Gaa'ela 𓆩♡𓆪 Marriage

Description
Akkaataa gorsa Macaafa Qulqulluutiin (Biblical Counseling) barsiisa dhimmoota gaa'elaa irratti kennamuu dha.
Yaada: @Gaaelabot

https://adsly.me/@gaaela_gaarii
Buy ads: https://telega.io/c/Gaaela_Gaarii
Advertising
We recommend to visit

All-in-One Cross-Chain DeFi Solution with native token $SWITCH

Partnerships: [email protected]

Last updated 4 months, 2 weeks ago

Buy ads: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii

Contact us @Burqasupport

Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii

Last updated 2 weeks ago

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

@Abdii_Sabaa

💬CONTACT US💬
@AbdiiSabaaDm

🎯BARNOOTAAF
@Abdii_Sabaa_University

🎯MARIIF
@Garee_Abdii_Sabaa

Last updated 1 month ago

6 months, 1 week ago
6 months, 2 weeks ago

#Kutaa 60ffaa

? ???????? ?????? ???????
?????

"Suuraa kee qullaa ka'ii naaf ergi maaloo! Na jaallatta erga ta'ee maal rakkoo qaba?"

●●●

#Seexanni jalqabaa jalqabee hojiin isaa qullaa nama buusisuu dha. Seexanni isa kana jannata keessatti eegale. (Um. 3:1-10)

Har'a garuu seexanni qullaa ofii argisiisuun ulfina namoota baay'eetti fakkeessee jira. #Poornoogiraafiin ibidda seexanni ittiin dhaloota kana gubaa jiru, meeshaa seexanaa isa hamaa dha. Innis qullaa ofii bifa suuraa addaa addaatiin yookiin namoonni utuu qunnamtii saalaa raawwatanii meeshaalee qunnamtii hawaasaa garaa garaan agarsiisuu dha.

Dargaggootni keenya halkan, guyyaa utuu hin jenne moobayila isaanii keessattii gocha ciggaasisaa kana buufatanii, akkasumas hedduun isaanii immoo Youtube fi Social miidiyaa garaa garaa irratti ilaalaa Miira isaanii akka kakaasaa jiran harki caalmaan immoo bifa nama gaddisiisuun Suuraa Qaama saalaa isaanii karaa message facebookii fi social miidiyaa garagaraa sodaa tokko malee waliif ergaa qilleensa irratti hafuura ejjummaan guutamanii qilleensa irratti ejjaa jiru.

ℍ??????? ??? ??????????

????? ?????... waraabessa, leenca, qeerransaa fi bofa ta'anii dhimma tokko irratti mari’achuuf walii galan! Isa booda utuu gara dhimma maree isaanitti hin darbin dura, amala amala isaanii walitti himatan!

Amaloota isaaniis akka armaan gadiitti himatan!

  1. ?????????: “Ani amala koo keessaa bakkan argetti goraa waanan deemuuf (bakka raqatti waanan goraa deemuuf ) gaafa walgahii qabnu guyyaaffadhee yoon dhufe dhiifama naaf godhaa!” jedhe

  2. ?????????: “Jireenya koo keessatti aarii waanan hin jaallanneef, adaraa keessan jecha dubbattanii na hin aarsinaa” jedhe.

  3. ??????: “Ani mootii keessan waanan ta'eef adaraa awwaara natti hin kaasinaa! Qulqullina koo eeggachuu waanan barbaaduuf” jedhe.

  4. ????: “Yoo ana irra ejjette nan du'a waan ta'eef  yeroo deemtan miilla keessaniin ana irra ejjechuu irraa of eeggadhaa” jette.

Kana hundumaa irratti erga waliif galanii booda waraabessi akkuma amala isaa sana guyyaa tokko walga’ii guyyaafatee dhufe! Isa booda hundumti isaani aaranii eeguu jalqaban!

Leencis mootii isaanii waan ta'eef waraabessaan akkas jedhee gaafate. "Hamma kana eessa ooltee dhufte? Maaf walga’ii guyyaafatte?" jedhe. Waraabessis "Amala koo isinitti himeera; ani bakkan argetti goreen waanan argadhe nyaadha; amma  immoo qeerransaa #tortortuu wayiin argeen ishee nyaachaa oole" jedhe.

