Dive into the Ultimate Free Library: Your One-Stop Hub for Entertainment!

ÃL~Fãlâh Dãwã grøúp

Description
👈"لانريدمنكم جزآءولاشكورا"👉
Kootta Diinii Faaya Kana Wal Haa Barsiifnuu Galata Walirraa Barbaaduun Maletti.

"Aayaata tokkollee yoonif tahe narraa geeysaa" Dhaamsa rasuulati(Sallallaahu Aleeyhi wa sallam)
Advertising
We recommend to visit

ᅟᅟᅟ 𝗔𝗜𝗡'𝗧 𝗡𝗢𝗕𝗢𝗗𝗬 𝗚𝗜𝗩𝗘 𝗔 𝗙𝗨𝗖𝗞 𝗔𝗕𝗢𝗨𝗧 𝗔 𝗥𝗨𝗟𝗘˖ with the tazos in my side.

OFC CHANNEL :
@OFCTAZOS

SHITPOST :
@HRSSHITPOST

CONTACT US : @ofctazosbot

Last updated 1 year, 11 months ago

Soo dhowoow is ku day inaad cid nagusoo biiriso hal qofna ha ahaatee adiga oo linkiga zhere gareynaya halkaan waxaad ka helaysaa fikrado ku cajabiya♥️

Wixii talo ah halkan igalasoo xidhiidh💚👇 @Maymuuncali

https://t.me/Audiobook2s

2021-5-24

Last updated 2 weeks, 2 days ago

Chaanaalli Kun Chaanala walaloo gaggabaaboo Fi ergaalee garagaraa of keessaa qabdudha!

Siyaasa ❌
Amantaa❌
Jibbinsa❌
Sanyummaa❌

Yaadaaf👇👇
👉 @Michuu_Fayisaa
---------------//---------------

Chaanaalaaf👇
✍️ @Michuu_ko

Last updated 1 month ago

1 week, 6 days ago

Waaniin arra dubbise

Callisiituma deem !

Addunyaa tana irratti fadhiifii hawwiin keenya akkuma garaa garaatti daandiin nuti ittiin furmaata argannuus garaa gara.
😓Namni tokko yeroo dhukkubsatee harka namaatti gale namni isa gaafachuuf dhufe cufti dawaa himaaf, kaaniis "abaluufii abalu bira yoo deemte isa biraa dawaa ni argatta, nama dhibee akka kheetii kanaan qabame hedduutu isa bira deemee fayyee" ja'aniin. Dhuguma nama hedduutu isa san bira fayye taha, ati garuu isaan dhageessee yoo deemtees dawaan isaa san inuma humaa takkallee waa sirraa hin taru taha, akka carraa gaaf takka bakka namni tokko itti si hin qaceelchin takka deemtee Rabbiin bakka sanitti dawaa siif mullisee fayyuu malta.
🤔Atiis bakka kanaatu bakka sirriiti jatteeti kana booda nama san bira akka deemaniif dhukkubsataa hundaafuu dhaamsa gootaaf......

Kallattiin ittiin furmaata argannu wal adda. Kallaattiin ittiin guddannuus wal adda. Karaan isaaniitiis sirrii keetiis sirrii tahuu mala. Tokko asumatti daandii barnootaa irratti milkaahee jireenya gaarii keessa jiraata. Tokko asumatti daandii barnootaa kana keessa dabree waan harkaaf afaan malee isa gahu dhaba. Tokko asuma daldala keessa milkaaha, tokko asuma daldala keessaa odoo jiruu waan harkaafii afaan malee isa hin geenye qofa argata.

Waa daldala keessa jiraataniif qofa hin guddatan, waa daandii barnootaa qofa irra jiraataniifiis hin hiyyooman. Bakka rizqiifii hireen namaa itti toltu Rabbumaatu beekha, ati imala hireen irra si keesse keessatti waan harkaa qabdu qulqullinaan qabuuf yaali, kajeellaafii Rahmata Rabbii qalbii cabuufii kufaatii farrifachuu irra guddifadhu. Insha'Allaah guyyaa tokko bakka namni irraa milkaahuu dhabe irraa milkaahuu malta, Abalu karaa kana deemeeti kasaare jattee if keessatti hin cabin, karaan isaaf Tahuu dhabe Rahmata Rabbiitiin siif guddina tahuu malaa.

