Milkaa'ina jireenyaaโœ

Description
YAALII DADHABI MALEE YAALUU HIN DADHABIN!
โœ“GORSA BAREEDDUU JIREENYA KEESSAN JIJJIIRTU GUYYAA GUYYAAN ISINIIF LAATNA! NU HORDOFAA
Channel dabalataa:๐Ÿ‘‰ @GOLA_JAALALLEEWWANII_2nd
yaadaaf: @MilkiiMilkaainaa_bot

YouTube:https://www.youtube.com/@Hacee_memory
Advertising
We recommend to visit

buy ad: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii

CEO @Obsamilli


Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii

Last updated 1ย week ago

Chaanaalii kana irratti Faarsaa Kanneen Bara Durii,akkasuma Haaraa Qilleensarra kan Oolan @full Album,,, argachuu dandeessu #faarfannaa qabdan kara kana nuu ergu dandesu @Faarfannaahaaraa_bot
#group_keenya @faaruutuubee
#Channel keenya @OboroMedia
๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™

Last updated 1ย month, 1ย week ago

๐Ÿ“ˆ If stock market experts were so expert, they would be buying stock, not selling advice. ๐Ÿค”
~Norman Ralph Augustine | @Stockbot

Contact: @Executive_Robot

Last updated 1ย month, 4ย weeks ago

11ย hours ago

HUBADHU!
โ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌ
โžœ Taajjabbii addunyaa kana irraa qabnuu fi dinqisiifannaa oolmaa keenya guyyaa guyyaa, kan dandeenyu yoo barreessine kan hin barraaโ€™in immoo dubbisuu ni dandeenya.

โžœ Barruu isa barraaโ€™e dubbisuun isa hin barraaโ€™in barreessuuf akka tolu isinittii himuuf miti. Inni barraaโ€™e isa hin barraaโ€™in keessa akka jiru, kan hin barraaโ€™in immoo isa barraaโ€™e keessatti akka dubbifamu lameen isaanii waliin deemu.

โžœ Bariin ganamaa dhiha galgalaa keessaa madda.
Yoo hin dhihiin wayi bariโ€™aaree? Erga galgalaaโ€™ee halkan citee fullaโ€™ee bariin dhufee bakka qabata. Dukkanni ifaaf bakka gad lakkisee bada. Nutis hirriiba keenyarraa dammaqna. Osoo hin rafin dammaquun hin jiraatu. Bakka homtuu hin turre amma wanti hundi jira. Wanti hundinuu (everthing) kan argame wanta duwwaa (nothing) irraayi!!!

โž› Nageenyi lola keessaa,
โž› Amantiin shakkii keessaa utaalee baha.
โž› Osoo hin shakkiin amanuun,
โž› Osoo hin kolfin booโ€™uun,
โž› Osoo hin kufin kaโ€™uunis hin jiru. Kun ammoo hariiroo walxaxaa uumamni walii isaa waliin qabu (natural relationship with nature) yoo taโ€™u, deemsa kana hubachuun immoo dhalli namaa gartokkee fedhii isaatiin fiiguu dhiisee waltajjii fiixee lameeniirra yoo taaโ€™e murtoo kennuuf itti tola.

โž› Namni hin gaddine tasumayyuu hin gammadu,
โž› Namni hin aarre tasumayyuu hin tasgabbaaโ€™u.
Dhalli namaa garuu dhugaa kana hubachuun gaafa itti cimu,
โž› Inni booโ€™u booโ€™ichi isaa bor gammachuu akka qabu yaaduu caala booโ€™icha isaa itti fufeera.
โž› Inni kolfu boru booโ€™uu akka dandaโ€™u hin beeku,
โž› Inni utaalu boru okkoluu akka dandaโ€™u hin beeku,
โž› Inni jiraatu boru akka duโ€™u,
โž› Gammachuu keessa gaddi,
โž› Rakkina keessa qananiin,
โž› Argachuu keessa dhabuun akka jiru hin hubatu!!!

โžฒ Gammachuu fi gaddi qaama walfakkatoo fuula garaagaraa akka taโ€™an waan hin hubanneef yeroo hundumaa gammadee
jiraachuu hawwa. Gaafa gammachuun isaa gaddaan bakka buโ€™u immoo gadda isaa irraa dandamachuuf ni rakkata.

