Tame official

Description
We recommend to visit

Принимаются заказы на озвучку: https://kwork.ru/audio/263085/ozvuchka-rolikov-avtootvetchikov-informatsionnogo-materiala?ref=430214

Заказ рекламы: https://telega.in/c/carlsontv

Last updated 1 week, 6 days ago

Last updated 7 months ago

https://youtube.com/@ErnstWolffOffiziell

Last updated 5 months, 1 week ago

7 months ago

Bara keenya kanattis himannaa guddaan namoonni Wangeelaan morman namoota Ayyaana Kakuu Haaraa balballoomsan irratti dhukaasan, “Jarreen Seera Museetiin morman tokkotu ka’ee jira; akka nama maraateetti ‘Ayyaana, Ayyaana’ jedhuutii isaan irraa of eeggadhaa!” jedhanii beeksisu. Dubbiin Kakuu Haaraa immoo akka dhibee daddarbaa ti; mandara lixe tokko waliin ga’uun hojii isaa ti. Yesusiin akka Inni du’aa hin kaane dhoksuuf baajatni guddaan kaffalameefii ‘eegdonni awwaalaa’ akka soba labsan godhameera; garuu baajatni ba’e kisaaraa ta’ee Yesus du’aa ka’uun Isaa addunyaa guutuutti lallabameera. Har’as waldoonni baay’een baajata guddaa ramadanii yeroo gara yerootti leenjii adda addaa qopheessanii, “Jarreen Ayyaana, Ayyaana jettu sana waldaa irraa dhorkaa! Miseensummaa irraa haqaa! Adabbii itti kennaatii tajaajila irraa dhorkaa!” jechaa jiru. Yesus Ayyaanichi tasumaa dhorkamuu hin danda’u. Kanaaf namoonni, “Ani Wangeelatti hin yeella’u; Inni humna Waaqayyoo ti” jettan hundi dhugaa kana ol kaasaa dubbadhaa! Soba barsiiftanii/lallabdanii hordoftoota hedduu argachuu mannaa, dhugaa Wangeelaa barsiiftanii/lallabdanii Yesus Kristosiif duuka-buutuu tokko argamsiisuutu mootummicha keessatti nama jijjiirama fide nu godha!

Joseph Prense
____
G/G
Amantoota addunyaa kana irratti argaman hundumaaf

Namoota Wangeelatti hin yeellaaneef

Namoota waan Wangeela lallaban of se’an, garuu Wangeelatti yeella’aniif

Geggeessitoota Mana Sagadaa tabjaajja’oof

Geeggessitoota Mana Sagadaa Wangeelli galeefiif

Warra Ayyaana Kakuu Haaraatiin mormaniif

Warra Ayyaana Kakuu Haaraa simataniif

Warra doktoriinii waldaa ol kaasee, aangoo Macaafa Qulqulluu gadi buuseef

Warra Macaafa Qulqulluu Aangeessanii fi Macaafa dubbachiisan hundumaaf

7 months ago

1683
AYYAANA KAKUU HAARAA
===================
Kakuun inni duraa hir’ina hin qabu utuu ta’ee, isa lammaffaa iddoo buusuun hin barbaachisu ture. Balleessaan isaan irratti argamnaan raajichi, “’Kunoo, guyyoonni tokko in dhufu; guyyoota sanatti Ani mana Israa’elii fi mana Yihudaaf Kakuu Haaraa iddoodhaan nan ga’a’” jedha gooftichi. ‘Garuu Kakuun kun akka isa duraa miti; harka qabee gaafan biyya Gibxii isaan baase, kakuu sana abboota isaaniif nan dhaabe; isaan kakuu sanatti jabaatanii hin hafne, Anis jabeessee isaaniif hin yaadne’ jedha Gooftichi. (Ibr 8:7-9)

Waaqayyo mataan Isaa seericha Kakuu Moofaa fi abboommiwwan kurnan irraa dogoggora argateera. “... Anis jabeessee isaaniif hin yaadne” erga Waaqayyo jedhee namootni keenya maaliif wanticha wajjin mataa cabuu? Waaqayyo, Yesus Kristosiin akka giddu galeessa keenya ‘Kakuu Isa wayyu, Isa abdii [Waadaa] caalu irra dhaabatu’ sanaaf erge. Dhugumatti ayyaanni Kakuu Haaraa inni waadaa Isa wayyu irratti hundeeffame, nuyi irratti utuu hin ta’in guutummaa guutuun Yesus ISA KUFUU HIN DANDEENYE irratti hirkatu, tajaajila du’aa caalaa baay’ee ulfina-qabeessa dha. Ayyaanni Kakuu Haaraa dhufuudhaan Waaqayyo ‘Isa jalqabaa’ kan yeroon itti darbe (moofaa) taasise.