@alfalahdawagrp 🍃

2 weeks, 1 day ago

Don’t forget to read surah al kahf 💕🦋

Wanti akka Qur'aanaa maaltu jirasa garuu ardii tana irra?🥰
Jacha Rahmaan❤️‍🔥

@alfalahdawagrp 🍃

3 weeks, 1 day ago

**Jajjabaatanii carraaqaniif qofaa miti. Horiifii hiree gaariis, ilmoo qalbii qabduufi faxinaas, tasgabbii qalbiitiifii jireenya nagiyaatiis Rabbumaatu namaaf kanna, Rabbumaatu nama dhoorkataasi. Ifaajee godhuun dirqama nama muslimaati, ifaajee ifiirratti irkatanii tahii Rabbii mormuun, anaatu beekkumsa kiyyaan argate, anaatu ifaajee kiyyaan argate ja'anii yaaduun jallina gararreetiifii galata Rabbii dagachutti nama geessa.

Dafqanii nyaatuufii waan harkaa qaban tirfeeysuuf fiiguun ibaadaadha. Nyaatuufii dhuguunuu yoo niyyaa teenya tolchine ibaadaadha. Ifaajuun gaariidha, ifaajee ifii irratti irkatuun garuu kasaaraadha.

Namni dafquu isaatti gammadu, Kan dafquu isaa san Rabbiitu naaf mijjeesse ja'ee galata galchuufii Rabbiif if gad qabutti lubbuu isaa leenjisu, Rabbiin hojii isaa milkiin, qalbii isaa tasgabbiin guuta. Malaafii beekkumsa qabnuun waan arkanne nutti fakkeessuun waan arkannu keessaahillee barkaa fuuti, qalbii teenya irraahiis boqonnaa Oofti.

"Wanti naaf tahe kun Rahmata Rabbiitiin naaf argame" jachuu haa amaleeyfannuu.

Takkalleenuu ajaja Rabbiitiini.**

@alfalahdawagrp 🍃

2 months, 2 weeks ago
My wallpaper 4ever***❣***

My wallpaper 4ever

Nama akka isarraa jijjiiru barbaadaaf jacha karaa isaa keessatti jijjiirama lubbuu isaarratti fide cufa Rabbiin irraa jijjiiree jira, irraa jijjiiruttillee jira, irraa jijjiiruufiis jira. Baallamni Rabbii dhugaadha, lubbuuma teetirratti lubbuu tee diina hin godhin, jijjiiramaaf karaa seeni !

Jijjiiramni nuti karaa Allaahaa keessatti goonu waa hedduu nurraa jijjiiru malee hin taane.

Fageenya Rabbirraa fagaannee jirru gara isatti dhiyaachuutti, talisummaa nu marsee jiru gara nashaaxa hojiirratti fidachuutti, qisaasama yeroo isa social media fi waan biraa irratti itti jirru kana gara yero fayyadamuutti jijjiirree jijjiirama dhugaa san jireenya Kenya keessatti haa barbaannu !
Irraan deebi'a👇
"#Baallamni_Rabbii_dhugaadh"

@AlfalahDawagrp 🥀

2 months, 2 weeks ago

Mee Rabbi Karadhu. Oduma wanti amma dura kadhattee turte Karaa ati eegaa turteen siif hin qeebalaminihillee, Oduma yaa Rabbi jachuun Haalaan sitti ulfaateehillee if dirqiituma Rabbi dandahaa waa Hundaa kana karadhumee.

Dhimma irra kadhachuu barbaaddu San irratti deddeebi'iitii karadhu, akka nama wanti kadhatee ture cufti isaaf awwaatamee jiruutti galata galchuus heddummeessi....

Lakkii Du'aa'ii jabeessi, qalbii abdiin guuttamteen Rabbi kadhatuu kana cimsi, lakkisii kadhaa Rabbii irratti dammaqi Nafsee, lakkii lakkii.....!

@alfalahDawagrp

2 months, 3 weeks ago

Laaffistee laaluu keessatti boqonnaatu jira.
Yeroo namaan wal dhabdee dhimma irratti wal dhabdeen san dagattee waan gaarii takka yaaduu irratti xiyyeeyfattu muuxachaa deemta, "energy" keetillee ni qusatta.

Maaliif akka siin ja'ameefii maaliif akka gatii si gad buusuu barbaadan yaaduu keessatti yaaddoo, cinqiifii dhiphachuutu waan si fayyadu yaaduu irraa si hidha.
☆Ni ja'an! Ati immoo waan ja'amu san hin qabdu yoo tahe dhiifama godhiif, lubbuu tee isaan irraa fageessi, isaanumaafi gocha isaaniituu waliin dagadhu boqonnaa argatta, waan ol si kaasu yaaduu qofa irratti xiyyeyfatta...

❤️Warra dhoqqee keessa taa'ee harka horofaatiin uffata adii sirratti xureessuuf deemuu waliin qabsoo hin qabin.

