Why Pay for Entertainment? Access Thousands of Free Downloads Now!

Bilchina sammuu

Description
√√√√√√√ 💌💌💌 √√√√√√
Guddaa yaadi guddaa ta'ii
Kaayyoo kee galmaan ga'ii
Ofjabeessii ofii keetif cimii
Jabaa ta'uu kees ofiif himii
Abdii hin kutiin kutaata koo
Milkiidhan galta gaf tokkoo
√√√√√√√ ❤️💚❤️ √√√√√√√
Advertising
We recommend to visit

buy ad: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii

CEO @Obsamilli


Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii

Last updated 1 month, 3 weeks ago

Chaanaalii kana irratti Faarsaa Kanneen Bara Durii,akkasuma Haaraa Qilleensarra kan Oolan @full Album,,, argachuu dandeessu #faarfannaa qabdan kara kana nuu ergu dandesu @Faarfannaahaaraa_bot
#group_keenya @faaruutuubee
#Channel keenya @OboroMedia
🙏🙏🙏

Last updated 3 weeks, 5 days ago

📈 If stock market experts were so expert, they would be buying stock, not selling advice. 🤔
~Norman Ralph Augustine | @Stockbot

Contact: @Executive_Robot

Last updated 1 month, 2 weeks ago

4 months ago

GARAA DHIIFAMAA WALIIF QABAACHUU
⁃ Ati garaa dhiifamaa qabdaa?
⁃ Nama si miidheef garaa kee guutuu dhiifama gootee?
⁃ Garaa dhiifamaa qabaachuun balbala nagaa, balbala eebbaa banachuu akkasumas boqonnaa fi gammachuu sammuu ofiitiif argachuu, dhukkuba irraa fayyuus akka ta'e beekta

Gɑrɑɑ Dhiifɑmɑ
 Jɑɑlɑlli kɑn ibsɑmu gɑrɑɑ dhiifɑmɑɑ qɑbɑɑchuu dhɑɑn!

 Gɑrɑɑ dhiifɑmɑɑ qɑbɑɑchuun gufɑnnɑɑ bɑɑy'ee irrɑɑ nɑmɑ hɑmbisɑ.

 Siif dhiise jechuunis eenyummɑɑ nɑmɑɑtti kɑbɑjɑ olɑɑnɑɑ horɑ.

 Dhiifɑmɑ gochuun hubɑtɑɑ nɑmɑ tɑɑsisɑ.

 Gɑrɑɑ Dhiifɑmɑɑ Qɑbɑɑchuun wɑntɑ hundumɑɑ obsɑɑn birɑ dɑrbuu gɑɑfɑtɑ. Dɑndeettiin hubɑnnoo nɑmɑɑtiis obsɑ qɑbɑɑchuu isɑɑtiin ibsɑmɑ.

 Nɑmni dhiifɑmɑ godhu gɑrɑɑ qulqulluu qɑbɑɑchuu isɑɑtiif rɑgɑɑ bɑ'ɑ.
Dhiifama Waliif Haa Goonu!!!

GARAA DHIIFAMAA NAMNI QABU:

  1. Bara isaa keessatti nagaa guutuu qaba.
  2. Nama hundumaa waliin gabiitti jiraata.
  3. Rakkina isa mudachuu danda'u keessaa salphumatti ba'uu danda'a!
  4. Abbaa furmaataa ta'a.
  5. Tokkummaa uumuu fi Qabaacuutti cimaadha!
  6. Fakkeenya Gaarii ta'a.
    » Gorsuudhaan
    » Barsiisudhaan
    » Hojjechuudhaan
    » Ija godhachuudhaan
    » Galma gahuudhaan Fakkeenya Gaarii ta'a!
    https://t.me/gulehas
4 months ago

Gatii jireenyakee (life value) dabalta
Qulqullinni dubbiikee, ilaalchakee, hariirookee, hariirookee guddista.

Dandeettii rakkookee fi rakkoo nama biraa furuukeetu guddata. Nama sababa uumameef qulqulleessee hubatu taata.

Namni tokko sammuu isaa akkamiin fayyadamuu akka qabuufii akkamiin akka of jijjiiruu danda’u fi madda gaalii argachuu qabu irratti hojjeta.