Kana booda qeerransi immoo aarii waan jibbuuf nan aarsinaa jedhee ture mitiree? Utaalee "eenyu abbaa keen akkas jetta?" jedhee warabeessa qabate! Lafa irra wal gangalachan. Utuma wal gangalchanii Leenci immoo awwaara natti hin kaasinaa jedhee ture mitiiree? Awwaarris leencatti erga ka'ee!  Innis ijji isaa awwaaraan makamee lafa arguu dadhabe ture bofa irra ejjetee ajjeese jedhama!

Bakka raqaatti gortee waan gadhee soorachuun waraabessi, tokkummaa isaanii hanga lubbuu dhabuutti geesse! #Waldaan kiristaanaa yeroo ammaa maal fakkaatti?

Har'as Waldaa Kiristaanaa keessatti #Fayyineerra jechaa warri bakka raqaatti fiigaa oolan amantoota waldaa kiristaanaa karaa irraa gara du'aatti geessaa jiru! Fayyuun keenya afaanin miti! Jireenyaan mul'achuu qaba.

Yaadni gaggeessitootaa fi amantootaa baay'ee akka waan bakka raqaa turanii fakkaata! Wanti bakka raqaa turee waldaa kiristaanaa gaggeessuuf arraba saaqqatu kamuu dhaloota mancaasa! Eenyuyyuu hoolota Waaqayyoo kanaan itti gaafatamummaa qaba! Baruumsi sobaas gaggeessaan sobaas dhalootaaf balaadha!

Kanaaf Waaqayyo waaqa araaraadha jechaa bakka raqaatti deddebinee cubbuu hojjechuun Waaqayyoon garaa baruu keenya agarsiisa! Dhugaadhas Waaqayyoo waaqa araaraadha! Garuu qalbii jijjiirannaan jira jedhanii jireenya waraabeessaa jiraachuun gaarii miti" ??

???????? ????, ?? ??? ???????? ???? ????? ???? ?????? ... ???? ?????? ???????? ?

@Gaaela_Gaarii
@Gaaela_Gaarii

@Marriage_Counseling

6 months, 3 weeks ago

#Kutaa 59ffaa

? Dhiirri fi Shamarran Kaayyoo Isaanii irratti Hundaa'uudhaan Jaalala Gosa #6 Wal Jaallatu. Isaanis:
●●●

? #1) Jaalala Hinaaffaa (Diversificative Love):

Jaalalli kun kallattiidhumaan hinaaffaa irraa kan maddu ta'ee, namoota wal jaallatan 2 jaalala fakkeessanii gargar baasuuf kan fayyaduudha. Gosti jaalala kanaa yeroo ammaa namoota gulantaa tokko tokko irratti wal dorgomaa jiran akka meeshaa lolaatti tajaajila. Wal jaallattoota gargar baasuudhaan amma wal maraachuu fi boqonnaa wal dhowwachuutti kan deemuudha. Fakkeenyaaf: Diraamaa Amasiiloo keessatti jaalala Dr. Addunyaan Iftuu jaallate.

?#2) Jaalala Faayidaa (Fornificative Love):

Jaalalli kun immoo dhiirri tokko yookiin durbi faayidaa addaa argachuuf jedhanii kan wal jaallataniidha. Jaalalli kun jaalala hundee hin qabneedha. Sababni isaas dhiirri yookiin shamarreen kun bu'aa mataa isaa gonfachuuf malee dhiira/dubara sana jaallateef fiigu miti. Bor faayidaa sana yoo hin argatin yookiin immoo faayidaa sana erga argataniin booda haalduree tokko malee intala/dhiira sana dhiisu.

