Why Pay for Entertainment? Access Thousands of Free Downloads Now!

KENNAA

Description
KENNAA Dhaloota Qubeetiif!!
Walbarsiisaa wal bashannansiisuuf
Chaanaalii keenyaaf miseensa tahaa!!


Chaanaalii kana irraa๐Ÿ‘‡
๐Ÿ‘‰DA'AWAA
๐Ÿ‘‰ODEEYFANNOO
๐Ÿ‘‰WALALOO
๐Ÿ‘‰ASOOSAMA
๐Ÿ‘‰SEENAA fi kkf argachuu dandeessu!!
โœyaadaaf๐Ÿ‘‡
@AbdiiBiyyaa iraan nu biraan gahaa!!
Advertising
We recommend to visit

Jeet ek Nasha hai aur is Nashe ki Factory ka mai ek lauta Baadshah hoon !

My Telegram Channel Link
https://t.me/+S9lLIcfDkRrhG-VZ

For Any Query Contact
My Username - @RehanBaadshah

Last updated 1ย month ago

Telegram irraa qarshii argachuuf link kana fayyadamaa.

https://telega.io/?r=l9NDCHx-

Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot

Last updated 5ย days, 18ย hours ago

๐—๐—ถ๐—ฟ๐—ฒ๐—ฒ๐—ป๐˜†๐—ฎ ๐—บ๐—ถ๐—น๐—ธ๐—ฎ๐—ฎ'๐—ฎ๐—ฎ ๐—ท๐—ถ๐—ฟ๐—ฎ๐—ฎ๐—ฐ๐—ต๐˜‚๐˜‚๐—ณ ๐—ธ๐—ฎ๐—ธ๐—ฎ'๐˜‚๐˜‚๐—บ๐˜€๐—ฎ ๐—ฌ๐—”๐—”๐——๐—”๐—” ๐—ณ๐—ถ ๐——๐—”๐—ก๐——๐—˜๐—˜๐—ง๐—ง๐—œ๐—œ ๐—ฑ๐—ต๐—ผ๐—ธ๐—ฎ๐˜๐—ฎ๐—ฎ ๐—ผ๐—ณ๐—ถ๐—ถ๐˜๐˜๐—ถ ๐—ณ๐—ฎ๐˜†๐˜†๐—ฎ๐—ฑ๐—ฎ๐—บ๐˜‚๐˜‚๐—ณ ๐—พ๐—ผ๐—ฝ๐—ต๐—ถ๐—ถ ๐˜๐—ฎ'๐˜‚๐˜‚ ๐—ฏ๐—ฎ๐—ฟ๐—ฏ๐—ฎ๐—ฎ๐—ฐ๐—ต๐—ถ๐˜€๐—ฎ!
๐Ÿ’ฅ @Oromoo_Inspire_YaadaafBot ๐Ÿ’ฅ

Last updated 1ย month ago

6ย days, 13ย hours ago

N I Y Y A A
โ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™ก
Hojiin keenya kamuu yoo niyyaan tole qofa nu fayyada; yoo kana hin taane balaa guddaadha:

Deeds are by intentions ุฅู†ู…ุง ุงู„ุฃุนู…ุงู„ ุจุงู„ู†ูŠุงุช

Umar bin Al-Khaxxaab irraa odeeffamee ุฑุถูŠ ุงู„ู„ู‡ ุนู†ู‡ ni jedhe: Ergamaa Rabbiitii ุตู„ู‰ ุงู„ู„ู‡ ุนู„ูŠู‡ ูˆุณู„ู… akkana jedhanuun dhaga'e:

