Dive into the Ultimate Free Library: Your One-Stop Hub for Entertainment!

Daandii Milkii(Jennataa)

Description
Chanalin kun kan barsiisu Waa'ee Amantii Islaamaa fi kiristaanaati. @Saahibuddiin28 Join godha.Yaadaaf @Saahibu28
Advertising
We recommend to visit

buy ad: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii

CEO @Obsamilli


Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii

Last updated hace 1 mes, 1 semana

Chaanaalii kana irratti Faarsaa Kanneen Bara Durii,akkasuma Haaraa Qilleensarra kan Oolan @full Album,,, argachuu dandeessu #faarfannaa qabdan kara kana nuu ergu dandesu @Faarfannaahaaraa_bot
#group_keenya @faaruutuubee
#Channel keenya @OboroMedia
🙏🙏🙏

Last updated hace 1 semana, 6 días

📈 If stock market experts were so expert, they would be buying stock, not selling advice. 🤔
~Norman Ralph Augustine | @Stockbot

Contact: @Executive_Robot

Last updated hace 1 mes

1 week ago

Neezerlaanditti lakkoofsi bataskaanota gara masjiidaatti jijjiramanii haalaan dabalaa jira

Yeroo ammaa masjiidonni biyya Neezerlaand keessatti argaman lakkoofsi isaanii yeroodhaa gara yerootti haalaan dabalaa jira. Kunis biyyattii keessatti islaamummaan daran babal'achaa jiraachuu hordofeeti. Isaan keessaa waldaan Piroteestaantii 10, waldaan kaatolikii , kan Yahuudotaa 3 gutummaan guutuutti gara masjiidaatti kanneen geeddaramaniidha.

Neezerlaand keessatti waldaan Piroteestaantii waggaatti yoo xiqqaate namoota (hordoftoota amantichaa) 60,000 ta'an dhabuun yeroodhaa gara yerootti cufamaa jiru. Torbanitti yoo xiqqaate waldaan tokko cufamee gurguurtaaf ni dhihaata. Qorannoon dhiheenya kana 'Faith in the Future! Strategic plan for religious heritage' dhaan gaggeeffame akka agarsiisuutti waggoottan muraasaa as qofa waldaan kaatolikii 300, kan 600 fi Yahuudaa 10 akkasumas kan budahaa 1500'n cufamaniiru.

Waan Rabbi mi'eesse maaltu hadheessa?

#Masjiida

👇👇👇
@Saahibuddiin28

1 week ago

Islaamummaan oluma!

Namoota addunyaa (keessumaa biyyoota dhihaatti)irraa Islaamummaa fudhataa jiran keessaa lama sadaffaan ( ⅔) isaanii ykn %65 Dubartoota. Yoo amantiin Islaamaa mirga dubartootaa dhiibe maaliif gara Islaamummaatti dhufu? Mirga isaanii wallaalii? Miti! Waan amantiin islaamaa mirga isaanii eegeefi. Waan biyyoota dhihatti dhaban waan Islaamummaa keessatti argataniifi. Yeroo amantiin gariin birrii fi faayidaa adda addaatiin nama miseensa isaa gochuuf barbaadee dhabutti namoonni amantii Islaamaa barbaadanii itti amanaa jiru.

Taatee Fulbaana 9/ 11 booda turtii Baatii kudhanii qofa keessatti lammiiwwwan Amerkaa kuma soddomii afurtu(34,000) Muslima ta'e. Kana jechuun yeroo sanatti guyyaatti namoota 113.3 muslama ta'u jechuudha. Akkasumas Awuroopaatti namoota kuma digdamii afurtu (24,000) Islaamummaa fudhatan. Kana irraa wanti hubannu namni ilaalcha summaa namoonni Islaamummaa irratti kaasanuuf ibsa sirrii kennu yoo jiraate namoonni waa'ee amantii Islaamaa holola summaawaa afarsuun amantii Islaamaa namoota barsiisuuf baay'ee akka gargaaruudha.
Bagan Islaama ta'e!
#Islaamummaa

