Unlock a World of Free Content: Books, Music, Videos & More Await!

Jaalala♡Qulqulluu💖

Description
Jaalalaafii ergaalee jaalalaan wal qabatan gaggabaaboo as jalaa argattu❣

Yaadaafii gaafii keessan @Yaada_Keessaan_Bot gubbaan dhiheeffachuuf karaan banaadha.
Advertising
We recommend to visit

Supporters of the greatest President of our lifetimes, @real_DonaldJTrump!

Last updated 2 days, 7 hours ago

Official Telegram channel✔️

🔛Nutti dhihaatta 🚶
🔛Jaalalaan nurraa qabamta💓
🔛Garmalee Koflaan Fincaan ofirrati buusta😀
🔛asuman waliin taane Afaan fi artii keenya gudifanna.
Any comments or messages:- @Orosarca_commentobot

Last updated 2 years, 10 months ago

Faana beekumsaa irratti
Barnoota haala bashannansiisaan
Qoosaa nama kofalchiisan
Jechoota mimmiidhagoo
Text profile f ta'an bifa suuraatin
Seenaa nama bohaarsan
Ergaa qalbii nama jiisan yaada yoo qabaattan karaa
@Faana_beekumsaabot tiin nu qunnamaa

Last updated 3 days, 6 hours ago

1 week, 1 day ago

Dhaabbii bareedaa qabda, nama si laale hundattuu akkanumatti tolta, namni si argee si hin jaalanne hin jiruumii?
☆Wanta sirra marse kana zinaa irraa fagaadhuutii tiiyfadhu. Hanga feete waan sirraa jaalatan qabaattuus guyyaa zinaa daleeyde irraahi rakishaa, mataa keetii wajjiin gammachuu dhabaa dhufta.

Yoo hojiin kun(zinaan) sirraa argamee jiraate kufiitii Rabbiin akka siif dhiisu kadhadhu, yoo garuu hanga ammaatti tiiyfamtuu taate hadaraa hadaraa ifuma teetiif ja'iitii akka boqonnaan amma qabdu kun sirraa hin deemne tiiyfadhu.

Juma'aa gaarii
🎋❤️‍🔥❤️‍🔥❤️‍🔥❤️‍🔥❤️‍🔥❤️‍🔥❤️‍🔥
:¨·.·¨: 
 `·.   @Jaalala_qulqulluu

1 week, 2 days ago

Linkin kun callaa bareedaa Kafala. Guyyaa 7 qofaatu hafee tuqaatii xaq xaq godhaamee

https://t.me/tapswap_mirror_bot?start=r_6909300059 🎁 +2.5k Shares as a first-time gift

1 week, 2 days ago

Yeroo tokko tokko, namni tokko tokko, iddoo takka takkatti, sababa tokko tokkoof si jaalatan, sababni san Sababa tokko qofa, tokkichi saniis waan isaan nu fayyada ja'anii yaadan qabattee waan jirtuufi. Waanta san sirraa gaafa dhaban si dhiisanii deemu !

💪Jabaa yoo taate deemicha isaanii kana irraa hafta, bakka si dhiisanii deemanitti akka sitti hin deebineef halkaniif guyyaa hojjatta. Dadhabaa namaa yoo taate garuu odoo waan isaan sirratti hojjatan himaa ooltuuti amatuu gad deemta.

Jabaa tahi. 
🎋❤️‍🔥❤️‍🔥❤️‍🔥❤️‍🔥❤️‍🔥❤️‍🔥❤️‍🔥
:¨·.·¨: 
 `·.   @Jaalala_qulqulluu

2 weeks ago

"Namni kun maaf akkatti na kabaja, maaliitu akkanatti bakka akka naaf qabaatu godhe, kabajaan isaa akkami akkana guddo?" Ja'anii hanga kabaja kee ajaaibsiiftan takkatti ilma namaa hunda kabaji. Keessaattu nama hireefii jireenyi walitti isin hidhe.

Kabaja kee kana garuu kopheen irra ejjatanii nama "zero" humaa keessa hin jirre, kan akka fadhanitti miidhaniis humaa takka isaan irraa irrisuu hin dandeenye tokkotti si lakkaawuu yeroo eegalan "Maaluma argatee akkatti jijjiirame, sadarkaa kamiitu akkatti akka nutti boonu isa godhe" ja'anii hanga yaadanitti lubbuu tee isaan irraa fageessi, mataa kee ol qabadhuutii jiraadhu.