? #3) Jaalala Haalaa (Conditional Love):
Jaalalli kun kan hundaa'u haala battala sana uumamu wabeeffateeti. Fakkeenyaaf qaamotni wal jaallatan kunniin sababii hojiif jecha walitti dhiyaatu yoo ta'e salphumatti jaalala keessatti kufuu danda'u. Isaan kunniin ulaagaa jaalalaa guutaniif wal jaallatu osoo hin taane yeroo baay'ee qaamaan waan wal bira oolaniif jecha wal jaallatu. Gabaabumatti haala yeroo sanaa to'achuuf wal jaallatu. Jaalalli kunis jaalala hundee hin qabne jalatti ramadama. Sababni isaas haalli walitti isaan fide sun yoo jijjiirame salphumatti wal dhiisanii wal irraanfatu. Kun jaalala Yuunivarsitii keessatti baay'ee beekamee jiruudha.

? #4) Jaalala Yeroo (Tentative Love):

Jaalalli kun jecha Afaan Amaariffaa keessatti dabbaramuu jedhu nama baraaruuf fayyada. Dhiirri tokko jaalallee dhugaa fageenya irraa qabaatee yoo ishee obsuu dadhabe, yeroodhaaf dubara kan biraa jaallatee kan ittiin ishee eeggatuudha. Kun dhiirota biyya Arabaatii jaalallee qaban biratti beekamaadha.

? #5) Jaalala Kaayyoo (Purposive Love):

Kun gosa jaalalaa keessaa kaayyoo dhugaaf isaa hundaa'edha. Dhiirri tokko dubara tokko fuudhuuf erga murteesseen booda kan jaallatuudha. Jaalalli kun qixa hundumaatiin iyyuu guutuu waan ta'eef, salphaatti hin fashalaa'u. Amma danda'amaa ta'etti gufuu fi sakaallaa hunda darbuuf tattaafata. Sababoota garaa garaatiin danqamee osoo hin milkaa'in yoo hafe illee godaannisa ta'ee keessa namaatti hafa.

? #6) Jaalala Bakka Bu'iinsaa (Representative Love):

Jaalalli kun kan hundaa'u dhiirri tokko dubara tokko dhugaadhaan jaallatee gaafatatee, isheen garuu yoo isa didde, bakka ishee kan biraa buufachuuf jedhee dubara kan biraa yoo jaallatuudha. Jaalalli kun jalqaba akka jaalala yerootti kan hundaa'u yoo ta'u, turtii keessa gara jaalala kaayyo-qabeessaatti jijjiiramuu danda'a.

?Egaa walumaa galatti ati barruu kana dubbisaa kan jirtu waan tokkon siif dhaama. Jaallachuus ta'e jaallatamuun kee gaariidha. Garuu “Jaalala akkamiin jaallachaa jira? Jaalala akkamiin immoo jaallatamaa jira?” jettee yaaduun hunda caalaa barbaachisaa ta'a. Namootni baay'een jaalallee isaanii isa darbe yaadatanii osoo imimmaan gaabbii boo'anii argaa oolla ??. Kana hundumaatiif sababa guddaa kan ta'e gosa jaalala jaallatamaa jiran wallaaluudha. Yeroo tokko tokko dubarootni keenya dhiira jaalala hin beekne harkatti kufanii yeroo miidhaman, akkasumas immoo dhiira dhugaadhaan isaan jaallate shakkanii harkaa sigigaatanii yeroo kufanii agarra.

Ati garuu obboleettii koo qaamni “Sin jaalladha” siin jedhu 99 yoo ta'e iyyuu achi keessaa kan dhugaan si jaallatu muraasa. Inni kaan waan haalli itti toleef si jaallata; inni kaan faayidaa addaa argachuuf, inni kaan yeroo sitti dabarfachuuf si jaallata. Inni kaan fedha foon isaa si irratti obbaafachuuf si jaallata. Qortee yoo ilaalte waan baay'ee arguu dandeessa. Kan gaa'ela si wajjin dhaabbatee haadha-manaa si godhachuuf si jaallatu ogummaadhaan adda baafachuun gahee kee isa olaanaadha.

...share taasisi!