โžฒ Kanaafidha kanan isa hin barraaโ€™in keessaa barruu isa barraaโ€™e arganna, isa barraaโ€™e
dubbisuun isa hin barraaโ€™in hubachuuf nu gargaara kanan isiniin jedheef. Anis kunoo isa barraaโ€™erraa kanan dubbise, buโ€™aa bahii jiruu kootii isa hin barraaโ€™in hubachuuf na
gargaareera.

1ย day, 6ย hours ago

Yaada Fudhachuu:-

Yaada si'a lama fudhachuu qabda: inni 1ffaan hojii tokko gaafa hojjennu bu'a hojii sanan argamsiisne irraati namoonni yaada maali akka qabanifi ilaalcha isaaniti hojiichi bu'ansa maal akka fakkaatu baruuf yaada fudhachuudha. Yaada nuti erga waan tokko xumurree adeemsa hojii keenyarrati obboloonni cina keenya yaada akkami qabu isa jedhu baruuf, akkasumaas tarii waan fooyyeesu qabnufi cimina qabnu itti fufsiisun nurra jiraatu namootarra yaada fudhachuuf nugargara.

Inni 2ffaan, Utuu hojjechuu hin jalqaabin hojjechuu yaada yaadne irraati marii nutii obboloota hiriyyoottanifi michuu keenya amanamoo yaada fooyya'a ta'e nuuf kennu danda'an irra fudhannudha. Oromoonu yoo mammaaku, "mariyaatan goowwa hin qabu" jedha. Wanta tokko gochuuf waanuma murteessine duwwadhaf hin goonu. Waan tokko raawwachuuf murteessun gaarii ta'us murtoo duwwaati yeroo hundaa amanun immoo yaada namootarra akka fagaannufi altokko tokkos raakkinoota utuu hin hubatinif akka saaxilamnu nutaasisa. Kanaafuu wanta hojjechuuf yaada keessa qabnu ogeessaa waan sanarrati miuuxxanno hojiifi beekumsaa waliigalasaa qabu mariisisun gaarii ta'a. Barbaachisaadhas. Business jalqaabuf yaadde sana haala business jalqaabuf yaadde sana namoota hojjetta jiraanif turan muuxxannoo isaan kanan dura hojiicharrati qaban isaanirra qooddachuuf, ogeessa business business sanarrati beekumsaa qabu mariisisun adeemsa kamin haala yeroo wajjin bu'a akka nuuf buusu beekumsa hojiicha keenyaf nu barbaachiisu isaarra argachuufi naanno hojii itti hojjechuuf yaadne sana qo'aachufi qoraachun nurra barbaachiisa.

Kanaafuu, wanta hojjechuuf yaadnefi yaadnu tokkorrati namoota beekumsafi muuxxannosa qaban irra hubanna hojiicha waan hojjechuuf yaadne sanaf nu gargaaru argachuu qabna. Kanaafuu yaadni nama hin tuffaatamu liqiimfaamu isaatu hafa male.

Ati nama ta'u yoo barbaadde gartuu namoota yaada namoota gonkumaa hin fudhannefi hin barbaanne keessa bahun anamoofi of guddisuuke ofirra cabsi!

Ogeessi nama nama mariisisa. Kophasa murteessus yaada dabaaloota ogeessotarra fudhatun immoo murtoo keessa deebi'e ilaala. Of duwwarrati hin xiyyeeffatin! Ogeessoota dhaggauf gurra qabadhu!

Gslgaala gaarii!

Barreessan: WamearnToleraa Banti ti

Joinformore: @Gorsa_jireenya

3ย days, 14ย hours ago

"Nothing beats books for understanding the world" Rolf Dobelli
.
nama kanatu akkana jedha "Yeroo tokko yaalii wayiin geggeesse; oduu (News) dhaggeeffachuufi dubbisuun dhaabe. Raadiyoofi Teleevizhiinii koon cufe, barruulee oduu qofa qabatanii bahanin dubbisuu dhaabe! Torban jalqabaa ulfaataa ture. Waan tahe na jala darba jedheen sodaachaa ture. Waggoota sadii boddee garuu wantin argadhe yaadaa bilisaa, xiyyeeffannoo guddaa, sammuu murtee gaariifi yeroo bal'aadha. Wantin ani oduu irraa argadhu hanga nuusa kitaaba irraa argadhuu na hin fayyadne." jedhee Rolf Dobelli kitaaba isaa 'The art of thinking clearly' jedhu keessatti katabe. Yeroo oduu garagaraa dhagahaa oollu sammuun keenya odeeffannoo garagaraaf dub-deebii garagaraa kennuuf dhama'a. Oduulee dhaggeeffachaa ooluun sammuu keenya karaa sirrii hojjessiisuuf nu rakkisa. "As a result of news consumption, we walk around with a distorted mental map of the risks and threats we actually faces."