NB:- Dhiifama godhi, lubbuu tee isaan irraa fageessi, madaa isaanii yaaddee isaanii gaditti if hin hidhin, akka nama madaa hin qabneetti seeqii liqimsi. Haqa qabda taanaan yeroo eega malee abbaan duursu atuma.
●Baatii gaarii tana wanta namoonni sirratti hojjataniin zannii hamtuu qabattee if hin jeeqin, wanti namootaa kun yoo yaadaa oolaniis hin dhumuu. Galma kee irratti xiyyeeyfadhuu Rabbii keetiin wal argatuuf yaali !

@alfalahdawagrp 🌾

3 months, 3 weeks ago

Namni yeroo gara firaasha isaatti dhufe if qoratu yoom akka Iimaanni isaa irrateefii eessatti akka gammachuun isaa jalaa badde hundaahuu tolcheeti beeka.  Odoo social media fayyadamnuu hirriibni nu fudhata, akka hirriibaa kaaneen isarratti bariisifanna.

Laafuu, kufuufi gammachuun nurraa mulqamuu malee eessatti kun hundi akka nurraa gahe hin yaadannu.  Iimaanni laafuu ni argita, Yoom akka si harkatti akkana tahe, maalirratti akkana si harkaa akka tahe yoo if gaafatte garuu fagoo takka dura akkatti laafaa dhufuu kee malee sababa isaa hin beeytu.

Waan guyyaarraa if qorachuun nu bira hin jirreef eessatti akka kasaaraa jirru beekuu dadhabne. Maal akka ida'u jirruufii maal akka Irrisu jirru waan if gaafachaa hin jirreef gammachuun nurraa fagaattee. Waswaasamuufii jeeqama maal irraa akka taate hin beeyne jeeqamuun tanaaf akkanatti nutti baayyatte...!

Namni yeroo hunda hirriiba isaatiin duratti if toohatee Rafu jireenya addunyaatii fi jireenya aakhiraatiif dabarfachuu keessatti yeroo hunda tarkaanfii takka fuul duratti deemu jira.
Eessatti laafte ni yaadattaa?

@alfalahdawagrp 🌿

4 months ago

Bifaanii?

Nama babbareedaa hedduutu jira kan hireen isaa hin bareedin, nama hagas mara hin tahin hedduutu jira ammaas kan hireen isaa isaaf tolte.  Nama hedduu qabeenya qabu kan hireen hin tolin, akkasuma ammaas nama hagas mara qabeenya hin qabne kan hireen isaa tolte dila tokkootu jira.

Kanaas tahu saniis, bareedina keessatti caalmaya qabaatuufii qabeenya hedduu qabaachuun ulaagaa hireen namaaf bareeduutii miti.

"Bifa bareedaan qaba, abaluufii abalu irraas niin caala, haalaan fadhettiin namaan fadhe filadhee jireenya kiyya jiraadha, isaanii olitti malee isaanii wajjiin haala wal fakkaatu irrattillee hin jiraadhu" jattee sammuu tee keessattillee yaadaa jirta yoo tahe yaada kana irraa deebi'i.  Dachii dhiittee ol utaaltuus mataa buuftee gadi jattuus tolinni hiree haala uumamaatiifii qabeenyaatiin odoo hin tahin qoodaafii godhii Allaahaan namaaf godhe irratti. Hedduus baxraantee hin dhaadatin, ifiis tuffaattee mataa gad hin qabatin, jiddu jireessatti tahi.  Ammoo haala hunda keessattuu Allaahaa kadhachuufii isatti irkachuu irraa hin laafin, jireenyi Rahmanni Rabbii keessatti tahe cufti gammaachuun guuttama waan taheef !

@alfalahdawagrp

4 months, 1 week ago

Hedduu takka abdii kutuun haalaan baayyate, hedduuu takka Iiimaanaan laafuuniis akkasuma.
Waluma keessa yaana, waluma keessa jirra, yeroo uffatee deemu nama hundaafuu wanti hundi guutee jiruun tun nu qofatti waan jallatte nutti fakkaata. Kuniis akkas saha, saniis akkas taha. 

Namni dilli kun abdii kutuufii namni dilli kun guyyaarraa iimaani keenya darree tahaa dhufuun sababani inni guddaan tokko "social media" kana.
#Social media kana irratti wantoota gad lakkifaman keessaa %n caale waan nama gammaachiisuufii waan jireenya gaariin guuttameedha. Daawwataan mana taa'ee laalu kanaan if madaalee guyyaarraa kufaafii boodatti Hafaan akka waan isa qofa taheetti itti dhagahama, lakkii si fakkaate malee namni hedduun akkuma kee Rakkamaadha, ifitti fafakkeessuuf achirraa bookkisa malee.

