Unlock a World of Free Content: Books, Music, Videos & More Await!

Simboo Consultancy PLC.

Description
Chanelii dhimma Afaan Oromoorratti hojjetudha. Viidiyoo, Sagalee, barreeffamaan... argattu!
Advertising
We recommend to visit

FAST MTPROTO PROXIES FOR TELEGRAM

#DigitalResistance

ADS:
@Ads_ProxyMTProto

Run your own MTProxy:
https://github.com/TelegramMessenger/MTProxy

Last updated 1 week, 2 days ago

Official Telegram Channel of Koorowsh🎙️

Last updated 3 days, 7 hours ago

Official Telegram Channel Of Cod Ninjax

💯Id tel: @hamidvx

💯Trust: @etemad_Ninjax

💯Shop: @shop_ninjax

💯Youtube channel: youtube.com/codninjax

40K Loading...

Last updated 2 days, 5 hours ago

3 weeks, 5 days ago

Akkam jirtu? Warri 'crypto mine' gochuu jalqabdanii haallisaa isin rakkise yoo jiraattan garee https://t.me/+k2Xcgfy25ig3ZWI0 seenaatii waannfeetan gaafadhaa!
Carraa gaarii!

Telegram

Crypto minning group

Fedhasaa Taaddasaa invites you to join this group on Telegram.

3 weeks, 6 days ago

Namni waan ofiif hojjetu hojjedhaa jechuun fardiidha. Hojiin 'crypto currency' addunyaa irratti hojii ho'aa ta'ee jira. Kanaaf isinis carraa kana fayyadamaa hojjedhaa! Gatii baastan homaa hinqabdan. Interneeta keessa teessanii tuttuquu dumbulloo 'coin' baafachuu qofa. Sunimmoo gara 'toncoin' jijjiiramee.asuma telegram.irratti gurguramuuf deema. Bor gaabbuurra har'a hojjechuu wayya. Linkii asii gadii tokko tokkoon tuquun seenaati hojii eegalaa:
1. https://t.me/hamster_kombat_bot?start=kentId749970830

  1. https://t.me/theYescoin_bot/Yescoin?startapp=FDs8hC

  2. https://t.me/dotcoin_bot?start=r_749970830

  3. https://t.me/memefi_coin_bot?start=r_2b681e3a9f

  4. https://t.me/avagoldcoin_bot?start=c39b1d1ab0c7bc19c5a6

1 month, 1 week ago

Yeroo galmooftan tartiiba kana hordofaa
1. Link
https://t.me/Ethiotelecom_Afaan_Oromoo_bot?start=r0947160856 👉tuqaa
2. Galmaa'uu keessan mirkaneeffachuun link isiniif ergamu koppii godhaa!
3. Chaanelii jaraa join godhaa (suurarraa asii olii irraa lak.1 ilaalaa)
3. Link afeerraa tuquun hiriyoota keessanif ergaa, akka seenan ibsa kennaafii (suura kanarraa 2)
3. Akkaawontii ittiin qarshii fudhattan mirkaneessaa (suura olii irraa lak 3)
4. Yeroo komishiniin keessan 4000 guutu gara teelebirr ykn baankiitti ergisiifachuuf maallaqa baasuuf kan jedhu tuqaa!
Hubachiisa! Ammuma nama afeertan galiin keessan guddata.
Carraa gaarii!

3 months ago

Kana ijoo.ajandaa godhatanii haasa'uun matumtisaa qaanii guddaadha. Yeroo hundaa waa'ee qarshii haasa'uunis salphina. Qarshiin mil.2 nuuf guddaa tahe malee nama sanaaf guddaa miti. Kara Deemaanis qarshii kanaan narraa bitaa jedhees hinhojjenne. Warri qarshiin yaadu garuu hamilee nama kana tuquu hindanda'u.
Walcabsuuf fiiguurra waltumsuu duudhaa haataasifannu.
Fedhasaa

3 months ago

Kitaabni seenaafi Seenesssi Dhuunfaa waladda!

Tibbana wanta ajandaa fakkaatu wayii tokkotu qilleensarra jira. Kitaaba seenaa nama dhuunfaa ofkeessaa qabu maxxansuuf dirqama namichi lubbuun jiraachuu hinqabuudha. Dhimmi sun kitaaba keessatti waa'een Tokkummaa Fiixee ka'uu akka hinqabnetti eerame. Garuu, wanti kun akkami? Gama saayinsii seenaatiin ilaalamamoo miti?

Seenaan maali? Seenessi dhuunfaawoo? Seenaan 'history' isa jennuudha. Seenaan taateewwan yeroo ykn waggoota darban keessa raawwataman hammata. Sun gocha gaarii ykn daba nama dhuunfaan ykn gareen siyaasaa tokko raawwate, gareen hawaasaa garee biroo irratti dalage tahuu danda'a. Walumaagalatti, dhimma siyaasaa, dinagdee, hawaasummaa, jiruufi jireenya ummataa dimshaashaan hammata.

