Unlock a World of Free Content: Books, Music, Videos & More Await!

Riyaad Raayyaa

Description
@riyaadraayyaa


Dabalatas lakk bilb;- 0937178516

Toora You Tube kiyyaa:- https://youtu.be/qqH5VJ-1b1c
Advertising
We recommend to visit

Waa mareeg lagu aruuriyo duruusta culimada soomaaliyeed.

Waxa ka masuul ah:
https://t.me/IshraqCenter

Kala xidhiidh maamulka halkan:
@Turaasculimobot

Waxaad ka heleysaa buugaag ku qoran Luqadaada Hooyo ee Af-Soomaaliga oo ka liyah

Fadlan wixii Su'alaha la xariir

@liibaanwaasuge
@Mfaratoon

Hoyga Aflaanta Hindiga & Musalsalda Afsomali ah Gaar ahaan Kuwii Hore ee 70aad Kii ilaa 2024 Jaceyl Waali @ALFAGHISTUDIO Halkan Ka Daawo

4 days, 18 hours ago

BEEKSISA
""""""""""""""""'"
Namoonni dhimmoota garaagaraa kanneen akka;-

- Eebba Markazaaf
- Muhaadaraaf
- Wal-tajjiif
- Gaa'ilaaf
- Maatiif
- Jaalalaaf
- Nashiidaa fi sirbaaf
- Eebbaa fi Ayyaanaaf
- Beeksisa sagantaalee adda addaatiif
- Beeksisa dhaabbilee fi oomishaalee garaagaraatiif
- Haala yeroo fi mata-duree feetan kamirattuu.....

Kanneen #Walaloo barbaaddan keessaan nu qunnamuu dandeessu. Yeroo fi haala feetaniin dhimma barbaaddan irratti walaloo ajaa'ibaa yeroo gabaabaa keessatti nubiraa argachuu dandeessu.

Karaalee armaan gadiitiin nu qunnamaa
👉 @Riyaad_Raayyaa

Dabalata; lakk bilb. 0979095669 ☎️

5 days, 16 hours ago

Akka waan simalee
Hireen naaf hin hirree,
Akka waan simalee
Namni biraa’n jirree,
“Si dhabee'n jiraadhuu”
Seetee du’a lubbuu
Boonuu hin barbaadin
Sitti taatii cubbuu.
•••
Jechama jaalalaan
Si hawwachuu fedhee
Isan jedhameedhaaf
“Siifan du’a” jedhe,
Sittan kenne seetee
Lubbuu kiyya qaalii
“Qabaa, gad-nadhiisaa”
Inni jettuuf maalii...?
•••
Tolli ammaa silas
Namatti tolla’aa
Jaalalli sin gahuu
Maaltu si 'qolla’aa'?
Akka daa’ima kichuu
Qananiin qelqella’uun
Akka jabbilee reefii
Oliif gad bexxella’uun,
Akka lolaa gannaa
Akka bubbee birraa
Galma malee fiiguun
In bareedaa sirraa..?
•••
Lakkii dhiisi intaloo
Addaa jechaaf gochi
Booda ni gaabbitaa
Adeemsa kee tolchi.
•••
“Jiruunkoo siin ala
Hin qabaatu bu’aa,
Si malee'n jiraadhu
Si dhabnaan nan du’aa”
Jechuun kiyya jaalala
Sitti mi’eessuufani
Miirakee dadammaksee
Itti si’eessuufanii....
•••
Malee, gochatti hiiktee
Jechamoota afaanii
Siif du’uukoo maaf eegda?
Na ga’achuuf lafaani.
•••
Utuman siif du’eeyyuu
Anaan biyyeetu nyaataa
Atoo boru dabartee
Kan nama biraa taataa,
Eessatti na jaallachuuf
Siif du’uukoon naaf ootee,
Funyoon ittiin of hudhu
Jabeessitee naaf footee?
•••
Atillee....
Siif duunaan maqaa kootiin
Dabalachuufii boona,
Qarri qara hin muruu
Beekeera woliif goonaa,
Hireen harka Rabbiiti
Kan garaakoo hin dhabuu
Jiraadheetan ilaala
Nama inni sitti qabu!

©️ @Riyaad_Raayyaa

@Dhangaa_Walaloo join godhaa

1 week, 3 days ago

#TAPSWAP

Link gadii kana tuqaatii coin kana irraa fayyadamaa! kaffaltii guddaa qaba. guyyoota muraasaaf qofa waan turuuf ammuma jalqabaa!👇

https://t.me/tapswap_mirror_1_bot?start=r_546492889 🎁 +2.5k Shares as a first-time gift

2 weeks, 2 days ago

Elaa.....