Daandii milkaa’inaaf adeemsa abjuun jiraachuu waa'ee kaayyoo dhuunfaa keetii, dandeettii kee, mul'ata kee beekuun galma ga'uu ni dandeessa.

"Addunyaa irratti namoonni hiyyeessa ta'an warra mul'ataa fi abjuu hin qabneedha.

Akkamiin abjuuf mul'ata keenya kana fayyadamnee jireenya keenya jijjiiruu akka dandeenyu gadi fageenyaan baranna.

#Leenjiin kun namoota sammuu guddataa qaban hund  ilaallata

#Leenjiin kun ', universal ' kan ta'eedha (daldalaa, hojjetaa, barataa, hojii barbaadaa hunda iyyuu ni hammata)

#Hojiin kun karaa salphaa bilbila smart phone keenyaan kan hojjetamuudha.

#Social media fi bilbilakeen karaa salphaa
barbaaduu hojii baay'ee salphaa ta'een jijjiirama guddaa kan galmeessisu dha network marketing waan ta'eef.

*Akkasumas #sammuu keenya kana akkamitti akka fayyadamuu dandeenyu jireenya dhuunfaa keenyaa akka jijjiiruu dandenyu nu barsiisa.

#Daandii milkaa’inaaf adeemsa abjuun jiraachuu nubarsiisa

#Waa'ee kaayyoo dhuunfaa ofii beekuu, dandeettii ofii beekuu, mul'ata ofii beekuun galma ga'uun ni danda'ama.

#"Addunyaa irratti namoonni hiyyeessa ykn harka qalleessa ta'an warra mul'ataa fi abjuu hin qabneedha.

#Dhaabbata kana keessatti Leenjii/barnoota abjuu jireenyaa kan ittiin milkoofnu baranna.

Jireenya ofii keetii erga jijjiiruu eegaltee namoota biraa akka isaan jireenya isaanii jijjirratan gargaaruufii jireenya isaanii jijjiiruu danda'an carraa kennita.

#Namni gamna ta'e, #Karoora osoo hin baafatin waan tokko hin jalqabu.

Karoora ifa ta'e baafachuun #hoogganaa fi #gaggeessaa jireenya keetii akka taatuun siif hawwa.

#Karoorri karaa dheeraa tarkaanfii tokko irraa jalqaba

#Jireenya karoora qabu akka jiraattuuf barnoota/leenjii kara adda addaa argachuun dirqama.

Mental bank process fi kutaa sammuu keenya dhoksaa /subconscious mind/ fayyadamuun kan hojjetu yoo ta'u milkaa'inni kan mirkanaa'ee dha.

#Mental Banking adeemsa mataa isaa danda'e kan qabuufii haala ittin jijjiiramni argamudha, kanaafuu

#Sammuu daanga'aa keenya saganteessuudhaan akkamitti karoora keenya galmaan akka geenyu nu gargaara.

#Barnoota ykn leenjii 'mindset' karaa sadii argachuu dandeessu:-

1ffaa. Online  irraa
2ffaa. Barruulle fi CD irraa
3ffaa. Qaamaan/In Person

Leenjiin mindset kun

#AfaanOromoo
#Amariffaan
#Ingliffaan
#Tigiriffaan waan jiruuf kan dandeessaniin barnoota  isaa fudhachuu dandeessu.

#Hojiin online network marketing waan ta'eef
@hojii bira hojjechaa
@bakka barbaaddan teessanii
@yeroo kamiyyuu hojjechuu ni danda'ama.

Dhaabbata #Qacarrii osoo hin taane dhaabbata ofii keessanif  hojjettee of jijjiirtu dha.

#Qacaramuu ykn hojii argachuuf ituu hintaane bizinesii hojjechuuf gara kaampaanii kanaa dhufna

#Sammuun hinmisoomin summii yaadaati!

Ciisnee du'urraa cichinee du'utuu seenaa qaba""".!