ุฅูู†ู‘ูŽู…ูŽุง ุงู„ู’ุฃูŽุนู’ู…ูŽุงู„ู ุจูุงู„ู†ู‘ููŠู‘ูŽุงุชู ูˆูŽุฅูู†ู‘ูŽู…ูŽุง ู„ููƒูู„ู‘ู ุงู…ู’ุฑูุฆู ู…ูŽุง ู†ูŽูˆูŽู‰ ููŽู…ูŽู†ู’ ูƒูŽุงู†ูŽุชู’ ู‡ูุฌู’ุฑูŽุชูู‡ู ุฅูู„ูŽู‰ ุงู„ู„ู‘ูŽู‡ู ูˆูŽุฑูŽุณููˆู„ูู‡ู ููŽู‡ูุฌู’ุฑูŽุชูู‡ู ุฅูู„ูŽู‰ ุงู„ู„ู‘ูŽู‡ู ูˆูŽุฑูŽุณููˆู„ูู‡ู ูˆูŽู…ูŽู†ู’ ูƒูŽุงู†ูŽุชู’ ู‡ูุฌู’ุฑูŽุชูู‡ู ู„ูุฏูู†ู’ูŠูŽุง ูŠูุตููŠุจูู‡ูŽุง ุฃูŽูˆู ุงู…ู’ุฑูŽุฃูŽุฉู ูŠูŽู†ู’ูƒูุญูู‡ูŽุง ููŽู‡ูุฌู’ุฑูŽุชูู‡ู ุฅูู„ูŽู‰ ู…ูŽุง ู‡ูŽุงุฌูŽุฑูŽ ุฅูู„ูŽูŠู’ู‡ู

"Hojiin kamuu sirrii ta'ee kan argamu niyyaadhaani. Nama hundaafuu wanta inni niyyatetu jira. Namni godaansi isaa (niyyaadhaan) gara Rabbiifi Ergamaa isaa ta'e, godaansi isaa (mindaadhaanis) garuma Rabbiitiifi Ergamaa Isaati. Namni godaansi isaa gara addunyaa ishee argatuu yookiin dubartii ishee fuudhuu taate godaansi isaa (mindaadhaanis) garuma waan itti godaaneeti."
Hadiisicha Bukhaariifi Muslimtu gabaasan.

Waan hadiisicha irraa fudhatamu
1. Dalagaan tokko fayyaa ta'ee argamuufi baduun isaa niyyaa irratti hundaa'a.
2. Dalagaan heeyyamamaa tae kamiyyuu niyyaa gaariidhaan yoo dalagame ibaadaa ni ta'a.
3. Namni Muslimaa dalagaa hunda keessatti niyyaa isaa sirreeffatee (jaalala Rabbii barbaachaaf) dalaguu barbaachisa.
4. Niyyaan dalagaa kamiifuu ulaagaa isa bu'uuraati. Garuu daangaa dabree ittiin shayxaanni nama seenuu hin qabu.
5. Niyyaan bakki ishee qalbiidha; kanaafuu afaaniin ishee jedhuun bida'aa dha. Kan imaam As-shaafi'iin salaata jalqaba irratti ni jedhama jedhaniiruun irraa odeeffamu kijiba malee isaan eessattuu hin jenne.
6. Nama argisiifachuufi dhageessisiifachuu irraa eeggachuun dirqama. Akkasumas hojii mindaan Rabbii ittiin barbaadamu addunyaaf jecha dalaguu irraa eeggachuun barbaachisaadha. Sababni isaas kun hundinuu badii guddaa ta'a.
7. Dalagaa qalbiitti bakka guddaa kennuu qabna.
8. Godaansi dalagaa guddaa ta'uu hubanna.

Hubannoo Walii galii galaa
Hadiisni kun Islaama keessatti seera bu'uuraa guddaa ta'e of keessaa qaba. Innis niyyaa yoo ta'u, madaalli dalagaa isa irratti hundaa'a. Niyyaa bakka lamatti qooduun ni danda'ama. Isaanis: Ikhlaasaafi niyyaa dalagaa ittiin adda baasanuudha. Ikhlaasa jechuun waan dalaganuun mindaa Rabbiin biraa barbaadanii dalaguudha.

