Why Pay for Entertainment? Access Thousands of Free Downloads Now!

Gaa'ela 𓆩♡𓆪 Marriage

Description
Akkaataa gorsa Macaafa Qulqulluutiin (Biblical Counseling) barsiisa dhimmoota gaa'elaa irratti kennamuu dha.
Yaada: @Gaaelabot
Advertising
We recommend to visit

buy ad: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii

CEO @Obsamilli


Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii

Last updated hace 1 mes, 1 semana

Chaanaalii kana irratti Faarsaa Kanneen Bara Durii,akkasuma Haaraa Qilleensarra kan Oolan @full Album,,, argachuu dandeessu #faarfannaa qabdan kara kana nuu ergu dandesu @Faarfannaahaaraa_bot
#group_keenya @faaruutuubee
#Channel keenya @OboroMedia
🙏🙏🙏

Last updated hace 1 semana, 6 días

📈 If stock market experts were so expert, they would be buying stock, not selling advice. 🤔
~Norman Ralph Augustine | @Stockbot

Contact: @Executive_Robot

Last updated hace 1 mes

3 недели, 4 дня назад

#Kutaa 52ffaa

🛑 AARII KEE TOʼACHUU KAN
DANDEESSU AKKAMITTI?

Hiriyaan gaaʼelaa kee wanta si aarsu (mufachiisu) yommuu dubbatu yookiin raawwatu aarii kee dhoksuuf yaalii goota taʼa.

Yeroo kanatti hiriyaan gaaʼelaa kee rakkinni tokko akka jiru waan itti dhagaʼamuuf dhimmicha beekuuf yaalii godha. Kun immoo caalaatti si aarsa. Haala ulfaataa akkasii keessatti aarii kee toʼachuu
kan dandeessu akkamitti?

Wanta beekuu qabdu:

Maal gochuu dandeessa?
Aariin akka si mooʼu heeyyamuun fayyaa kee miidhuu dandaʼa.

💐 "Qorannoowwan akka argisiisanitti, aarii toʼachuu dhabuun dhukkuboota akka dhiibbaa dhiigaa, dhukkuba onnee fi dhiphina sammuutiif nama saaxiluu akkasumas nyaanni akka hin daakamne gochuu dandaʼa. Aariin rakkoolee akka hirriiba dhabuu, yaaddoo dabaluu, rakkoolee gogaa qaamaa fi dhiigni sammuutti dhangalaʼuu
wajjinis wal qabata."

Kitaabni Qulqulluunis, “Dheekkamuu irraa of dhowwi!, inni hamaa hojjechuu duwwaatti waan si geessuuf hin aarin!” kan jedhu kanaafi.
— Faarfannaa 37:8

💐 Aarii ukkaamsuunis miidhaa geessisuu dandaʼa. Aaruu keenya kan itti fufnu yoo taʼe, aariin akkasii dhukkuba keessa qaamaa miidhu wajjin walfakkaachuu dandaʼa.

Fakkeenyaaf, ilaalchi shakkii fi komiin si keessatti guddachaa adeemuu dandaʼa. Ilaalchi akkasii hiriyaa gaaʼelaa kee wajjin jiraachuun akka sitti ulfaatu taasisa; kun immoo gaaʼela keessan rakkoo irra buusuu dandaʼa.

Maal Gochuu Dandeessa?

💐 Amalawwan gaggaarii hiriyaa gaaʼelaa kee irratti xiyyeeffadhu! Amalawwan hiriyaan gaaʼelaa kee qabu keessaa kan baayʼee dinqisiifattu sadi barreessi.

Yeroo itti aanu wanta hiriyaan gaaʼelaa kee godhetti yommuu aartu amalawwan kanaan dura barreessite irratti yaadi!