Namonii jijjiiramaa barabaadan ibsa gaha fudhatanii of murteessu kutattan odeeffannoo dabalataaf karaa 👇
@Guluma_Hailu0912
@Guluma_Hailu0912
👇
@getbi75029
@getbi75029
👇
@tiha82
@tiha82
🙏🙏🙏🙏🙏🙏
inbox nuf godhaa

Akkasumaas odeeffannoo dabalataf #Bilchina_Sammuu join godha
👇
https://t.me/gulehas
https://t.me/gulehas
🏃‍♂

Telegram

Bilchina sammuu

√√√√√√√ ***💌******💌******💌*** √√√√√√ Guddaa yaadi guddaa ta'ii Kaayyoo kee galmaan ga'ii Ofjabeessii ofii keetif cimii Jabaa ta'uu kees ofiif himii Abdii hin kutiin kutaata koo Milkiidhan galta gaf tokkoo √√√√√√√ ***❤️******💚******❤️*** √√√√√√√

Gatii jireenyakee (life value) dabalta
4 months ago
Osoo ijaan agartuu

Osoo ijaan agartuu
Dadhabbii fi dhabakoo
Maali maalan si godhe
Maaf hawwita cabakoo
~
Na jilbeenfachiisudhaaf
Maaraatoonii maaf fiigda
Shira dabaan shirameen
Na balleessuuf maaf dhiigda
~
#Ani
Gudeelcha kaayyoon baadha
Kattaa dharaan folloqsaa
Gamnattan dhugaa hima
Yartuun garaa of dhoksaa
~
Qambara dhugaan baadha
Gindaa dhugaan harkisaa
Kaayyodhaafan jiraadha
Kaayyodhaafan barrisaa
~
.
.
.
https://t.me/Bilchina_Sammuu

4 months, 1 week ago

Galatoomi Goomattuu!
• 𝚆𝙰𝙻𝙰𝙻𝙾𝙾 •

Akkanni na waraanuuf
Gobaan ati naaf keesse
Riqicha gaarii ta'ee
Gara kaayyoo na geesse!

Yommuu ati bitaan cuftu
An karaa mirgaan ba'e
Yommuu ati handaaqqoo taatu
Animmoo risaan ta'e

Gaafa hojii na waamtee
Gaafa bu'aa na footee
Gubdee, gubdee guggubdee
Booddee warqee na goote!

Utuma gad na qabuuf
Dhoksaatti funyoo martuu
Ol qabdee na guddifte
Galatoomi goomattuu!
Tuu..

https://t.me/gulehas

Telegram

Bilchina sammuu

√√√√√√√ ***💌******💌******💌*** √√√√√√ Guddaa yaadi guddaa ta'ii Kaayyoo kee galmaan ga'ii Ofjabeessii ofii keetif cimii Jabaa ta'uu kees ofiif himii Abdii hin kutiin kutaata koo Milkiidhan galta gaf tokkoo √√√√√√√ ***❤️******💚******❤️*** √√√√√√√

Galatoomi Goomattuu!
4 months, 1 week ago

𝐃𝐡𝐚𝐥𝐨𝐨𝐧𝐧𝐢 𝐊𝐮𝐧... | 𝐓𝐡𝐢𝐬 𝐆𝐞𝐧𝐞𝐫𝐚𝐭𝐢𝐨𝐧...

𝖣𝗁𝖺𝗅𝗈𝗈𝗍𝖺 𝖲𝗆𝖺𝗋𝗍𝗉𝗁𝗈𝗇𝖾𝗌 𝖡𝖺𝖺𝗍𝖾𝖾, 𝖲𝗆𝖺𝗋𝗍 𝖳𝖺’𝗎𝗎 𝖣𝖺𝖽𝗁𝖺𝖻𝖾!

𝖣𝗁𝖺𝗅𝗈𝗈𝗍𝖺 𝖣𝗎’𝖺 𝖢𝖺𝖺𝗅𝖺𝖺 𝖥𝗎𝗎𝖽𝗁𝖺𝖺 𝖥𝗂 𝖧𝖾𝖾𝗋𝗎𝗆𝖺 𝖲𝗈𝖽𝖺𝖺𝗍𝗎!

𝖣𝗁𝖺𝗅𝗈𝗈𝗍𝖺 𝖧𝖺𝗇𝗀𝖺 𝖥𝗎𝗇𝗒𝖺𝖺𝗇𝗂𝗂 𝖡𝖺𝗋𝖺𝗍𝖾𝖾, 𝖡𝖺𝗋𝗎𝗆𝗌𝗎𝗆𝖺 𝖮𝖿𝗂𝗂𝗍𝗂𝗂𝗇 𝖶𝖺𝗅𝗅𝖺𝖺𝗅𝗎𝗆𝗆𝖺𝗍𝗍𝗂 𝖡𝖺𝖽𝖾!

