Dhugaan Dungoodha💡

Description
Never give up
Advertising
We recommend to visit

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

@Abdii_Sabaa

💬NU QUNNAMUUF💬
@AbdiiSabaaDm

🎯BARNOOTAAF
@abdii_sabaa_university

🎯MARIIF
@Garee_Abdii_Sabaa

Last updated 6 days, 5 hours ago

asc بســــــــــــم الله الرحمن الرحيــــــــــــم
Ku Dhawaad- 3000 Buug-Somali ayaa ku jira Akhriso oo ilaali xuquuqda Qoraayada leh.
Youtube:
https://shorturl.at/auGJZ
Diclamer:
Cabasho/Buug iyo Su,aal ... La Xidhiidh
@Cabasho_Bot
@Tusmobook

Last updated 2 months ago

Somali National Television is the principal public service broadcaster in Somalia.

Headquartered in Mogadishu.

Last updated 2 weeks, 5 days ago

4 months, 3 weeks ago

**Addunyaa ulaagaa baastu keessa jirra.Ulaagaan ulaagaadhumaan osoo ni ba'a ta'ee baay'ee bu'aa qaba ture.Garuu, rakkinni addunyaa kanaa yeroo ammaa ulaagaa ulaagaa malee ba'utu baay'ate.

Barnoonni barnoota malee kennamu akkuma nu rakkise,wanti baay'een ulaagaa malee ulaagaa ta'ee ba'aa jira.Ba'aas ture. Boris ni ba'a.Addunyaa kana waan ijaan mul'atu caalaa waan hin mul'annetu ishee geggeessa. Addunyaan kun nuti waanuma arginu argaa jirra malee isheen harka lafa jalaatiin geggeeffamaa oolti.

Dubbii qoosaa fakkaatu, garuu hiika qabu tokko akkas jedha;
"mucaa tokkotu waggaa baay'ee erga baratee booda, gaafa eebba isaa carraa gaaffii gaafatamuu argatee akkas jedhe, barsiisota keenya warra osoo hin baratiin nu barsiisanii asiin nu gahaniif galanni haa ga'u" jedhee dubbate jedhan. Kana jechuun eenyu irraafi maal baratee achi ga'e jechuudha?

Osoo hin baratin warra barsiisan yoo taane, dhaloota osoo hin baratin barsiisuuf qophaa'u oomishna jechuudha.Kunis ulaagaa ulaagaa malee ba'e jechuudha. Addunyaa ulaagaa baastee ulaagaa malee baay'ee geggeeffamtu baay'ee argineerra. Kan akka ulaagaa baasuu salphatu hin jiru.

Ulaagaa beektota baay'een qophaa'u argineerra.Warrumti ulaagaa sana qopheessan immoo ulaagicha cabsuuf ulaagaa biraa osoo isaan qopheeffataniis argineerra.Ulaagaa malee ulaagaa baasuu fi ulaagaa ba'e cabsuufis ulaagaa ba'utu nu rakkise.

Addunyaan ulaagaa baay'ee baaftee waliin jiraachaa as geesse. Garuu yeroo hundumaa ulaagaa baay'een yeroo ilaalamu ulaagaa malee ba'e. Sirna beekamtiin kennameef caalaa sirna beekamtii hin qabnetu caala. Murtoon addunyaa rakkisaa jiru isa sirnaan murtaa'e osoo hin taane, kan lafa jalaan murtaa'edha.

Ulaagaa ulaagaa malee ba'e jechuun ulaagaa akka namni ittiin jiraatuu fi ittiin of gaggeessu ta'ee kan ba'e, garuu yeroo sirriitti ilaalamu ulaagaa guutuu kan hin dandeenye jechuudha.Yeroo ulaagaa baastu atumti ulaagaa baasuuf ulaagaa akka guuttu mee of ilaali mee.Jiraachuutti maalif hin jiraannee?**

6 months, 1 week ago
**Jaalalaaf Seerri hinbarbaachisu.