Dabalataan oduun baayyeen beekumsa hin ta'ani. Fakkeenyaaf, ji'oota darban oduulee baay'inaan 10,000 tahan dhaggeeffatteetta taha. Garuu isaan keessaa jireenya keetiif kan si gargaaran baay'ee muraasadha. "If news really helped people advance, journalists would be at the top of the income pyramid."

Dhumarratti yerookee oduufi odeeffannoo funaanutti hin dabarsin; read long articles and books! Kitaaba homtuu hin injifatu!
๐Ÿ“ขJOIN & ๐Ÿ”—SHARE
โ•”โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•—
๐Ÿ“šJOIN: @milkaainajireenyaa
๐Ÿ“šJOIN: @milkaainajireenyaa
๐Ÿ“šJOIN: @milkaainajireenyaa
โ•šโ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•

1ย week, 1ย day ago

atiin kunuu jettee beektaamii?

Ani kun dadhabaadha
Tabbaa gaaraa hin ba'uu
Siichi humna qabaadhee
Bakka sana hin ga'uu
Bakkan yaade hafeeraa
Anoo asii hin ka'uu
Nan shakka namummaa koo
Akka namaa hin ta'uu

Hin tarkaanfadhu danda'ee
Asumattan du'aa
Namaa gadi ta'een
Boolla awwaalchaa bu'aa

Male karooraaf kaayyoorraa
Anoo duraan hafee
Gaafa ebelu tattaafatu
An guyyaa saafaan rafee

Homaa hin qabu siichi
Hunduu na tareeraa
Ani gatii hin qabuu
Hanga koo bareeraa

Jettee of hin waadin
Yaadaan guyyaa raftee
Qaama dadhabsiiftee
Abdiin boodatti haftee

Abdiidhuma murtee
Marmarattee ciifnaan
Kufaatii qofa yaaddee
Ka'uu yaaduu dhiifnaan

Amma ka'uu dhiiftee
Yoo hafte gaabbiitti
Dhugaadhaan duuteettaa
Jiraadhaan dhaabbiitti

Isa darbee dhiiftee
Fuulduraaf yoo kaatte
Arsaa hunda baaftee
Kaayyoodhaaf yoo laatte

Miila illee yoo dhabde
Miila kan kee naafaan
Galma yaadde geessaa
Guyyaa aduu saafaan
๐Ÿ“ขJOIN & ๐Ÿ”—SHARE
โ•”โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•—
๐Ÿ“šJOIN: @milkaainajireenyaa
๐Ÿ“šJOIN: @milkaainajireenyaa
๐Ÿ“šJOIN: @milkaainajireenyaa
โ•šโ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•

1ย week, 2ย days ago

[โœ…๐๐ข๐ฅ๐›๐ข๐ฅ๐š ๐Š๐š๐ง๐š ๐Š๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š ๐‚๐ก๐š๐š๐ง๐š๐š๐ฅ๐จ๐ญ๐š ๐๐š๐š๐ฒ๐ฒ๐ž๐ž ๐๐š๐›๐›๐š๐ซ๐ž๐ž๐๐ฎ๐ฎ ๐“๐š'๐š๐ง๐ญ๐ฎ ๐€๐ฌ ๐Š๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š ๐‰๐ข๐ซ๐ฎ๐ฎ!!  ๐๐š๐ฆ๐ง๐ข ๐๐š ๐…๐š๐ฒ๐ฒ๐š๐๐š ๐‰๐ž๐๐ก๐ฎ ๐Œ๐š๐ฅ๐ฅ๐š๐ญ๐ญ๐จ๐จ ๐ƒ๐ข๐ข๐ฆ๐š๐š โญ• ๐๐ข๐ฅ๐›๐ข๐ฅ๐š ๐Š๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š ๐‰๐ข๐ซ๐ฎ ๐˜๐ž๐ซ๐จ๐จ ๐“๐จ๐ค๐ค๐จ ๐“๐ฎ๐ช๐ฎ๐ฎ๐๐ก๐š๐š๐ง ๐‡๐š๐š ๐’๐ž๐ž๐ง๐ฎ๐ฎ.

