Dive into the Ultimate Free Library: Your One-Stop Hub for Entertainment!

Dhimma Fayyaa

Description
💪 Everyone Deserve good Health.
💊 Medical should be free For all.
This channel is created for wellness and awareness about Health issues.

Contact @Getu_Abera
Advertising
We recommend to visit

buy ad: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii

CEO @Obsamilli


Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii

Last updated 1 month, 3 weeks ago

Chaanaalii kana irratti Faarsaa Kanneen Bara Durii,akkasuma Haaraa Qilleensarra kan Oolan @full Album,,, argachuu dandeessu #faarfannaa qabdan kara kana nuu ergu dandesu @Faarfannaahaaraa_bot
#group_keenya @faaruutuubee
#Channel keenya @OboroMedia
🙏🙏🙏

Last updated 3 weeks, 5 days ago

📈 If stock market experts were so expert, they would be buying stock, not selling advice. 🤔
~Norman Ralph Augustine | @Stockbot

Contact: @Executive_Robot

Last updated 1 month, 2 weeks ago

4 months ago

Tajaajila Channel Kanaan dhiyaatu:
👇
» Barnoota Amantii Cimsannaa
» Dhugaa Wangeelaa
» Ergaa Ganamaa
» Leenjiilee Hafuuraa
» Ergaa Dargaggootaa
» Qo'annaa Macaafa Qulqulluu
» Kadhata Qulqullaa'aa
» Barnoota Gaa'elaa

👇
❍► Join ❍►
    ❍► Join ❍►
    ❍► Join ❍►

¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
    Thιʂ ιʂ 𝙷𝙾𝙿𝙴 𝙿𝚁𝙾𝙼𝙾𝚃𝙸𝙾𝙽
          αԃʋҽɾƚιʂιɳɠ ƚҽʅҽɠɾαɱ
                ƈԋαɳɳҽʅʂ/ɠɾυσρʂ
                 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
𝙰𝚍𝚍 𝚢𝚘𝚞𝚛 𝙲𝚑𝚊𝚗𝚗𝚎𝚕
ᥲძძ ᥡ᥆ᥙr ᥴһᥲᥒᥒᥱᥣ

Ads
@hopepromotion
@bittaafigurgurtaachannel

4 months, 1 week ago
**Namni Tamboo Xuuxu Bu'aa Sadii Argata!**

Namni Tamboo Xuuxu Bu'aa Sadii Argata!

  1. Hin dulloomu
  2. Sareen isa hin nyaattu
  3. Hattuunis isan hattu
    ~
    Hin dullomu; sababnisaa, carraa dulloomuu osoo hin argatiin, sombisaa miidhamee, dafee waan du'uuf.

Sareen isa hin nyaattu; sababnisaa, namichi sombisaa burkutaa'ee waan dadhabuuf, ulee dhadhaabbachaa deema; sareenis nama ulee qabatee deemu ni sodaatti.

Hattuun isa hin hattu; sababnisaa, hattuun halkan yeroo mana isaa saamuu dhaqxu, namichi halkan guutuu qufa'aa waan buluuf, hattichis "dhaga'aa jira" jechuun ofirra deebi'a!

Akka sirriitti na hubattan abdiin qaba! Fayyaa keenyaaf eeggachuuf tamboo xuuxuurraa of haa eeggannuun dhaamsa kooti.

@Dhimma_Fayyaa

4 months, 1 week ago

🎄Channel Barnootaa fi Odeeffannoo addaa addaa kanneen join taasisaa! 🎄

Join All Channel
┃_
Vision ToDo
┃_
Hambisaa Motivation
┃_
Barruu Beektotaa
┃_
Yesus In Dhufa
┃_
@Gaggeessummaa
┃_
@Reading_PDF
┃_
┃@Grace_Media24
┃_
𝚃𝚁𝚄𝚃𝙷 𝙵𝙾𝚁 𝙻𝙸𝙵𝙴