**Jaalalaaf Seerri hinbarbaachisu.

''Nama tokko irraa Jaalalli yeroo si qabu daddaftee jaalala kee seera Qabeessa gochuudhaaf mana murtii deemta. Akkamitti Seerri Jaalala keessa harka galfachuu danda'e?Addunyaa fooyya’aa fi bu'a qabeessa taate keessatti namoonni wal jaalatu male waliigalteen seeraa kamuu hinbarbaachisu. Jireenyi Daldala miti.'' ❤️**

7 months ago
Yemmuu du'u, abaaboon ati fiddee awwaala …

Yemmuu du'u, abaaboon ati fiddee awwaala koo irra gootu na hin fayyadu.Siidaan awwaala koo irratti dhaabdu anaaf faayidaa tokkollee hin qabu.

Bakka awwaala koo irratti abaaboo fidduu fi siidaa naaf ijaartu,nama awwaala sana tiksuuf saanduchii bitiif,mana kiraa kaffaliif!

7 months ago

https://t.me/hamster_koMbat_bot/start?startapp=kentId1199176040

Telegram

Hamster Kombat

Just for you, we have developed an unrealistically cool application in the clicker genre, and no hamster was harmed! Perform simple tasks that take very little time and get the opportunity to earn money!

Dhugaan Dungoodha💡
7 months ago

https://t.me/tapswap_mirror_bot?start=r_1337186097 ? +2.5k Shares as a first-time gift

7 months, 2 weeks ago
Karaalee 5 namni guutummaatti itti gammadu.

Karaalee 5 namni guutummaatti itti gammadu.

❶Dubartii si kofalchiiftu waliin ta'i
❷Dubartii yeroo siif kennitu waliin ta'i
❸Dubartii si kunuunsitu waliin ta'i
❹Dubartii dhuguma si jaallattu waliin ta'i
❺Dhumarratti dubartoonni afran kun akka wal hin beekne mirkaneeffadhu.

#Robert_mugabe

7 months, 3 weeks ago
Of beekuun itti gaafatamummaa kee qofa. …

Of beekuun itti gaafatamummaa kee qofa. Warri yeroo hunda of beekuu hin barbaanne wallaalummaa dhukkubsataa keessa jiru. Dhuguma of beekuuf yoo yaalte addunyaa namni biraa hin beekne seenta.

Of beekuu jalqabuudhaan, addunyaa kanaaf ilaalcha guutummaatti haaraa fi banaa ta’e ni qabaatta. Hirriba cimaa keessaa dammaqxa. Kana booda abjuu fi kadhataa hin taatu. Hubannoo akkasii irra yommuu geessan rakkoo fi gadadoo jireenyaa hedduu irraa bilisa baata.

8 months, 2 weeks ago

Akkana jedhe Sooqiraaxis

Yeroon dargaggeessa ture, ganama yeroon hirribaa ka'uu hin jaalladhun ture.Harmeenkoo immoo amalakoo kana baay'ee na'rratti jibbiti, waan Daldalaa Sooressa akkan ta'uuf naaf abjottuuf.

Guyyaa tokko Harmeenkoo faayidaa ganama yeroon hirribaa ka'uun qabu akka natti himuuf, Ana faana gara Barsiisaakoo dhufte.

Barsiisaa: Sooqiraaxis, Seenaa bareedaa tokkon sitti hima, atimmoo seenicha'rraa waan baratte naaf himta, tolee!

Sooqiraaxis: Haa ta'u.

Barsiisaa: Simbirroota lamatu turan, Isheen ganamaan kaate raammoo funaannattee nyaattee ilmoolee ishees soorte. Isheen lammaffaarratti barfattee kaate immoo, waan nyaattu homaa'llee hin arganne, ni beelofte. Seenicharraa maal baratte, Sooqiraaxis!