@Gaaela_Gaarii
@Gaaela_Gaarii

@Marriage_Counseling

7 months ago

#Kutaa 58ffaa

? JAALALA KEESSA AKKA JIRTU KARAALEE 20 ITTIIN HUBATTU: ? ❤️ ?
●●●
1. Yeroo hunda profile isaanii ilaalta ?
2. Halkan, galgala bilbilaan isaan waliin yommuu haasoftee xumurtu ammas daqiiqaa lama dura ta'us deebitee isaan yaadda ??
3. Barreeffamoota isaanii irra deddeebitee dubbista?
4. Yeroo isaan waliin jirtu?? ♂️?? ♂️ garmalee suuta jettee deemta ?
5. Yeroo naannoo isaanii jirtu hundatti qaana'uun sitti dhagahama ??
6. Yeroo isaan yaaddu onneen kee yeroo tokkotti saffisaa fi suuta dha'ata ??
7. Sagalee isaanii dhageessee kolfita ???
8. Yeroo isaan ilaaltu namoota biroo naannoo sana jiran arguu hin dandeessu. Isa yookiin ishee qofa argita ?
9. Muuziqaalee suuta jedhu osoo yaadin dhaggeeffachuu eegalta ????
10. Isaan yeroo boqonnaa keessanitti kan yaaddan hundadha ???
11. Urgaa isaanii fageenya irraa ol kaaftee bakka fedhetti adda baafatta. ????
12. Yeroo hunda hiriyaa biraa wajjin yeroo isaan argitu gammachuu dhabda, hinaaffaas ni qabaatta ?
13. Yeroo isaan sitti dhihoo hin jirretti miira tasgabbii dhabuun sitti dhagahama ?
14. Yeroo hunda guyyaa guutuu isaan waliin haasa'uu hawwita?
16. Isaan gammachiisuuf waanuma fedhe goota, yeroo hunda waan haaraa isaan waliin yaaluu barbaadda ??
17. Yeroo hunda yeroo isaan ilaaltu akka kolfaa jirtu ni hubatta ?
18. Osoo kana dubbistuu yeroo kana hunda sammuu kee keessa namni tokko jira. ?
19. Nama sana baay'ee yaaduu irraan kan ka'e namni tokko busy ta'ee, lakkoofsi 15 dhabamuu isaa hin hubanne ?
20. Ol ilaaltee qofa, ofitti kolfaa jirta ???

@Gaaela_Gaarii
@Gaaela_Gaarii

@Marriage_Counseling

7 months ago

#Kutaa 57ffaa

? HAADHA MANAA KEE AKKA FRIENDZONE (HIRIYYUMMAATTI) HIN ILAALIN! ?
••••
1. Hiriyaa gaaʼelaa kee wajjin wal qunnamtii saalaa raawwachuu gonkumaa hin dhiisin!

  1. Hiriyaa gaa'elaa kee dhungachuu gonkumaa hin dhiisin!

  2. Abbaa manaa, gonkumaa qaama ishee qaqqabachuu hin dhiisin!

  3. Haadha manaa, qaama saalaa isaa waliin taphachuu gonkumaa hin dhiisin!

  4. Mana tokko yookiin hoteela tokko keessatti kutaa adda addaa keessa gonkumaa hin rafinaa!

  5. Hiriyaa gaa'elaa keetiin gonkumaa "beekuu hin qabdu" hin jedhin!

  6. Yoomiyyuu qullaa ta'uu kee hiriyaa gaa'elaa kee jalaa itti yaaddee hin dhoksin!

  7. Walqunnamtii saalaa hiriyaa gaa'elaa kee gonkumaa hin dhorkin yookiin walqunnamtii saalaa akka meeshaa waraanaatti hin fayyadamin!