Kunis aarii kee toʼachuuf si gargaaruu dandaʼa. Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: "Kan galateeffattan taʼuu keessan argisiisaa." — Qolosaayis 3:15

💐 Amala waliif dhiisuu horadhu! Jalqaba, bakka hiriyaa gaaʼelaa kee of kaaʼuudhaan dhimmicha ilaaluuf yaali! Kun immoo amala namaaf gadduu isa Kitaabni Qulqulluun ‘miira walii hubachuu’ jechuudhaan ibsu guddifachuuf si gargaara. (1 Pheexiros 3:8 )

Achiis, akkana jedhii of gaafadhu, ‘Dhuguma wanti na aarse dhiifama gochuuf kan ulfaatu dhaa?’ Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: ‘Balleessaa irra namaaf darbuun ulfina.’ — Fakkeenya. 19:11.

💐 Miira kee gaarummaa fi malaan ibsi! Jecha “Ani” jedhutti fayyadami! Fakkeenyaaf, “Ati namaaf hin yaaddu, eessa akka jirtu illee bilbiltee natti hin himne,” jechuu mannaa, “Waan barfatteef, anis bakka jirtu waanan hin beekneef waa taatee laata jedheen sodaadhe,” jedhi!

💐 Yaada kee gaarummaadhaan ibsuun aarii kee toʼachuuf si gargaaruu dandaʼa. Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Dubbiin keessan yeroo hunda gurratti kan toluu fi soogiddaan kan miʼeeffame haa taʼu.” — Qolosaayis 4:6.

Kabajaan dhaggeeffadhu! Erga miira kee ibsitee booda, deebii hiriyaan gaaʼelaa kee kennu utuu gargar hin kutin dhaggeeffadhu! Yommuu hiriyaan gaaʼelaa kee dubbatee xumuuru, sirriitti akka dhaggeeffatte akka beekuuf yaadicha irra deebiʼiif! Tarkaanfii salphaan akkasii kun, jechuunis sirriitti dhaggeeffachuun aarii kee akka toʼattu si gargaaruu irratti gaʼee guddaa qabaachuu dandaʼa.
Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu:
“Dhaggeeffachuuf ariifataa, dubbachuuf suuta jedhaa [taʼaa]!" —Yaaqoob. 1:19

💐 “Aarii kee yoo ukkaamsite,
rakkinichi irra deddeebiʼee akka uumamuu fi aariin kee tasa dhoohee akka baʼu godha. Kanaaf kabajaan rakkinicha irratti mariʼachuun baayʼee
gaariidha.

Abbaan manaa fi haati manaa haala kanaan erga waliin mariʼatanii booda, ‘Gara michummaa isaaniitti
deebi'uutu irraa eegama.

💐 "Abbaan manaa koo yeroo
hundumaa waan na dhaggeeffatuu fi miira koo waan naa hubatuuf baayʼeen isa dinqisiifadha. Dhimmicha irratti walii galuu baatus, ilaalcha koo naaf hubata. Inni miira natti dhagaʼameen kan kaʼe matumaa akkan qaanaʼu na hin taasisu.”
— Haadha manaa fi Abbaa manaa ishee

@Gaaela_Gaarii
@Gaaela_Gaarii

@Marriage_Counseling

3 недели, 4 дня назад

Premium Subscribers 🙏 Please click and boost Our Channel! Thankyou♥️

https://t.me/boost/Gaaela_Gaarii

1 месяц, 3 недели назад

Namoonni Hin Fuudhiin Yookiin Hin Heerumin!

💌 Bor nama gaa'ela keessatti isin wajjin tokko ta'u argachuuf asiif achi fiiguu akkasumas social media irra ilaaltanii akkasumatti ilaalcha mataa keessaniitiin walbarbaaduu dhiisaatii fuula Waaqayyoo duratti kadhannaadhaan nama kan keessan ta'e Waaqayyoon gaafadhaa; kan Waaqayyo isiniif ilaalu isa isin ilaallattan dachaa meeqa caala. Kanaaf obboloota nana ofii keessanis, walii keessanis hin gowwoomsinaa! Yeroo keessan waan hin taane irratti hin gubinaa! Waaqayyo waan hundumaatti nu haa dursu! Baay'een isin jaaladha! Baay'een isin Kabaja! Channel keenya isa hangafa Gaaela Gaarii hordofaa! Share waliif taasisaa! Galatoomaa!