Nuti Oromoonni Shanan Gibee fi Oromoon Harargee haada obbolummaa dachaatiin walitti hidhamnee jirra. haadni 1ffaan obbolummaa Islaamummaa isa khalaamni Rabbii guddaa nu ajajuufi amaanaa nutti kennate yoo ta’u, haadni 2ffaan Obbolummaa Oromummaa isa dhiigaafi lafeen goototaa Irbuu Shinniggaatii jalqabee hanga ammaatti golee Oromiyaa hundumaatti imaanaa woreegamtoota keenyaan nutti kennamaa jirudha.

Egaa obbolummaa 2n wolitti nu hidhu kana bu’uura godhannee nuti ilmaan keessan dhaloonni qubee kunis uummata kana 2‘n obbolummaa irra dabarree jireenya hawaasummaatiin walirraa fuunee, heerumnee firooma hidda dhiigaan wolitti hidhuutti jirra. gaafa roorroo buqqaatii fi hongee akkasumas hundeen jireenya Oromoota baha biiftuu, gaafa Jimaan ugguramee gabaa dhabuun sabni beela’ee godaanuuf dirqamu adda durummaan iyya birmannee sagalee dhageessisaa jirra. kun kan ta’eef imaanaa obbolummaan sun 2n nutti laateefi firooma hidda gad fageeffateefi addaan cituu hin dandeenye kana bakkatti eeguuf, akkasumas isin abboota keenyarraa fkn fudhannee akkuma kutaalee Oromiyaa hafan hundumaa woliin tokkummaa Oromummaan jiraannu hariiroo keenya itti fufsiisuufidha.

Egaa waa malee kana hunda hin dubbanne... ajandaa gidduu kana dhimma kana ilaalchisee afarfamaa jirurratti hanga wollaalummaakoo yaada dhuunfaa kootii ibsachuu barbaadeeni. akkuma Oromoon "gaafa arbi wal nyaatu margatu gidduutti miidhama" jedhu gaafa beekaan xiqqoo wal dhabus kan gidduutti burjaaja’u nu warra jara jala yaa’aa jirudha. kanaaf daangaa obbolummaa kana 2n darbuun hin dandahamu waan ta'eef dureewwan keenya miidhama dhufu bu'uura godhatanii, nuffii fi aarii dhuunfaa cinaatti dhiisuun jalqaba Rabbiif jechaa, itti aansees nu warra isin jala jala deemuuf jecha akka araaraan nagaa buuftan maqaa Rabbiitiin isin gaafanna!

Kanuma! ani wollaala; yoon dogoggore na sirreessaa!🥰🙏

2 weeks, 2 days ago
Riyaad Raayyaa
2 weeks, 2 days ago
Riyaad Raayyaa
2 weeks, 3 days ago

Ani....
Akkati na jaalattu
Utuun sirriitti beekuu
Akkati na laalattuuf
Sitti bubbutee ceekuu,
Akkati na jibbitee
Garaa narraa murattuu
Badii baayyeen dalage
Ija kan kee durattuu.

Ati garuu...
Onneekee qulqulluu
Erga naaf kudhaamtee
Akkuma waan duuddee
Agartuun kees jaamtee,
Dabakoo ni beekta
Ijaan ni agarta,
Dhiibdee dhidhiibbattee
Na bira dabarta,
Jaalala naaf qabduuf
Hundumaa sabarta.

Isan sitti dabu
Jedhee “yoos na dhiiftii”
Kan kee onneen diddee
Jaalaluma biiftii..
Miidhaan sitti ooleef
Deebiin kee jaalalaa,
Dhugaan na jaallatta
Miirrikees naa-galaa...

Garuu.....
Miidhama kee aartee
Maaf booree'n baafanne,
Waanan sin simanneef
Maaliif nan gaafannee?
Madaa garaa keetii
Afaanii baafattee,
Sababan si dheessuuf
Osoo na gaafattee...?

Waan akkana sirraa
Garaakoo na mure
Iccitii duubasaa
Sittan himan ture.

Sittan hima ture...

Addunyaa jaalalaa
Kanaan dura lixee
Humnaafi yerookoo
Keessatti akkan fixe,
Dhugaadhaan jaaladhee
Amanee ganamee
Hangam akka ceephoon
Mataan na baname,
Keessatti caccabee
Mataa hanga miilaa
Addunyaa kanarraa
Akkan qabu jiila...
Xiyyisaa woraanee
Onneekoo na huree
Madaa akkan qabu
Sittan himan ture.

Egaa.....
Of-miidhuuf, wal miidhuuf
Maaliif bututama
Maafan gufuu tokkoon
Lama rukutamaa?

Kanaaf.....
Si gowwoomsuun fedhu
Siif rukutee dibbee,
An si jibbees miti
Jaalaluman jibbee,
Murtiin kun si miitus
Borimmoo si kiiftii
Anis sin hubadhaa
Naaf hubadhu giiftii...