  8. Hiriyaa gaa'elaa kee gonkumaa akka hiriyyoota keetitti hin ilaalin! Hiriyaan gaaʼelaa kee hunda caalaa adda!

  9. Gonkumaa hiriyaa gaa'elaa kee wajjin haala hiriyaa gaa'elaa kee arrabsoo fakkaatuun hin qoosin!

  10. Gonkumaa itti yaaddee hiriyaa gaa’elaa kee duraa waan tokko hin dhoksin!

  11. Hiriyaa gaa'elaa kee waliin waan jaalalaa osoo hin dubbatin guyyaa tokkollee hin deemin!

  12. Abbaa manaa, harmaa fi qaama saalaa ishee fedhiidhaan ilaaluu gonkumaa hin dhiisin!

  13. Haadha manaa, abbaa manaa kee waliin tapha saalqunnamtii gonkumaa hin dhiisin!

  14. Hiriyaa gaaʼelaa kee wajjin jaalala itti fufsiisuu gonkumaa hin dhiisin! Hiriyaan gaaʼelaa kee akka #friendzone (hiriyyummaatti) akka si ilaalu hin godhin! Kun gaa'ela malee hiriyyummaa miti. Hiriyaan gaa'elaa kee hiriyyaa kee addaa fi kennaa dha.

@Gaaela_Gaarii
@Gaaela_Gaarii

@Marriage_Counseling

7 months ago

#Kutaa 56ffaa

? ABDII HIN KUTANNU ?
••••
Haadha Manaa Koo Jaalatamtuu,...

  1. Gaa'ela keenya obomboleettiin yeroo mudatu #abdii irraa hin kutannu. "Jaalala keenya qoruuf qormaanni ni jiraata garuu yoo waliin dhaabbanne wanti addaan nu qoodu hin jiru"

  2. Gaa'ela keenya keessa soddaan (maatiin) seenuuf yoo yaalan #abdii hin kutannu, Isaan ni jaalanna garuu akka isaan walitti nu buusan hin heeyyamnu!

  3. Gaafa hiriyoonni keenya nu gatan #abdii hin kutannu, nama kan biraa dhabuu ni dandeenya, garuu walqabna. Ishee jechuun ana! Gaafan ishee dhabu baay'een sodaadha!

  4. Yoo daa'ima qabaachuu dhabne, yoo dhala dhabne #abdii hin kutannu! Gaa'elli keenya ijoollee malee kan hin guutamne miti. Hanga walqabnutti guddifachuullee ni dandeenya!

.... Abdii hin kunnu! #Abdii hin kutin! Na hin didin! Ana waliin gaddi, kana keessa waliin jirra. Na hin komatin, jireenyi hojii Waaqayyooti. Ani akkuma kee mucaa godhachuu barbaada garuu dubbii dhumaa kan qabu Waaqayyo isa olaantummaa qabu dha.

  1. Dhuma irratti daa'ima qaama miidhamtuu yoo qabaanne #abdii hin kutannu. Mucaan sun adda ta'uu isaaf, eenyuu gadi hin ta'u. Mucaa sanaaf jaalala haa kenninu; fakkeenyonni namoota dandeettii adda addaa qaban baay’eedha; jaamaa, gurri isaa hin dhageenye, otizimii kan qabu, qaama waan guddaa hojjete kan hin qabne. Jaalalli yeroo hunda deebiidha.

  2. Gaafa ani kufe, gaafa ani badii hojjedhu #abdii hin kutatin. Na sirreessi, dhiifama naaf godhi, kana caalaa nan hojjedha. Ani mudaa hin qabu garuu jaalala keenya fiixaan baasuun barbaada.

  3. Gaafa na gaddisitee dogoggore, #abdii hin kutin, dhokattee hin baqatin. Gara koo koottu, dhiifama siif godha, siif haguuga. Jaalalli cubbuu baay’ee haguuga.

  4. Yoo walqunnamtiin saalaa keenya xiqqaate yookiin ani jaalala sirriitti siif hin kennine #abdii hin kutin! Gaa'ela keenyaan alatti walqunnamtii saalaa guddaa barbaaduun cubbuudha. Mee akkamitti akka barbaaddu, harma kee irratti, gogaa kee irratti, miila kee gidduutti maal akka godhamu barbaaddu natti himi! Yaadaaf banaadha, hanga itti quuftutti si tajaajiluuf as jira.

