Dive into the Ultimate Free Library: Your One-Stop Hub for Entertainment!

DAARU SALAAM 🇵🇸

Description
📖 𝐂𝐇𝐀𝐀𝐍𝐀𝐀𝐋𝐈𝐈 𝐊𝐀𝐍𝐀𝐑𝐑𝐀𝐓𝐓𝐈
    👉 Seenaa Rasuulaa ﷺ
    👉 Seenaa Sahaabotaa
    👉 Seenaa Muslimootaa
    👉 Jechoota Hayyootaa
    👉 Hadiisaafii Qur'aana
    👉 Zikiriifii Da'awaalee
  
👇Yaadaafii Gaaffii👇
@Daarus_salaam_Idea_bot
Advertising
We recommend to visit

ᴍᴇɴɢᴇᴍᴜᴋᴀᴋᴀɴ ɴᴏᴛᴀ sᴘᴍ ᴋssᴍ

Last updated 1 month ago

Profilingiz uchun ajoyib niklar olami🥰

Nik yasash xizmati bepul💸

Murojaat uchun:👇👇👇
https://t.me/+XXvO-UVUd4QzYjUy
https://t.me/+XXvO-UVUd4QzYjUy

Last updated 1 week ago

ᴘᴀʏᴏᴜᴛ ʟᴏɢꜱ ꜰʀᴏᴍ @Gamifyr_ContestBot

Last updated 3 months, 1 week ago

5 days, 11 hours ago
1 week, 1 day ago
1 week, 3 days ago

كن مثل المؤذن يرفع صوته للحق ولا يهمه من صلى أو لا

Akka mua'azinaa haqaan sagalee kee ol gochuu malee namoonni dhufanii salaatanii dhiisanii dirqama isaa miti.

Dhugaa jirtu boquu keessaan ol qabaa dubbadhaa akkuma itti jirtanitti qajeelummaan Rabbirraa dhufti.

Maaliif namni haqa akka biiftuu iftu hin fudhannee? Jettanii hin dhiphatiinaa.

Rabbiin ol ta'e akkas jedha.

[لَعَلَّكَ بَٰخِعٌ نَّفْسَكَ أَلَّا يَكُونُوا۟ مُؤْمِنِينَ]

“(Yaa Muhammad!) Ati Mu’uminoota ta’uu dhabuu isaaniitiif [gaddaan] lubbuu kee baasuun siif sodaatama”

https://t.me/Dhugaa_Dhokatee

2 months, 1 week ago

هدي النبي ﷺ في رمضان

Qajeelfama nabii s.a.w Ramadaana keessaقال الإمام ابن القيم: (وكان من هديه ﷺ في رمضان الإكثار من أنواع العبادات

Aaadaan nabii keenyaa s.a.w ramadaana keessaa ibaadaa Rabbii gosa adda addaa irraa guddisuudha.

فكان جبريل عليه السلام يدارسه القرآن في رمضان، وكان إذا لقيه جبريل أجود بالخير من الريح المرسلة

Jibriil halkan Ramadaana hundaawuu nabitti dhufeeti qura'ana wajji qara'an, Nabiin yogguu jibriil itti dhufe qilleensa bubbisurra keyritti daddafa.

وكان أجود الناس، وأجود ما يكون في رمضان

Nabiin s.a.w irra arjaa namaati, yeroon haalaan arjoomu ramadaana keessa.

ويكثر فيه من الصدقة والإحسان، وتلاوة القرآن، والصلاة، والذكر، والاعتكاف، وكان يخص رمضان بما لا يخص غيره به من الشهور) [زاد المعاد]

Nabiin keenya s.a.w Ramadaana keessa sadaqaa heddummeessa, Rakkataa gargaarsa godha, qaraatii qur'aanaa baay'isa, Akkasuma salaata, zikrii (faaruu rabbi) I'itikaafa (teessuma masgiidaa) kan heddummeessu tahe.

https://t.me/DAARU_SALAAM

Telegram

DAARU SALAAM 🇵🇸

***📖*** 𝐂𝐇𝐀𝐀𝐍𝐀𝐀𝐋𝐈𝐈 𝐊𝐀𝐍𝐀𝐑𝐑𝐀𝐓𝐓𝐈     ***👉*** Seenaa Rasuulaa ﷺ     ***👉*** Seenaa Sahaabotaa     ***👉*** Seenaa Muslimootaa     ***👉*** Jechoota Hayyootaa     ***👉*** Hadiisaafii Qur'aana     ***👉*** Zikiriifii Da'awaalee    ***👇***Yaadaafii Gaaffii***👇*** @Daarus\_salaam\_Idea\_bot