Namni ikhlaasa qabu akka wanti Rabbiin biraa hunda irra caalu sirriitti beeka. Kanaafuu bu'aa addunyaa barbaachaaf jecha dalagaa khayrii hin dalagu. Wanti uumama biraa akka baduufi kan Rabbii hafaa akka ta'e ni beeka. Rabbiin ni jedhe: "Wanti isin biraa ni dhuma. Wanti Rabbiin biraa immoo hafaadha. Isaan obsaniif mindaa isaanii irra gaarii waan isaan dalagaa turaniitiin isaan mindeessina" (An-nahl: 96).
Namni kana beeke immoo hojiin isaa hundinuu kabajaa nama biraa barbaacha ta'uu bira tarti; akkasumas faayidaa duuniyaa duubatti dhiifti. Fedhii lubbuutiin deemuu irraas ni duroomti. Sawaabuma Rabbii barbaacha qofaaf jecha hojjata. Rabbiin ni jedhe: "Nama (duniyaa) jerjertuu taate kana fedhu, ishee keessatti nama feeneef waan feene jerjersina. Ergasii Ibidda jahannam arrabsamaa, darbamaa taโ€™ee kan seenu isaaf goona. Nama Aakhiraa fedhee haala dhugoomsee jiruun hojii ishee isiif hojjate, warra san hojiin isaanii galateeffatamaa taโ€™eera" (Al-israa'i:18-19).

Yoo niyyaan inni kun bade hojichi guutummaan guutuutti ni bada. Walumaa galatti hanqinni ikhlaasaa hojii diinii hunda ni jeeqa. Kanaafuu Rabbiin sodaannee fuula isaa barbaachaaf qofa haa dalagnu.

Niyyaan inni lammaffaa immoo gosa hojii adda baasuuf tajaajila. Fakkeenyaaf salaata sunnaafi waajiba adda baasuuf nu gargaara. Dhiqannaa aadaafi kan janaabaa adda foo'uuf tajaajila. Inni kun ammas mutaaba'aa yookiin Rasuula hordofuu keessattis ga'ee guddaa qaba.

@Kennaapost. @Kennaapost

https://t.me/Kennaapost

Telegram

KENNAA

KENNAA Dhaloota Qubeetiif!! Walbarsiisaa wal bashannansiisuuf Chaanaalii keenyaaf miseensa tahaa!! Chaanaalii kana irraa***๐Ÿ‘‡*** ***๐Ÿ‘‰***DA'AWAA ***๐Ÿ‘‰***ODEEYFANNOO ***๐Ÿ‘‰***WALALOO ***๐Ÿ‘‰***ASOOSAMA ***๐Ÿ‘‰***SEENAA fi kkf argachuu dandeessu!! ***โœ***yaadaaf***๐Ÿ‘‡*** @AbdiiBiyyaa iraan nu biraan gahaa!!

N I Y Y A A
2ย weeks ago

Mata-duree.
"Sababoota gurguddaa 15 kan ๐—ฌ๐—ฒ๐˜€๐˜‚๐˜€ ๐—ž๐—ถ๐—ฟ๐—ถ๐˜€๐˜๐—ผ๐˜€, Waaqayyo taโ€™uu hin dandeenyee."

๐Ÿ›‘ 1. Rabbiin hin dhalatu, Yesus Kiristos immoo ni dhalate.

๐Ÿ›‘ 2. Waaqayyo namaa miti. [Seera Lakkoobsaa 23:19], [macaafa Hoseโ€™aa 11:9] Yesus Kiristos, immoo ilma namaati, [Yohannis 8:40].

๐Ÿ›‘ 3. Waaqayyo hafuura (hin mulโ€™atu jedhuudha), hin tuqamu, akka macaafichi jedhutti. [Yohannis 4:23-24]. Yesus Kiristos, immoo hafuura miti. [Luqaas 24:39].

๐Ÿ›‘ 4. Waaqayyo addunyaa irratti ijaan hin argamu, sagaleen isaas hin dhagaโ€™amu. [Yohannis 5:37]. Yesus Kiristos, immoo ijaan argamee jira, dhagaโ€™amee jiras.
๐Ÿ›‘ 5. Waaqayyo fakkaattii hin qabu (wanti isa fakkaataa fi boca hin qabu). [Isaayaas Raajichaa 44:7], [Faarfannaa 89:6]. Yesus Kiristos, garuu fakkaattota hedduu
qaba. [Ergaa gara Ibrootaa 1:8-10].

