All-in-One Cross-Chain DeFi Solution with native token $SWITCH
Partnerships: [email protected]
Last updated 6 Monate her
Buy ads: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii
Contact us @Burqasupport
Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii
Last updated 2 Monate her
Welcome to Garisoakings, where laughter is the best seasoning! Dive into a hilarious pool of memes‼️👑,Join us, share the joy, and let's soak in the meme-licious madness together! 🎉😂
Last updated 2 Wochen, 5 Tage her
Aleppoo irra ka'ee guyyaa kudha tokkotti(11) Damasqoo gahe. Ji'a muddee keessa abbaa irree fi caasaa isaa biyya isaa keessa gugsee baase.
Ahmad Al Sharaan nama warraaqsaati, nama siyaasaati. Lolt-uudha. Ajajaa waraa-naati. Tika waraa-naati. Waan hojjetu hunda irratti gahoomaa ta'ee hojjetaa ture. Amma mootummaa Siiriyaa isa dargaggeessa ganna 43ti.
Waan Al Sharaan hojjete dubbatamee kan dhumu miti. Qabsoo uummata Siriyaa abbaa irra walaba baasuu keessatti gahee leencaa taphateera. Qabsoo akka baha giddu galeessatti ija hawaasa addunyaa biratti badaadha jedhamu toora qabsiisuun qabsoo sabboonummaa fi abbaa biyyummaa godhee Siriyaanota mataa ol qabachiisuu yaaleera. Milkaa'inni isaaf garee isaa immoo of haaromsuu ilaacha siyaasaa fi dippilomaasii isaaniiti. Al Sharaan hanga ammaatti waan gatii baasetti milkaa'eera. Kan hafettis akka milkaa'u hawwii kooti!
Politikaa fi Dipilomaasiin yoo yeroo yerootti haarayaa hin deemne achumee taati. Siyaasnii fi dipilomaasiin waliin jiraatu. Yoo miidhaman yeroo yerootti yaala barbaadu. Yeroo yerootti dhidhiibbaa barbaadu. siyaasni fi dipilomaasiin haromfamaa deemuun dirqama. Kaleessa gaaffii polotikaa kuta kutaan gaaffataa turte yoo ta'e har'a gaafficha bakka tokkotti gaafachuuti qabda. Fakkeenyaaf gaaffii dhimma Finfinnee, Dirre Dawaa, naannoo Hararii Matakkal, fi fkfn. Gaafileen kun bakka tokkotti deebii argachuu qabu. Gaaffii Polotikaatiif gaaffiin bulchiinsa gaarii deebii hin ta'u. Gaafiin keenya yoomessa qabaachuu qaba. Deebiin keenyas akkasuma. Biyya gaafannee kutaa magaalaa tokkof gatii baasuun nurra hin jiraatu. Gatiin hundi Oromiyaa keessatti hammatama. Biyya keenyaaf dipilomasii keenya haaromfachuuti qabna. Hiriirri dipilomasii keenyaa inni kaleessaa harkifataadha yoo ta'e tarree dipilomasii saffisaa hiriiruutu barbaachisa. Qabsoo addunyaan itti jirtu qabsoo akkamiti kan jedhu mala dhahuunis barbaachisaadha. Hojii kaleessa hojjenneef danqaa kan ta'e galmi keenya maaliif dheerate kan jedhuufis mala dhahachuun gahee Hayyoota Oromoo fi qabsaa'otaati.
Barruun armaan gadii kun waan xiqqoo hubannoo dabaltu qabdiiti dubbisaa!
ABU MOHAMMAD AL JULAANII(AHMAD AL SHARAA)
Ahmad Al Sharaa maqaan qabsoo isaa Abu Mohammad Al Julaanii jedhamuun beekama. Bakki dhaloota isaa naannooTulluu Golan jedhamutti yoo ta'u magaala Damasqootti guddate. Abu Mohammad yeroo jalqabaaf Al Qaa-yidaatti makamuun waggoota muraasaaf qabsoo geggeessuu itti fufe. Bara 2006 suuftota Ameerikaa harkatti kufuun xumura bara 2011 mana hidhaa irra gadi dhiifame. Erga mana hidhaatii bahee warraaqsi isaa bulchiinsa Bashir Al Asad irratti akka xiyyeeffatu taasise. Itti fufee bara 2012 deggersa Al Qaayidaatiin sirna gita bittaa Asaad lo-luuf jaarmiyaa Adda Al Nusra uume. Kana gidduutti Al Baghdadi garee Al Sharaan sirna gita bittaa Asaad ittiin weera-ruuf ijaare Al Nusra fuudhee garee Islaamaan walitti makuuf karoorsee ture Al Sharaan morme. Kunis garee Al Bag-dadii fi Al Sharaa gidduutti waraa-na uume. Bara 2016tti Al Sharaan hariiroo gurmuu Al Nusraa fi Al Qaa-yidaa gidduu jiru addaa kute.