  5. Yeroo wal lolluu fi wal falminu, yeroo gama koo rakkisaa yookiin miira fokkisaa koo argitu #abdii hin kutin. Yeroo tokko tokko wal-dhabdeen nu gidduutti ni uumama. Lolli hin turu. Jaalalatti akka deebinuuf dhimmoota saffisaa fi xumuraan haa furru. Si miidhuu nan jibba.

  6. Yeroo walhubachuu dhabuun sitti dhaga'amu #abdii hin kutatin, Kottu na waliin taa'i, akkan si hubadhu na gargaari, nan dhaggeeffadha.

  7. Rakkoon maallaqaa yoo nu mudate yookiin hojii yookiin daldala dhabne #abdii hin kutatin. Ati nama cimaadha anis akkasuma. Yeroon cimaan nu mudachuu danda'a garuu hin turu. Waaqayyo humna qabeenya uumu nuuf kenna. Ni tolchina. Sababa qarshiitiin jaalala dhugaa dhabuu hin dandeenyu.

  8. Yeroo namoonni hin milkaa'an nuun jedhan, yeroo sobaa fi haasawa gadhee sitti dubbatan #abdii hin kutin; xiyyeeffannaa kee isaaniif hin kennin. Anii fi ati hanga wal amannee jirrutti wanti barbaachisaa ta'e kana qofadha.

  9. Gaafa fageenyi gargar nu baasu, yeroo yeroof wal irraa fagaannee hojjechuu qabnu, #abdii hin kutatin. Addunyaa kana irra namni akka kee hin jiru. Walmalee hin qabnu, kun yeroodhaaf qofa.

  10. Yoon dhukkubsadhe yookiin balaan na mudate #abdii hin kutin; na hin gatin; Silaa akkas si hin godhu ture. Wayyaaf, hamaadhaaf; hanga dhumaatti sin waliin jira.

  11. Yeroo miirri kee si dogoggorsu, yeroo sadarkaa kee isa gadi aanaa jirtu, yeroo rakkoon jireenya walakkaa si mudatu, yeroo burjaajjiin mataa isaa fokkisaa ol kaasu #abdii hin kutin. Anaa fi ati maal akka qabnuu fi anii fi ati hangam akka geenye yaadadhu. Hin dagatin si jaallachuu koo.
    Sin jaalladha ???

Abdii hin kutatin!

@Gaaela_Gaarii
@Gaaela_Gaarii

@Marriage_Counseling

9 months ago

#Kutaa 52ffaa

? AARII KEE TOʼACHUU KAN
DANDEESSU AKKAMITTI?

Hiriyaan gaaʼelaa kee wanta si aarsu (mufachiisu) yommuu dubbatu yookiin raawwatu aarii kee dhoksuuf yaalii goota taʼa.

Yeroo kanatti hiriyaan gaaʼelaa kee rakkinni tokko akka jiru waan itti dhagaʼamuuf dhimmicha beekuuf yaalii godha. Kun immoo caalaatti si aarsa. Haala ulfaataa akkasii keessatti aarii kee toʼachuu
kan dandeessu akkamitti?

Wanta beekuu qabdu:

Maal gochuu dandeessa?
Aariin akka si mooʼu heeyyamuun fayyaa kee miidhuu dandaʼa.

? "Qorannoowwan akka argisiisanitti, aarii toʼachuu dhabuun dhukkuboota akka dhiibbaa dhiigaa, dhukkuba onnee fi dhiphina sammuutiif nama saaxiluu akkasumas nyaanni akka hin daakamne gochuu dandaʼa. Aariin rakkoolee akka hirriiba dhabuu, yaaddoo dabaluu, rakkoolee gogaa qaamaa fi dhiigni sammuutti dhangalaʼuu
wajjinis wal qabata."

Kitaabni Qulqulluunis, “Dheekkamuu irraa of dhowwi!, inni hamaa hojjechuu duwwaatti waan si geessuuf hin aarin!” kan jedhu kanaafi.
— Faarfannaa 37:8

? Aarii ukkaamsuunis miidhaa geessisuu dandaʼa. Aaruu keenya kan itti fufnu yoo taʼe, aariin akkasii dhukkuba keessa qaamaa miidhu wajjin walfakkaachuu dandaʼa.

