Important Note* :

AVOID THE ""EmpressEvolution"" CHANNEL, OR ANY OTHER IMITATION CHANNELS.

THEY ARE FAKE FROM SCAMMERS.