Waa’ee Kakuu Haaraa dubbachuun isaa inni duraa moofa’eera jechuu isaa ti; wanti moofa’e, wanti dulloomes badduu ba’uu ga’eera. (Ibr 8:13)

Karaa gara biraatiin dhufaatii Ayyaana Kakuu Haaraatiin abboommiwwan kurnan moofaa taasise. Gaafa Seerichi Kakuu Moofaa Kenname Pheenxeqostee Kakuu Moofaa sanatti seerri sun nama 3000 ta’an ajjeesuudhaan tajaajila du’aa eegale. Garuu Pheenxeqoostee Kakuu Haaraatti gaafa guyyaa shantammaffaa Hafuurri Qulqulluun bu’ee namoota 3000 fayyisuudhaan tajaajila jireenyaa eegale. Nuyi tajaajila Yesus isa jireenya fidu jala malee, tajaajila du’aa jala miti.

Sababa Phaawulos, “Ani Wangeelatti hin yeella’u…” jedheef amma sirriitti hubadheera. Innis dhugaa armaan olii kana har’a Waldoota Kristiyaanaa keessatti dubbachuun namoota hedduutti qaanii dha; namicha isa dubbii akkasii barsiisu iyyuu, “Barsiisa sobaa barsiisa; inni 666 ta’e” jedhanii warri dura-taa’aa sabaa holola sobaa irratti oofu. Dura-taa’aan akkuma maqaa isaa amantoota dura taa’ee gara Yesusitti akka isaan hin darbineef dullaan gad ittisuudha hojiin isaa. Akkam nama gaddisiisa! Ani garuu Wangeelatti hin yeella’u; Inni humna Waaqayyoo ti; kanaaf halkanii fi guyyaa, yeroo hundumaas dhugaa kana nan labsa.

Dhugaan beekuu qabnu nuyi seera dhabdoota utuu hin taane Seera jireenyaa qabna. Seericha isa kan Museef kabaja guddaa akka qabnu ibsaa, garuu namni kam illee seerichaan fayyuu akka hin dandeenyee fi cimina seerichaan humna gitu kan qabuu fi seericha kan raawwate Yesus qofa ta’uu isaa ifatti dubbanna; akkamitti namoonni keenya Kakuu Haaraa keessa taa’anii garuu seericha Kakuu Moofaa sanaaf bitamuuf yaaluun isaanii daran na ajaa’iba. Nuyi guutummaatti ayyaana Waaqayyoo irratti hirkachuu qabna. Seerichi dhagaa lama irratti barreeffame. Namni tasumaa dhagaa wajjin hariiroo uummachuu/qabaachuu hin danda’u. Yaalus dadhabbii akkasumaanii ti. Garuu Ayyaannii fi dhugaan nama ta’ee dhufe. Innis Yesus dha. Isa kanaa wajjin hariiroo uummachuun ni danda’ama. Inni jireenya keenya dha.

Wanti Yesus ittiin himatamee dhaddacha Philaaxositti dhi’aatee murtii du'aa fudhate keessaa tokko ‘Seera Museetiin morme’ jedhamee ti. Erga Yesus du’aa ka’ee booda wanti ergamoonni Wangeelaa ittiin himatamanii dhaddachatti dhi’aatanii wareegama gurguddaaf saaxilamaa turaniif, “Jaareen Seera Museetiin morman” jedhamanii ti. Himannaa guddaan Phaawulos bara tajaajila isaa hedduu akka mana hidhaatti dabarsu godhee, mootota adda addaa duratti kan inni falmachaa ture, akkasumas tajaajila isaa gara dhumaatti gara Roomaa deemee mootii biyyichaa duratti sagalee isaa dhageessifachuuf waraanaan marfamee kan inni deemeef “Seera Museetiin morme” jedhamee ti.