𝖣𝗁𝖺𝗅𝗈𝗈𝗍𝖺 𝖰𝖺𝖺𝗆𝗇𝗂 𝖨𝗌𝖺𝖺 𝖧𝗎𝗇𝖽i 𝖧𝖺𝗋𝗄𝖺 𝖭𝖺𝗆𝖺 𝖡𝗂𝗋𝖺𝖺𝗍𝗍𝗂 𝖪𝗎𝖿𝖾. (𝖩𝖺𝖺𝗅𝖺𝗅𝖺𝖺𝗇, 𝖠𝗋𝖺𝖺𝖽𝖺𝖺𝗇, Oduu Sobaatiin!)

𝖣𝗁𝖺𝗅𝗈𝗈𝗍𝖺 𝖮𝖿 𝖢𝖺𝖺𝗅𝖺𝖺 𝖬𝖾𝖾𝗄𝖺𝖺𝗉𝗉𝗂𝗂 𝖮𝖿𝗂𝗂 𝖠𝗆𝖺𝗇𝗎! ( A generation that can trust make-up than his/her maker!)

𝖣𝗁𝖺𝗅𝗈𝗈𝗍𝖺 𝖬𝗂𝗋𝗀𝖺 𝖨𝗌𝖺𝖺 𝖦𝖺𝖺𝖿𝖺𝖼𝗁𝗎𝗎 𝖬𝖺𝗅𝖾𝖾 𝖣𝗂𝗋𝗊𝖺𝗆𝖺 𝖨𝗌𝖺𝖺 𝖨𝗋𝗋𝖺𝖺𝗇𝖿𝖺𝗍𝖾!

𝖣𝗁𝖺𝗅𝗈𝗈𝗍𝖺 𝖳𝖾𝖾𝗄𝗇𝗈𝗈𝗅𝗈𝗈𝗃𝗂𝗂𝗇 𝖧𝖺𝗋𝗄𝖺 𝖮𝖿𝗂𝗂𝗍𝗂𝗂𝗇 𝖴𝗎𝗆𝖾 𝖦𝖺𝗋𝖻𝖺 𝖦𝗈𝖽𝗁𝖺𝗍𝖾!

𝖣𝗁𝖺𝗅𝗈𝗈𝗍𝖺 𝖬𝖺𝗇𝖺 Waaqayyoo 𝖣𝗁𝖺𝗊𝖾𝖾, 𝖲𝗎𝗎raa 𝖪𝖺’𝖾 𝖦𝖺𝗅𝗎!

Bara namnii fuudha jibbee ejjaa jaalatu.

𝖣𝗁𝖺𝗅𝗈𝗈𝗍𝖺 𝖣𝗁𝗂𝗂𝗋𝖺𝖺 f𝗂 𝖣𝗎𝖻𝖺𝗋𝗍𝗂𝗂𝗇 𝖦𝗎𝗎𝗍𝗍𝖺𝗆𝖾, 𝖪𝖺𝗇 𝖦𝖺𝗋𝗎𝗎 𝖣𝗁𝗂𝗂𝗋𝗌𝗂𝗂 𝖥𝗂 𝖧𝖺𝖺𝗍𝗂 𝖬𝖺𝗇𝖺𝖺 𝖪𝖾𝖾𝗌𝗌𝖺𝖺 𝖣𝗁𝖺𝖻𝖺𝗆𝗍𝖾!

Bara durbii Baay'atanii durbummaan dhabanii Safuun Ga'ilaa Badee.

𝖣𝗁𝖺𝗅𝗈𝗈𝗍𝖺 𝖪𝖺𝗇𝖺 Waaqayyoo 𝖧𝖺𝖺 𝖣𝗁𝖺𝗊𝗊𝖺𝖻𝗎!

Atis of dhaqqabi!
Dursa dammaqii.
https://t.me/Bilchina_Sammuu

4 months, 1 week ago

BAANKII SAMMUU!/MENTAL BANK

❏ David Schwartz kitaaba isaa "The_Magic_of_Thinking_Big" jedhu keessatti, "SAMMUUN NAMA BAAY'EE MANA BAANKIITIIN WAL FAKKAATA" jedha.