👇👇👇
@Saahibuddiin28

1 week, 1 day ago

kanaafan itti amane

Abbaa keenyaafi Haadha keenya kan  jireenya biyya lafaa  dhukkuba, beela, gidiraa gara garaa fi  du'a qabdu kana irratti akka argamanuuf sababa nuuf ta'an akkaan jaallanna.  Isaan gammachiisuuf waan baay'ee goona. Isaaniif jecha of wareeguu irraa of duuba hin jennu. Nabiyyii ﷺ keenya jaallatamaa kan Rabbii nu uumeen wal-nu barsiise, kan Jenneta isa  keessatti hin dhukkubsanne,  hin beelofne,  hin rakkannee, hin dullaamnee  fi keessaa du'uun hin jirre akka arganuuf nu barsiisan akkamitti hin jaallannu? Eeyyeen Nabiyyii    ﷺ ni jaalladha.  Eeyyeen Nabiyyii  ﷺ kiyyaaf lubbuu kiyya ni kenna.

Maaliif kana hunda jaalachuun barbaachise ?  yoo naan jette deebiin kiyyaa Osoo Nabi Muhammad ﷺ Amantii dhugaa Islaamummaa na barsiifne ta'e  anis akkuma ummata Biliyoona 2.4 dhala namaan gabbaran ture.  Akkuma ummata Biliyoona 1.9 Anis  Rabbiin hin beekun ture. Akka Ummata biliyoona 3.7 anis wantoota adda addaa (Haawilti adda addaa, Beelada, Muka, dhugaa, Sheexaanaa fi wantoota biraa) gabbuun dhamaatii keessan seena ture. Nabi Muhammad ﷺ  kana hunda irraa na oolche. Kanaaf galata guddaa nabiraa qabu. Kana qofa miti.

Guyyaa qiyaamaa gaafa cinqii, gaafa aduun taakkuu tokko qofa nama irraa fagaatu, Gaafa daa'imni Arrii baasu, Gaafa abbaan ilma dhokatu, gaafa Haati ilmoo dhokattu, gaafa abbaan maraa fi haati manaa walbaqatan , gaafa firri walbaqatu, gaafa haati bakka itti deessee fi akka itti deesse dagattu,  gaafa namni akka waan farshoo dhugeetti maccaa'u, gaafa jaannam luugama kuma torbaatamaan tokkoon tokkoon luugamaan Malalaa'ikaa kuma torbaataamaan qabame  dhufu. Gaafa Anbiyoonni hundi essatti baana ? essatti baana ? Jedhan  Nabiyyiin ﷺ  keenya jaallatamaan  Anaafi isin hin dagatan.  Guyyaa san magantaa dhuuf dhaabbatu/jaarsa nuuf ta'u. Nabiyyiin   ﷺ akkas     jedhan :   "Nabiyyoonni Hundi Du'aa'ii (isaaniif qeebalamtu) qabu.  Ani Du'aa'ii kiyya  guyyaa qiyaamaa ittiin ummata kootiif magantaa (dhaabachuufan) ol kaayadhe".  ⎣Musnada Ahmed 8959].

Nabiyyoonni hundi du'aa'ii isaanii addunyaa irratti ittiin fayyadamaniiru. Garuu nabi Muhammad  ﷺ anaaf siif jecha ol kaayatan.  Ani kanaafan itti amane.  Mee salawaata irratti buusi!

ﷺﷺ   ﷺﷺﷺ             ﷺﷺﷺ   ﷺﷺﷺ
👇👇👇

@Saahibuddiin28

2 months, 1 week ago

Wal-dhabbii Kiristaanotaa fi Macaafa Qulqulluu Kutaa 3ffaa

11.Kiristaanota Yesuus du'ee du'aa moo'e kaheera.
📖Macaafa Isaanii 👉🏻Yesuus waaqayyoon isa du'a oolchuu danda'u kadhate,kadhatni isaas waan dhagaa'ameef du'a Ooleera.[Ibroota 5:7]
12.Kiristaanota 👉🏻Yesuus Ergamaa ykn Raajii miti.
📖Macaafa isaanii Yesuus Ergamaadha[Ibroota 3:1]
13.Kiristaanota 👉🏻Seerri Moofaan Yesuusiin Diigameera.
📖Macaafa Isaanii👉🏻"Ani seera diiguuf hin dhufne Ittiin raawwachuufan dhufe male"[Matiyos 5:17]
14.Kiristaanota👉🏻"yesuus qofaaf jilbeenfadhaa sagadaa.
📖Macaafa Isaanii,👉🏻Yesuus akkas jedhe "waaqayyoon qofaaf jilbeenfadhuu sagadi,isa qofaafis hojjadhu"[Matiyos 4:10]

15.kiristaanota👉🏻Yesuus waan hunduma ofii isaan beeka.
📖Macaafa Isaanii👉🏻Yesuus ofii waan tokko akka hin beekne hima,guyyaan dhumaa/qiyaamaan yoom akka ta'e hin beeku."Guyyicha sana Abbaakoo duwwaatu beeka"[Marqos 13:32].