8 months, 4 weeks ago

Jaalalli salphaa miti. Jaalalli jireenya nama utubee dhaaba. Jaalalli dhugaan abbaafi haadha kee biratti sikabaja.jaalalli dhugaan qomoo kee keessatti sikabaja.Jaalala dhugaa keessa #gaahela eebbifamaa jira waan taheef,Gaahela eebbifamaa keessa dhala eebbifamaa horatta waan taheef,ilmaan ebbifamaa gaafa hortu immoo,ilmaankee kun addunyaaf eebba tahanii argamu. Ilmaan kee gaafa addunyaaf eebba tahanii argitu immoo nagaa irraa hafaa argata,garaan waaqayyoos sitti boqota. Jaalala dhugaa gaafa karaatti hambistu ilmaan kee kana karaatti akka hambiste hindagatin.Adaraa jaalalatti hin taphatin.
#Gaa'elli hundumaa biratti ulfina-qabeessa haa ta'u, ciisichi gaa'elaas hin xureeffamin! Waaqayyo warra halalee fi ejjituutti faraduuf jira.”
— Ibr. 13:4

Jaalalli sin qaanessu! Atis hin qaanessin. Inni utubaa waaqayyoon dhaabbateedha waan taheef,wanta waaqayyo dhaabe siif kenne kana eegii kunuunsi.jaa
@tameofficial1

8 months, 4 weeks ago

Jaalalli kun maaliidhaa? Akkamitti yaadda? Fayidaan isaa maal? Jaalalli dhaloota baay’ee biratti mi’a isa ittiin qodaqodee taphachaa guddanne sana ta’eera.
#sinim jaalalli mi’a mana keessaa waliif gad kaakkahaa ooltu sana sitti hin fakkatiin. Jaalalli dhugaatii #alkoolii nama macheessu kan ittiin yerookee dabarsatu sana sitti hin fakkaatin.jaalalli #sigaaraa xuuxxee erga suusii baattee qorree ishee darbatte gattu sana sitti hin fakkaatin.

Jaalalli akka #kaalsii kophee sanatti waan guyyaatti sadii jijjirattu miti beeki. Jaalalli jaakketti altokko of irraa gad buusaa altokko immoo ofitti oldeebisaa isa karaa irra deemtu sana sitti fakkaate hin jiraatin. #qashti Jaalalli akka ati sammuun si garboomee itti taphachaa jirtu sitti hin fakkaatin! Jaalalli isa ati halkan hamma sa’atii 10tti bilbilaaf fi text dhaan wal #maaraachaa fi mar’achaa bultu sana sitti fakkaatin.isayyuu Suuraa fi video nama xurressan walitti ergaa. Jaalalli isa ati jaalalle tokko boorsaa mirgaa keessa kaawatte isa tokko immoo boorsaa bitaa keessa dhoksatte jiraattu sana sitti hin jaalalli Isa ati Beellama Waliif qabdee Bakka dhokataaf mullataatti waan ciggaasisaa dalagdee safuu oromoo fi safuu amantaan qabu ittiin diigaa ooltu miti!

Jaalalli isa ati namoota kan biraa #telegram kan biraan hafuuraa kutaa;soba dhugaan haguugdee,Dhugaa immoo sobaan haguugdee;isa tokko immoo telegram isa kan biraan hafuura kuttee jiraachaa jirtu sitti hin fakkaatin. Jaalalli isa ati #IMO fi WhatsApp kudhan bante nama kudhan haasofsiisaa,isa tokkoon immoo”keessakoo waaqayyoo beeka na amani.Maaf ana shakkitaa atii maaloo? erga na shakkita tahee har'a kaastee maqaakoo hin dhahin!”jettee ulullee sobaa hafuufaa ooltu sana waliin wal sitti hin fakkaatin.

Situ hinbeeku malee haadhooko #Jaalalli kophaa isaa danda’aadha. Jaalaala isa jaalala dhugaa beekuu qofaaf gala. Jaalalli dhugaan nama dhugaa of keessa qabu qofa waliin walii gale jiraata. Jaalalli qarshii fi dandeetti akkasumas bareedina caalaa onnee dhugaa barbdaada. Jaalalli damma caalaa kan miyaahu fi diinattis tahe nama jaalala hn beeknetti immoo #summii tahee kan hadhaahudha. Jaalalli gowwoota biratti moofaa ciiccataa fakkaatus ilmaan waa’ee jaalala beekan biratti garuu #alaabaa nagaadha. Namni jalalli dhugaan galeef onneen isaa akka afaan saree banamee waan argee liqimsaa hin deemu.sareen waan hin taanes waan tahus ofitti sassabaa deemti.onneen nama jaalala hnbeeknes waan arge ofitti sassaabaa deema. Akkas jechuun #Garbegebox ykn qodaa kosii itti sassaban sanaadha. Sareen utuuma siwaliin karaa deemtu bakka #raqaatti fi bakka argitetti goraa/maqaa deemti. Namni jaalala hinbeekneefi jaalala of keessaa hinqabne utuuma jaalallee qabu bakka argetti akka saree kanatti maqaa deema.Yaadni nama jaalala hinbeekne yaada saroota kanaa waliin tokko. Inni jaalala dhugaa barbaada miti fedha foonii barbaada malee. Waan garaan isaa ganamaa fi galgala kajeeluu sana ofkeessatti waraabuuf sirraa maqa.

