Infinite Entertainment, Zero Cost: Get Your Free Books, Music, and Videos Today!

Galaa Sammuu

Description
The reading nation, the leading nation!

Chaanaalii kana keessatti:-
👉kitaabilee dubbisaaf tolan
👉Cuunfaa kitaabilee
👉Barreeffamoota

Yaada keessaniif:-
@Qananii1
Advertising
We recommend to visit

بســــــــــــم الله الرحمن الرحيــــــــــــم
Ku Dhawaad 3000 Buug-Somali
Free Ah
Youtube:
https://shorturl.at/auGJZ
Diclamer:
https://telegra.ph/HA-DEG-DEGIN-AKHRI-11-15
© Somalibooks Pro Inc
- All Rights Reserved-⤵️
@Cabasho_Bot
@Tusmobook

Last updated 5 months, 1 week ago

Somali National Television is the principal public service broadcaster in Somalia.

Headquartered in Mogadishu.

Last updated 1 month ago

Kala soco Xikmad iyo Qormooyin Markasta Io Meelkasta.

Last updated 1 month, 3 weeks ago

1 month, 1 week ago

Kitaaba seenaa Hundeeffa Waldaa Maccaafi Tuulamaa akkasumas taateewwan bara 1950fi 1960 keessaa sirriitti qindeessedha.

Dubbisaa🙏

Kitaabilee biroo argachuuf
👉@Afrowisdom1

1 month, 2 weeks ago

Artificial intelligence Afaan Oromootiin.

Dubbisuun nama guutuu nama taasisa!

1 month, 2 weeks ago
1 month, 2 weeks ago
1 month, 3 weeks ago

Mana dhiphoo hamma daandii jannataa sana keessa dukkanaan baajjajeetan fudhadhe. Abjuu kiyyaan Iskarbii Siddisee san hattuun na jalaa hattee faana fiigaa buluu kiyya yaadadheen, qalbii mararfannaatiin qomatti qabadhe. Yookanaa fooliin shittoo morma Siddisee sun bantii sammuu kiyyaatti bahee na ximbiriirse.
.....Akkum-durii yaasaa sangaatti xaxannee qajeelle. Hiriira baasii Shaggar kan akka rakkoo biyya kanaa dheeratu qabadhee yoon dhaabbadhu, katameen takka dhuftee, "Booleedhaa?" jette, cabaqa Amaariffa katamaa tokkon. Akkuma dhufteen haasaa jalqabde. Ijjishii jalqabaa Iskarbii tiyyarra bu'uu argeen, qomeen tun bareedduu ta'uu hubadhe. "Iskarbiin tee baay'ee bareeddi. Ammoo odoo halluu sadeen Itoophiyaa ibsan qabaatee baay'ee nama hawwata."jette, afaan anatti munaagaa, ijaan Iskarbii tiyyarratti finxiliillachaa. Aariin bakka ta'ee dhufeetuma, soqolee...jedhiin naan jennaan....Soqoleen amaariffaan maal akka taate wallaalee dhiise. Nama rifeensa, ilkaan, fuulaafi wannoo bitatee, nyaara haaddatee deemuutti akkamitti aaruu?😌

....Nama wannoo hamma dhiitaa gahu gangalchaa baasii seenu, qaqal'oo yoo bubbeen dhufte fuutee deemtu, afaanota baasiicha keessatti haasa'amiuun waa'ee baabiloon na yaadachiisan ilaalaan qajeele. Daandii Birbirsa Gooroo Adwaa jalaan cillaakfatee Charchil deemu qabannee oduma shararruu, "Gurbaa, qomeekee kanatti odoo alaabaa kanaafi faajjii kana godhattee baay'ee bareeda. Yoon haasaakee ilaalu sabboonaa natti fakkaatta."jedhee gurratti na kaakkise. Yoon ilaalu, kirrii gosa sadi addatti hidhateera. Harka bitaatti gumee shan, mirgattimmoo waan amantiisaa agarsiiftu wayii hidhatee jira. Bilbila baasa, hin deebisa. Intala bira jirtutti haasa'a, ijaan waallalaa...."Abbaa Daakaa kanuma sansalata kutee dhufe waliin na ooftee?"jedheen ofitti gumgume.