Mee warra kiristaanaa eega Macaafni keessan faallaa hojii keessanii ta'e macaafa isa kamiin hordofaa jirtu?????
Maaliif ofitti taphattu lammii koo adara!!
Amantii jechuun dhimma lubbuuti. dhimma Namni sababaa isiitiif biyya lamaanitti Milkaa'u ykn honga'u. Kanaaf itti yaaduun barbaachisaadha.
Abbaan ykn Armeen tiyya amanti kana qabu jechuuf osoo hin taane ragaa fi Qorannoon ta'uu qaba.

Yoo dhugumaan dogongorri gama kiyyaan kan jiru tahe Ragaadhaa wajjin akka naaf sirreesitanu isin gaafadhu.
Yoo dhugaa ta'e immoo Maaliif akka Macaafichatti Amanuu hin barbaanne nuuf ibsa.

Hubachiisa yoo akka carraa ta'ee kiristaanonni macaafa isaanii irraa keeyyata yaada isaanii kan armaan olii kana deeggaru fidatan qabxiin sun qabxii ani dhiheesse armaan olii kanaan akka walfaallessu hubatamuu qaba.

Itti fufa...

Barnoota Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdani barachuu yoo barbaaddan Chaanaali keenya armaan gadi Join gochuun nu hordofa.
👇👇👇
@Saahibuddiin28

2 months, 1 week ago

As wr wb, Kabajamtoota Ummata Islaamaa,
Ashamaa akkam jirtu hordoftaata amantii Kiristaanaa fi Waaqefataa?

Namoonni Gaaffii Fatwaan ala gaaffii barbaadan amantii Islaamaa irraa qabdan gaaffachuu dandeessu. Garuu gaafachuun dura Ulaagaaleen armaan gadii kun hordofamuu qabu. Ulaagaa kanneen hin hordoftaantaanaan gaaffii Keessan hin keessumeessinu.

  1. Maqaa, Sadarkaa barnoota keessanii fi Amantii Keessan ibsachuu qabdu. Maqaa Keessan ibsachuu yoo hin barbaanne immoo Amantii, Sadarkaa barnoota Keessanii fi Hojii keessan ibsachuu qabdu.

  2. Yeroo tokkotti Gaaffii tokko qofa gaafachuu dandeessu: Kana jechuun gaaffichi dhimma tokko qofa irratti kan hundaa'e ta'uu qaba,

  3. Gaaffii keessan Sagalee(voice ) qofan
    dhiheefachuu qabdu,

  4. Gaaffiin keessan bifa gabaabaa himoota 10 hin caallee ykn yeroo daqiiqaa 2 hin caalle keessatti gaafachuu qabdu,

  5. Yoo gaaffiin keessan Qur'aanaa fi Hadiisa Sahiihaatiin kan walqabatu ta'e Keeyyata irraa gaaffatan sana lakkoofsaa fi boqonnaa qofa dhiheefachuu osoo hin taane yaada keeyyatichi qabu bifa barreefamaatiin dhiheefachuun dirqama.

  6. Gaaffiin Keessan Arrabaa fi Qeeqa irraa bilisa ta'uu qaba.

7.Gaaffii Keessan teessoo keenya kana
👉@Saahibu28👈 gadi qabuun irratti nuuf ergitu.
Ulaagaa kanneen tarreessuun akka namoonni fakkeessuu qofaaf deeman adeemsa isaanii sirreefatatanii qabatamaa jiru qofa irraaa gaafatan gochuuf gargaara.

Hubachiisa kan armaan olitti jenne kun gaaffiidha (Question ) malee, Falmii ( Debate ) gochuu miti. Falmii gochuu yoo barbaadan sun sagantaa of danda'aadha waan ta'eef addatti gaafachuu dandeessu.