هدي النبي ﷺ في رمضان
2 months, 1 week ago
2 months, 1 week ago

{إن الله وملائكته يصلون على النبي يا أيها الذين آمنوا صلوا عليه وتسلموا تسليما]

- Salawaata ergamaa rabbii ﷺ irratti buusuun guyyoota biroo irraa guyyaan juma'aa jaallatamaadha, halkan isaallee irra caalaa halkaniiti. Akkuma ergamaan rabbii ﷺ jedhan:

(" إن أفضل أيا مكم يوم الجمعة فأكثروا  علي من الصلاة فيه")

《 Irra caalaan guyyoota keessanii guyyaa juma'aati. Guyyaa juma'aa keessa salawaata narratti buusuu heddummeessaa jedhan ergamaan rabbii ﷺ

Qaama dhiqachuu
Qeensa qorachuu
Shittoo dibachuu (dhiira qofaaf)
Ilkaan suwaakkachuu
Irra caalaa uffataa qabdu uffachuu
Suuraa kahf qara'uu
Ganamaan masjiida deemuu
Ergamaa rabbii irratti salawaata heddummeessuu ﷺ

《اللهم صل وسلم وبارك على نبينا محمد وعلى آله وصحبه وسلم تسليما

@DAARU_SALAAM
@DAARU_SALAAM

2 months, 2 weeks ago

من حكم وفوائد الصيام 
Faayidaa fi hikmaa soomanaa

١- ترك المحبوبات طاعة لله عز وجل, لينال بذلك رضا ربه، والفوز بدار كرامته
1- Jaalala Rabbii barbaachaaf waan lubbuun feetu dhiisuu.akka kanaan galata isaa argatanii, jannata isaa badhaafaman.

٢- ممارسة ضبط النفس والسيطرة عليها، وتعويد الإنسان الصبر والتحمل والجلد
2- Lubbuu ofii qabuu fii toohachuu nama barsiisa, murannoo, ciminaa fi obsarratti nama leenjisa.

٣- سبب للتقوى كما في آية البقرة السابقة
3- Sodaa Rabbiiti nama barsiisa akkuma aayata suuraa baqaraa tan dabarsine sanirraa hubatamutti.

٤- سبب لحسن الخلق لقوله ﷺ: «وإذا كان يوم صوم أحدكم، فلا يفسق، ولا يرفث، فإن سابه أحد أو قاتله، فليقل: إني صائم» متفق عليه
4- Haalaaf amala nama tolcha. Nabiin s.a.w akkana jedhe.''yeroo guyyaan soomana tokkoo keessani tahe akka jecha jallinaa, kan baalagummaa hin haasoyne, namni tokko yoo isa arrabsee yookaan isaan lole haa jedhuu Anisoomanaadha'' bukhaarii fi muslimtu baase.
٥- معرفة الإنسان قدر نعمة الله عليه في ماله وطعامه وشرابه وزوجته
5- Nama barsiisa guddina qananii Rabbiin namaaf kennee nyaata, dhugaatii fi jaartii isaa keessatti.

٦- تفريغ الإنسان للطاعات والعبادات والذكر
6- Akka namni yeroo bal'oo argatee ibaadaa fi zikrii Rabbii heddummeessu namaaf mijjeessa.

٧- ترقيق القلوب وتهيئتها لأسباب سعادتها وفلاحها
7- Qalbii laaffisee akka milkiif qophooytu godha.

٨- تخفيف حدة الشهوة
8- Qara (oowwa) fedhii lubbuuti namarraa laaffisa.

٩- تطهير الأمعاء وإصلاح المعدة وتنقية البدن من الفضلات والسموم
9- Qochumaa garaa namaati qulqulleessa, qaama nama bareecha.

١٠- تعويد المسلم النظام ودقة المواعيد
10- Muslima sagantaan jiraachuufi yeroo karoorfatanii kabajuu barsiisa.

١١- مظهر عظيم من مظاهر وحدة المسلمين والتزام الأمة بثوابت دينها
11- Mul'isa guddaa gamtoominaafii tokkummaa ummata muslimaa mul'isuudha, hundee diin isaanii jabeessanii qabachuu isaanii kan ibsu.