❤️ @marriage_Counseling

@Gaaela_Gaarii
@Gaaela_Gaarii

2 месяца, 2 недели назад

#Kutaa 40ffaa | Hariiroon Jaalalaa Hiriyaa Gaaʼelaa yookiin Jaalallee Kee Wajjin Qabdu Karaa Sirrii irra Akka Jiru Beekuun Kee Guyyaa Kee Fooyyaʼaa fi Jireenya Gaa'elaa Milkaaʼaa Ta'e Akka Qabaattu Taasisa.@Gaaela_Gaarii

Hariiroon Jaalalaa Amma Qabdan Karaa Sirrii Irra Jiraachuu Isaa Hubachuuf Gaaffilee Barbaachisoo ➓:

➊. Jaalallee kee yookiin hiriyaa gaa'elaa kee waliin yeroo waliin jirtan, yommuu waa haasoftan, yaada irratti waliigaltee qabaachuu fi walitti dhufuu moo walii galuu dhabuu fi garaagarummaatu mul'ata?

➋. Jaalallee yookiin haadha manaa kee waliin qaamaan yommuu wal argitu yookiin bilbilaan yeroo haasoftu amala nuffisiisaa ni argita?

➌. Dhimmoota bu'uuraa irratti ilaalchi keessan wal fakkaataa yookiin walitti dhiyoo moo walirraa fagoodha?

➍. Hiriyaa jaalalaa kee hangam beekta jettee yaadda?

➎. Atii fi hiriyaan kee hangam wal amanta?

➏. Gaafa waliigaltee dhabuun uumamu gara gargar ba'uutti geessa moo haalli rakkoo furuu fi itti fufuu ni jira?

➐. Waan tokko yommuu hojjettu ilaalcha mataa keetii qofaan raawwatta moo miira jaalallee keetii ilaalcha keessa galchuun murtoo dhuunfaa irraa of eegda?

➑. Hiriyaan jaalalaa kee waan hunda itti gaafatamummaa fi of eeggannoodhaan moo of eeggannoo malee hojjeta?

➒. Wanta jaalallee kee caalaa iddoo kennituuf kan akka maatii, hiriyoota yookiin namoota biroo ni qabdaa?

➓. Yeroo baay'ee hiriyaa jaalalaa kee keessatti irra deddeebiidhaan sobaa fi sababa wanta ta'e ni argitaa?

Yaadaaf: @Gaaelabot / @Getu_Abera / @Megertu_Dhugasa

@Gaaela_Gaarii
@Gaaela_Gaarii

2 месяца, 2 недели назад

#Dubbisa 39ffaa | FURTUU HARIIROO GAARII (JABAA) JAHAN@Gaaela_Gaarii

  1. HIRIYUMMAA
    ⦿ Hidhata gaaʼelaa keetiif hiriyaa gaarii taʼiif! Waan fedhe haa ta'u dursa hiriyaa, booda jaalallee ta'i!

  2. WAL-AMANUU
    ⦿ Hariiroo kamiyyuu keessatti wanti ijoo ta’e wal amantaa waan ta’eef, imala bareedaa kana hiriyaa(hidhata) gaa’elaa kee wajjin jalqabuu keen dura haala hundumaa keessatti wal amanuu baradhu.

  3. WAL-HUBACHUU
    ⦿ Garaagarummaan keessan maal maal akka ta'e adda baasuu fi garaagarummaa keessan kana irratti hojjechuuf yaalaa! Garaagarummaan baay’een jiraachuu danda'a, garuu walitti dhufeenya (hariiroo) keessan kan bareechuu danda'u wal hubachuu fi aarsaa walii kaffaluudha.

  4. WALIIN DUBBII
    ⦿ Hidhata gaaʼelaa keetti haasaʼuu fi ergaa kee dabarfachuu yaali! Hiriyaa gaa’elaa keetii guyyaan kee hammam gaarii/hamaa akka ture itti himi, akkasumas miira waa'ee isaa/isheef sitti dhaga’amu yaadachiisi!

  5. AMANAMUMMAA
    ⦿ Yeroo hundumaa dhugaa dubbadhu, gonkumaa hin sobin yookiin waan hiriyaan gaa’elaa kee hin hubatu/hubattu jettee sodaattu hin dhoksin! Hiriyaa gaaʼelaa keef carraa si hubachuu/baruu kenniif!