Addatti Muslimoonni sababa addaatiin ulaagaa armaan olii keessaa muraasa guutuu hin dandeenye yoo jiraatan gaaffii keessan yoo dhiheeffatan ni simanna.

👇👇👇👇👇

@Saahibu28

2 months, 2 weeks ago

Wal-dhabbii Kiristaanotaa fi Macaafa Qulqulluu Kutaa 2ffaa

6.Kiristaanota👉🏻Yesuusiif Abbaan tokkuma wol hin caalanu.
📖Macaafa isaanii👉🏻 yesuus akkas jedhe: "Abbaan ana caala[ yohannis 14:28]
7.Kiristaanota👉🏻Yesuus Addunyaa hundaaf Ergame.
📖Macaafa isaanii 👉🏻"Yesuus ani Israa'el  duwwaaf malee hin Ergamne"[Matiyos 15:24]
8.Kiristaanota👉🏻Yesuus humna isaatiin waan hunda ni hojjata.
📖Macaafa isaanii👉🏻 "Yesuus Ani Humna kootiin homaa hojjachuu hin danda'u" [Yohannis 5:30]
9.Kiristaanota👉🏻Yesuusitti kan amanu jireenya bara baraa qaba.
📖Macaafa Isaanii👉🏻 Yesuus akkana jedhe:"Isa   Ana Ergetti(Waaqatti ) kan amanu jireenya bara baraa qaba".[Yohannis 5:24]
10.Kiristaanota👉🏻Yesuus ni farada.
📖Macaafa Isaanii👉🏻 Yesuus "Ani Hin faradu"[Yohannis 12:47]

Obbeleewwwan keenya Kiristaanaa kanneen shakkii qabdan deemaati keeyyatoota xuqaman kana dubbisa. Beekaa jallachuu Rabbi nu haa oolchu.

Mee warra kiristaanaa eega Macaafni keessan faallaa hojii keessanii ta'e macaafa isa kamiin hordofaa jirtu?????
Maaliif ofitti taphattu lammii koo adara!!
Amantii jechuun dhimma lubbuuti. dhimma Namni sababaa isiitiif biyya lamaanitti Milkaa'u ykn honga'u. Kanaaf itti yaaduun barbaachisaadha.
Abbaan ykn Armeen tiyya amanti kana qabu jechuuf osoo hin taane ragaa fi Qorannoon ta'uu qaba.

Yoo dhugumaan dogongorri gama kiyyaan kan jiru tahe Ragaadhaa wajjin akka naaf sirreesitanu isin gaafadhu.
Yoo dhugaa ta'e immoo Maaliif akka Macaafichatti Amanuu hin barbaanne nuuf ibsa.

Hubachiisa yoo akka carraa ta'ee kiristaanonni macaafa isaanii irraa keeyyata yaada isaanii kan armaan olii kana deeggaru fidatan qabxiin sun qabxii ani dhiheesse armaan olii kanaan akka walfaallessu hubatamuu qaba.

Itti fufa...
Barnoota Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdani barachuu yoo barbaaddan Chaanaali keenya armaan gadi Join gochuun nu hordofa.
👇👇👇
@Saahibuddiin28

2 months, 2 weeks ago

As wr wb . Warri amantii Islaamaa hordoftan, Ashamaa akkam jirtu Warri amantii Kiristaanaa hordoftan. 1. Gaaffii armaan gadii kana irratti hirmaadhaa! Amantiin kee Rabbiin biratti fudhatama akka qabu ykn  Ragaan amantiin kee sirrii akka ta'e  siif mirkaneessu…

2 months, 2 weeks ago

As wr wb . Warri amantii Islaamaa hordoftan, Ashamaa akkam jirtu Warri amantii Kiristaanaa hordoftan.

  1. Gaaffii armaan gadii kana irratti hirmaadhaa!

Amantiin kee Rabbiin biratti fudhatama akka qabu ykn  Ragaan amantiin kee sirrii akka ta'e  siif mirkaneessu, kan Rabbiin/ Waaqni  dubbate jiraa?

Yoo jiraate:

Muslimoonni Qur'aanaa fi Hadiisa Sahiihaa irraa   ragaa keessan Comment irratti nuuf barreessaa.