Abu Mohammad Al Julaanii(Al Sharaan) erga hariiroo Al Qaa-yidaa fi jihaa-distoota irra adda of baaseen booda garee isaa qabatee bulchiinsa Siiriyaa Asaadiin hoogganamu irratti qabsoo isaa jabeessuun seera qabeessummaa biyyoota Addunyaa barbaaduu itti fufe.
Abu Mohammad Al Julaanii (Al Sharaan) Al Nusra jaarmiyaa Hay'at Tahrir Al Sham jedhamuun walitti makuudhaan ijaaree hooggana ta'ee tajaajilaa ture. Naannowwan waraa-nan to'atan keessatti qeeqa uummataa fudhachuun hojiirra oolchuu, tajaajila uummatichaaf barbaachisu tokko tokko kennuun hojii qabsoo itti fufan!
Abu Mohammad Al Julaanii namni polotikaa jiha-distootaa moggeessuun qabsoo isaa sirna abbaa irree irratti taasise. Sababa kanaanis garee IS-IS waliin lo-la jabaa geggeessuun lol-ltoota 3000 ol walirraa galaa-fatan. Sana booda gareen isaas xiyyeeffannoo isaanii sabboonummaa sooriyaa irratti akka taasisaniif isaan jajjabeessuuf barsiisuu itti fufe. Gareen Al sharaas Al Qaa-yidoota caalee garee cimaa jedhamuun sodaatamuu jalqabe. Garee Siiriyaa keessa isa guddaas jedhame. Mootummoota warra lixaa wajjiin wal waraa-nuu dhaabuun fuula isaa kaayyoof daandii milkaa'inaa isaa irra godhate. Bara 2015 qabsoon Al Nusraa warra lixaa waraa-naa akka hin taanee fi bilisummaa Sooriyaaf qabsoo akka taasisaa jiran Aljeezeraa irratti fuula dhokfatee dubbatee ture. CIAn Alsharaa ajjee-suuf yeroo hedduu gaaddee itti milkaa'uu dadhabdus tooftaa fi tarsiimoo siyaasaa baaseen ajjee-chaa CIAtti bishaan dhangalaasee biraa kute. Ameerikaan Abu Mohaammad Al Julaanii nama dabarsee natti kenneef doolara miliyoona 10n akka laattu ibsitee turte. Boodarra garuu tooftaan qabsoo Al Sharaa qabsoo adduyaa waliin wal simateef jila itti ergitee jajjabeessite. Ergasii namni kun murxuxxee ta'ee argame. Bara 2024 Ji'a adoolessaa irra eegalee opireshina inni weera-rtoota Asaad irratti geggeessa opireshina milkaa'aa jedhamee weeddifameef.
Olloota Itiyoophiyaa maqaa dhahi yoo jedhame tarreessuun ni danda'ama.
Isaan keessaa hariiroo gaarii fi diplomatic kan ta'an tarreessi yoo jedhamte tasuma tokko lafa kaa'uu hin dandeessu.
Kanaafuu hin jiru jennee yoo waliif galle keeniyaan ollaa gaarii itiyoophiyaati jechuun ni danda'amaa?
Hin danda'amu. Bara uhuru keniyatta angoorra ture Abiy Ahmedin ati daa'ima jedhee abaaraa rure; bara wiliam ruuttoo kanahoo maaltu dhalate yoo jettee tilmaamte waayyuu hin jiru garuu Abiy Ahmed ollaa gaarii dhabuurraan kan ka'e qondaalota keeniyaaf doolara impaayerittiin liqiin argattuu fi albuuda Oromiyaa irra dhangalaasee ittiin goyyoofamaa jira malee keeniyaan waanuma Abiy waliin ishee rakkisu hin jiraatu faayidaa yerooti jechuudha.
Sudaan, Ertrea, jibuutii, soomalee waliinis diinummaan ofitti naannessitee gidduu jirti.
Kanaaf kun dhimma yerooti.
Ibsa Ejjennoo fi Gaaffii Mirgaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Yuunivarsiitii Arsii!