๐Ÿ›‘ 6. Waaqayyo gonkumaa kan hin duune taโ€™uu. [Seera Keessa Deebii 32:40], [Xemotewos Isa Duraa 1:17, 6:16], [Roomaa 1:20-21, 25]. Yesus Kiristos, immoo akka Kiristiyaanonni jedhanitti duโ€™ee jira.

๐Ÿ›‘ 7. Waaqayyo waan hunda beeka, Yesus Kiristos, garuu waan hunda hin beeku. [Maarqos 13:32].

๐Ÿ›‘ 8. Waaqayyo humna qabeessa. Yesus Kiristos, garuu humna isaatiin homaa gochuu hin dandaโ€™u. [Yohannis 5:30].

๐Ÿ›‘ 9. Waaqayyo hin mugus hin rafus. [Faarfannaa 121:2-4]. Yesus Kiristos, immoo rafee jira. [Luqaas 8:23-24], [Maarqos 4:38].

๐Ÿ›‘ 10. Waaqayyo hin beelaโ€™u. Yesus Kiristos, garuu beelaโ€™ee jira. [Maarqos 11:12].

๐Ÿ›‘ 11. Waaqayyo hin nyaatu. Yesus Kiristos immoo nyaatee jira. [11:19].

๐Ÿ›‘ 12. Waaqayyo dhugaatiis hin hajamu. Yesus immoo dhugee jira. [Maatewos 26:29].

๐Ÿ›‘ 13. Waaqayyo hin rakkatus, hin hiyyoomatus. Yesus Kiristos, garuu rakkatees jira, hiyyoomatees jira. [Maatewos 8:20].

๐Ÿ›‘ 14. Waaqayyo saala hin qabus, hin kittaanatus. Yesus Kiristos, garuu saallis dhiira, kittaanatees jira. [Luqaas 2:21].

๐Ÿ›‘ 15. Waaqayyo hin qoramu. [Maarqos 1:12-13], [Yaaqoob 1:13] Yesus garuu akka macaafni qulqulluun jedhutti sheyxaanaan qoramee jira. [Maatewos 4:1].

itti fufa...
Waliif qoodaa keyrii tana facaasaa.
Jzk โค
๐—ค๐—ข๐—ฃ๐—›๐—˜๐—˜๐—ฆ๐—ฆ๐—”๐—”:
ยฉ Ifaa Dhugaa

@Kennaapost @Kennaapost

T.me/Kennaapost

Telegram

KENNAA

KENNAA Dhaloota Qubeetiif!! Walbarsiisaa wal bashannansiisuuf Chaanaalii keenyaaf miseensa tahaa!! Chaanaalii kana irraa***๐Ÿ‘‡*** ***๐Ÿ‘‰***DA'AWAA ***๐Ÿ‘‰***ODEEYFANNOO ***๐Ÿ‘‰***WALALOO ***๐Ÿ‘‰***ASOOSAMA ***๐Ÿ‘‰***SEENAA fi kkf argachuu dandeessu!! ***โœ***yaadaaf***๐Ÿ‘‡*** @AbdiiBiyyaa iraan nu biraan gahaa!!

Mata-duree.
2ย weeks ago
โ€œ JANNATA keessatti lallaba tokkotu baha;โ€ โ€ฆ

โ€œ JANNATA keessatti lallaba tokkotu baha;โ€ Yaa warra JANNATAA. Fayyaa malee dhukkubni isin hin tuquu muramte! Dargagummaa malee dulloomuun hin jiruu muramte! Jiraachuu malee duuti hin jirtuu muramte! Bashannanuu malee rakkoon hin jirtuu isiniif muramte โ€œ jechuun lallabni baha jedhan Abbaan Qaasim Nabi Muhammad
ุตู„ู‰ ุงู„ู„ู‡ ุนู„ูŠูƒ ูˆุณู„ู… !