Kiristaanonni Ragaa keessan Macaafa Qulqulluu(Bible ) irraa  Comment irratti  nuuf barreessaa.

@Saahibuddiin28

2 months, 2 weeks ago

Wal-dhabbii Kiristaanotaa fi Macaafa Qulqulluu Kutaa 1ffaa

Mata duree kana jalatti bifa gabaabaa ta'en garaagarummaa barsiisa Bible fi Kiristaanota Kan ilaallu ta'a.Barsiifni Kiristaanummmaa hardha barsiifamu baay'een isaa Macaafaan hin deeggaramu.

Fkn:

1. Kiristaanota 👉🏻 Waaqayyo tokkos,Sadii'is.

📖 Macaafa jaraa👉🏻 .Waaqayyo keenya kophaa isaagooftaadha. [Marqos 12:29]

2. Kiristaanota👉🏻Yesuus Waaqayyo biraa hin qabu inni ofiifuu waaqayyodha.

📖 Macaafa Isaanii👉🏻 Yesuus Immoo Ana hin qabin gara #waaqayyo #kootiif waaqayyo keessaniitti ol nan ba'aa jedhe[Yohannis 20:17]

3.kiristaanota👉🏻 Yesuus nama miti.
📖Macaafa Yesuus ilaama
Nama ofiin jedhe.[yohannis 8:40].
4.Kiristaanota👉🏻Waaqayyo nama fakkaatee mullate.

📖Macaafa Isaanii👉🏻Waaqayyoon akkana jedha"Ani Waaqayyodha male nama miti [Hose'a 11:9].

5,Kiristaanota 👉🏻Yesuus cubbuu keenyaaf jecha du'eera.
📖Macaafa Isaanii👉🏻 Cubbuu namni tokko hojjateef namni biroo hin du'u,lubbuun cubbuu hojjate ofumaaf ni du'a.[Hesqi'el 18:20].
Kan dhugaa dubbate Kiristaanota moo ? Macaafa ?

Itti fufa..

Barnoota Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdani barachuu yoo barbaaddan Chaanaali keenya armaan gadi Join gochuun nu hordofa.
👇👇👇
@Saahibuddiin28

2 months, 3 weeks ago

Gali Ababor Official:
Cimina Abbaan Jifaar Islaamummaa Irratti Qabaniifi Yaalii Kiristaana Isaan Gochuu Minilik
,
Abbaan Jifaar mootolee yeroo isaanii beekaman hunda caalaa Islaamummaa irratti cimoo turan. Carraa adda addaatti fayyadamanii gabroota bilisa baasu turan. Keessumaa ji’a Ramadaanaa keessa waggaa waggaan gabroota dhibbaa ol bilisa baasu.
Aalimoota baay’ee jaalachuu irraa kan ka’e aalimoota Itoophiyaan ala jiraniifillee kennaa adda addaa kennaniifii akka qaraasisuu irratti jabaatan godhu. Fkn yeroo sanatti aalimni beekaan Sheykh Habiibullaah jedhaman Makka keessatti akka qaraasisan dhaga’anii “qaraasisuu irratti cimaa” jedhanii warqii uuqiyyaa tokko erganiif. Muslimoota biyya keessaa qofa osoo hin taane waa’ee Muslimoota addunyaa irra jiraniillee ni gaggaafatu turan.
**❤
Ofii isaaniitiifis ibaadaa dhuunfaa yoomuu hin dagatan ture. Yoo keessummaan fedhe itti dhufellee sa’aatii salaataa hin dabarsan. Keessummicha teessisanii salaatu turan. Aleksaander Bilaatoovich kan bara 1898 ji’a Amajjii keessa gara Jimmaa dhufee ture odeeffannoo armaan gadii barreesseera:
###########
Yeroo xiqqoo akka taphanneen yeroon salaata halkanii ga’e. Abbaan Jifaar akka ani xiqqoo isaan eegu dhiifama na gaafatan. Hiriyoota isaanii wajjin gara cinaatti siqanii dhiqachuu jalqaban. Tajaajiltuun isaanii tokko meeshaa ittiin dhiqatamu silvarii irraa hojjatame fiddeef. Abbaan Jifaaris akka seera Islaamaatti kadhaa kadhataa (du’aa’ii godhaa) harka, miila, qoma, mataafi gurmuu isaanii dhiqatan. Fuula isaanii gara kaabaatti deebisanii sagaduu jalqaban. Bareechee dukkanaa’ee ture. Mootiin tokko haala kanaan sagaduufi du’aa’ii godhuun keessummaa Awrooppaa kanatti abjuu fakkaata ture. Abbaan Jifaar masubaa isaanii lakkaa’aa kadhaa kadhatu turan. Ergasii deebi’anii dhufanii barcuma isaanii irra taa’an.