@Gaaela_Gaarii
┃_
@Nan_Baradha
┃_
@Spiritual_PDF
┃_
@Computer_Soln
┃_
Android App
┃_
@Research_Paper
┃_
@Getu_Official
┃_
Kakuu Studio
┃_
Megertuu Official
┃_
Seenaa Tube
┃_
Walaloo Faaruu
┃_
Ijoollee Ifaa
┃_
Motivational Tips
┃_
Words Of The Day
┃_
@Daandii_Guddinaa
┃_
Oro Inspire Center
┃_
Daily Quotes
┃_
Kottaa Kolfaa
┃_
@Dhimma_Fayyaa
┃_
@AsoosamaafiWalaloo
┃_
Barreeffameera
┃_
Kutannoo
┃_
Top Books
┃_
Arara Tv
┃_
Marsil Tv
┃_
Students Book
┃_
┃Learn English
┃_
Mo'attoota
┃_
Rise and Shine
┃_
Waliin Waliif
┃_
Success Tips
┃_
Join All Channels

@hopepromotion
@bittaafigurgurtaachannel

5 months ago

FUNUUNAA AKKAMITTI DHIIGUU DHAABNA? @Dhimma_Fayyaa

Funuunni yeroo baay'ee gargaarsa mana keenyatti
     ofiif goonun nu dhiisa; isaanis

  1. Bakka jirrutti taa'uun funyaan keenya kutaa lallaafaa
        quba guddaa fi quba elemtuu giddutti jabeessanii
        qabachuu.

  2. Funyaan keenya waan cufameef, yeroof afaan
        keenyan qilleensa baafachuu fi fudhachuu.

  3. Gara fuulduratti xiqqoo jechun dhiigni akka gara
        dubatti deebi'ee ujummoo nyaata ykn ujummoo
        qilleensa hin seene gochuu.

  4. Ciisuu ykn sochii gochuu dhiisuu; kun dhiibbaa dhiigaa
        gara funyaanii jiru akka hir'atu gochuun, dhiiguu ni
        hir'isa.

  5. Cabbii ykn bishaan qorraa fuula fi funyaan keenya
        irratti naquu. Haala kana daqiqaa 5 - 20'f gochuu
        qabna. Yeroo kana dhiigni itituun dhiiguu ni dhiisa.

Kana goonee yoo dhiiguu dhiise wantoota akka dhiigu
     godhan gochuu hin qabnu; fknf keessoo funyaan
     keenyaa xuxxuquu. Garuu kana goonee daqiqaa 20 oliif
     yoo dhaabbachuu dide mana yaalaa deemuu qabna.

⁉️YOOM MANA YAALAA DEEMUU QABNA⁉️

👉 Mala armaan olii fayyadamtanii daqiqaa 15-20
      keessatti yoo dhaabbachuu dide;

👉 Dhiigni saffisaan kan dhiigu ykn baay'ee kan dhiige
      yoo ta'e;

👉 Qilleensa gara keessaa fi alatti baasun yoo kan nu
      rakkisu ta'e;

👉 Kan ol nu deebisiisu/haqqisiisu yoo ta'e, sababa
      dhiigni baay'een gara liqimsiitutti dhiigef;

👉 Sababni dhiiguu, yoo rukkutaa, balaa mataa ykn fuula
      irra gahe yoo ta'e (fknf kufaatii, balaa tiraafikaa)

👉 Yeroo baay'eef irra deddeebi'ee kan dhiiguu yoo ta'e;

👉 Yoo mallattoo hir'ina dhiigaa kan qabdan ta'e kan
      akka miira dadhabbii, lafti naman naanna'uu, gurri
      namatti iyyuu ...;

👉 Dhukkuba biraaf qoricha dhiigni akka hin ititne
      fudhachaa jirra yoo ta'e.

      Dr Haromsa Zerihuun

@Dhimma_Fayyaa

5 months ago
**OF EEGGANNOO***❗️*****

OF EEGGANNOO❗️****
~~~~~~~
Sababa qorraaf yookiin mana hoo'isuuf jettani cilee mana keessatti erga fayyadamtanii booda adaraa osoo hin dhaamsiin hin rafinaa!

Keessumaa namoonni dhukkuboota akka saayinesii, asmii, onnee fi kanneen biroo qabdan of eeggannoo godhaa!
~~~~~~~
ⓈⓗⒶⓇⒺ
@Dhimma_Fayyaa
@Dhimma_Fayyaa

5 months, 1 week ago

Hirriiba Naga Qabeessa

💖 Namni ga’eessi tokko (umurii 18-65) giddu galeessaan guyyaatti sa’aatii 7 - 9 rafuu qaba.