Yaa fooqii jannataa kan biyyee fi dhakaan tokko keessa hin jirre warqii malee! Kan dhukkeen shittoo,kan biyyeen warqii!
Yaa bareeduma dubartii ganda sanii,kan xuriin gosa gosaa irratti hin argamne. Tan dubrummaan irraa hin dhumne!

Yaa Dhugaatii fi nyaata biyya sanii,kan fincaanii fi hagatti hin jijiiramne. Dafqa shittoo caala urgaaโ€™u tahee fiilu.

โ€œ Waan gurri hin dhagahin,waan ijji hin argin,waan sammuun namaa hin tilmaamin,Jannata keessatti walitti qabame โ€œ jedhan Abbaan Faaximaa ุตู„ูˆุงุช ุฑุจูŠ ูˆุณู„ุงู…ู‡ ุนู„ูŠู‡

Harโ€™i carraa dalagaati, bor ammoo badhasa galataati!

Yaa Allaah toluma keetiin nu badhaasi,

@Kennaapost @Kennaapost

T.me/Kennaapost

2ย weeks, 2ย days ago
2ย weeks, 2ย days ago
2ย weeks, 2ย days ago
***โ™ป๏ธ***Ajaa'iboota 7 waa'ee haadhaa irraa. Dubbisee โ€ฆ

โ™ป๏ธAjaa'iboota 7 waa'ee haadhaa irraa. Dubbisee natti tollaan isiniif qoodeen!

โœจ1. Daqiiqaa 30 (walakkaa sa'aa 1) haadha tee bira taa'uutu, sa'aa 6 ogeessa jabaa bira taa'uurra caala. Scientific fact!

โœจ2. Yeroo hamtuun siqunnamtu garaan haadha teetii dursee tilmaama. Niyaaddawa!

โœจ3. Yeroo haati tee ofitti siqabdu, miira addaa tu sitti dhagayama. Nigammadda!

โœจ4. Du'aa'iin haadha teetii Murtii (Qadara) hamaa sirraa deebisuu dandeeysiin. Shari'aa!

โœจ5. Harki haadhaa iddoo sidhukkubuuf dawaa (qoricha) tahuu dandaya!

โœจ6. Addunyaa tanarra namni lubbuu siif wareegu, aarsaa qaalii siif jacha kaffalu yoo jiraate haadha qofa!

โœจ7. Haadha gammachiisuun Addunyaa fi Aakhiraa akka gammachuun jiraattu sigodha!

โœ…Kanaaf haati teenya badhaasa addaati.
Kennaa qaalii dha.

Jannanni miila haadhaa fi abbaa jala jira , shari'aadha.

Madrasaan ilmoo Haadha!

Yaa Rabbii Umrii Nuuf dheereessii ummii teenya Yaa Allah ๐Ÿคฒ, ta aakhiramte jannata nuuf badhaasi!

ุงู„ุณู„ุงู… ุนู„ูŠูƒู… ูˆุฑุญู…ุฉ ุงู„ู„ู‡ ูˆุจุฑูƒุงุชู‡

@Kennaapost

T.me/Kennaapost

3ย weeks, 3ย days ago
Yaa Mu'ujizaa Allaah

Yaa Mu'ujizaa Allaah
โ™คโ™คโ™คโ™คโ™คโ™คโ™คโ™คโ™คโ™คโ™คโ™คโ™ค

Sa'uudiitti haati tokko ilmaan shan nagaan deesse

@Kennaapost Shawwaal 28/1445
Sa'uudiitti haati tokko yaalii baqaqsanii yaaluutiin daa'imman dhiiraa 3 fi dubaraa 2 nagaan deesseetti.

Doktoronni 13 garee ogeessota yaalaa miseensoota 58 qabu waliin qinda'anii yaalii kana milkeessuuntu ibsame.

Daa'imman kunneen giraama 1,195 akka ulfaatanis himameera.