  6. BILISUMMAA
    ⦿ Hiriyaan gaaʼelaa kee ofii isaa/ofii ishee akka murteeffatu/murteeffattuuf carraa fi bilisummaa kenniif! Yeroo dhuunfaa hidhata gaa’elaa keetii jalaa hin fudhatin!

🚻 Gaa'elli qulqullaa'aan fedha Waaqayyoodha!

@Gaaela_Gaarii
@Gaaela_Gaarii

2 месяца, 3 недели назад

#Kutaa 38ffaa | Gaa’ela Fedha Waaqayyoo Akkamitti Beekuun Danda’ama?@Gaaela_Gaarii

⦿ Kun gaaffii amantoota baay’eeti. Akkasumas deebii kan barbaadu dha. Haala kana Waaqayyo irraa yaada inni nuuf qabu hubachuun wanta barbaachisaa dha.

𝆺𝅥 Waaqayyo immoo hunda keenyaaf yaada gaarii qaba. (Erm. 29:11, Isa. 48:17)
Yeroo nama gaa’elaaf ta’u filannutti bareedina ilaaluun kan hin hafne yoo ta’e illee, bareedina alaa fi keessaa irratti madaallii eeguu qabna. Kunis Fak. 31:30 irratti ifatti kaa'amee Jira.

“Simboon nama irraa in darbiti miidhaginnis nama in gowwoomsiti, dubartiin Waaqayyoon sodaattu garuu in jajamti.” (Fak. 31:30)

» Bareedinni keessaa kan jalqabu Waaqayyoon sodaachuun. Yoo hubannee ilaalle namni hundinuu bareedaa dha. Namni hundinuu haala ajaa’ibsiisaan uumameera; kanaaf nama jaallanne waliin wal fuudhuun gaariidha.

𝆺𝅥 Bareedinni alaa yeroo yeroo gad bu’aa deemuun hin hafu. Bareedinni keessaa garuu hin badu. Kanaaf xiyyeeffannoo eenyummaa isa keessoo irratti gochuun gaarii dha. Hiriyaa gaa’elaa gaarii argachuuf walumaa galatti Waaqayyo irratti kadhannee, Waaqayyo irratti hirkachuun barbaachisaa dha. (Fak. 19:14, Um. 2:18, Far. 127: 1-2, Fak. 3:5), fiixaan ba’iinsa gaa’ela qabu argachuuf gaggeessaa Waaqayyoo argachuu qabna. (Far. 32:8, Isa. 58:11).

⦿ Waaqayyoon amanachuu fi isatti hirkachuu barbaachisa. Fedha Waaqayyoo beekuuf jalqaba isaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuu qabna.

» Waanuma fedhe irratti fedhii Waaqayyoo beekuun dura walitti dhufeenya nuti isaa wajjin qabnu baay’ee murteessaa ta'ee argama.

» Waaqayyo fedha isaa kan ibsuuf warra isaa wajjin jiraatanii fi isatti qabamanii jiraataniif. (Yoh. 15:7)

⦿ Fedhii Waaqayyoo beeknee kara ittiin faana bu’uu dandeenyu keessaa ijoon akka armaan gadiitti tarreeffamaniiru.

➊. Sagalee isaa beekuu. (Far. 118:105)

➋. Kadhannaa (HoE. 13:1-3) Kadhannaan fuula isaatti yoo dhiyaanne Waaqayyo nutti dubbata. Kaayyoo fi akeeka nuuf qabuuf kallattii adeemsaa nuuf qajeelcha.

➌. Dhuga bahuumsa keessa keenyaa: Yaada Waaqayyoo keessa yommuu taanu keessi keenya nagaa fi gammachuu dhaan guuta. (Fil. 4:6-7)

@Gaaela_Gaarii
@Gaaela_Gaarii

2 месяца, 3 недели назад

#Kutaa 37ffaa | Amanamummaa fi Waliif Abboomamuu Gaa'ela Keessaa@Gaaela_Gaarii

A. Amanamummaa Gaa'ela Keessaa:

» Gaa'ila keessatti amanamummaan iddoo ol aanaa qaba. Abbaan manaa haadha manaa isaaf, haati manaa immoo abbaa manaa isheef amanamuun umurii gaa'ela isaanii dheeressuu irra darbee gaa'ela isaanii qulqullaa'aa fi nagaa qabeessa taasisa.
» Waaqayyos gaa'ela keenyaaf amanamnee jireenya keenya qulqullummaatti akka eegannu nu irraa barbaada.