💖 Hirriiba Ga’aa Rafuun Faayidaalee Armaan Gadi Qaba.

👉 Dandeettii waa yadachuu ni dabala
👉 Dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu qaamaaf ni dabala.
👉 Sammuun kee si’aawaa (active) ta’ee akka turu godha.
👉 Dhiphina sammuu ni hir’isa.
👉 Dhibee onnee fi dhiibbaa dhiigaa ni hir’isa.
👉 Ulfaatina (furdina) kee ni hir’isa.
👉 Carraa dhibee sukkaaraan qabamuu ni hir’isa!

Waa'ee fayyaa keessanii baruudhaaf channel kana join taasisuun hiriyoota keessaniifillee qooduun gargaaraa!

@Dhimma_Fayyaa
@Dhimma_Fayyaa

5 months, 1 week ago

Wantoota Dinqisiisoo Waa'ee Sammuu Keenyaa: @Dhimma_Fayyaa

  1. Sammuun namaa 6% cooma irraa uumame.
  2. Sammuun namaa waggaa 25tti ijaaramee xumurama.
  3. Dandeettiin kuusuu sammuu namaa daangaa hin qabu.
  4. Sammuun keenya sa'aa tokko keessatti saffisa mile 268 odeeffannoo geejjiba.
  5. Giddu-galeessaan, spinal kordiin namaa waggaa 4 keessatti guddina dhaaba.
  6. Meeshaan odeeffannoo qaama keetii fi sammuu kee wal jijjiiru spinaal koordii jedhama.
  7. Namni sammuu isaa 10% qofa fayyadaman, jette jetteedha malee dhugaa miti. Hunda isaayyuu ittuma fayyadamta.
  8. Sammuun namaa pawuundii sadii ulfaata.
    Kan dhiiraa garuu kan dhalaa ni caala.
  9. Sammuun ofiisaa of qorrisiisuu danda'a.
  10. Tishuun sammuu xiqqoon ishee newuuronii 100,000 fi sayinaapsii biliyoona tokko irraa ijaarama.
  11. Sammuun namaa humna ibsaa Waattii 23 maddisiisuu danda'a. (Ampuulii tokko ibsuuf gahaadha).
    Sammuu nagaa qabaadhaa!

@Dhimma_Fayyaa
@Dhimma_Fayyaa

5 months, 3 weeks ago

Dhiphachuu║Jeeqamuu
(Stress)

❏ Dhiphinni dhukkuba sammuu irraan miidhaa geessisuu danda'uu dhah. Dandeettii hanga namni yaaduu danda'uu ni hir'isa.

Namni yeroo hundumaa dhiphatu mallattoolee kanneen akka:
➊ Kophaa ta'uu!
➋ Hojii sirnaan hojjechuu dhabuu yookiin karaa miidhaa geessisuun hojjechuu!
➌ Walitti dhufeenya yookiin hariiroo namootaa waliin qabu dhaabuu!
➍ Hirriiba nagaa dhabuu!

Yaadoleen Dhiphina Namatti Fidan Kanneen akka:
⁃ Bakka yaadan hanqachuu,
⁃ Dhiibbaa hiriyaa,
⁃ Qusannaa dhabuu,
⁃ Odeeffannoo sobaa,
⁃ Ofitti amanuu dhabuu,

➎ Dhiphinaan namni miidhame dandeettiin, haamileen yookiin anniisaan waan tokko hojjechuu isaa gadi bu'aa adeema.
➏ Waan tokko itti fufee hojjechuuf sababa dhabsiisa. Jireenya akka hiika hin qabneetti itti mul'ata.

Dhiibbaan kuni walitti dabalamee yaada sammuu isa gaarii yaaduu fi xiinxaluu danda'u irraan miidhaa geessisa!