➲ Guyyaa hunda yaada haaraa maddisiistu yaadota kee baankii sammuu keessatti kuufatta. Yaadonni kuni sammuu kee keessatti guddatanii yaadannoo ta'u.

➲ Kanaaf, yeroo rakkoon si mudatu baankii sammuu yaadannoo keetii keessa deemta. Akkamittiin jalaa miliqu? Wanta na mudate kana hangamin beeka? Gaaffilee jedhaniif deebii isaa baankii sammuu kee keessaa argatta.

➲ Teller baankii sammuu keetii immoo wanta gaafatte siif laachuu dhaaf duubatti hin jedhu. Waanuma gaafatte argatta. Yoo, "Kabajamoo, yaadota ani nama dadhabaa wanta na quunname kana irra tarkaanfachuu hin dandeenye ta'uu koo naaf mirkaneessu naaf laadhu" jettee gaafatte yaadotuma kana mirkaneessan siif laata. Faallaa kanaas immoo yoo gaafatte argachuu dandeessa. Filannoon kan keeti. Kufuu yookiin ka'uu!

➲ Wantoonni jabaan lama ofitti amanamummaa yaadota baankii sammuu keetiin ittiin ijaarrattu immoo kunooti:
⇣⇣ ⇣⇣ ⇣⇣ ⇣⇣
➀. Hanga siif danda'ame Baankii sammuu kee keessa yaadota gaggaarii (Positive thoughts) qofa olkaa'adhu.

➁. Baankii sammuu keetii yaadota gaggaarii qofa gaafadhu! Yaadota kufaatiif si saaxilan gonkumaa sammuu kee keessa barbaaduu hin yaalini!

Soorata Sammuu maltuu barabachisaa.?

❏ Namni guyyaattis ta'u torbeetti hangam qaamni isaa akka dabale ilaaluuf hangaa fi dheerina isaa ni safara.
➢ Akkuma qaamaaf nyaanni barbaachisu #sammuun dhala namaa barnootaan guddachuu qaba. Barnoonni sirriin soorata sammuuti.

➢ Barnoota sirrii yoo jennu barnoonni dhugaan kan waa'ee dhala namaa, addunyaa, ardiif samii akkasumas kan waa'ee uumamaa fi uumaa dhugaa qabatamaan jiruun barsiisu jechuudha.

➢ Barnoonni sirriin dhugaa qabatamaa lafarra jiru waliin was simee sammuu dhala namaa misoomsuu qaba. Waliif #share.

Namoonni baay'een Mobile Bank, Blood Bank malee #MENTAl BANK irratti hubannoo hin qabanni Maal irraa Barannaa....? Yaada keessan barreessaa....

Yoo isinitti tole namoota jaallattaniif qoodaa!

Galatoomaa 🙏🌹

Kanan dubbisee irraa.

#Like #Share #Comment
Yoo isinitti tole namoota #jaallattaniif
Ergaa dabalataaf maaloo
https://t.me/gulehas join share forward

Telegram

Bilchina sammuu

√√√√√√√ ***💌******💌******💌*** √√√√√√ Guddaa yaadi guddaa ta'ii Kaayyoo kee galmaan ga'ii Ofjabeessii ofii keetif cimii Jabaa ta'uu kees ofiif himii Abdii hin kutiin kutaata koo Milkiidhan galta gaf tokkoo √√√√√√√ ***❤️******💚******❤️*** √√√√√√√

BAANKII SAMMUU!/MENTAL BANK
4 months, 1 week ago

EENYUMMAA OFII JAALACHU

⁃ Ofitti gammaduun abdii jireenyaaf qabdu guddisa.
⁃ Of jaalachuun dandeettii keessa kee baaftee akka itti hojjettu si taasisa!
⁃ Ofitti amanamummaa qabaachuun ija jabina siif kenna.

❍ Jiruu fi jireenya keessatti eenyummaa hin raafamne qabaachuun waan qaban irratti shakkii malee, amanamummaa cimaa horachuudha. Itti milkaa'uudha.

❍ Ejjennoo hin raafamne qabaachuun, ilaalchota dadhaboo naannoo keenya jiraniif fakkeenya gaarii ta'uudha. Ejjennoo ofiirratti cichoomanii argamuun kabaja, guddummaadha; bilchina!

