Why Pay for Entertainment? Access Thousands of Free Downloads Now!

Gabbisa Sammuu

Description
Sammuun gabbate rakkina huuqqisa!

Odeeffannoo fi barumsa gargaraa waa'ee Fayyaa sammuu fi Dhukkuboota sammuu irratti ni argattu.

Yaada,ergaa,qeeqaa fi gaaffii qabdan karaa @firaaf26 tiin nu biraan gahuu ni dandeessu!
Advertising
We recommend to visit

Waa mareeg lagu aruuriyo duruusta culimada soomaaliyeed.

Waxa ka masuul ah:
https://t.me/IshraqCenter

Kala xidhiidh maamulka halkan:
@Turaasculimobot

Waxaad ka heleysaa buugaag ku qoran Luqadaada Hooyo ee Af-Soomaaliga oo ka liyah

Fadlan wixii Su'alaha la xariir

@liibaanwaasuge
@Mfaratoon

Hoyga Aflaanta Hindiga & Musalsalda Afsomali ah Gaar ahaan Kuwii Hore ee 70aad Kii ilaa 2024 Jaceyl Waali @ALFAGHISTUDIO Halkan Ka Daawo

8 months, 3 weeks ago

Marii waa'ee Fayyaa Sammuu irratti tamsaasa kallattiidhaan Fm Finfinnee 92.3 wajjiin gochaa turre warroonni isin darbe linkii asii olii kannaan dhaggeeffachuu dandeessu!

8 months, 3 weeks ago

https://www.facebook.com/fmfinfinnee92.3/videos/198185233150362/

Facebook

FMfinfinnee92.3 | Tamsaasa Kallattii Kamisa Ganama FM Finfinnee 92.3...

Gabbisa Sammuu
10 months, 2 weeks ago

Namni Gaggabdoo qabu tokko si biratti kufee beekaa? Akkamitti gargaaruu dandeessaa ?

#Gaggabdoo/ Epilepsy!

Wantoota namoota sababa gaggabdootiif kufaniif godhamuu qaban keessa murasni:
✓ Akka balaan irra hin geenye ittisuu. Wantoota qara qabanii fi miidhaa irraan gahuu danda'an irraa fageessu.
✓ Mataa isaanii boraasisuu, waan laafaa mataa isaanii jala kaa'anii irkisuu
✓ Akka qillensa haalan baafachuuf isaaniif mijatuuf Cinaacha bitaan akka ciisan gochuu.
✓ Hanga isaan of baraniif itti dhiyaatanii callisaan hordofuu.
✓ Nannoo morma isaanitti uffata hedduu isaan qabu kan uffatanii jiran yoo ta'e irraa furuudhan akka qillensa bilisan baafatan gochuu.

Wantoota godhamuu hin qabne!
√ Wixxifanna fi sochii isaan godhan sana ittisuuf yaalun hin barbaachisu. Innuu ofuma isaatii daqiiqa muraasa booda ni dhiisa.
√ Waan kamuu afaan keessa ka'uun hin barbaachisu. Wanti dhugamuu fi wanti nyaatamu tokkos hanga isaan guutuutti of baraniitti kennamufii hin qabu.
√ Iddoo balaaf isaan saaxiluu danda'u irratti kan kufanii jiran yoo ta'e malee sossochoosuuf yaaluun hin barbaachisu.
√ Kirbiitii fi wantoota gargaraa itti aarsuun hin barbaachisu.
√ Rifachuu fi shororkaa'uun hin barbaachisu!

#Gorsa!
Dhukkubni gaggabdoo yaala waan qabuuf gara mana yaalaa deemuudhaan dawaa kennamu itti fufiinsaan fudhatanii balaa sababa isaatiif dhufuu danda'u of irraa qolachuun hedduu barbaachisadha!

Fayyaa hin dhabinaa!!

Firomsa Urgessa( Ogeessa yaala sammuu)

11 months, 3 weeks ago

Otoo biraan hin gahin jiguun qaama saalaa (Premature ejaculation)n maali, sababoota maaliin namatti dhufa, akkamitti irraa fayyuu dandeenya!

Premature ejaculation maali?

Rakkoon kun yeroo wal qunnamtii saalaa godhan, qaamni saalaa dhiiraa qaama saala dubartii keessa erga seenee booda daqiiqaa tokkoo fi isaa gaditti kan jigu yoo ta'edha. Rakkoon kun namarraa namatti garaagarummaa qabaatus; gulantaalee sadi keessatti hammatama.
1. Sekoondii 15 gaditti jiguu qaama saalaa.
2. Sekondii 15-30tti jiguu qaama saalaa.
3. Sekondii 30-60 tti jiguu qaama saalaa.