✌️2ffaa:- Iimaanni keenya akkatti laafuu kanaafiis tokko "social media" kana guyyaarraa yoo xiqqaate wantootaa haraamaatiifii Rabbi irraa nu fageessu 10 fi haga 15 agarra kun guyyaarraa waluma qabamaa waluma qabamaa odoo dhuftuuti qalbiin duutee akkatti darree taatee dhumte.

#Jireenya keenya jireenya biraatiiin madaaluufii irra caalaa yeroo teenya "social media" irratti gubuun abdi kutannaafii Rabbi irraa fagaachuu haalaan nutti qubsiisaa jira.

Jiruun ni ulfaatti kun immoo nama cufa biratti, namni cufti akkuma keetiitti Rakkamaadha Rakkoo isaa dhooyfachuuf sobee seeqa malee, yeroo tee haala gaariifii jireenya qabbanaatiin guuttameen jiraachuuf irra caalaa yeroo keetii "social media" malee dabarsuuf yaali, Waan Rabbitti si dhiheeysu cufa godhuuf yaali. Yeroo akkatti dargaggeessi guyyaarraa qalbiin isaa baddee maraataan baayyataa jiru kanatti wanti furmaata siif tahu wantoota haraaraa irraa bilisoomuufii Rabbitti dhiyaachuu qofa.

@alfalahdawagrp 😍

4 months, 2 weeks ago

Namni karaa isaa irra cinqiifii rokkoon hin jirre hin jiru. Wal haa dhabduu malee cufa keenyaahuu gufuu yeroo cufa isii buqqisuu feenu takkaatu nu mullata.

Namni Rakkinni isaa 100rra 100tti irraa guuttamee Rakkina kee siif furuuf yeroon gahaan isaaf kannamte hin jiru, walirra wayyaa qabna malee hundi keenya Rakkatoodha. Namni irratti if gatanii taa'anii furmaata irraa eeggatan hin jiru, guyyaa tokko Rakkoo waliitiif yoo furmaata barbaanne guyyaa itti aanu Rakkinni dhuufaa Rakkina waliitti furmaata barbaaduu irra nu qabee arkina...

Biyya keessa haa jiraatu fadhu biyya alaa, namni Rakkinni irraa cufamee yaada irraa bilisa tahe hin jiru.

Baqqaa ati qofaa miti hunda namaatu rakkamaadha obbaleessoo, waan Rabbiin siif laaffise mara godhi, Rakkina keetiif furmaata guutuu harka ilma namaa keessa hin barbaadin.

Rabbii haajaan tokkoo keenyaa haajaa tokkoo keenyaa irraa isa hin shaakalle irratti irkadhu, haalaan hariiroo isaa wajjiin tolchuu irratti xiyyeyfadhu, achi booda jiruu teetiif itti gaafatamummaa sirra jiru mara bahachuuf tattaafadhu, hedduu ulfaata mii? Ee hedduu ulfaata wlhi, garuu maal goota, nama irraa furmaata eeguutu irra ulfaataa !

@Alfalahdawagrp

We recommend to visit

ᅟᅟᅟ 𝗔𝗜𝗡'𝗧 𝗡𝗢𝗕𝗢𝗗𝗬 𝗚𝗜𝗩𝗘 𝗔 𝗙𝗨𝗖𝗞 𝗔𝗕𝗢𝗨𝗧 𝗔 𝗥𝗨𝗟𝗘˖ with the tazos in my side.

OFC CHANNEL :
@OFCTAZOS

SHITPOST :
@HRSSHITPOST

CONTACT US : @ofctazosbot

Last updated 1 year, 11 months ago

Soo dhowoow is ku day inaad cid nagusoo biiriso hal qofna ha ahaatee adiga oo linkiga zhere gareynaya halkaan waxaad ka helaysaa fikrado ku cajabiya♥️

Wixii talo ah halkan igalasoo xidhiidh💚👇 @Maymuuncali

https://t.me/Audiobook2s

2021-5-24

Last updated 2 weeks, 2 days ago

Chaanaalli Kun Chaanala walaloo gaggabaaboo Fi ergaalee garagaraa of keessaa qabdudha!

Siyaasa ❌
Amantaa❌
Jibbinsa❌
Sanyummaa❌

Yaadaaf👇👇
👉 @Michuu_Fayisaa
---------------//---------------

Chaanaalaaf👇
✍️ @Michuu_ko

Last updated 1 month ago