❍ Ati waan itti amantee itti jirtu irratti kutannoo jabaa kan haalaan, jechaan, dhabaaf qabaachuun hin mamsine;  kan jibbiif jaalalli hin shaarre qabda taanaan, qaroo yookiin namoota ejjennoo keef bakka kennuu jalqaban hedduu horatta.

❍ Jalqaba bifa keetiin namootaaf, haalota naannoo kee jiran biratti fudhatama argachuuf ati ofii waliin jiraadhu! Mudaa, hir'inaaf dadhabina qabdu qofa yaadaa hin jiraatin!

❍ Ati qixa namummaatti, qixa guutuu ta'uu keetti, qixa wanti hundi uumamaan siif kennamuu isaa yaaduu hin dandeenyetti, hiikni ati eenyummaa kee dhugaa waliin qabdu tasuma siif hin galin jira jechuudha.

❍ Bifti ati qabdu, ogummaa, hubannaa, jaalala, kabaja, beekumsa, dhugaa irraa fagoo jira taanaan gatiin kee ammallee xiqqoodha. Bakka ta'etti si gatee akka hin kaanetti si kuffisa. Ilaalchi kees akkasuma. Waan kamiinuu dorgomaa kan si taasisu sammuu keeti. Atiif eenyummaan kee dhugaa waliigaltee qabdu taanaan, humna, bareeda, simboo nama kamuu hawwatu, ofitti harkisu qabda.

❍ Waan namoota hedduu irraa adda nu taasisutti yeroo hunda gammaduun waan haaraa hojjechuu akka dandeenyu nu taasisa. Ofii keenya waliin gaafa tokko ta'uu jalqabnu waan qabnuuf, waan namoota hedduu irraa adda nu taasisu maraanuu of mararuu jalqabna. Ofitti gammanna.

Hiriyyoota keef #share gochuu hin dagatin!

Positive mind find opportunity in everything.
https://t.me/Bilchina_Sammuu

Telegram

Barruu Beektotaa Irraa

• Dubbiilee hayyootaa • Gorsaa fi Xinsammuu • Ergaalee kitaabaa • Seenaa beektotaa irraa waliin ilaalla Join Us https://t.me/Bilchina\_Sammuu Comment Us @Guluma\_Hailu0912 Bilchina sammuu https://t.me/gulehas

EENYUMMAA OFII JAALACHU
4 months, 1 week ago
Mul’ata kee baruu ni barbaaddamoo???

Mul’ata kee baruu ni barbaaddamoo???
→𝑴𝒖𝒍'𝒂𝒕𝒂𝒂 𝒇𝒊 𝒂𝒌𝒌𝒂𝒂 𝒎𝒖𝒍'𝒂𝒕𝒂𝒂𝒏 𝒋𝒊𝒓𝒂𝒂𝒕𝒂𝒏
→𝑵𝒂𝒎𝒂 𝒋𝒊𝒋𝒋𝒊𝒊𝒓𝒂𝒎𝒂𝒂 𝒕𝒂'𝒖𝒖
→𝑨𝒌𝒌𝒂𝒎𝒊𝒕𝒕𝒊 𝒅𝒉𝒊𝒊𝒃𝒃𝒂 𝒂 𝒖𝒖𝒎𝒖𝒖𝒏 𝒂𝒌𝒌𝒂 𝒅𝒂𝒏𝒅𝒂'𝒂𝒎𝒖
→𝑰𝒋𝒂𝒂𝒓𝒔𝒂 𝒅𝒂𝒏𝒅𝒆𝒆𝒕𝒕𝒊𝒊 (𝒄𝒂𝒑𝒂𝒄𝒊𝒕𝒚 𝒃𝒖𝒊𝒍𝒅𝒊𝒏𝒈)
→𝑨𝒌𝒌𝒂𝒎𝒊𝒕𝒕𝒊 𝒃𝒂𝒓𝒏𝒐𝒐𝒕𝒂𝒂𝒏 𝒎𝒊𝒍𝒌𝒂𝒂'𝒖𝒖𝒏 𝒂𝒌𝒌𝒂 𝒅𝒂𝒏𝒅𝒂'𝒂𝒎𝒖