Jaalala hin qabne
Madaa, gaabbiif aarii
Naaf ta’ii jiraadhu
Obboleettii gaarii!

©️ Riyaad Raayyaa

@Dhangaa_Walaloo join godhaa!♥️

3 weeks, 3 days ago

Wanti galma nu hanqisee
Baraan lukti keenya naafu,
Alagaatti akeekna malee
Numatu woliif hin laafu.
~
Maaddiima tokkorraa nyaataa
Micciirree wal caccabsina,
Jiraachuu wolii jibbinee
Karaarraa wal daddabsina.
~
Akka waan waliin hin taanee
Gammachuufi gaddi keenya,
Afaan keenya wal hin qabu
Wal hin baatu; addi keenya.
~
Gurri wal nu hin dhaga’u
Dubbiin walii nu xuqqa’a
Ofiif mogolee wal buufna
Ormaaf harki nu luqqa’a.
~
Kan orma walirraa eegnu
Ofiif wolirratti kaanee...
Guddinarraa wal ittifnee
Kunoo baraan-achee taane!
~
Obbolummaaf oromummaa
Tasuma hin qabnu haajaa
Rabbumaan haa dhibu male
Keenya kunoo nama raaja!

©️ Riyaad Raayyaa

@Dhangaa_Walaloo

1 month ago

Qe’ee ulfoo jararraan
Nuuf baatu aduuf jiinii
Araddaa eebbifamaa
Harargee biyyi diinii,

Dirqamaan daangeffamee
Oomisha ofii gurguruu
Gaafa beelli hiraarsee
Akkasittiin hunkuru...
Warri ofirra darbanii
Kaleessa orma sooran
Beelaan manaa ba’anii
Gaafa daandiirra jooran,
Arguun nama surura
Garaa nama belbelcha
Gaddatu daangaa taree
Ibsamuuf dhaba jecha.

Madda galii hawaasaa
Albuuda baha biiftuu
Kan haati hiyyeessaa ittiin
Qoonqoo ilmaan-shee jiiftu.
Gombisaa qomoo keenya
Warra Ituu'f humbannaa
Maaddii irraa nyaanne dhiinnee
Maaliif hamaa dubbannaa?
Sona jireenya hawaasaa
Jalaa gogsuun cubbuudha
Jimaan uummata harargeef
Dhimma jiruu; lubbuudha.

Warri jaalala hiran
Gola onnee bananii
Ardaan gootota hedduu
Maaddiin quufaaf qananii,
Qe’een Elemoo Qilxuu
Kan Jaarraa Abbaa Gadaa
Caba sabaa okkolaa
Nuuf kulkulfataa madaa
Dhiibbaa duriiyyuu moo’ee
Har’a harka keenyaan badaa?

Akaakileen Sheek Bakrii
Ijoolleen Bakar Waaree
Falma Abbaa biyyummaaf
Dhugaa turanii raaree
Bu’aa aarsaa baasanii
Gidirfamuun jiraaree?

Soorri lubbuu hawaasaa
Labsii dabaan maaf gu’a
Oromoon Afran-qalloo
Beelaaf dheebuun maaf du’a?

Elaamee.....

Qaamni dhimmichi laalu
Dhuunfaas ta’u mootummaan
Irra dedeebiin yaadaa
Siniin jenna kootummaan,
Lameen waliif bu’uraa
Ummata harargeef jimaa,
Oksijiinii fi somba
Addaan baasuun ni cimaa,

Qabeenyi hawaasa kanaa
Wabii saba hundaatii,
Dinagdee biyyaatiifuu
Jimaan lafee dugdaatii,
Waanuma facaasantu
Hudhee namaaf daraaraa
Hin beelessinaa lakkii
Qe’ee nagaaf araaraa!

✍️.... @Riyaad_Raayyaa tiin. Oromoo kutaa kamiiyyuu haa ta’u dhibeen qomoo kiyyaa na dhukkubsa. dhimmi kun xiyyeeffannoo guddaa barbaachisa!

1 month ago
Riyaad Raayyaa
We recommend to visit

Waa mareeg lagu aruuriyo duruusta culimada soomaaliyeed.

Waxa ka masuul ah:
https://t.me/IshraqCenter

Kala xidhiidh maamulka halkan:
@Turaasculimobot

Waxaad ka heleysaa buugaag ku qoran Luqadaada Hooyo ee Af-Soomaaliga oo ka liyah

Fadlan wixii Su'alaha la xariir

@liibaanwaasuge
@Mfaratoon

Hoyga Aflaanta Hindiga & Musalsalda Afsomali ah Gaar ahaan Kuwii Hore ee 70aad Kii ilaa 2024 Jaceyl Waali @ALFAGHISTUDIO Halkan Ka Daawo