Ati Isaan kana keessa jirta taanan yeroo barreffama kana dubbisa jirtu akka ati baay’ee aartee bobaatu naaf gala. Isaan kana keessa jirta taanaan akkati na #arrabsaa jirtu nan beeka. Isaan keessa hin jirtu Taanan garuu, akka ati barreeffama kana na deggeraa jirtu shakkii hinqabu. Jaalalli dhugaan amanamummaa guutuu of keessaa qaba. Yoo jaalallee kee siwaliin mari’achuu barbaade miiraa akka kubbatti of #bokoksuu utuu hin taanee,miira gammachuun guutumuun sitti dhagahame jaalalaafis jaalalleekeefis yeroo kennita. Utuu waa’ee jaalala beektee jaalalaaf ofkennuuf #busy hin taatu.

Warri jaalalli onnee isaanii keessatti samee #foolii badaa kennu jecha tokko dubbachuu jaallatu. Innis “maal sin gabbaraa narraa deemi.simalee namni hinjirumoo?”jedhu. by the way kana kan isaan jedhaniif waan biraaf miti. Bonus qopheeffatanii waan jiraniif yoo inni kun deeme isa tokkotti of rarraasu. Namni of rarrasuu shaakalu immoo guyyaa tokko kufee tokkahuun isaa hin hafu.Ani nama gabbaruun gaariidha,nama gabbaraa wajjin jiraadhaa jechaa hinjiru. Irriba du’aa keessaa dammaqaa waa’ee jaalala itti yaada obbolootako!

9 months ago

Jaalalli isaanii waldaadhaan ilaalamee, maatiifi maanguddootaan ilaalamee, laphee isaanii keessattis jabaannaan hidhaan kun Waaqayyo biraati jechuudha. Kanaafuu inni akkasii kun fedha Waaqayyoo tahuusaa itti dabalee waan gaahelli Kiristiyaanotaa fakkaachuu qabu kan nu hubachiisudha.

Kuni akkas tahee osoo jiruu, warri kajeellaan biyya lafaa kanaa #walitti isaan hidhe immoo hedduutu jiru. Isaan kun walitti hidhaminni isaanii Waaqayyo biraa miti. "Kan Waaqayyo walitti hidhe namni addaan hin baasiin!" Inni jedhu ergaa isaaniis miti, isaaniinis hin ilaallatu. Hedduun qabeenyaan walitti hidhamani, hedduun kajeellaa fooniin walitti hidhamani, kaawwan isaanii immoo maalumaaf akka walitti hidhamanii waliin manatti galaniyyuu hin beekani. Warreen akkasii kun amma illee waldaafi biyya rakkisaa jiru. Gaahelli isaanii waldaafi biyyaaf mitiitii isaaniifuu kan hiika kennuu dide hedduun amma lafa keenya irra jiru. Isin yoo dandeessan gara kakuu keessan haareffattanii waliin jiraachuutti koottaa! Yoo dadhabdan immoo ariifadhaa adda bahaa! Wal gubaa jiraattanii gara ibidda caalu sanaatti akka hin nam'ineef of eeggadhaa! Walumaa galatti kakuu haaraa keessatti namoonni kakuun gaahela isaanii Waaqayyoon walitti hin hidhamneefi warreen immoo gaahela isaanii kana ejjaan goolan addaan bahuu in dandahu. Barnoonni kun kutaa lammaffaadhaan ammaaf asumatti xumurameera.

#Hub:- Leenjii gabaabaa torbaan lamaa dhimma Gaahelaafi akkaataa itti kaadhimaa filannu illee barachuu yoo barbaaddan Koollejjiin Tiyooloojii Bayyaannannee kophaahaadha. Warreen barbaaddan keessaan na dubbisuudhaan barnoota kana torbaan lamaaf argachuu in dandeessu.
#Share @tameofficial1

ISINAN JAALADHA!