Humna jijjiirama qabaanne jirra
Dabalataan bizinasii waliin hojjanne guddaachu ni dandeenya.
Wanti hunduu ni danda'ama💪
Kara keessaan nu dubbisaa balbaalli keenya banaadha.
Inbox 👉 @Guluma_Hailu0912
👉 @getbi75029
Lakk. Bil. 0912699446
Channel keenya Join godha👇🏻
https://t.me/Bilchina_Sammuu
👇
https://t.me/gulehas

4 months, 1 week ago
Galatoomaa Hordooftonni Barruu Beektotaa. Maati [#4k](?q=%234k) …

Galatoomaa Hordooftonni Barruu Beektotaa. Maati #4k ol horaanne jira. Galatoomaa ammaayyuu link kanan nutti dabalamaa maati keenya ta'a. https://t.me/Bilchina_Sammuu

4 months, 1 week ago

GABRUMMAA SAMMUU.
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
📌Namni Sammuun Gabroome Of
Waliin Wal Loleetu, Orma.
Jaarsummaa Lakkaaawwata.

📌 Namni Sammuun Gabroome Nadhii Dammaa Gateetu, Gagaa
Nyaachuuf Olkaawwata.

📌 Namni Sammuun Gabroome Mataa Ofii Hojiin Ala Godhee, Kan Nama Biraan Ergifatee Yaaduu barbaada.

📌 Namni Sammuun Gabroome, harka hojii irra Harka Kadhaaf Beekamtii Kenna.

📌 Namni Sammuun Gabroome, Waanuma isaan jedhan Of Se'a. Yoo Horii jedhaniin, Falmachuu Dhiisee, Marga Dheeduu Shaakala. Farda Yoo jedhaniin dugdi isaa Akka Kooraaf Baachuuf Tolu ilaala.

📌 Namni Sammuun Gabroome, iddoo Kennaniif Taa'a, Waan Kennaniif Nyaata, Waan itti Fe'an Baata.

📌 Namni Sammuun Gabroome, Nama Ta'uu isaa Namni Biraa Akka Mirkaneessuuf ifaaja.

📌 Namni Sammuun gabroome, hayyama namaan nyaata, Karaa Nama Biraa irra Kaata, Abbaa Torbaati Orma lakkaawwata.

📌 Namni Sammuun gabroome, Milkaa'ina Warra Biraa Tolcha (magic) jedhee Odeessa.

📌 Namni Sammuun Gabroome, Bara irratti Hojjechuu Caalaa, Barruu isaa Raagduun Akka jetteen bula.

📌 Namni Sammuun gabroome Haaraa Ofiif Bitate irra, Moofaa Ormaa Yoo Miiccatee Uffate itti Tola.

📌 Namni Sammuun Gabroome, Gabrummaa isaa Bilisummaa Se'a.

📌 Namni Sammuun Gabroome, Akka Ofiitti Yaaduu irra Akka Nama Biraatti Yaaduun qarooma jedhee Amana.

📌 Namni Sammuun Gabroome, Warra isaaf Falman irra Warra isatti Falman jaalata.

Mihratuu Shaanqoo!!
Jechoota Hayyoota!
https://t.me/gulehas

Telegram

Bilchina sammuu

√√√√√√√ ***💌******💌******💌*** √√√√√√ Guddaa yaadi guddaa ta'ii Kaayyoo kee galmaan ga'ii Ofjabeessii ofii keetif cimii Jabaa ta'uu kees ofiif himii Abdii hin kutiin kutaata koo Milkiidhan galta gaf tokkoo √√√√√√√ ***❤️******💚******❤️*** √√√√√√√

GABRUMMAA SAMMUU.
We recommend to visit

buy ad: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii

CEO @Obsamilli


Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii

Last updated 1 month, 3 weeks ago

Chaanaalii kana irratti Faarsaa Kanneen Bara Durii,akkasuma Haaraa Qilleensarra kan Oolan @full Album,,, argachuu dandeessu #faarfannaa qabdan kara kana nuu ergu dandesu @Faarfannaahaaraa_bot
#group_keenya @faaruutuubee
#Channel keenya @OboroMedia
🙏🙏🙏

Last updated 3 weeks, 5 days ago

📈 If stock market experts were so expert, they would be buying stock, not selling advice. 🤔
~Norman Ralph Augustine | @Stockbot

Contact: @Executive_Robot

Last updated 1 month, 2 weeks ago