Fakkeenyaaf, ilaalchi shakkii fi komiin si keessatti guddachaa adeemuu dandaʼa. Ilaalchi akkasii hiriyaa gaaʼelaa kee wajjin jiraachuun akka sitti ulfaatu taasisa; kun immoo gaaʼela keessan rakkoo irra buusuu dandaʼa.

Maal Gochuu Dandeessa?

? Amalawwan gaggaarii hiriyaa gaaʼelaa kee irratti xiyyeeffadhu! Amalawwan hiriyaan gaaʼelaa kee qabu keessaa kan baayʼee dinqisiifattu sadi barreessi.

Yeroo itti aanu wanta hiriyaan gaaʼelaa kee godhetti yommuu aartu amalawwan kanaan dura barreessite irratti yaadi!

Kunis aarii kee toʼachuuf si gargaaruu dandaʼa. Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: "Kan galateeffattan taʼuu keessan argisiisaa." — Qolosaayis 3:15

? Amala waliif dhiisuu horadhu! Jalqaba, bakka hiriyaa gaaʼelaa kee of kaaʼuudhaan dhimmicha ilaaluuf yaali! Kun immoo amala namaaf gadduu isa Kitaabni Qulqulluun ‘miira walii hubachuu’ jechuudhaan ibsu guddifachuuf si gargaara. (1 Pheexiros 3:8 )

Achiis, akkana jedhii of gaafadhu, ‘Dhuguma wanti na aarse dhiifama gochuuf kan ulfaatu dhaa?’ Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: ‘Balleessaa irra namaaf darbuun ulfina.’ — Fakkeenya. 19:11.

? Miira kee gaarummaa fi malaan ibsi! Jecha “Ani” jedhutti fayyadami! Fakkeenyaaf, “Ati namaaf hin yaaddu, eessa akka jirtu illee bilbiltee natti hin himne,” jechuu mannaa, “Waan barfatteef, anis bakka jirtu waanan hin beekneef waa taatee laata jedheen sodaadhe,” jedhi!

? Yaada kee gaarummaadhaan ibsuun aarii kee toʼachuuf si gargaaruu dandaʼa. Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Dubbiin keessan yeroo hunda gurratti kan toluu fi soogiddaan kan miʼeeffame haa taʼu.” — Qolosaayis 4:6.

Kabajaan dhaggeeffadhu! Erga miira kee ibsitee booda, deebii hiriyaan gaaʼelaa kee kennu utuu gargar hin kutin dhaggeeffadhu! Yommuu hiriyaan gaaʼelaa kee dubbatee xumuuru, sirriitti akka dhaggeeffatte akka beekuuf yaadicha irra deebiʼiif! Tarkaanfii salphaan akkasii kun, jechuunis sirriitti dhaggeeffachuun aarii kee akka toʼattu si gargaaruu irratti gaʼee guddaa qabaachuu dandaʼa.
Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu:
“Dhaggeeffachuuf ariifataa, dubbachuuf suuta jedhaa [taʼaa]!" —Yaaqoob. 1:19

? “Aarii kee yoo ukkaamsite,
rakkinichi irra deddeebiʼee akka uumamuu fi aariin kee tasa dhoohee akka baʼu godha. Kanaaf kabajaan rakkinicha irratti mariʼachuun baayʼee
gaariidha.

Abbaan manaa fi haati manaa haala kanaan erga waliin mariʼatanii booda, ‘Gara michummaa isaaniitti
deebi'uutu irraa eegama.

? "Abbaan manaa koo yeroo
hundumaa waan na dhaggeeffatuu fi miira koo waan naa hubatuuf baayʼeen isa dinqisiifadha. Dhimmicha irratti walii galuu baatus, ilaalcha koo naaf hubata. Inni miira natti dhagaʼameen kan kaʼe matumaa akkan qaanaʼu na hin taasisu.”
— Haadha manaa fi Abbaa manaa ishee

@Gaaela_Gaarii
@Gaaela_Gaarii

@Marriage_Counseling

9 months ago

Premium Subscribers ? Please click and boost Our Channel! Thankyou♥️

https://t.me/boost/Gaaela_Gaarii

10 months ago

Namoonni Hin Fuudhiin Yookiin Hin Heerumin!