Kabajaan waa hundaa oli, odoo jaalala irrallee tahee.

🎋Kabaja waliif qabaadhaa❤️‍🔥
:¨·.·¨: 
 `·.   @Jaalala_qulqulluu

2 weeks, 3 days ago

Drop some likes to motivate me for something 😊❤️‍🔥😅

2 weeks, 3 days ago

"Dubartiin takka si jeequu dhiisnaan, Maaf kana goote maaf san goote jattee xiqqoofii guddoof mataa si nyaachuu dhiifnaan jaalalati isiin siif qabdu dhumee jiraa hubadhu" jacha ja'u kanaaf hedduu takka bakka guddaa hin qabaatinaamee dubartoonni keenya.

Wal hubannaa, waliif irra dabruufii wal kabajuu keessa jaalalati jirtu jaala wal cinquufii wal wareersuu keessa jirtu irra tasgabbiifii mi'aa qabdi. Mee takka akka xiyyeeyfannaan keessan sassaabamuuf walitti iyyaa ooluu tana xiqqeessaa. Walitti iyyaa ooluun qofti maaf akka obsituu jaalalaat isini mullate?

🎋Tasgabbii=pure love❤️‍🔥
:¨·.·¨:
 `·.   @Jaalala_qulqulluu

3 weeks ago

Dubartiin yeroo bilchaatte

"Nama kanaafii kanaatu na jaalate, nama kanaaf kanaan dide, ani isaafii isaan hin malle" jachuun hin dhaadattu.

Yoo gaafiin fuudhaa isiif dhiyaattee nama san qeebaluuf fadhii hin qabaanne illee hiccitii nama sanii dhooysiteeti qabdiif, eenyuttillee o'odeessitee if hin dhaadheessitu.

Bilchinni kanaatii bilchaadhaa. Yoo qeebaluuf qophii taatan qeebalaa, yoo fadha hin qabaanneeffiis didaa, garuu waa'ee isaa hin faffacaasinaa.

:¨·.·¨:
 `·.   @Jaalala_qulqulluu

3 weeks, 3 days ago

Siin jaaladha jattee itti hin cabsin. Ganama yoo bira jiraatte faxara maaliin si gargaara ja'iin, yoo halaala jiraatte bilbiliifiitii ngyn bultee ja'iin, halkan dawwaliitiif nagiyaan ooltee ja'iin, yeroo dhukkube fayyitee ja'iin? Gaggaafadhu, iyyaafadhu odoo ati siin jaaladha hin janneen akka jaalattu hubatti. Afaan goggogaa siin jaaladha jachuu hin baayyisinii "treat" godhi👌

🍃🥰haadha manaa tee.😅
:¨·.·¨:
 `·.   @Jaalala_qulqulluu🌹

3 weeks, 4 days ago

Bilbila namaa yeroo fuute ykn akka tasaa isaa koodiin banaa yoo argite lafaa fuutee mana message, imo, telegram, messenger.... daftee seentee hiccitii namaa baruuf hin ariifattu yoo tahe bilchaattee jirta, nama guddaa taatee jirta.

Ati daa'imaa mitii hiccitii namaa baruuf hin ariifatin.
🍃🥰Baxraaqqaa....😅
:¨·.·¨:
 `·.   @Jaalala_qulqulluu🌹

4 weeks, 1 day ago

Mee arra gaggabaabsaa yaada keessan nuuf kannaa.

Warri keessan na qunnamuu feetaniis asiin👇 koottaa
@Yaada_Keessaan_Bot

Yaada keessan....🙏

We recommend to visit

Supporters of the greatest President of our lifetimes, @real_DonaldJTrump!

Last updated 2 days, 7 hours ago

Official Telegram channel✔️

🔛Nutti dhihaatta 🚶
🔛Jaalalaan nurraa qabamta💓
🔛Garmalee Koflaan Fincaan ofirrati buusta😀
🔛asuman waliin taane Afaan fi artii keenya gudifanna.
Any comments or messages:- @Orosarca_commentobot

Last updated 2 years, 10 months ago

Faana beekumsaa irratti
Barnoota haala bashannansiisaan
Qoosaa nama kofalchiisan
Jechoota mimmiidhagoo
Text profile f ta'an bifa suuraatin
Seenaa nama bohaarsan
Ergaa qalbii nama jiisan yaada yoo qabaattan karaa
@Faana_beekumsaabot tiin nu qunnamaa

Last updated 3 days, 6 hours ago