١٢-مشاركة الأغنياء الفقراء جوعهم وعطشهم وفي هذا حث لهم على بذل المعروف والإنفاق
12- Dureessaa fii hiyyeessi walii wajjin akka beelawanii dheebotan godha, kun ammo akka waliif rifatanii wal gargaaranii tola walitti oolan godha.

https://t.me/DAARU_SALAAM

Telegram

DAARU SALAAM 🇵🇸

***📖*** 𝐂𝐇𝐀𝐀𝐍𝐀𝐀𝐋𝐈𝐈 𝐊𝐀𝐍𝐀𝐑𝐑𝐀𝐓𝐓𝐈     ***👉*** Seenaa Rasuulaa ﷺ     ***👉*** Seenaa Sahaabotaa     ***👉*** Seenaa Muslimootaa     ***👉*** Jechoota Hayyootaa     ***👉*** Hadiisaafii Qur'aana     ***👉*** Zikiriifii Da'awaalee    ***👇***Yaadaafii Gaaffii***👇*** @Daarus\_salaam\_Idea\_bot

من حكم وفوائد الصيام
2 months, 2 weeks ago

Wantota sooma keessa eeyyamaman

1/ Bishaan keessa seenuu fi ofirra naquun, dhangalaasuun ni taa.

Hadiisa keessatti akka dhufetti Rasulli (SAW) haala soomaa jiranuun dheebuu ykn gubaarraa kan ka’e bishaan ofirra dhanglaasu turan”. Ahmad, Maalikii Fi Abuu Daawudtu sanada sahihaan gabaasan. 
Fedhii namtichaatiin male yoo bishaan garaa isaa seene soomni isaa hin cabu.

2/ Janaabaan osoo jiranii fajriin namatti ba'uun sooma hin miidhu.
وفي الصحيحين عن عائشة رضي الله عنها، أن النبي صلى الله عليه وسلم " كان يصبح جنبا، وهو صائم، ثم يغتسل ".

Bukhaarii fi Muslim keessa akka jirutti Rasuulli (SAW) soomaatuma janaabaan bulanii ganama erga ifee dhiqatu ture.

3/ Kuulii ijaa kuullachuu, ijatti waa cobsachuu fi kkfn ituma dhandhamni isaa itti dhaga'ameellee sooma hin cabsu. 
وعن أنس: " أنه كان يكتحل وهو صائم ".
Anasirraa akka dhufetti odoma soomaa jiruu kan kuullatu ture.

4/ Nama of eeggachuu danda’uuf haadha manaa isaa dhungachuun ni eeyyamama:
فقد ثبت عن عائشة رضي الله عنها قالت: " كان النبي صلى الله عليه وسلم يقبل وهو صائم، ويباشر وهو صائم
Aa'ishaa irraa akka odeeffametti Rasuulli (SAW) “osoo soomanii kan dhungatan turan”. Hadiisni umar irraa odeeffames akka inni eeyyamamu agarsisa. Kana keessatti jaarsaa fi dargaggoo osoo adda hin basin yoo kan shahwaa /fedhii/ kaasu ta’e dhorgamaa dha. yoo homaa fedhii hin kakaafne ta’e rakkoo hin qabu.

5/ Koobbannaa:
فقد احتجم النبي صلى الله عليه وسلم وهو صائم رواه البخاري
Bukhaarii keessatti akka dhufetti ergamaan Rabbii (SAW) soomaa koobbataniiru. Khilaafni jidduu ulamaa ni jira. Garuu yoo kan dhiigni ba’u qaama namichaa dadhabsiisee sooma irraa isa laaffisu ta’e dhisuutu filatamaa dha.

6/ Lulluuqqachuu fi bishaan funyaan seensisuu:
Lulluuqachuu fi bishaan funyaan seensisuun rakkoo hin qabu. Garuu fuuyaan seensisuu kassatti daangaan ga’uun barbaachisaa miti.
فعن لقيط ابن صبرة أن النبي صلى الله عليه وسلم قال: " فإذا استنشقت فأبلغ، إلا أن تكون صائما ".رواه أصحاب السنن. وقال الترمذي: حسن صحيح.

Laqiix Ibnu Saburaa irraa akka odeeffametti Rasuulli (SAW) akkana jedhan: “Yeroo funyaan seensifattu yoo kan hin soomne taate daangan ga’i”. warra sunanaa arfantu gabaasan.
Namni soomu qoricha funyaan keessa kaa'achuu beektoleen dhowwaniiru.  Nama lulluuqqatuu fi bishaan funyaan seensifatu kassatti yoo osoo inni hin barin bishaan garaa seene soomni hin badu jecha jedhutu filatamaa dha.