Uummanni Oromoo dur-bara moototaa irraa kaasee, hanga har'a irra jirru kanaatti ajjeechaa, hacuuccaa, reebichii fi hidhaan irraa dhaabbatee hin beeku. Akkasumas, uummanni Kun Diinagdee, Hawaasummaa fi Siyaasaan kufee, bitamee bara hunda akka jiraatu karaa hundaan irratti hojjetamaa as-gahe. Haati Oromoo fi Abbaan Oromoo boohicha 'Wayyoo Ilmakoo' jedhuu fi 'Wayyoo Intalakoo' jedhu addaan hin kunne. Qabeenyi nuti qabnu osoo dargaggeessi Oromoo beelahuu halagaan saamamee dhumaa jira. Osoo qabeenya keenyatti fayyadamuuf, mirga karaa seeraas karaa uumamaas qabnuu, faallaasaa garuu qabeenyi uumamaa Oromoo, uummata Oromoodhaaf diina waan bite fakkaata.
Har'as, uummanni Oromoo isa durii caalaa ajjeefamuun jabaatee itti fufee jira. Uumanni kun har'a hiree tokkollee dhabee ilmaan Abbaa hin qabne fakkaatee jira. Mirgi lubbuun jiraachuu uummata Oromoo irraa mulqamee gochi sanyii duguuggaa uumata kana irratti taasifamaa jira. Nuti barattoonni Oromoo Yuunivarsiitii Arsii uummata Oromoo Haadhaa fi Abbaa keenya bakka buunee mirga lubbuun jiraachuu keenyaa fi uummata keenyaaf cichinee ni falmanna; gaaffii mirgaas gaafachuu itti fufna. Hanga Mootummaan 'ibsa ejjennoo' gaaffii uumataa kana irratti qabu kennuu fi tarkaanfii fudhatamuu qabu fudhachuu eegalutti barnootaaf daree akka hin seenne beeksisuu barbaanna. Gaaffii ijoo nuti Mootummaa gaafachuu barbaannuu fi wantoonni nuti Mootummootaa fi dhaabbilee mirgoota Namoomaa Idil-Addunyaatti agarsiisuu barbaannu:
1) Mootummaan mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu uumata Oromoo kabajuu qaba.
2) Mirgi hiree ofii ofiin murteeffachuu uumata Oromoo kabajamuu qaba.
3) Uummanni Oromoo akkuma Saba kamiiyyuu hidhannoo 'Qawwee' uummaticha gitu hidhachuu qaba.
4) Daangaan Oromiyaa kabajamuu qaba.
5) Mirgi lubbuun jiraachuu uummata Oromoo kabajamuu qaba.
6) Humna finxaaleyyii nafxanyaa 'Faannoo' daangaa Oromiyaa keessaa hatattamaan Mootummaan qulqulleessee baasuu qaba.
7) Mirgi Barsiisota keenyaa kabajamuu fi gaaffiin Barsiisota keenyaa deebii quubsaa argachuu qaba.
Sadaasa, 21/2024 G.C
Barattoonni #Yuunivarsitiin_Arsii hiriira nagaa bahuun ummatasaanif sagalee ta'aa jiru.Students of Arsi_University are becoming a #voice for their people by holding a peaceful demonstration!
#Inbox
Harargee lixaa Aanaa ciroo arraada sheek keessatti Abbaan arraada fi waraanii bilxiginnaa namoota 6 qe'ee isaanii keessaan fudhatanii ergaa wajjiraa arraada sheek Aadaam keessatti guyyoota bayyeef dararaa turaan booda tokkoon tokko isani irraa qarshii 5000 ergaa irraa fudhatan boodaa kaleessa arraada keessaa fudhaani eessaa akka geessaan hin beekkamne.
Maatiin namoota kanneeni gara magaalaa ciroo deemuun waajjiraalee police hunda irraa deemaani dhabaan.
Maqaa isaani
1.Najaash Aliyyii Abraahim
2. Alamudin Abarashoo Somanee
3. Sulaxan Umar Adam
4. Ibsaa Amadi Yusufee 5.ramadan Jamaal
5. Abdii
6. sharafuu Qasiim Abduraman
https://www.facebook.com/share/v/wHcx13oNvrBzn2CD/?mibextid=WC7FNe
Log in or sign up to view
See posts, photos and more on Facebook.
All-in-One Cross-Chain DeFi Solution with native token $SWITCH
Partnerships: [email protected]
Last updated 6 Monate her
Buy ads: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii
Contact us @Burqasupport
Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii
Last updated 2 Monate her
Welcome to Garisoakings, where laughter is the best seasoning! Dive into a hilarious pool of memes‼️👑,Join us, share the joy, and let's soak in the meme-licious madness together! 🎉😂
Last updated 2 Wochen, 5 Tage her