? Bor nama gaa'ela keessatti isin wajjin tokko ta'u argachuuf asiif achi fiiguu akkasumas social media irra ilaaltanii akkasumatti ilaalcha mataa keessaniitiin walbarbaaduu dhiisaatii fuula Waaqayyoo duratti kadhannaadhaan nama kan keessan ta'e Waaqayyoon gaafadhaa; kan Waaqayyo isiniif ilaalu isa isin ilaallattan dachaa meeqa caala. Kanaaf obboloota nana ofii keessanis, walii keessanis hin gowwoomsinaa! Yeroo keessan waan hin taane irratti hin gubinaa! Waaqayyo waan hundumaatti nu haa dursu! Baay'een isin jaaladha! Baay'een isin Kabaja! Channel keenya isa hangafa Gaaela Gaarii hordofaa! Share waliif taasisaa! Galatoomaa!

❤️ @marriage_Counseling

@Gaaela_Gaarii
@Gaaela_Gaarii

11 months ago

#Kutaa 40ffaa | Hariiroon Jaalalaa Hiriyaa Gaaʼelaa yookiin Jaalallee Kee Wajjin Qabdu Karaa Sirrii irra Akka Jiru Beekuun Kee Guyyaa Kee Fooyyaʼaa fi Jireenya Gaa'elaa Milkaaʼaa Ta'e Akka Qabaattu Taasisa.@Gaaela_Gaarii

Hariiroon Jaalalaa Amma Qabdan Karaa Sirrii Irra Jiraachuu Isaa Hubachuuf Gaaffilee Barbaachisoo ➓:

➊. Jaalallee kee yookiin hiriyaa gaa'elaa kee waliin yeroo waliin jirtan, yommuu waa haasoftan, yaada irratti waliigaltee qabaachuu fi walitti dhufuu moo walii galuu dhabuu fi garaagarummaatu mul'ata?

➋. Jaalallee yookiin haadha manaa kee waliin qaamaan yommuu wal argitu yookiin bilbilaan yeroo haasoftu amala nuffisiisaa ni argita?

➌. Dhimmoota bu'uuraa irratti ilaalchi keessan wal fakkaataa yookiin walitti dhiyoo moo walirraa fagoodha?

➍. Hiriyaa jaalalaa kee hangam beekta jettee yaadda?

➎. Atii fi hiriyaan kee hangam wal amanta?

➏. Gaafa waliigaltee dhabuun uumamu gara gargar ba'uutti geessa moo haalli rakkoo furuu fi itti fufuu ni jira?

➐. Waan tokko yommuu hojjettu ilaalcha mataa keetii qofaan raawwatta moo miira jaalallee keetii ilaalcha keessa galchuun murtoo dhuunfaa irraa of eegda?

➑. Hiriyaan jaalalaa kee waan hunda itti gaafatamummaa fi of eeggannoodhaan moo of eeggannoo malee hojjeta?

➒. Wanta jaalallee kee caalaa iddoo kennituuf kan akka maatii, hiriyoota yookiin namoota biroo ni qabdaa?

➓. Yeroo baay'ee hiriyaa jaalalaa kee keessatti irra deddeebiidhaan sobaa fi sababa wanta ta'e ni argitaa?

Yaadaaf: @Gaaelabot / @Getu_Abera / @Megertu_Dhugasa

@Gaaela_Gaarii
@Gaaela_Gaarii

We recommend to visit

All-in-One Cross-Chain DeFi Solution with native token $SWITCH

Partnerships: [email protected]

Last updated 4 months, 2 weeks ago

Buy ads: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii

Contact us @Burqasupport

Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii

Last updated 2 weeks ago

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

@Abdii_Sabaa

💬CONTACT US💬
@AbdiiSabaaDm

🎯BARNOOTAAF
@Abdii_Sabaa_University

🎯MARIIF
@Garee_Abdii_Sabaa

Last updated 1 month ago