"Waaqayyo halalummaa irraa fagaattanii qulqullummaatti jiraachuu isin irraa in fedha. Dhiirri adduma addaan haadha manaa qabaatee qullaa'ummaa fi ulfinatti dhagna isaa eeggachuu haa beeku!" (1Tas. 4:3-4)

» Gaa'ela keenya qulqullaa'aa taasisuuf hidhata gaa'elaa keenyaan alatti dhaqna keenya akka barbaanne gochuu hin dandeenyu.

"Haati manaa abbaa manaa ishee malee, dhagna ishee akka jaallatte gochuu hin dandeessu; abbaan manaas akkasuma haadha manaa isaa malee, dhagna isaa akka jaallate gochuu hin danda'u." (1Qor. 7:4)

❍ Amanamummaan gaa'ela keessatti qofa osoo hin taane adeemsa gara gaa'elaatti taasifamu; #hiriyummaa fi #kaadhimummaa keessattis baay'ee barbaachisaadha.

❍ Dhiirri tokko hiriyaa durbaa (kaadhimaa) isaaf osoo hin amanamiin akka isheen isaaf amanamtu eeggachuun gowwummaadha; isheenis akkasuma ofii ishee dursa amanamtee akka inni isheef amanamu eeggachuu qabdi! Kanaaf isaan lachuu yeroo hiriyummaan yookiin kaadhimummaan jiranitti waliif amanamuudhaan akkasumas xuraa'ummaa gaa'elaan alaa irraa of eeguudhaan gara gaa'elaatti kan dhufan yoo ta'e gaa'elli isaanii qulqullaa'aa fi eebbifamaa ta'a.

Obbolee, hiriyaa keef amanami; isheenis siif amanamti/innis siif amanama. Har'a gaafa addaa adda jirtan yoo waliif amanamtan bor gaafa walitti dabalamtaniis amanamummaan keessan caalchisee ija godhata.

👉 Kanaaf kottaa gaa'ela keenyaaf, hidhata gaa'elaa keenyaaf akkasumas hiriyaa keenyaaf, amanamnee gaa'ela qulqullaa'aa qabaachuutiin jireenya keenya qulqullummaatti eeggachuun jaalala Waaqayyoo haa jiraannu 🙏

B. Waliif Abboomamuu

"Haati manaa akkuma gooftaa Yesusiif abboomamtu abbaa manaa isheetiifis haa abboomamtu!" (Efe. 5:22)

▣ Dubartiin gad of deebistu/abboomamtu, faaya gatii jabeessa/qaaliidha. Dhiirri amanamummaa qabu immoo ishee dhabuu ni sodaata.

▣ Macaafni Qulqulluun akkas jedha, "Waldaan kristiyaanaa harka Kristos jala akkuma of galchitu, haati manaas waan hundumaatti harka abbaa manaa isheetii jala of haa galchitu." Efe.5:24

▣ Sababni isaas dhiirri jaalala dhugaa dubartii isaaf bitamtu yookiin harka isaa jala of galchitu qofatti agarsiisa. Bareedinni kee dubartii biraa fokkistuu taasisuu hin danda'u, garuu gad of deebisuun kee (harka abbaa manaa kee jala of galchuun kee) dubartoota hunda caalaa akka si jaallatu gochuu danda'a.

▣ Kan nama gaddisiisu, shamarran bara keenyaa hedduun bitamuu akka "to'annoo" tti fudhatu. Akkasumas sagalee jaalalaa xixiqqoodhaan "Ana garuu dhiirri kamiyyuu akka na to'atu hin barbaadu" jedhanii yeroo dubbatan ni dhageessu.