Amantii Islaamaa irratti cimuu irraa kan ka’e gamoo isaan warra hajjii dhaquuf Makkaafi Madiinatti ijaaran isiniif dubbadheen ture.
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
Abbaan Jifaar daa’imummaa isaaniitiin haadha isaanii Shirree/Haliimaa Abbaa Duulaa irraa Qur’aana qara’aniiru. Of qofaa qara’anii hin dhiifne; haadha manaa isaanii hunda Qur’aana qaraasisanii turan. Aadaa Jimmaa keessatti immoo namoonni gurguddoon Abbaa Jifaaritti hidhachuuf yaalu. Sababa kana qoroon jaatamni bulchiinsa isaanii keessa jiran hundi haadha manaa isaanii Qur’aana qaraasisan. Warreen Abbaa Jifaar hordofanii dubartoonni hoggantoota baay’ee Qur’aana qara’uun Islaama baballisuu keessatti ga’ee guddaa qaba ture.

Akkan manguddoota irraa dhaga’etti bara Abbaa Jifaar keessa sheekolii, namoota sirriitti salaata eeggatan, warra ilmaan Qur’aana qaraasifataniifi kkf irraa gibirri hin fuudhamu ture. Akkasumas Abbaan Jifaar sheekolii naannoo birootti rakkatanii baqatanii dhufan qubsiisuudhaan beekamu. Kana malees wantoonni isaan Islaamaaf gumaachan baay’eedha.
😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭
Garuu wanti baay’ee nama ajaa’ibu Abbaan Jifaar Islaamummaa irratti akkana jabaachuu wajjin Atse Minilik amantii Islaamaa irraa isaan deebisuuf yaalii gochuu isaati. Akkan manguddoo keenya irraa dhaga’etti Minilik dhimma cimaa wahiitiifin si barbaada jedhee Abbaa Jifaar gara Finfinneetti waame. Abbaan Jifaaris A/Dikoo A/Billoo dabalatee manguddoota ciccimoo sagal fudhatanii gara Finfinnee deeman; achi ga’anii bakka qubannaa isaanii naannoo Buraayyuu ture bulanii ganama Minilikiin bira dhaqan. Minilikis Abbaa Jifaar qofa ol naa galchaa jedhee waardiyyoota ajaje. Achiin Abbaan Jifaar kophaa isaanii isa bira seenan. Minilik yaada armaan gadii irra dhiheesse: “har’a dhimma cimaafin si barbaade. Innis mootummaa koo walakkaa isaa siifin kenna. Akkasumas intala koo Zawdituu sittin heerumsiisa. Garuu ati anaa wajjin Kiristaanummaa fudhadhu” jedhe. Abbaan Jifaaris “buleen itti yaadee dhufa” jedhan. Abbaan Jifaar manguddootaa wajjin gara bakka qubannaa isaaniitti deebi’anii tasgabbiin bulan. Manguddoonni dhimma Minilik isaan waameef galgala sana gaafannaan “amma dhiisaa tasgabboofneen ganama isinitti hima” jedhan.

We recommend to visit

buy ad: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii

CEO @Obsamilli


Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii

Last updated hace 1 mes, 1 semana

Chaanaalii kana irratti Faarsaa Kanneen Bara Durii,akkasuma Haaraa Qilleensarra kan Oolan @full Album,,, argachuu dandeessu #faarfannaa qabdan kara kana nuu ergu dandesu @Faarfannaahaaraa_bot
#group_keenya @faaruutuubee
#Channel keenya @OboroMedia
🙏🙏🙏

Last updated hace 1 semana, 6 días

📈 If stock market experts were so expert, they would be buying stock, not selling advice. 🤔
~Norman Ralph Augustine | @Stockbot

Contact: @Executive_Robot

Last updated hace 1 mes