11 months ago

M/D Dhagni keenya bu'a dhagna kiristoos. (1Qorx 6:15) (1) Namni,Anaaf wanti hundinuu dhowwaa hin qabu" jedhu jira; garuu wanti hundinuu immoo isa hin gargaaru; anis, "Wanti hundinuu dhowwaa hinqabu" nan jedha, garuu waan tokko ana irratti gooftummaa hin godhatu.”
— 1Qor. 6:12 (2),Ammas yaa obboloota ko, araara Waaqayyoof jedhaatii namummaan keessan qulqullaa'aadhaa fi Waaqayyo duratti fudhatamaa akka ta'utti, aarsaa jiraatu gootanii akka isa dhi'eessitan isin nan gorsa; akkasittis hafuuraan Waaqayyoof in sagaddu.”
— Rom. 12:1 ( 3),Namni tokkos, "Nyaanni garaachaaf kenname, garaachis nyaataaf kenname" in jedha; Waaqayyo immoo isa kanas isa sanas, lafatti in dabala. Dhagni garuu hojii halalummaatiif namaaf hin kennamne; inni gooftaadhaaf hojjechuuf kenname, gooftaanis dhagna namaatiif in yaada.”
— 1Qor. 6:13 (4,)Wanti hundinuu dhowwaa hin qabu! in jedhama, garuu wanti hundinuu immoo nama hin gargaaru; "Wanti hundinuu dhowwaa hin qabu!" garuu wanti hundinuu ijaarsaaf hin ta'u.”
— 1Qor. 10:23 (5),Bu'aa dhagna keessanii mi'a jal'inaa gochuudhaaf harka cubbuu jala hin galchinaa! Garuu akka namoota warra du'a keessaa ba'anii jireenya argataniitti, Waaqayyoof of kennitanii, bu'aa dhagna keessanii mi'a qajeelinaa gochuudhaaf harka Waaqayyoo jala galchaa!”
— Rom. 6:13 (6,)Waan tokko of irratti gooftaa godhattanii harka isaa jala yoo of galchitan, isin wanta sanaaf garba akka taatan hin beektanii ree? Cubbuudhaaf yoo abboomamtan du'aaf, Waaqayyoof yoo abboomamtan qajeelinaaf in bultu.”
— Rom. 6:16 ( 7,)Amma garuu cubbuu jalaa luba baatanii hojjetoota Waaqayyoo taataniittu, kunis qulqullummaadhaaf ija isiniif godhata, gara dhumaattis jireenya bara baraatti in geessa.”
— Rom. 6:22 (8,)Dhagni keessan mana qulqullummaa hafuura qulqulluu isa isin keessa jiriu ta'uu isaa hin beektanii ree? Hafuura kanas Waaqayyo biraa argattan; mana qulqullummaa hafuura isaas erga taatanii, isin kan ofii keessanii miti.”
— 1Qor. 6:19 (9,)Dhagni keessan bu'aa dhagna Kristos akka ta'an hin beektanii ree? Egaa bu'aa dhagna Kristos fuudhee bu'aa dhagna gaalamootaa godhuu ree? Matumaa kun hin ta'u.”
— 1Qor. 6:15 (10 )Beenyaan nama cubbuu hojjetuu du'a; kennaan Waaqayyoo inni Kristos Yesus gooftaa keenyaa wajjin tola kennamu garuu jireenya bara baraa ti.”
— Rom. 6:23 (11 ) Halalummaa baqadhaa! Cubbuun namni hojjetu keessaa warri kaan hundinuu dhagna namaa hin tuqan; namni halaleen garuu dhagna isaatti cubbuu hojjeta.”
— 1Qor. 6:18 (12) Yookiis namni gaalamootaa wajjin walitti maxxane, ishee wajjin dhagna tokko akka ta'u hin beektanii ree? Akkuma caafamee jiru, "Isaan lachanuu foon tokko in ta'u" jedha.”
— 1Qor. 6:16 (13) Waaqayyo gatiidhaan isin bitate; kanaaf guutummaa dhagna keessaniin waan inni ittiin galateeffamu hojjedhaa!”
— 1Qor. 6:20 (14) Of eeggadhaa, karra hoolota Waaqayyoo warra hafuurri qulqulluun akka eegdaniif isin dhaabeefis, eeggadhaa! Waldaa kristiyaanaa isa Waaqayyo dhiiga tokkicha ilma isaatiin kan isaa godhate eegaa!”
— HoE. 20:28 (15 )Yoo jiraanne, akeeka gooftichaatiin jiraanna, yoo duunes akeeka gooftichaatiin duuna; egaa jiraannus duunus nuyi kan gooftichaa ti.”
— Rom. 14:8 (16 ) Karaa tokkoon illee akkan hin yeellaasifamnetti dhimmee nan eeggadha, nan abdadhas; jiraachuu kootiinis ta'e, du'uu kootiinis ta'e, kanaan dura akkuman gochaa ture, ammas guutummaa namummaa kootiin guddina Kristosiif hojjechuudhaaf ija jabina guutuun qaba.”
— Filp. 1:20
Share @yesushoolaaraara