7/ Beektoleeen akka jedhanitti marfee waraannachuunis sooma hin cabsu.

8/ Akkasumas wantootni eeggachuf hin mijoofne kanneen akka gororaa, dhukkee /quttoo karaa irraa, daakuu mana baaburaatii namatti quttaa'uu fi kkf sooma hin cabsan.

قال ابن عباس: لا بأس أن يذوق الطعام الخل، والشئ يريد شراءه.
Ibnu Abbaas akka jedhetti namni nyaataa fi wanta bituu fedhu dhandhamuun sooma isaa hin cabsu. Foolii gaari urgeeffachuun, shittoo garaa garaa dibachuun, kuuliinii fi kkf’’n sooma hin cabsan.

9/ Nama soomuuf hanga fajriin bahutti nyaachuu, dhuguu fi wal-qunnamuun ni eyyamama.
روى البخاري، ومسلم، عن عائشة رضي الله عنها: أن النبي صلى الله عليه وسلم قال: " إن بلالا يؤذن بليل، فكلوا، واشربوا، حتى يؤذن ابن أم مكتوم ".
Aa’ishaa irraa akka odeffametti Rasuulli (SAW) akkana jedhan "Bilaal halkaniin azaanaa hanga Ibnu ummi maktuum azaanutti nyadhaa dhugaa." Bukhaari fi Muslimtu gabaasan.
Ibnu ummi Maktuum kan azaanu yeroo salaanni ga'e eeggateeti.

10/ Dubartiin aadaa ji'aa /haydii qabdu ykn dhiiga dahaa qabdu yoo fajrii dura irraa cite eega fajriitii dhiqattee soomu ni dandessi.

©️ Gaalii Abbaa Boor

https://t.me/DAARU_SALAAM

Telegram

DAARU SALAAM 🇵🇸

***📖*** 𝐂𝐇𝐀𝐀𝐍𝐀𝐀𝐋𝐈𝐈 𝐊𝐀𝐍𝐀𝐑𝐑𝐀𝐓𝐓𝐈     ***👉*** Seenaa Rasuulaa ﷺ     ***👉*** Seenaa Sahaabotaa     ***👉*** Seenaa Muslimootaa     ***👉*** Jechoota Hayyootaa     ***👉*** Hadiisaafii Qur'aana     ***👉*** Zikiriifii Da'awaalee    ***👇***Yaadaafii Gaaffii***👇*** @Daarus\_salaam\_Idea\_bot

Wantota sooma keessa eeyyamaman
2 months, 2 weeks ago
DAARU SALAAM 🇵🇸
2 months, 3 weeks ago

𝐁𝐚𝐫𝐧𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐖𝐚𝐚𝐧 𝐒𝐨𝐨𝐦𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐆𝐮𝐮𝐭𝐮𝐮 𝐈𝐬𝐚𝐚 𝐀𝐬𝐢𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐀𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐮𝐮 𝐊𝐚𝐧𝐚𝐚𝐟𝐮𝐮 𝐁𝐮𝐮𝐬𝐧𝐞𝐞 𝐃𝐮𝐛𝐛𝐢𝐬𝐧𝐞𝐞 𝐀𝐤𝐤𝐚 𝐈𝐭𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐌𝐢𝐥𝐤𝐨𝐨𝐟𝐧𝐮 𝐑𝐚𝐛𝐛𝐢 𝐍𝐮𝐡𝐚𝐚 𝐓𝐚𝐚𝐬𝐢𝐬𝐮𝐮

𝐍𝐚𝐦𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐇𝐢𝐧 𝐀𝐫𝐠𝐚𝐭𝐢𝐧𝐢𝐢𝐟  𝐒𝐡𝐚𝐫𝐞 𝐆𝐨𝐝𝐡𝐚𝐚.

@DAARU_SALAAM
@DAARU_SALAAM

We recommend to visit

ᴍᴇɴɢᴇᴍᴜᴋᴀᴋᴀɴ ɴᴏᴛᴀ sᴘᴍ ᴋssᴍ

Last updated 1 month ago

Profilingiz uchun ajoyib niklar olami🥰

Nik yasash xizmati bepul💸

Murojaat uchun:👇👇👇
https://t.me/+XXvO-UVUd4QzYjUy
https://t.me/+XXvO-UVUd4QzYjUy

Last updated 1 week ago

ᴘᴀʏᴏᴜᴛ ʟᴏɢꜱ ꜰʀᴏᴍ @Gamifyr_ContestBot

Last updated 3 months, 1 week ago