Qorannoon gara garaa akka argisiisanitti rakkoon kun namoota addunyaa keenyaa paarsantii 8-30 ta'an irratti kan muldhatu yoo ta'u; namoota dhukkuba qaamaa fi dhukkuba sammuu garagaraa qaban irratti akkasumas hawaasa saalqunnamtiin keessatti saalfatamu kan akka biyya keenyaa kana keessatti dhibbeentan isaa kanaa ol ta'a jedhamee yaadama. Rakkoon kun bakka gurguddoo lamatti kan qoodama.

  1. Dafee jiguu (dhangalaasuu) qaama saalaa , saalqunnamtii yeroo jalqabaarraa kaasee mudatu.
  2. Dafee jiguu(Dhangalaasuu) qaama saalaa ,yeroo booda namatti dhufu.

Sababoota dafee jiguu (dhangalaasuu) qaama saalaa fidan.
Sababoonni dafee jiguu (dhangalaasuu) qaama saala namatti fidan warreen murteessoon shanidha.

  1. Sababa rakkoo jaalallee yookaan haadha manaan:
    Jaalalleen keessan rakkoo saalqunnamtii yookaan dhukkuba qaamaa fi sammuu kan qabdu yoo taate, dhiirota irratti rakkoon kun akka muldhatuuf sababa ta'uu danda'a.

  2. Rakkoo hariiroo gaarii dhabuun:
    Jaalallee yookaan haadha manaa keessan waliin walii galtee gaarii, wal lolaa fi jeequmsi gidduu keessan yoo jiraate rakkoon kun isin mudachuu danda'a.

  3. Rakkoo dhuunfaan:
    Ijoollummaatti rakkoon gudeedamuu yoo nama qunname, miirri namaa yoo jeeqame, nama jaalatan yoo du'aan dhaban, mdhukkuboota sammuu kanneen akka dawweessa, sodaa humnaa olii, jeeqamuu ,saalqunnamti yeroo jalqabaa, miira gadi aantummaa ofiif qabaachuu, hin danda'u jechaa gara saalqunnamtii seenuu, yeroo tokko yoo nama mudate irra deebihanii yaaluu dhiisun rakkoo nama mudatudha.

  4. Rakkoolee aadaa fi duudhaa hawaasan wal qabatan.
    Hawaasa saalqunnamtiin akka qaaniitti ilaalamuu keessatti fi dhorka duudhaan saalqunnamtii gaa'ila duraa irratti taasisuun, saalqunnamtii saalfachuun yaalii gochuu dhiisun rakkoo kanaaf nama saaxiluu mala. Akka ragaatti ammoo namoota gaa'ila dura saalqunnamtii raawwatanii hin beekne irratti rakkoon kun ni baayy'ata.

  5. Sababoota rakkoo dhukkuba qaamaan wal qabataniin;
    Sababa dhukkuba qaamaan jeeqamuun keemikaalotaa fi hoormonii rakkoo kanaaf sababa guddaadha.

Falli maali!
-Saalqunnamtii dura yeroo dheeraadhaaf masturbation irra turuu dhiisuu. Kunis qaamni namaa sadarkaalee saalqunnamtii shanan keessa darbee akka dafee hin jigneef fayyada. Dheerinni yeroo qaamni saalaa dhiiraa kan dubartii keessa turu ammoo dhiiraaf haamilee kennaa waan deemuuf ,yeroo itti aanutti akka sirritti turuuf ni gargaara.
-yeroo saalqunnamtii gootan yaada keessan waan biroorra godhaa. Waayee saalqunnamtii irra deddeebitanii yaaduun ,gulantaan saalqunnamtii akka saffisu taasisuun isin jalaa dhangala'a.
-Haadha manaa yookaan jaalallee keessaniin wal mari'adhaati irra deddeebihaa yaalaa.
- Yoo dhukkuba qaamaa qabaatan yeroon yaalamuu.
- Dhukkuba sammuu fi ilaalcha gadi aanaa ofiif qabnu sirreeffachuu yookaan yaalamuu.
- Ofitti amanamummaa guddaadhaan gara saalqunnamtii deemuu.
- Sochii maashaa jabeessuu(kegels exercise)kana jechuun sochii guyyaa guyyaan maashaa naannoo qaama saalaa (pelvic floor muscle) jiran guyyaa guyyaan kottoonfachiisuuf diriirsuun godhamudha (Nafyad Getu)
-sochii qaamaa taasisuu
-Alkooliin ni tursiisa jettanii yaaduu dhiisuu.
- Yoo humnaa ol isinitti tahe mana yaalaa deemuu.

https://t.me/siifjedhee
Hub: Rakkoon kun jiha jahaa ol yoo isinirra ture gara mana yaalaa deemuu qabdu.