👉 Yoo bitamuu hin barbaanne waa'ee gaa'elaa hin yaadin, sababni isaas dhiirri kamiyyuu miira isaa isa sirrii ta'een hammam gabaabaa ta'us, jaalala isaa dubartii onneen ishee hojjaa isaa ol ta'eef hin dhiyeessu.

▣ Dubartiin tokko dhiira duratti jilba isheen yeroo jilbeenfattu, dhiirri sun hatattamaan jaalala ishee duratti onnee isaan ni jilbeefata. Akkasumas garaa guutuudhaan ishee jaallata.

▣ Dhiironni rakkisoon dubartoota gad of deebisaniif iddoo hin kennine akka jiran beekamaadha, garuu dhiirri dhugaan hundinuu bitamuu/abboomamuu malee fedha foonii akka hin barbaanne isinittan hima.

▣ Dhuguma haadha manaa jaalalaa, kan si taasisu bitamuudha.

▣ Kanaafuu GIIFTII ta'uu barbaaddu ta'i!
Hojjettoonni manaa hedduun isaanii abbaa manaa Giiftii isaanii duraa akka fudhatan kan taasise hafuura gad of deebisuu akka ta'e hin dagatin! Giiftii ta'uu barbaaddu ta'uudhaaf gadi of deebiftuu fi kunuunsituu ta'i!

🙏 Yaa hiriyoota koo jaallatamoo! Waaqayyo gaa'ela gaariidhaan isin haa eebbisu!

@Gaaela_Gaarii
@Gaaela_Gaarii

2 месяца, 3 недели назад

QEERROO UMURII 25-30 JIRTANIIF @Gaaela_Gaarii

❒ Dogoggora Abbootiin keenya yookiin Obboleeyyan keenya hangafoonni tokko tokko hojjetan hin dogoggorin!

✪ Xiqqoo qabduun amma fuudhi! Garuu madda galii qabaachuu kee mirkaneeffadhu. Miliyeenera ta'uuf hin eegin! Ijoollee yerootiin godhadhu, ergasii isaan waliin guddachuu ni dandeessa.

✧ Ijoollee kee waliin guddadhu, haadha manaa kee waliinis milkaa'i! Maallaqa argattee yookiin karoora kee galmaan geessee gonkumaa hin xumurtu.

Ammallee bara itti galma gahuu yaadde sanatti milkaa’uu dhiisuu dandeessa. Kanaafuu jireenya kee yeroodhaan jalqabi! Wal duukaa ni guddatta!
✪ Abbaan tokko yeroo tokko ilma isaaf akkas jedhee yaada isaa hiree ture;
👇
❒ "Yeroo umuriin koo waggaa 25 ture, osoon hin fuudhin dura waa'ee hojjedhee qarshii biliyoonaan argachuu dubbachaan ture. Waggoota hedduu booda; biliyoonni hin dhufne, garuu mucaa, haadha manaas hin qabu.... Jaalallee jireenya koo kan taate akka ajaa'ibaatti kan bareeddu yeroodhaan fuudhuuf carraa argadheen ture, garuu sodaan koo dhuguma ishee kunuunsuu nan danda'aa? kan jedhu ture.
Garuu ammaa isheen heerumtee, ijoollee jajjabboo Afur(4) godhattee jirti.
Gurbaan ishee fuudhe yeroo sanas ammallee barumsa irra jira, garuu haamilee qaba ture. Cimanii hojjetanii waliin milkaa'aniiru! Ani garuu nan kufe, kanaaf maaloo yoo of sooruu dandeesse haadha manaa kee sooruu in dandeessa. Amantee fudhachuu qabda, yerootiin fuudhi, baay'ee hin turiin! 🙏
Dogoggora keenya irra hin deebi'in; nan arga hiriyyoonni koo ijoollummaa ijoollee isaanii waliin taphatu. Irra caalaan isaanii akka koo hin goone..... Garuu maatii isaanii waliin gammadoodha.

⌲ Na amani maallaqa qofa osoo hin taane, gammachuun kee guutummaatti bilchina kee, ogummaa kee fi akkaataa jireenya itti qabdu irratti hundaa’a. Jireenya akka gaariitti karoorfame yoo qabaattan immoo caalaatti gammadoo taatu.

