DHUGAA MACAAFAA ✝

Description
“Waaqayyo tokkicha, inni gidduu dhaabatee Waaqayyoo fi nama walitti fidus tokkicha, inni immoo Kristos Yesus isa nama ta'ee mul'atee dha.”
— 1Xim. 2:5
Advertising
We recommend to visit

Supporters of the greatest President of our lifetimes, @real_DonaldJTrump!

Last updated 2 days, 7 hours ago

Official Telegram channel✔️

🔛Nutti dhihaatta 🚶
🔛Jaalalaan nurraa qabamta💓
🔛Garmalee Koflaan Fincaan ofirrati buusta😀
🔛asuman waliin taane Afaan fi artii keenya gudifanna.
Any comments or messages:- @Orosarca_commentobot

Last updated 2 years, 10 months ago

Faana beekumsaa irratti
Barnoota haala bashannansiisaan
Qoosaa nama kofalchiisan
Jechoota mimmiidhagoo
Text profile f ta'an bifa suuraatin
Seenaa nama bohaarsan
Ergaa qalbii nama jiisan yaada yoo qabaattan karaa
@Faana_beekumsaabot tiin nu qunnamaa

Last updated 3 days, 6 hours ago

3 weeks, 6 days ago

Iyyesus ka'eera!

Cubbamoota jedhee
Nuun dhiisne tuffatee
Waaqummaasaa dhiisee
Dhufe foon uffatee

Nuuf jireenya laachuuf
Ofiisaa of miidhaa
Gindillaa harkisee
Baatee jirma jiidhaa

Yakka tokko malee
Unuun bakka bu'ee
Qooda du'uu keenyaa
Ofii darbee du'ee

Nu fayyisuuf dhufe
Haquuf cubbuu keenya
Dhiigasaa lolaasee
Nuuf kennee jireenya

Dhiigasaa qulqulluun
Nurraa miiccee cubbuu
Inni nuuf of kennee
Nuuf fayyisee lubbuu

Du'ee du'a mo'ee
Unuuf ta'ee bu'aa
Iyyesus ka'eera
Cabsee arfii du'aa

Bikiltu Wakesa

#maranaataa_Yesuus
#maranaataa

@dhugaadhaam

3 weeks, 6 days ago

Namoonni #DV kan bara #2025 guuttanii hanga ammaa hin ilaallanne karaa keessaa nu qunnamaa. Isiniif ilaalla
👇👇👇👇
@dhaloota

3 weeks, 6 days ago
3 weeks, 6 days ago
Baga yaadannoo du'aa ka'uu Yesuus Kiristoosiin …

Baga yaadannoo du'aa ka'uu Yesuus Kiristoosiin nagaan geessan.

“Inni garuu balleessaa keenyaaf in waraaname, sababii yakka keenyaafis reebamee in caccabsame; nuyi nagaa akka argannuuf inni in adabame, madaa'uu isaatiinis fayyinni nuuf in argame;”
Isa. 53:5

Hordooftoota amantaa Kiristaanaa maraan baga guyyaa yaadannoo Ayyaana du’aa ka’uu gooftaa keenya Yesuus Kiristoosin nagaan geessan.

@dhugaadhaam

4 weeks ago

AWWAALA DIIGEERA | EBA DIRIBA | 2024 | NEW COVER SONG

#maranaataa_Yesuus
#maranaataa

@dhugaadhaam

4 weeks ago

Desalegn Dula - Madaa Malee 2024

#maranaataa_Yesuus
#maranaataa

@dhugaadhaam

4 weeks, 1 day ago

Goofticha duratti gad of deebisaa, inni ol isin in qaba

Yaq. 4
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
⁷ Yoos harka Waaqayyoo jala of galchaa; Seexanaan immoo mormaa! Innis isin dhiisee in baqata.
⁸ Waaqayyotti dhi'aadhaa, innis isinitti in dhi'aata. Isin warri cubbamoonni, harka keessan qulleeffadhaa. Isin warri garaa walaallammii, garaa keessan qulqulleeffadhaa!
⁹ Akka gadadamtan beekaatii, gaddaa, boo'aa! Kolfi keessan boo'ichatti, gammachuun keessan gaddatti haa diddiiramu!
¹⁰ Goofticha duratti gad of deebisaa, inni ol isin in qaba.

#maranaataa
#maranaataa_Yesuus

@dhugaadhaam

1 month ago

Kunoo, iddoon Waaqayyo buufatu namoota gidduu dha, inni isaan bira buufachuuf jira, isaanis saba isaa ta'uuf jiru;

Kana booddees, ani bantii waaqaa haaraadhaa fi lafa haaraa nan arge; bantiin waaqaa inni duraa, lafti inni duraas darbaniiru, galaannis deebi'ee hin argamu. Yerusaalem mandarri qulqullittiin isheen haaraan, Waaqayyo biraa bantii waaqaa keessaa, akka misirroo dhirsa isheetiif kuulamteetti, qophooftee utuu gad buutuu nan arge. Yommus ani sagalee guddaa tokko nan dhaga'e; innis teessoo sana biraa, “Kunoo, iddoon Waaqayyo buufatu namoota gidduu dha, inni isaan bira buufachuuf jira, isaanis saba isaa ta'uuf jiru; Waaqayyo ofii isaa isaanii wajjin jiraachuuf jira, Waaqayyo isaaniis ta'uuf jira. Inni imimmaan hundumaa ija isaaniittii in haqa; wanti duraa waan darbeef, egaa duuni deebi'ee hin argamu, gadduun, iyyuun, waraansis si'achi hin jiru!” jedhe.

Mul'ata 21:1-4

#maranaataa_Yesuus
#maranaataa

@dhugaadhaam

1 month ago
We recommend to visit

Supporters of the greatest President of our lifetimes, @real_DonaldJTrump!

Last updated 2 days, 7 hours ago

Official Telegram channel✔️

🔛Nutti dhihaatta 🚶
🔛Jaalalaan nurraa qabamta💓
🔛Garmalee Koflaan Fincaan ofirrati buusta😀
🔛asuman waliin taane Afaan fi artii keenya gudifanna.
Any comments or messages:- @Orosarca_commentobot

Last updated 2 years, 10 months ago

Faana beekumsaa irratti
Barnoota haala bashannansiisaan
Qoosaa nama kofalchiisan
Jechoota mimmiidhagoo
Text profile f ta'an bifa suuraatin
Seenaa nama bohaarsan
Ergaa qalbii nama jiisan yaada yoo qabaattan karaa
@Faana_beekumsaabot tiin nu qunnamaa

Last updated 3 days, 6 hours ago