โ•ญโ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ•ฎ
    โ”ƒ  โ—   โ•โ• โ–ช๏ธ      โ”ƒ     
    โ”ƒโ–ˆโ–ˆโ–ˆโ–ˆโ–ˆโ–ˆโ–ˆโ”ƒ
    โ”ƒโ–ˆโ–ˆโ–ˆโ–ˆโ–ˆโ–ˆโ–ˆโ”ƒ
    โ”ƒโ–ˆโ–ˆโ–ˆโ–ˆโ–ˆโ–ˆโ–ˆโ”ƒ
    โ”ƒโ–ˆโ–ˆโ–ˆโ–ˆโ–ˆโ–ˆโ–ˆโ”ƒ
    โ”ƒโ–ˆโ–ˆโ–ˆโ–ˆโ–ˆโ–ˆโ–ˆโ”ƒ
    โ”ƒโ–ˆโ–ˆโ–ˆโ–ˆโ–ˆโ–ˆโ–ˆโ”ƒ
    โ”ƒโ–ˆโ–ˆโ–ˆโ–ˆโ–ˆโ–ˆโ–ˆโ”ƒ
    โ”ƒโ–ˆโ–ˆโ–ˆโ–ˆโ–ˆโ–ˆโ–ˆโ”ƒ
    โ”ƒ           โญ•             |
    โ•ฐโ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ•ฏ

๐๐š๐ฆ๐ง๐ข ๐๐š ๐…๐š๐ฒ๐ฒ๐š๐๐š ๐‰๐ž๐ญ๐ญ๐ฎ ๐’๐ข'๐š ๐“๐จ๐ค๐ค๐จ ๐Œ๐š๐ฅ๐ฅ๐š๐ญ๐ญ๐จ๐จ ๐Š๐š๐ง๐š โญ• ๐“๐ฎ๐ช๐ฎ๐ฎ๐๐ก๐š๐š๐ง ๐€๐๐ ๐Š๐š๐ง ๐‰๐ž๐๐ก๐ฎ ๐“๐ฎ๐ช๐ข๐ข

โž• ๐‘จ๐’…๐’… ๐’€๐’๐’–๐’“ ๐‘ช๐’‰๐’‚๐’๐’๐’†๐’ โž•](https://t.me/addlist/V6kwnxKhC3JjMGU0)

1ย week, 3ย days ago

โฌ‡๏ธDrop a ๐Ÿ’™ in the comments if you refuse to let anyone hold you back! ๐Ÿ™Œ๐Ÿ’ฅโฃ
ยทโฃ
Each person that has come into our life, whether for a period of days or years, has landed in our path to serve a purpose. โœจโฃ
โฃ
Many times, we don't fully grasp when circumstances change and an individual no longer adds value to our lives. ๐Ÿ‘€ Most people have a tough time figuring out what to do once they realize thisโ€ฆ ๐Ÿคฏ While it may seem somewhat harsh or insensitive to break ties, it is 100% okay (and in fact, super healthy) to cut people off! โœ‚๏ธ๐Ÿ’ฏโฃ
ยทโฃ
Here are a few simple signs that itโ€™s time to let someone go:โฃ
ยทโฃ
โœ”๏ธWhen youโ€™re no longer happy to see or be around themโฃ
โœ”๏ธWhen they offer nothing but negativityโฃ
โœ”๏ธWhen they want (or take) more than they giveโฃ
โœ”๏ธWhen you can no longer trust themโฃ
โœ”๏ธWhen they are no longer supportiveโฃ
ยทโฃ
All things โ€“ including people & feelings โ€“ change. ๐Ÿ”€ When they do change, itโ€™s only fair for all parties involved to move on. ๐Ÿš€ Every decision you make has a direct impact on your future. ๐Ÿ”ฅ As a result, you should never feel guilty for making choices that are in your best interests. ๐Ÿ™…๐Ÿผโ€โ™‚๏ธโฃ
ยทโฃ
๐Ÿง Remember: This is YOUR one life! Now get on out there, grow, and shine! ๐Ÿ‘Š๐ŸŒฑ๐ŸŒŸโฃ
@milkaainajireenyaa

2ย weeks, 2ย days ago

**Maybe it is time for the new beginning you have wanted to start. So close the chapters to how life was because better days are what lie ahead.