Rabbiin ogeessaafi danda'aadha

@Kennaapost @Kennaapost

T.me/Kennaapost

3ย weeks, 3ย days ago
ARRABAAN NAMA HIN MIIDHIN

ARRABAAN NAMA HIN MIIDHIN
โ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ข

Abu Hureeyraan Rabbi isarraa haa jaalaatuu akkana jedhe, โ€œNamoonni Ergamaan Rabbii ๏ทบ akkana jedhuun gaafatan, โ€˜Yaa Ergamaa Rabbii! Dubartiin takka halkan ni salaatti, guyyaa ni soomanti, sadaqaas ni kenniti. Garuu olla isii arrabaan miiti.โ€™ Ergamaan Rabbiitis ๏ทบ isiin toltuu takkallee hin qabdu. Isiin warra ibidda seenurraayiโ€™ jedhanii deebisaniif. Namoonni itti aansuun, โ€˜Dubartiin takka salaata waajibaa qofa salaatti. Sadaqaas ni kenniti. Garuu ilma namaa arrabaan hin miituโ€™ jedhanii gaafatan. Ergamaanis ๏ทบ โ€˜Isiin warra jannata seenurraayiโ€™ Jedhanii deebisaniif. (Al Adabul Mufrad)

Kanaafuu obboleewwan aakhiraa waan dalagaa jirru akka of jalaa hin balleessine of haa eegnu. Waajibaa mitii, osoon wantoota dabalataa heddu irraan hojjanneellee, haga ibaadaan keenya sun nama miidhurraa hin fagaannetti faaydaa nuuf hin qabu. Rabbiin keenya mootii haqaati, Akkasumas mootii rahmataati.

Rabbiin nu haa tiksu!

@Kennaapost @Kennaapost

T.me/Kennaapost

3ย weeks, 6ย days ago
Jarri khun garaa nama nyaatan, kan โ€ฆ

Jarri khun garaa nama nyaatan, kan isaan gabbaran ilma namaa miti beyladaa kana gabbaran.

Rabbiin keenya waan dueef guyyaa 3 taaziyaa/gadda isaa labsinee jirra je'an.

Ilmi namaa gaafa rabbii ifii wallaale wanti inni beekhu marti isa harkaa wal makatee haqaa fi dhara, beekumsaaf wallaala, ragaa fi oduu gargar wallaala.

Gariin jara beyladaa gabbaruu khun professor fi Doctor akka tahe beeytanii. Akkasii wajjin faltiin sa'aa qoricha je'anii nyaata irratti faa baafatanii nyaatan.

Kana hunda keessatti rabbi si dandamachiisee dhugaa si hubachiisuun caalmaya waa hundaa oliiti.

Nuti fedha Allaah tiin , Rabbiin keenya hin du'u, hin tumamu, hin fannifamu, hin kittaanamu, hin dhalu, hin dhalatu....

Jarri tokkos biyyuma keenya keessaa har'a Rabbiin jalaa du'ee du'aa ka'e jedhanii dhuganii machaa'aa jiru๐Ÿ˜

ALHAMDULILLAAH kan nu filatee gabroottan isaa nu taasise.

@Kennaapost @Kennaapost

T.me/Kennaapost

4ย weeks, 1ย day ago

Assalaamu Aleeykum Warahmatullaahi Wabarakaatuhu

Obboloota koo mee

Alhamdulillaah jedhaa mee

Har'a Jumu'aa kana jarri kaafiraa Rabbiin keenya ni du'e(ni fannifame) jedhanii sanuu ayyaana godhatanii kabajachaa jiru(Subhanaka yaa Allaah).

Akka yaada jaraatti Rabbiin isaanii har'a qabrii keeysa bula jechuudha.

Subhaanaka yaa Allaah.

Alhamdulillaah, Rabbiin nuti gabbarru kan hin tumamne, kan hin kittaanamne, kan hin beelofne, kan hin fannifamne, kan hin garafamne, ......Rabbiin keenya hanqinoota hunda irraa qulqullaa'aadha.

Rabbiin garafamee fannifamee ajjeefame yemmuu jedhan xiqqomallee hin qaana'anii jarri kun?.