Dhiphina Ooluudhaaf Maal Gochuu Barbaachisa?
Wanta hojjetan ija gaarummaatiin ilaalanii hojjechuu fi itti gammaduu!
⁃ Wanta keessa ofiitti yaadan baasanii dubbachuu!
⁃ Ofitti amanuu!
⁃ Guyyaa guyyaadhaan waan haaraadhaan of dammaksuu! (Motivate yourself daily)
⁃ Faaruu, muuziqaa, yookiin wanta jaalatan dhaggeeffachuu!

@Dhimma_Fayyaa
@Dhimma_Fayyaa

6 months, 1 week ago

Wantoota fayyaa sammuu kee miidhuu malan:

  1. Dukkana keessa yeroo dheeraaf turuu!
  2. Yaadota negatiivii ta'an irratti xiyyeeffachuu!
  3. Bilbila irratti yeroo dheeraa dabarsuu!
  4. Sukkaara baay'inaan fayyadamuu!
  5. Muuziqaa 'earphone' fayyadamuun yeroo hunda dhaggeeffachuu!

t.me/dhimma_fayyaa

6 months, 1 week ago

FINNIISA (Acne Vulgaris)

● Finniisni rakkoo gogaa qaama keenyaa kan namoota hedduurratti mul'atuu fi sababni isaas dibata gogaa keenyaan maddan yookiin seelonni du'an yommuu qaawwaa gogaa keenyarratti uumamaan argaman yeroo cufanidha.

Finniisa Maalfaatu Nutti Fida?

● Hormoononni qaama keenyaa yommuu jijjiiramana (keessumaa naannoo umurii ga'eessummaa)

● Qorichoota hormoonota adda addaa of keessaa qaban.

● Marsaan laguu shamarranii yeroo dhufu.
● Of dhiphisuu
● Maatii keessa namni finniisaan rakkatu yoo jiraate (genetic)

Mallattooleen-Gosuma finniisaa irratti hundaa'uun garaagara.

⁃ Finniisa adii ta'an (qaawwaan isaanii dudduudaa)
⁃ Finniisaa gugurraacha (qaawwaansaanii babbanaa)
⁃ Finniisa madaa qabu
⁃ Finniisa malaa kuufate (infeekshinii baakteeriyaa kan godhate)
⁃ Finniisa gurguddaa fi kan dhukkubbii qabu.

Yaalli Finniisaa Maalfa'i?

● Qorichoota dibataman (retinoid)
● Yaala hormoonii
● Yaala gogaa qaamaa (intralesional steroid, comedon removal)
● Nyaata soorannu sirreessuu
● Carallaa (PDT)

Ofirraa Ittisuuf Maal Haa Goonu?

⁃ Bakka finniisni itti bahe suuta qulqulleessuu, guyyaatti si'a lama dhiquu.
⁃ Wantoota dibata of keessaa qaban fayyadamuu dhiisuu.
⁃ Gogaa finniisaan miidhame harkaan tuttuquu dhiisuu.
⁃ Hojii humnaa erga hojjennee booda keessumaa yeroo baay'ee dafqan, qaama keenya saamunaan sirrriitti dhiqachuu.
⁃ Of dhiphisuu dhiisuu!
⁃ Soorata mi'aawaa ta'an baay'inaan fayyadamuu dhiisuu!
⁃ Soorata pirootiniin badhaadhan soorachuu fi kan kana fakkaatan!

@Dhimma_Fayyaa
@Dhimma_Fayyaa

We recommend to visit

buy ad: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii

CEO @Obsamilli


Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii

Last updated 1 month, 3 weeks ago

Chaanaalii kana irratti Faarsaa Kanneen Bara Durii,akkasuma Haaraa Qilleensarra kan Oolan @full Album,,, argachuu dandeessu #faarfannaa qabdan kara kana nuu ergu dandesu @Faarfannaahaaraa_bot
#group_keenya @faaruutuubee
#Channel keenya @OboroMedia
🙏🙏🙏

Last updated 3 weeks, 5 days ago

📈 If stock market experts were so expert, they would be buying stock, not selling advice. 🤔
~Norman Ralph Augustine | @Stockbot

Contact: @Executive_Robot

Last updated 1 month, 2 weeks ago