When you believe a brighter future is on the horizon, you will see the storm will subside, and the sun will be shining on the path you are now walking.

Remember, if you believe it, you will achieve it!**

Have a profitable day ๐Ÿ’• ๐Ÿค— โค๏ธ ๐Ÿ‘

@milkaainajkireenyaa๐Ÿ’•

2ย weeks, 4ย days ago

Seenaa garaa nama nyaatu!

Af**rikaa kiibaatti ..namni kunni Waggaa 25 dura haadha manaa bakkeedhaa ijoollee lama godhattee jirtu fuudhe. Isaan booda ijoollee ishee sana guddisaa waliin umurii 25 jiraate. Ijoolleen ishee sun baratanii tokko docterii tokkoo paayileetii taa'aan. Dhumarratti haadha manaa isaa sun ijoollee ishee sana lamaan fudhattee abbaa ijoollee isheetti galte. Namichi kun garuu ijoollee sana barsiisee sadarkaa kanaan gahee dhumarratti akkas godhan. Namni kun immoo amma daandii gubbaa jiraata. Mana kiraayii illee waan kaffaluufi waan nyaatu hinqabu!

Kanarratti Mee yaada akkamii qabdu๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡ comment
๐Ÿ‘‰@MilkiiMilkaainaa_bot

2ย weeks, 4ย days ago

โ€œI married my wife 25 years ago. She came to the marriage with two boys from her previous marriage.

I really loved them and adopted the kids as my own children, since I'm not medically fit to have a child of my own we stayed together as one family with nobody ever knowing they arenโ€™t my biological children.

We stayed peacefully in rented houses. I was working back then and made sure to take my adopted kids to the best of schools, their biological father never ever came to claim them or even offered them any support, I took it upon myself to support them as their father.

The boys were very bright in school and as I write this, one is now a doctor who got a full scholarship to finish his studies in an ivy league university in USA. He is back and already employed.

The second boy is a pilot with whom I used all my life savings to pay for his course expensive piloting school in South Africa, he is also back and employed too.

My happiness is that my boys are successful, they have bought big houses, and are living their best lives.

My problem is that my wife and my two boys have reunited with their biological dad and now living happily together as a family.

They seem to have abandoned me here, i can't even pay my rent anymore, I retired long ago, i have been moving from one relative to another for a place to sleep, they don't even pick my phone calls anymore.

Please what do I do now? my life is so miserableโ€
๐Ÿ“ขJOIN & ๐Ÿ”—SHARE
โ•”โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•—
๐Ÿ“šJOIN: @milkaainajireenyaa
๐Ÿ“šJOIN: @milkaainajireenyaa
๐Ÿ“šJOIN: @milkaainajireenyaa
โ•šโ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•

2ย months, 2ย weeks ago

natti hin tolu!

namaan deemi jechaa
ofii kootii taa'uun
Koo moggatti dhiisee
mandara laakka'uun
natti hin tolu!

dureessa fakkaadhee
bullukkoo uffachuun
ofjabaa fakkeesse
nam-biraa tuffachuun
natti hin tolu!

ofumaa of-hooqee
dirra Koo madeessuun
osoma naa hin galin
naaf-gale fakkeessuun
natti hin tolu!

ofumaa of dhiitee
biyyetti of makuun
dalagaa koo dhiisee
bakka hin malle dhaquun
natti hin tolu!

kijibaan fakkeessee
nama gammachiisuun
namoota dararee
jireenya Koo kiisuun
natti hin tolu!

#isin hoo???

@milkaainajireenyaa
๐Ÿ‘‰โœ@milkaainajireenyaa

We recommend to visit

buy ad: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii

CEO @Obsamilli


Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii

Last updated 1ย week ago

Chaanaalii kana irratti Faarsaa Kanneen Bara Durii,akkasuma Haaraa Qilleensarra kan Oolan @full Album,,, argachuu dandeessu #faarfannaa qabdan kara kana nuu ergu dandesu @Faarfannaahaaraa_bot
#group_keenya @faaruutuubee
#Channel keenya @OboroMedia
๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™

Last updated 1ย month, 1ย week ago

๐Ÿ“ˆ If stock market experts were so expert, they would be buying stock, not selling advice. ๐Ÿค”
~Norman Ralph Augustine | @Stockbot

Contact: @Executive_Robot

Last updated 1ย month, 4ย weeks ago