Telegram

Jobs sites

Health related and other vacancies ***👉***Share ❖For recommendations Use @tolisis

Otoo biraan hin gahin jiguun qaama saalaa (Premature ejaculation)n maali, sababoota maaliin namatti dhufa, akkamitti irraa fayyuu dandeenya!
1 year, 1 month ago

Yaada of ajjeesuu qabaachuu( Suicidal Ideation)
Akka daataan istaatiksii fayyaa addunyaa ibsutti addunyaa irratti sekoondii afurtama(40sec) keessatti sababa ofiin of ajjeessuutiin lubbuu nama tokkotu darba. Kana jechuun waggaa tokko keessatti namoota miliyoona tokkotti siqantu lubbuu ofii galaafata jechuudha.
Yaada of ajjeesuu( Suicidal ideation) bakka lamatti qoodnee ilaalu dandeenya:
1, Passive suicidal ideation: Namoonni yaada kana qaban du'uu ni barbaadu, garuu ofiin of ajjeesuu irra karaalee birootiin du'uu hawwu.
Fkn: Balaan hamaan na muudatee osoo na ajjessee, konkolataa jala bu'ee osoo du'ee, rafee osoo achumaan hafee, dhukkubni dafee nama ajjeesuu osoo na qabee fi kkf du'uuf hawwu.
2, Active sucidal ideation: Namoonni kun immoo of ajjeesuuf yaaduu qofa osoo hin taane akkamitti akka of ajjeesanii fi yoom, akkasumas maliin of ajjeesuu akka qaban irratti karooras warroota baafataniidha.

Mallattolee namni tokko of ajjeesuuf yaadaa jiraachuu ibsan:
~ Namoota irraa kophaa of baasuu
~ Abdii kutachuu, jiraachuuf sababa dhabuu
~ Waa'ee du'aa fi waa'ee of ajjeesuu haasa'uu
~ Meeshalee nama biroo kan isa bira jiru abbichaaf deebisuu
~ Araada gara garaatiif dabarsanii of kennuu
~ Miira jijijjiramaa qabachuu,aaruu,tasgabbii dhabuu
~ Karalee ittiin of ajjeessan barbaadachuu. Fkn: qoricha bituu,funyoo qopheeffachu,rasaasa yookiin shuguxii qopheeffachuu.
~ Namootatti nagaa dhaamachuu
~ Akka of ajjeesuuf jedhan karaalee gara garaatiin ibsuu.
Yaada of ajjeesuu akka qabaataniif maaltu sababa ta'a?
Rakkoo Muukuu cimaa(Depression) qabachuun sababa namni tokko yaada of ajjeesuu akka qabaatu godhu keessaa isa ijoodha. Dhiphina fi dhukkubonni sammuu kanneen biroos yaada ofiin of ajjeesuu akka qabatan gochuu keessatti shoora olaanaa taphatu. Kanaan cinatti immoo sababoonni biroo kanneen akka: hariiroon jaalalaa jeeqamuu, maatiin walitti bu'uu, mudannoon cimaan nama qunnamuu, araada,rakkoo diinagdee, fi rakkoleen fayyaa waliin wal qabatanis namni tokko lubbuu ofii galaafachuuf akka yaadu gochuu danda'u.
MAALTU FALA?
Nama yaada of ajjeesuu qabuuf xiyyeeffannoo cimatu barbaachisa. Ilaalchi " Namni waa'ee of ajjeesuu haasa'u, ni soba of hin ajjeesuu " jedhu ilaalcha dogoggorati. Namni akka of ajjeesuuf deemu dubbatuu fi kanaan dura yaalii of ajjeesuu godhee beeku carraan inni of ajjeesuu baay'ee ol ka'aa waan ta'eef maatii fi namoonni itti dhiyaatan itti dhiyeenyaan hordofuu barbaachisa. Itti dhiyaatanii yaada isaa irraa qoodamuu, miira inni keessa jiru hubachuufi, waan isatti dhagahamaa jiru ifatti gaafachuu, meeshaa namni sun ittiin of ajjeesuu danda'u naannoo isaatii fageessuu fi yeroo hunda wajjiin ta'utu barbaachisa.
Dhuma irratti immoo of ajjeessuun persentii olaanaan rakkoo sammuu wajjiin waan wal qabatuuf gara Ogeessa yaala sammuutti deemudhaan gargaarsa barbaachisu argachuun dhimma hangafaati.