Sooqiraaxis: Raammoowwan warri ganamaan dafanii ka'an Simbirrootaan nyaataman.

An deemeera Nagaatti!?

8 months, 2 weeks ago
Dhugaan Dungoodha💡
9 months, 1 week ago

#Seenaa_Saamicha_Baankii

""Bara woyii Biyya mexico keessatti saamichi baankii geggeeffame, Saamtonni baankii seenanii nama baankii keessa jiru hundaan :? "Hin socho'inaa. Maallaqni kan mootummaati, Jireenyi keessan kan keessan, Namni marti callisaa gadi ciisaa'' jedheen. Kuni "Mind Changing Concept" jedhama "yaada barame jijjiiruu", akka jechuuti

Namoota gadi ciisan keessaa Dubartiin tokko 'Kun gadhummaadha malee qaroomina miti.' Jettee itti iyyinaan, hattichi tokko saamicha malee ''gudeeddaa miti caldhisi ciisii!" Jedheen, Kunis "Being Professional" jedhama Waan leenjifamte qofa irratti xiyyeeffadhu!

Saamichi baankii xumuramee erga gara manaatti deebi'aniin booda, hattoota keessaa inni ijoollichi, hattoota guguddoon dhiiroo Qarshii meeqa akka arganne haa lakkoofnu." Jedheen.

Hattichi inni guddaan mormee: "Ati baay'ee gowwaadha. Maallaqni baay'eedha lakkaa'uuf yeroo dheeraa nutti fudhata. Halkan kana oduun TV irraa hangam akka baankii saamne ni dhageenyaa dhiisi!"jedheen. Kun "Muuxannoo" jedhama. Yeroo ammaa kana ga'umsa waraqaa caalaa muuxannoon barbaachisaadha!

Saamtonni erga deemanii booda hogganaan baankiichaa suuppervaayizara baankichaatiin dafee poolisiitti akka bilbilu itti hime. Garuu suuppervaayizerichi akkas jedheen: "Eegi! Ofii keenyaaf doolaara miliyoona 10 baankii irraa haa baasnu, boodarra maallaqa waliigalaa gabaasna. Kun "Swim with the tide" jedhama Haala mijataa hin taane gara faayidaatti jijjiiruu!

Guyyaa itti aanu oduun TV doolaarri miiliyoona 100 baankiin saamamee Jira jedhu dhagahame. Duuba irra Saamtonni maallaqa hatan yoo lakkaa'amu garuu, Doolaara Miiliyoona 20 qofa ta'uu baran.
Saamtonni kun baay'ee aaranii "Lubbuu keenya balaaf saaxillee Doolaara Miliyoona 20 qofa arganne. Hogganaan baankii kun doolaara miiliyoona 80 dafqa malee argate" Kun "Hattuu ta'uu irra barachuu wayya" Kunis " Beekumsi waan hunda Caalaa gatii qaba!" Jechuudha.

Hogganaan baankii kun kisaaraa isaa saamicha kanaan waan cufate. Kunis "Carraa fayyadamuu" jedhama.

We recommend to visit

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

@Abdii_Sabaa

💬NU QUNNAMUUF💬
@AbdiiSabaaDm

🎯BARNOOTAAF
@abdii_sabaa_university

🎯MARIIF
@Garee_Abdii_Sabaa

Last updated 6 days, 5 hours ago

asc بســــــــــــم الله الرحمن الرحيــــــــــــم
Ku Dhawaad- 3000 Buug-Somali ayaa ku jira Akhriso oo ilaali xuquuqda Qoraayada leh.
Youtube:
https://shorturl.at/auGJZ
Diclamer:
Cabasho/Buug iyo Su,aal ... La Xidhiidh
@Cabasho_Bot
@Tusmobook

Last updated 2 months ago

Somali National Television is the principal public service broadcaster in Somalia.

Headquartered in Mogadishu.

Last updated 2 weeks, 5 days ago