11 months ago

? MO'ICHA KEE EEGGADHUU

Namni al tokko mo'icha argata;
Al tokko immoo mo'icha dhabuu
Danda'a.Waaqayyoo garuu Yoom illee taanaan akka nuti
Mo'icha  argannuu   fi Mo'ichaan deddeebinu barbaada. Mo'ichaanis nu deddeebisa;(2qor 2: 14) garuu namni mo'icha isaa eegsifatee itti fufu nama waa'een mo'ichaa ifeef qofa.
? Mo'icha jechuun kaayyoo gara   biyya   lafaa   dhufneef rawwannee darbuudha.
Namni waan umameef beekee
Isa hin rawwannee sababii Milkaa'insa tokko irra ga'eef mo'icha argateera ykn argatetti
Jechuu hin dandeenyu.

?Nama milkaa'insa argateen
Sababiin nuti mo'icha argateera
Jechuu     hin  dandeenyeef.
Namni karaa Waaqayyoon ala ta'een milkaa'uu waan danda'uufidha; namni mo'icha
Garuu karaa dalgaa hin deemu.
Waan Isa keessa jiru waan beekuuf wanticha mul'isuuf
Dhama'a malee kanaaf dubbiin

Waaqayyoo "Ani dafee nan dhufa namni tokko illee gonfoo
Mo'icha Isa kan keetii si duraa
Akka hin fudhanneef Isa qabdu
Jabeesii eegadhu
!" Jedha;( mul 3:11)
Gooftaan gonfoo mo'icha ykn mo'icha   warra  kan  isaatiif kenneera. Garuu mo'icha isa kan  
Eeggatu  abbaa kennameef sana dha. Namoonni hedduun
Karaa Waaqayyoon ala adeemanii waan milkaa'an isaanitti fakkaachuu danda'a;"milkoofneerra" jedhaniis dubbatachuu danda'u
Haa ta'u malee milkaa'insi
Karaa Waaqayyotiin alaa kam illee milkaa'inas ta'ee mo'icha
Jedhamuu hin danda'u.

Oboleesa keessan:
Fayyeeraa Indaalee

Kitabaa Rabbuunii fuula 75
Namoonni kitabaa kana argachuu feetan
Lakk bilbi : 0979680125
                    0924264783