Firomsa Urgessa (Ogeessa yaala sammuu)

1 year, 6 months ago

Jeeqama sammuu fi hawwasummaa sababa #Lolaatiin dhufu.
Gadadoo fi godaanisni lolaa hangam akka cimu warra irra gahetu hubata.
︎Daa'imni xiqqaan nyaataaf hin geenne harma haadhaa gogaa kan annan hin qabnetti rarra'aa yoo boohu!
︎Haati immoo waan nyaattee harmi ishee daa'imaaf mirgu dhabdee bohuuf hawwitee garuu immoo imimmaan ishee mucaa ishee kan biraa kan sababa lolaatiif dhabdeef boottee waan fixxeef boo'uu yoo dadhabdu! ︎Abbaan ijoollee isaa kan guddisuudhaaf itti gaafatamummaadhaan geggessa ture sababa qe'ee isaa irraa buqqa'eef waan godhuuf dhabee abbaa ta'uu isaatti yoo gaabbu!
︎Baratoonni barachuudhaaf osoo hawwan barumsa irraa adda yoo baafaman!
︎Dubartiin ciniinsuun qabee karaan ittiin mana yaalaa deemtu waan hin jirreef siree irratti kophaa yoo miixattu!
︎Dhukkubsatan osoo fayyuu danda'u sababa yaala dhabaatiif yoo du'u!
︎Rasaasni nama biraatiif dhuka'e daa'ima waggaa jahaa irra yoo quphatu!
︎Namni ganama ciree wajjiin nyaatte laqna irratti rukutamee uumamota biraatiif laaqana yoo ta'u!
︎Horiin moonaa keessa ture tikseen isa bobbaftu waan baqatteef guyyaa sadi itti cufamee yoo oolu!
︎Lukkuun maatiin balbala jalaa banu waan hin jirreef irbaata amaa yoo taatu!
︎Nama du'e awwaluudhaaf osoo deemtu ofii keetii yoo awwalamtu!
︎ Maatii si jalaa boqateef gadduu barbaaddee garuu gadduu yoo dadhabdu!
︎Nyaata dura guyyaatti si'a sadi nyaattu, guyyaa saditti al takka nyaachuudhaaf carraa yoo dhabdu!
︎ Maatiin gargar yoo faca'u, daa'imni abbaaf haadha yoo dhabdu!
︎Qee'ee itti dhalattee buqqaatee mana malee yoo haftu!
Hangam akka cimu yaadi! Balaan lolaan wal qabatee dhufu kan tilmaamamuu ol ulfaatadha.
Hawaasni eddolee lolli itti geeggeffamutti argamu kamuu dararraa fi madaa jechoonni ibsuu hin dandeenyeef saaxilama.
Birmannaa,Biradhaabannaa fi tumsa warroota buqqa'aniif gochuun hiika namummaa isa dhugaati!

Namni nama qaba, namatu nama dhaqqaba!

1 year, 6 months ago

Obboloota dhiiraa lama, tilmaamaan umrii afurtamoota gara jalqabaa keessa ni ta'u, malli harkaa badee waan godhan wallallaan nu marsiisuudhaaf gara kutaa keenyatti akka dhufan naaf eeran. Haadha isaanittu amala haaraa fide, amala kana yeroo dheeradhaaf danda'uudhaaf yaalanis amma humna isaanitii ol ta'eera. Namoonni ollaa keenyaa nu miidhuudhaaf deemu, nu hordofu, ijoollee koo na jalaa ajjeessuu barbaadu jechuudhaan irra deddeebitee waanuma kana haasa’aa oolti. Shakkiin ishee kun amma hammatee jira, ollaa qofa osoo hin taane firaa fi namoota naannoo isheetti argamu hunda humnaa ol shakkiti. Shakkiin ishee garuu kan sababa irratti hunda'e miti. Ollaan koo tolcha/tonqolaa maatii kootti godhanii jiru, ijoollee dhiiraa koo ajjeessuu barbaadu waan jettuuf halkan guutuu hin raftu, kaatee mooraa keessa deemaa bulti. Amma immoo mana jireenyaa ishee kan waggaa baay'ee keessa jiraattee fi ijoollee itti horte, gadi dhiisnee bahuu qabna jettee maatii rakkisaa jirti. Ijoolleen ishee namni nu miidhuu barbaadu hin jiru, ollaan keenya maatii gaariidha jedhanii dhugaa jiruun ishee amansiisuuf yaalanis, isheen hin fudhattu. Booda keessa ijoolleen ishee wantichi dhukkuba akka ta’e hubataaniiru, garuu isheen ana wanti nu dhukkube tokkos hin jiru jettee waan yaadduuf gara iddoo yaalaa deemuudhaaf tole akka hin jenne himani.
Dhuma irratti waan jiru hunda erga ijoollee ishee wajjiin mar'annee booda tooftaa gara garaa fayyadamnee gara mana yaalaa dhuftee yaala akka eegaltu goone. Ammatti yaala ishee hordofaa jirti,jijjirama bareedas agarsiisutti akka jirtu yeroo hordoffiif deddeebi'anitti nutti himaa jiru.
Dhukkubni ishee muudate kun #Persecutory_Delusion/Shakkii humnaa olii sababa kan hin qabnee fi kan dhugaa hin taaneedha. Namoonni dhukkuba kana qaban soba cichanii amanu. Sababa malee namni akka waan isaan miidhuuf jedhutti yaadu.