Seenessi dhuunfaan immoo (Auto Biography or Biography) ta'ee muuxannoo jiruufi jireenya nama dhuunfaa ofkeessa qaba. Kallattii addaddaan jiruufi jireenya hawaasa naannichaa waliin hidhata qabaatus irruma caalaa waan namni sun ummatasaaf godhe, hariiroo inni garee hawaasaa kaan waliin qabutu ibsama. Toltuu namni sun godhetu agarsiifama. Tarii dogoggorasaatu mullifamuu mala. Balleessaafi gaarummaa inni godhetu barreeffama. Irruma caalaa waan dhaloonni irraa baratutu barreeffama. Daandiin milkii isaa akkamiin fulla'e? Namoonni kitaaba sana dubbisan maal irraa baratu kan jedhutu ilaalama.

Seenessi dhuunfaan gosa lama qaba. Inni tokko kan abbaan barreeffatu. Sun 'Auto-biography' jedhama. Inni kun kan namni tokko daandii irra deemee darbe irratti mudannoo jireenyasaatii, muuxannoo jiruu isaatii, tooftaa ittiin waan rakkoo isa mudate bira darbe, dhiibbaa hawaasummaa isarra gahe, rakkoo siyaasaa irra gahe, dinagdee dhabeefi argate irratti ofumasaan yaadannoo guyyuusaa qindeessee kitaaba taasisee maxxansa. Kun utuu namichi jiruu harkuma isaan barreeffamee maxxanfama.

Inni biroon seenessa dhuunfaa waa'ee nama tokkoo namni biroon barreesdlsuudha. Kun immoo, 'Biography' jedhama. Kun tarii namni sun lubbuunis haajiraatuu lubbuun darbeeras yoo tahe, muuxannoofi mudannoo jiruufi jireenya nama sana gama siyaasaan jiru, gama hawaasummaan toltuufi yartuu isa mudate, daandii inni ittiin dinagdee horate ykn dinagdeesaa dhabe hundaa qoratee (kallattiin namicharraa ykn nama nama sana beekurraa qorachuu mala) akkanaan kitaaba barreessa. Kitaabichis osoo namni sun jiruu barreeffamee maxxanfamuu danda'a. Erga inni du'ee qoratamee katabame yoo tahes nimaxxanfama.

Garaagarummaan seenaafi seenessa dhuunfaa maali? Seenaan akka jiruun taateewwan baroota darban keessa raawwataman, jiruufi jireenya ummataa, biyyaafi namootaa gama siyaasaadinagdeen, aadaafi hawaasummaan, qisaasama lolarratti raawwatame, waahee lubbii badeefi qabeenya.manca'eefi kkf ofkeessatti hammata. Seenichi ho'aattis barreeffamuu danda'a. Yookaanis, duuba qoratamee katabamuu mala. Garuu, turtii dheeraa booda maxxanfama. Hayyoonni tokko tokko waagaa 50 booda akka maxxanfamuu qabu akeeku. Sababnisaa, yoo qaamni gocha sana raawwate humna qabaate nama seenaa sana katabee irratti tarkaanfii fudhachuu mala sodaa jedhus nidabalata.

Seenessi dhuunfaan garuu dhimma nama dhuunfaa xiyyeeffata waan taheef seenaa irraa adda. Akka dhaloonni irraa baratutti ofeeggannoon waan katabamuuf toltuu namninsun rraawwates tahu muuxannoo jireenyasaa dhugaa bu'ureffatetu barreeffama. Sunuu waan hundaa osoo hintaane, waan barumsa tahutu xiyyeeffatama. Kutaabni barreeffame osoo namni sun lubbuun jiruu maxxanfamuu danda'a. Gocha gaarii inni godheef galateeffata daba inni raawwate yoo jiraates qeequudha.

Kanaaf, kitaaba seenessa dhuunfaa osoo namni sun jiruu maxxansuun sirrii miti kan jedhu asitti kufe jechuudha. Dhimmi ijoon ajandaa tibbanaa waa'ee kitaaba Kara Deemaa keessatti qabxiin muraasni waa'ee nama kabajamaa abbaa qabeenyaa Obbo Tokkummaa Fiixee ibsame. Innuu seenessa dhuunfaa nama kanaa guutummaatti hinhaammanne. Inumaayyuu, kitaaba guutuu barreessuun seenaa ajaayibaa namni kun keessa darbee barreessuutu irra ture. Sababnisaa, jireenya nama kanaarraa waan hedduutu baratama. Kara Deemaan kan barreesse gama gara laafinaafi arjummaa nama kanaa irraayi.

4 months, 3 weeks ago

https://www.facebook.com/100063941176386/posts/811789987629033/?mibextid=rS40aB7S9Ucbxw6v

Facebook

Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

We recommend to visit

FAST MTPROTO PROXIES FOR TELEGRAM

#DigitalResistance

ADS:
@Ads_ProxyMTProto

Run your own MTProxy:
https://github.com/TelegramMessenger/MTProxy

Last updated 1 week, 2 days ago

Official Telegram Channel of Koorowsh🎙️

Last updated 3 days, 7 hours ago

Official Telegram Channel Of Cod Ninjax

💯Id tel: @hamidvx

💯Trust: @etemad_Ninjax

💯Shop: @shop_ninjax

💯Youtube channel: youtube.com/codninjax

40K Loading...

Last updated 2 days, 5 hours ago