Makiinaan addabaabayii Irreechaa qaxxaamuree, daandii Dambalirraan yoo dambali'u, baay'inni namaa hir'achaa, wal argaa..walitti sissiqaa dhufne. "Babe Iskarbiinkee baay'ee bareeda. Garuummoo Itoophiyaan biyya sabaaf sablammii waan taateef, alaabaa naannoolee odoo irratti goggodhattee baay'ee dansaadha."jette micayyoon adda gubbaadhaa milikkita qabdu, tan cabaqa tigriffaan amaariffa haasoytu takka. Yoom yaadu, baasii keessa dhiiseen walgahii saboonni itti wal argan seenee laata jedheen mame. Micayyoon boodanaa tun warra duraa caala malaan nama qabachuu yaalti. Sesseeqaa, si seeqachiisaa, maddiishii burtukaana Fugug gamaa sana fakkeechitee yoo namatti siqxu qalbii nama hatti.

Garuummoo Iskarbiin Siddisee waan seeqaan geeddaramu akkan taane beekaatuman wajjin seeqe.

Yaa sambata Kukur nagaan na oolchiyaa🥰

2 months ago

Guutummaa kitaabichaa siniif dhiiseera, dubbisaa! "#Auschwitz- A Doctor's Eyewitness Account- by Dr. Miklos Nyiszli" jettanii yoo iyyaafattan, ni argattu. Akkanuma, gara Afaan Oromootti "Imimmaan Oshiwiitzii " jedhamee obbo Hinseenee Makuriyaatiin hiikamee jira. Affeeramaa!

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!
Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook

2 months ago

#Auschwitz

Namatu tarree bitaafi mirgatti hiriiree du'a eeggata. Duunis du'a ibiddaan gubamanii gidirfaman boodaati. Hanga yeroon gahuttiis, kan dukkubsate hin yaalamu, kan beela'eef nyaanni hin kennamu, kan dadhabe hin boqotu, hunduu inuma gidirfama. Rafuuf bakki rafan hin mijatu. Yooma bakkuma rafuuf hin mijannettuu hirribni itti dhufe, wareerfamanii hirribaa kaafamu. Dhaabachuuf miilli gidiraadhaan jalatti haphattee jirti. Garri itti keessaa baqatanis hin jiru; eegduudhan marfamanii jiru. Yeroo yerootti hiriirfamanii lakkaa'amu. Hiriira kana kan hiriiree lakkaa'amu nama jiru qofaas miti. Kan du'ellee ni dabalata. Kunis, lakkoofsaan dura yoo namni du'e, nama lamaan qabamee tarree warra jiruu dhaabamee lakkaa'ameen booda gubama. Kun hundi hordoffii jabeessuuf.

Gaababumatti, fiixeen garaa jabummaa dhala namaa kitaabuma kanarra waan jiru natti fakkaata. Akkam yoo ta'es namni nama akkasaarratti yakka hanga kana gahu akka raawwatu naaf hin galu. Waantonni as irratti eeraman yaadachuufuu nama sururu. Kanaaf ta'uu hin hafu kan barreessaan kitaaba kanaa, Dr. Miikloos Niizliin; " Waa'ee kanaa dubbachuun anaaf dhukkubbiidha; dubbachuu dhiisuunisimmoo dhukkubbii sanaan gadii waan qabu miti. Gama lachuunuu dhiphinumatu marsee jira." jedhee kitaabichaa irratti kaa'ee jira. Dhuguma, dubbachuunis ta'e dhiisuun dhukkubbii guddaadha. Ta'us garuu, hamaa kaleessaa irraa dhaloonni akka baratuuf katabuun wayyuu hin hafu. Barressichis kanumatti amanee katabee dabarse jedheen yaada.

Akkana ture....