Fayyaa hin dhabinaa!

Firomsa Urgessa Hospitaala Waliigala Kamiseetti Ogeessa yaala sammuu.

1 year, 6 months ago

Rafanii waan hin rafne se'uu!/ #Paradoxical_insomnia

Maamila yaalaaf nu bira dhufe tokkotu waa'ee hirriba isaa akkas jechuudhaan natti hima. Erga rafuu dhiisee waggaan tokko darbee jira. Guyyaa tokkos hirribni na fudhatee hin beeku. Galgala sa'aatii sadiitti gara siree koo deema,garuu osoo hirribni waan tokko nan fudhatin ganama sa'aati tokkotti siree koo irraa ka'a jedhee wanti kun hedduu isa dhiphisuu dubbata. Waggaa tokko dhiisiitii guyyaa muraasa hirriba malee turuun akkamitti danda'ama jettanii gaafachuu dandeessu! Dhugaan jirus sanuma namni hirriba malee guyyoota muraasaa ol turuu hin danda'u. Namoonni rakkoo #Paradoxical_Insomnia kana qaban garuu hirriba sirrimatti osoo rafanuu waan hin rafne itti fakkata. Halkan hirriba hoo'aa keessa turanii ganama yeroo dammaqanitti eda osoo hirribni gara ija kootti hin dhufin bule jedhu. Miseensonni maatii isaan wajjiin jiraatan raftee jirta, eda osoo raftee kurruftu si'i argee ture kanaaf raftee jirta jedhanii isaan hubachiisuuf yaalanis akka salphatti hin amanan.
Namoonni rakkoon kun hedduu isaan jeequ ogeessa xiinsammuu wajjiin dubbachuudhaan, akkasumas yaalli biroos kan barbaachisu yoo ta'e horodofuudhaan furmaata argachuu ni danda'u.

Fayyaa hin dhabinaa!

Firomsa Urgessa ( Ogeessa yaala sammuu), Hospitaala waliigala Kamiseetti.

1 year, 7 months ago

October 10 : World Mental Health Day
GUYYAA FAYYAA SAMMUU ADDUNYAA
Har'a guyyaan Fayyaa sammuu addunyaa dhaadannoo "Fayyaa sammuu fi nageenya isaa addunyaa irratti xiyyeeffannoo dursaa keennufii " jedhuun kabajama.
~ Kunuunsa fi eegumsa barbaachisu sammuu keenyaaf haa goonuu!
~ Maatii fi firoota keenya kan rakkoon fayyaa sammuu isaan muudate yaala barbaachisu akka argatan haa taasifnuu!

Fayyaa hin dhabinaa!

1 year, 7 months ago

Osoo sammuun kee abdiin hin jiru jedhee sitti himeeyyuu,abdiin inuma jira! Kanaaf abdii hin kutin.

@gabbisa_sammuu

We recommend to visit

Waa mareeg lagu aruuriyo duruusta culimada soomaaliyeed.

Waxa ka masuul ah:
https://t.me/IshraqCenter

Kala xidhiidh maamulka halkan:
@Turaasculimobot

Waxaad ka heleysaa buugaag ku qoran Luqadaada Hooyo ee Af-Soomaaliga oo ka liyah

Fadlan wixii Su'alaha la xariir

@liibaanwaasuge
@Mfaratoon

Hoyga Aflaanta Hindiga & Musalsalda Afsomali ah Gaar ahaan Kuwii Hore ee 70aad Kii ilaa 2024 Jaceyl Waali @ALFAGHISTUDIO Halkan Ka Daawo