⌲ Na amani qarshii miti, rakkoon keenya maali? Mana sadarkaa isaa eeggate (Apartamaa) ijaaradhee, Konkolaataa akka magaalaatti haaraa taate bitadhee, durba akka dhagaa #Sharon bareeddu fuudhee, garuu ammas wantoota abjoonne sana hin qabnu, akkasumas waggoota qisaasessine, gonkumaa qabaachuu hin dandeenyu, gonkuma!" GONKUMAA!

☑️ Maaloo osoo ijoolleen kee umuriin isaaanii reefu mana 20 keessa jiru, atimmoo nama umurii waggaa 60 hin ta'in... Umurii sanatti maal ta'uu qabda beektaa?
🔜 Akaakayyuu isaanii!

❒ Maaloo yaa dargaggoo, gorsa koo kana dhugumaan fudhadhu!

... Fuudhi, hin sodaatin; intalli ati badii baay'ee irratti argitu sun yoo akka gaariitti ilaalte amaloota gaarii hedduu qabdi.

... Osoo hin tasgabbaa'in waan hunda nan argadha/guuttadha jettee hin yaadin!
🙏🙏🙏

@Gaaela_Gaarii
@Gaaela_Gaarii
@Marriage_Counseling

2 месяца, 3 недели назад

𝐘𝐄𝐑𝐎𝐎 𝐊𝐀𝐀𝐃𝐇𝐈𝐌𝐔𝐌𝐌𝐀𝐀
𝐀𝐊𝐊𝐀𝐌𝐈𝐓𝐓𝐈 𝐃𝐀𝐁𝐀𝐑𝐒𝐈𝐍𝐀?

• Jireenya hafuuraa walqorachuu
• Jireenya Hawaasummaa walqorachuu
• Fayyummaa qaama walhormataa walqorachuu
• Haala dingagdee walqorachuu
• Haala xinsammuu walqorachuu

𝐖𝐚𝐥𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐝𝐡𝐮𝐟𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐠𝐚𝐚𝐫𝐢𝐢 𝐭𝐚'𝐞
𝐐𝐚𝐛𝐚𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮𝐟 𝐀𝐦𝐚𝐥𝐚 𝐔𝐮𝐦𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐛𝐚𝐫𝐮𝐮.

⦿ Dubarri dhiira irra caalatti jecha baay'eetti fayyadamti!
⦿ Dubarri dhiira irra caalatti namaan dafanii walii galu!
⦿ Dubarri miirri isaanii salphaatti miidhama.

𝐅𝐄𝐃𝐇𝐈𝐈 𝐃𝐇𝐈𝐈𝐑𝐀𝐀

  • Ulfina/kabaja barbaaduu
  • Miidhagina qaamaa barbaaduu
  • Amanamummaa barbaaduu

𝐅𝐄𝐃𝐇𝐈𝐈 𝐃𝐔𝐁𝐀𝐑𝐀𝐀

» Jaallatamuu
» Dinqisiifatamuu
» Amanamummaa
» Galateeffamuu
» Akka ishee haasofsiisu

@Gaaela_Gaarii
@Gaaela_Gaarii
@Marriage_Counseling

@Megertu_Dhugasa
@Gech_ab

3 месяца назад

Haati Manaa Kee Eenyuma Caalatti Sitti Dhiyoodha! @Gaaela_Gaarii
●●●●●
Halkan tokko utuu barattoonni ga'eessonni barataa jiranii ogeessi xinsammuu tokko kutaa seenee, har'a tapha qabna jedhe.

⦿ Barattoonnis tapha akkamii jedhanii gaafatan. Barsiisaanis barataan fedhii isaatiin ka'u jennaan barataan dhiiraa tokko ka'e. Barsiisaanis barataa sanaan namoota baay'ee jaalattu 30 gabatee gurraacha kana irratti barreessi jedheen.