11 months, 1 week ago

M/D Guutummaa namummaa fi waaqayyummaa yesus.
1, Amanti kiristaanaa adda kan taasisu giddu galeessummaa yesuus kiristoos yommuu ta'u yesuus kiristoos immoo nama dhugaa fi waaqayyoo dhugaa dha.
1.1 Namummaa yesuus gooftaa.
1.1.1 dhalachuu isaa.
- yesuus kiristoos ilma daawwit ilma abrahaam mat 1:1
- dubartii irraa kan dhalate ( Gal 4:4 luq 1:29-33
- betlihemitti kan dhalate mat 2:1
- Eenyummaa keenyaa irraa foonii fi dhiiga kan hirmaate ibr 2:14 1yon 4:4
- hafuurri yesuus fooniin akka dhufe dhugaa ba'a ( 1yon 4:1-3
1.1.2. Waaqayyummaa fi namummaa isaa tokkummaadhaan.
- Guutummaan waaqayyummaa yesuus keessa jiraata qol 2:9
- lachanu tokkummaadhaan kutaa tokko keessatti caqafamanii argatna.
- sagalichis nama fooni ta'ee ayyaanaa fi dhugaadhaan guute nu gidduu buufate abbaa isaa biraa ( waaqayyummaa ) ulfina isaa isa ilmi tokkichi qabu argate yon 1:14
- yooniin hidda latinsa daawit irraa kan dhalate akka hafuura qulqullummaatti garuu du'aa kan ka'e humnaan  ilmaa waaqayyoo ta'ee waan mul'ateef ilmaa isa ti. Innis gooftaa keenya yesuus kiristoosii dha rom 1:3
- waaqayyoo ilma ofii isaatii ergee cubbuu isa nama foonii keessaatti farade ilmi isaa kun foon isa namni cubbamaan uffatu uffaate cubbuu balleessuu dhufe. Wanta seerii nu irraa gaafatu nuyii warra akka fedha hafuurrati male akka fedha foonitti hin jiraanne keessatti akka raawwatamuuf waaqayyo kana godhe rom 8:3-4
- isaan keessaas kiristoos fooniin dhalate. Innis hundumaa gararraa ta'e inni waaqayyoo isa barabaraan eebbifamee dha. Ameen rom 9:5
- itti dabalee Gal 4:4 fili. 2:7 yommuu ilaallu guutummaa waaqayyummaa fi namummaa isa argatna.
1.2. Amala  waaqayyummaa kan qaban maqaa namummaa isa.
- ilma namaa isa waaqa irraa gad bu'e Sana male. homtinuu gara waaqaatti ol hin baane" yon 3:13
Innis waaqa irraa kan jiraatu ilmaa namaa ti.
- jechi waaqa irra jedhu kun waaqayyummaa isaa ibsa. Itti dabale immoo roma 9:5 yommuu ilaallu yesuus gooftaan nama dhugaa fi waaqayyoo dhugaa akka ta'e hubanna.
#, Wanta waaqayyoo abbaan ta'e hundumaa yesuus kiristoosis akkasuma.
- Akkana jechuun waaqayyo abbaan waaqayyummaa isa fi aangoo hojii isaatiin baka mul'atetti yesuus aboo waaqayyummaa isaatiin waaqayyo abbaan wajjin wal-qixxeedhaa.
1.3. Cubbuu dhiisuu.
Sababiin nuyi kutaa kana keessatti waaqayyoo abbaa fi ilmaa wal China qabnee ilaalleef, waaqayyummaa kiristoos ibsuuf.
1.4. Masihii
Masihii jechuun afaan ibrootaatti, innis kan dibame jechudha
Kan dibame kan jedhu qabiyyee isaa kakuu moofaa keessatti yommuu ilaallu, namootni adda addaa yeroo adda addaatti hojii waaqayyo hojjeechuf zayitiidhaan dibamaa akka turan argina. Luboota. Lew 4:3 1sam 24:10 2sam 19:21 hojii waaqayyo addaan isaan baaseef zaayittidhan dibamanii tajaajilaa turan.
Kanaaf namni dibame waaqayyoon akeekaaf kan adda ba'e 1sen 16:23
Waamicha isa adda ba'ee waamameef immoo nama dhaabatu dha 2sam 24:6
Abdi dhuufaati masihii yeroo adda addaatti 1sam 2:10 2sam 7:12 Zak 9:9-10 Erm 22:4 keessatti raajiin dubatame jira.
#, Yihudootni fiixaan ba'insa raajii kanaa bara dukkanaa kakuu moofaa fi kakuu Haaraa gidduu jiran keessatti illee utuu hin hafin eegaa turan wangeelota keessattis namootni dhufaatii masihichaa eegaa akka turan. Yon 1:20 luq 3:15 mat 21:9 irraatti ni arganna.
- yesus kiristoos kan dibame ykn waaqayyo bira kan ergamee ta'uu isaa namootni adda addaa dhugaa ba'anii jiru luq 24:2 mat 18:16 marq 8:29 yon 11:47-48
= Hundumaa irra kan caalu immoo yesus gooftaan jecha ani masihii dha jedhu utuu hin fayyadamiin, Yihudootni eeggachaa kan turan masihichi yommuu dhufu hoji hojjetu hundumaa raawwachuudhaan masihii ta'uu isaa mirkaneesse jira. >Namooni bayyeen akka isiin irraa barataan abdin qaba. >Yeroo bayyee gaafii kiristaanotaf dhiyyaatudha. deebiin isaa isa kana..100%
#Share @yesushoolaaraara
Yadaaf @dhiigaaholicha

1 year, 1 month ago

Egaa inni lammaffaa kun akka taatee darbeetti (past tense) kan inni barreffamee.isuma takka sagaduufiif jedhee kufee dhorkamee irra deebi’ee barresse malee si’a lammaffa dogoggoreetu miti kana hubachuu qabna.