Jalqaba Hitlariifi gareensaa olola hamaa bocanii oofuu eegalani. Kunis, sababa Yihuudota Jarman keessa jiraniif akka Jarman waraana addunyaa 1ffaa irratti injifatameetti olola kaasani. Kana qofaa miti, "Ariyaan yookan Jarmanoonni qulqulloota waan ta'aniif, sanyii biraa waliin walitti makamuun irra hin jiraatu" jedhanii ololicha ittuma jabeessani. Kun hundi garaa jabummaan ajjeesuufi ajjesisuuf akka toluufiifidha.

Kaayyoon kun akka galma gahuuf, paartiin Naazii wiirtuulee uggurtii (Concentration camps) bakkeen adda addatti qopheesse. Wiirtuuleen uggurtii tokko tokko bakkeen hojiin humnaa keessatti hojjetaman yoo ta'u; kanneen biroon immoo, bakka ajjeechaan keessatti raawwatamudha. Wiirtuulee ajjeechaan keessatti raawwatamu keessaa inni hundumarra guddaa ta'emmoo "Oshiwiitzi" jedhamee beekama. Poolaand keessatti argama. Barreessaan kitaaba kanaas namoota gara wiirtuu uggurtii Oshiwiitziitti ergaman keessaa tokko ture.

Walakkeessa ji'a Guraandhalaa bara 1944 (G.C) keessa weeraramuu Haangaariin hordofee, Yihuudonni Haangarii keessa jiran manaa akka hin baane ajajani bahe. Sanaan booda, Yihuudonni Haangaarii keessa jiran bakka jiranii humnaan walitti qabamanii gara Oshiwiitziitti guuramuu eegalani.

Warreen gara wiirtuu uggurtiitti geeffaman keessaa gareen Sondarkoomaandoo jedhaman tokko ni jiru. Isaan kun warreen dandeettii addaa qaban, miidhagina yookaan naqa qaamaa hawwataa qabaniifi warreen qaamaan jajjaboo ta'anidha. Warreen kaanirraa addatti filamanii hojiilee humnaa garagaraa hojjetu. Dr. Miikloos Niizliis egaa kanneen keessaa isa tokkodha. Inni doktara fayyaati waan ta'eef, qorannoo saayinsii dhukkubootaaf adda baafame. He is pathologist.

Gareen Sondarkoomaandoo kun, hojiif adda haa baafamaniyyuu malee duunisaanii fuuldura isaanii jira. Ji'a afur guunnaan ni ajjeefamu. Hangasitti garuu, waan hunduu isaaniif mijataadha. Waan fedhan nyaatu, waan barbaadan uffatu, bakka gaariifi filatamaas rafu. Ta'us, yeroo xiqqoon booda ni ajjeefamu. Kanarraan kan ka'e, warreen jiraatti du'an (Living dead) jedhamanii beekamu. Duunuu du'aaree fayyaatti gubatanii du'u. Kana yaadaa jiraachuun, jiraatti du'uun oli malee!

Dr. Miikloos garuu, muraasa Sondarkoomaandoo keessayyuu hafanii dalagaa itti fufan ta'ee hafe. Hafuurra darbees kitaaba kana nama gumaachedha. Namni nama kan caalaas yakka hamaafi waarshaalee du'aa yerichaa saaxile hin jiru jedhamee ka'a.

2 months ago
Galaa Sammuu
We recommend to visit

بســــــــــــم الله الرحمن الرحيــــــــــــم
Ku Dhawaad 3000 Buug-Somali
Free Ah
Youtube:
https://shorturl.at/auGJZ
Diclamer:
https://telegra.ph/HA-DEG-DEGIN-AKHRI-11-15
© Somalibooks Pro Inc
- All Rights Reserved-⤵️
@Cabasho_Bot
@Tusmobook

Last updated 5 months, 1 week ago

Somali National Television is the principal public service broadcaster in Somalia.

Headquartered in Mogadishu.

Last updated 1 month ago

Kala soco Xikmad iyo Qormooyin Markasta Io Meelkasta.

Last updated 1 month, 3 weeks ago