⦿ Baratichis maatii isaa irraa eegalee, oollaa isaa, fira isaa fi hiriyoota isaa hamma nama 30tti barreesse. Barsiisan, kana keessaa namoota si hin fayyanne 3 balleessi jedhe. Innis maqaa ollaa isaa balleesse. Ammas maqaa nama 5 balleessi jennaan baratichi namoota fagoo ta'an fira isaa keessaa balleesse.

⦿ Akkuma kanaan maqaa barreesse hunda balleessee fixee maqaa haadha, Abbaa, haadha manaa fi ilma isaa qofatu hafe. Ammas barsiisan maqaa arfan kana keessaa maqaa nama 2 balleessi jedheen. Barataan sun baay'ee na'ee akka nama dirqamaan balleessisee maqaa haadha isaa fi Abbaa isaa balleesse.

⦿ Barsiisan dhuma irratti warra hafan 2 keessaa maqaa nama 1 akka balleessu itti hime. Ammas baratichi sammuun isaa baay'ee jeeqamaa, harki isaa hoollachaa, sodaachaa maqaa ilma isaa keessa balleesse.

■ Barsiisaan gad taa'i ittiin jedheen. Achiin booda daqiiqaa muraasa booda barsiisichi:

➛ "Maaliif maqaa haadha manaa kee hambifte?
➛ Maatiin kee siif nama ati yeroo hunda itti of abdattudha.
➛ Ilmi kee qaama kee nama baay'ee sitti aanudha.
➛ Haadha manaa garuu kan biraa fuudhuu dandeessa.
➛ Maaliif hunda isaaniirra haadha manaa kee caalchifatte?" Jedheen.

■ Barataan sunis suuta jedhee akkas jedheen:
» Tarii guyyaa tokko maatiin koo na dura biyya lafaa kana irraa darbuu danda'u.
» Ilmi koo immoo gaafa guddate sababa barumsaaf yookiin hojiin na dhiisee deema.
» Bara jireenya koo guutuu hamma lubbuun lafa irra jiraadhutti kan na bira jiraachuu danda'u haadha manaa koo qofa jedheen. Yeroo kan barattoonni kutaa guutuun harka rukutaniif.

#Dhugaadha. Hundi keenya iyyuu maatii keenya hammam yoo jaalanne iyyuu guyyaa tokko dhiisnee deemna. Maaliif yoo jennee haadha manaa yookiin Abbaa manaa fi Ijoolleen keenya hammam yoo nu jaallatan iyyuu nu dhiisanii deemu. Dhuma irratti kan nu biratti hafu haadha manaa keenya yookiin Abbaa manaa Keenya.

Eyyeen Obbolootakoo.

Haati manaa kennaadha malee filannoo miti.

Haadha manaa fuudhun barbaachisummaan isaa galgala galgala sitti yaadatama yoo ta'e ati fuudhuu barbaadda osoo hin taane nama wajjin
bultu barbaadda.

Haadha manaa fuudhun kan sitti dhaga'amu yeroo uffati kee, manni kee, xuraa'u qofaa yoo ta'e, ilaalchi kee galma murtaa'aa namni hiriyaa gaa'elaa qabaachuuf jiru kamiyyuu irratti yaaduu qabu irraa kan fagaatedha.

Haadha manaa qabaachuun kee ilaalcha jaalalaa, fedhii saalqunnamtii, hiriyyummaa yookiin ijoollee godhachuuf qofa irratti kan hundaa'e ta'uu hin qabu.

@Gaaela_Gaarii
@Gaaela_Gaarii

We recommend to visit

buy ad: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii

CEO @Obsamilli


Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii

Last updated hace 1 mes, 1 semana

Chaanaalii kana irratti Faarsaa Kanneen Bara Durii,akkasuma Haaraa Qilleensarra kan Oolan @full Album,,, argachuu dandeessu #faarfannaa qabdan kara kana nuu ergu dandesu @Faarfannaahaaraa_bot
#group_keenya @faaruutuubee
#Channel keenya @OboroMedia
🙏🙏🙏

Last updated hace 1 semana, 6 días

📈 If stock market experts were so expert, they would be buying stock, not selling advice. 🤔
~Norman Ralph Augustine | @Stockbot

Contact: @Executive_Robot

Last updated hace 1 mes