B. Mat 4:10 “yommus yesuus immo ‘seexana nana, ergaa koo dura turii!”Waaqayyoo kee goftichaaf jilbeefattee sagadi isa duwwaafis hojjedhu!’Kan jedhu cafameera”jedheen.”
Boqonnaa kana irra akka hubannuutti yesus seexanaan qoramuudhaaf ,hafura Qulqulludhaan gara lafa onattii geeffame .inni guyya 40 fi halkan 40f erga tsoomee booddee seexanaan qorame.gaaffii seexanni dhiyeesseef keessaa inni tokko "kufii naaf sagadi" animmoo motuummoota biyya lafaa hundumma fi ulfinaa isa siifan keenna kan jedhu ture. deebiin yesuus garuu "arga koo dura turii 'waaqayyoo kee gooftichaaf jilbeefatte sagadi isa #duwwaa fi hojjedhu’kan jedhu caafameera" jedhee afaan qabachiise ture.

caqasni Yesus kakuu moofaa kesssa seexanichaf Caqase immoo kes deb 6:13 irra kan jiru ture.kanaaf sagannii kan maluuf mootii waaqa fi lafaa isaa ta’e hunduma danda’u.isa iddoo hundumaattis argamu qofaafidha. Ulfinni adda bahe kan kennamuuf maqaa waaqayoo qofaafidha.kanas Macaafni Qulqulluun ifatti ni dubata ‘ulfinni maqaa isatiif ta’u waaqayoo f dhi’eessa!” 1Sen 16:29
phawuloos akka jedhee warra Qolasaayisiitti dubbata. “Namni gad deebi’ee ergamoota waaqa irra waaqessuu jallatee, mul’ata argee tokko tokkon himuudhaan sababii gad utuu hin qabaatin, yaaduma garaa isaati of bokoksee, galata isin hin dhabsiisin.” Qol 2:18 Nama ergamoota waaqessuun phawuloos gadi deebiituu jedhee waama.

pheexiros ergasa keessatti Yeroo ibsuu akkas jedhe “…ergamoonni waaqayyo iyyuu keessa lixanii ilaaluu ni hawwu turan.”1Phex 1:22
Fayyina gudda isa karaa ayyaana tola arganne kana ergamoonni waaqayoo iyyuu kessa lixanii ilaaluu ni hawwuu. sababiinsa nuyii sagalee isaatiin lammaffaa dhalaneeka (1phe 1:23) uumama haaraa taaneerra (1qor 5:17) Kanaf nuyi ijoollee waaqayyootti (yoh 1:12-13) ergamoonni waaqayyo garuu muudama #mucaa_waaqayyoo_tahuu jedhuu hin arganne. jechuunis ijjoolee waaqayyo jedhamanii hin waamamne Ergamoota waaqayyoo jedheman malee. nuyii garuu carraa# ijoollee_waaqayyo jedhamani waamamuu fi mucaa isaa ta’uu arganneera.kanaaf isa ayyaana kristoos isa nuuf dhangalahe kan kessa lixanii ilaaluu ni barbaduu.

Inni foon isaa tatarsa’e dhiigni isaa akka malee keessaa roobee Yesus tokkichaaf sagadni mala! Isa naaf salphate, isa naaf jedhee ulfina isaa gad dhiisee,isa anaaf jedhee akka hin taanee tahe jireenyaaf na fo’ate biratti waaqayyolii biroof sagaduun dhiiga fannoo irratti dhangalahe sana gatii dhabsiisuu kooti.

#Dhaamsakoo_isa_dhumaa! Dhiiga kristoos fannoo irratti wargamee iyyaan dhangalaasee sana gatii dhabsiisuun fi isa biratti waaqayyolii tolfamoo kannen biro waqeessaa/ isaaniif sagadaa jechuun ajandaa sobaa walitti guuranii dhugaa haqaaqanii dhaloota barsiisaa warra jiranitti guyyaan firdii dhufaa jira. Warri har’a dhiiga kristoos Isa Qulqulluu dhangalahe irratti dhokkee sobaa facaasaa jirtan dhiigni ilma waaqayyoo inni gaafa dafqa waliin coccobee isinitti faraduuf jira. Kanaaf gara dubbii qajeelaa fi dhugaa Macaafa Qulqulluu isa fayyinaan guutetti of sirreessaa!
Kanaaf Ergamootaaf sagadni hin malu!
@tameofficial1
Yadaaf @tameofficial_bot

We recommend to visit

Принимаются заказы на озвучку: https://kwork.ru/audio/263085/ozvuchka-rolikov-avtootvetchikov-informatsionnogo-materiala?ref=430214

Заказ рекламы: https://telega.in/c/carlsontv

Last updated 1 week, 6 days ago

Last updated 7 months ago

https://youtube.com/@ErnstWolffOffiziell

Last updated 5 months, 1 week ago