Kan ofiifuu du'aa fi garaffii, fannifamuu jalaa of hin baraarin akkamiin dhala namaa baraaraa?. Eenyutu immoo aanguu Rabbi reebuu fi fannisuu qabaa?. Yeroo inni du'ee qabrii seenu immoo eenyutu bakka bu'ee uumama kana bulchaa turee?.

Ammas guyyaa Rabbiin isaanii tumamee fannifamee ajjeefame akkamitti ayyaana godhatanii gammadanii nyaataa fi dhugaatii quufanii burraaqaa ooluu?. Du'a isaatti gammadaa isa jaalanna jechuun hoo wal hin faalleeysuu?.

Walumaagalatti Rabbiin jallinatti nama hin naqin, Rabbiin fahmii nuuf haa kennu. Dhugaa baay'ee nama gaddisiisa. Namni hamma kana jallinatti wal-naqee wal fixaa jira. Dharri ifa bahee lallabama.

Nuti Muslimoonni immoo Rabbii waan hanqinoota jedhame irraa qulqullaa'e Allah qabna. Rabbiin keenya hunda dand'aadha.

Alhamdulillaah Alhamdulillaah

Alhamdulillaah. Alhamdulillaah

@Kennaapost @Kennaapost

T.me/Kennaapost

Telegram

KENNAA

KENNAA Dhaloota Qubeetiif!! Walbarsiisaa wal bashannansiisuuf Chaanaalii keenyaaf miseensa tahaa!! Chaanaalii kana irraa***๐Ÿ‘‡*** ***๐Ÿ‘‰***DA'AWAA ***๐Ÿ‘‰***ODEEYFANNOO ***๐Ÿ‘‰***WALALOO ***๐Ÿ‘‰***ASOOSAMA ***๐Ÿ‘‰***SEENAA fi kkf argachuu dandeessu!! ***โœ***yaadaaf***๐Ÿ‘‡*** @AbdiiBiyyaa iraan nu biraan gahaa!!

Assalaamu Aleeykum Warahmatullaahi Wabarakaatuhu
We recommend to visit

Jeet ek Nasha hai aur is Nashe ki Factory ka mai ek lauta Baadshah hoon !

My Telegram Channel Link
https://t.me/+S9lLIcfDkRrhG-VZ

For Any Query Contact
My Username - @RehanBaadshah

Last updated 1ย month ago

Telegram irraa qarshii argachuuf link kana fayyadamaa.

https://telega.io/?r=l9NDCHx-

Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot

Last updated 5ย days, 18ย hours ago

๐—๐—ถ๐—ฟ๐—ฒ๐—ฒ๐—ป๐˜†๐—ฎ ๐—บ๐—ถ๐—น๐—ธ๐—ฎ๐—ฎ'๐—ฎ๐—ฎ ๐—ท๐—ถ๐—ฟ๐—ฎ๐—ฎ๐—ฐ๐—ต๐˜‚๐˜‚๐—ณ ๐—ธ๐—ฎ๐—ธ๐—ฎ'๐˜‚๐˜‚๐—บ๐˜€๐—ฎ ๐—ฌ๐—”๐—”๐——๐—”๐—” ๐—ณ๐—ถ ๐——๐—”๐—ก๐——๐—˜๐—˜๐—ง๐—ง๐—œ๐—œ ๐—ฑ๐—ต๐—ผ๐—ธ๐—ฎ๐˜๐—ฎ๐—ฎ ๐—ผ๐—ณ๐—ถ๐—ถ๐˜๐˜๐—ถ ๐—ณ๐—ฎ๐˜†๐˜†๐—ฎ๐—ฑ๐—ฎ๐—บ๐˜‚๐˜‚๐—ณ ๐—พ๐—ผ๐—ฝ๐—ต๐—ถ๐—ถ ๐˜๐—ฎ'๐˜‚๐˜‚ ๐—ฏ๐—ฎ๐—ฟ๐—ฏ๐—ฎ๐—ฎ๐—ฐ๐—ต๐—ถ๐˜€๐—ฎ!
๐Ÿ’ฅ @Oromoo_Inspire_YaadaafBot ๐Ÿ’ฅ

Last updated 1ย month ago